Boqonnaa 3
Warri Amliikii akka dubbii raajichaatti ofii isaanii irratti mallatt godhatanii ture—Warri Laamaanootaa sababa fincila isaaniitiif abaaramanii turan—Namoonni abaarsa mataa isaaniitiin ofii isaanii irratti in fidu—Warri Nefii loltoota warra Laamaan kan biroo mo’atan. Naannoo bara 87–86 Dh.K.D.
1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, warri Nefii warri meeshaa lolaatiin hin ajeefamn hafan erga warra ajjeefaman awwaalanii booda—amma sababa baay’ina lakkoobsa isaaniitiif lakkoofsi warra ajjeefamanii hin lakkaa’amne ture—reeffa warra du’anii isaanii erga awwaalanii booda hundumti isaanii gara biyyoota isaaniitti, akkasumas gara manoota isaaniitti, akkasumas gara hadholii manaa isaaniitti, akkasumas gara ijoollee isaaniitti in deebi’an.
2 Amma dubartoonni baay’een fi daa’immoonni, akkasumas immoo hoolonni fi loowwan isaaniis billaadhaan duraa ajjeefamanii turan; akkasumas immoo isaan macca namootaatiin waan gadi dhidhiitamaniif, maasiin midhaanii isaanii baay’een duraa barbadaa’ee ture.
3 Akkasumas amma, warri Laamaanii fi warri Amliikii kan qarqara laga Siidoonitti ajeefamanii turan baay’een isaanii bishaan Siidoon keessatti gatamanii turan; akkasumas kunoo lafeewwan isaanii gadi fageenya galaanichaa keessaa in mul’atu, akkasumas isaanis baay’eedha.
4 Akkasumas, warri Amliikii akkuma warra Laamaanii adda isaanii irratti mallattoo diimaa waan godhataniif, isaan warra Nefii irraa addaan ba’anii turan; haa ta’u malee isaan akka warra Laamaanii mataa isaanii hin haadanne turan.
5 Amma mataan warra Laamaanii haadamaa ture; akkasumas gogaa isa mudhii isaaniitti maratanii turan, akkasumas hidhannoo, isa hidhatanii turan, akkasumas mi’a xiyyaa isaanii, akkasumas xiyyoota isaanii, akkasumas dhagaa isaanii, akkasumas furuursaa isaanii, akkasumas waantota kana fakkaatan irraa kan hafe isaan qullaa turan.
6 Akkasumas, akkuma sababa irra daddarbaa isaaniitii fi waan isaan obboloota isaanii warra Nefii, Yaaqoobii fi Saam isaan qajeeloo fi qulqulluu turan irratti ka’anii ittiin mormaniif abbootii isaan irra abaarsi kun kaa’amee turee sanaa gogaan warra Laamaaniis gurraacha ture.
7 Akkasumas, obboloonnii isaaniis isaan balleessuu in barbaadan, kanaafuu isaan abaaramanii turan, akkasumas Waaqayyo Gooftaan, eeyyee Laamaanii fi Leemu’eel, akkasumas ilmaan Ishmaa’eel, akkasumas dubartoota Ishmaa’eel irra mallattoo in kaa’e.
8 Akkasumas, kuni kan godhameef sanyiin isaanii sanyii obboloota isaanii irra akka adda ta’aniif, sababni isaa Waaqayyo Gooftaan saba isaa haala kanaan tursiisuuf, akkasumas akka isaan walitti hin makamneef akkasumas aadaa sirrii hin taane isa badiisa isaafiduti akka isaan hin makamnee fi hin amanneef ture.
9 Akan waliin makate kamiyyuu abaarsa wal-fakkaataa sanyii isaa irratti in fida.
10 Kanaafuu, eenyu illee warra Laamaaniitiin akka gowwomfamu yoo eeyyame maqaa sanaan in waamama ture, akkasumas isa irrattis mallattoon in kaa’ama ture.
11 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, eenyu illee aadaa warra Laamaaniitti hin amanu yoo ta’e, garuu immoo galmeewwan biyya Yerusaalem irraa fidamanii turanitti yoo amane, akkasumas immoo aadaa abbootii isaaniikanneen sirrii turanitti, akkasumas warri abboommota Waaqayyootti amananii fi eegaa turan, yeroo ammaa kana irra kaasee bwarra Nefii, yookiin saba Nefii jedhamanii in waamamu—
12 Akkasumas, isaan warra galmee isa dhugaa isa kan saba isaanii, akkasumas immoo kan saba Laamaanii kan eegan isaaniidha.
13 Amma nuyi gara warra Amliikiitti ammas in deebina, sababiin isaas isaanis immoo mallattoo isaan irra kaa’ame waan qabaniif; eeyyee, isaanis mallattoo, eeyyee, mallattoo diimaa illee adda isaanii irratti godhataniiru.
14 Kanaafuu, sagaleen Waaqayyoo raawwatameera, jechoonni inni Nefiitti dubbate isaan kanneen waan ta’aniif: Kunoo, ani warra Laamaanii abaareera, akkasumas cubbuuwwan isaaniitiif yaada garaa yoo geeddarachuudhaa baatan, akkasumas araara akkan isaaniif godhuuf gara kootti yoo deebi’an malee, yeroo ammaa kana irraa jalqabeee, akkasumas hamma bara baraatti, isaanis ta’e sanyiiwwan isaanii sanyii kee irraa akka adda ba’aniif ani isaanii fi sanyii isaaniii irra mallattoo nan kaa’a.
15 Akkasumas amma: Ani isa sanyii obboloota keetii sanyii isaa wajjin walitti kan maku irratti, isaanis immoo akka abaaramaniif mallattoo isaan irra nan kaa’a.
16 Akkasumas ammas: Ani isa si’ii fi sanyii kee irratti lola kaasu irras mallattoo nan godha.
17 Akkasumas ammas, inni si irraa adda ba’e lammaffaa deebi’ee sanyii keetiin hin waamamu nan jedha; akkasumas ani sin eebbisa; akkasumas warra sanyii keen waamaman kamiin iyyuu, ammaa kaasee, akkasumas hamma bara baraatti; akkasumas isaan kun waadaa isa Gooftaan Nefii fi sanyii isaatiif gale turan.
18 Amma warri Amliikii yeroo adda isaanii irratti mallattoo godhachuu jalqabanitti isaan sagalee Waaqayyoo raawwachaa akka jiran hin beekan turan; haa ta’u malee isaan ifatti Waaqayyo irratti finciluuf in dhufan; kanaafuu abaarsichi isaan irra bu’uun isaa barbaachisaa ture.
19 Amma ani akka isaan abaarsicha ofii isaanii irratti fidan akka isin argitan nan barbaada; akkasuma illee namni abaaramaan kamiyyuu balleessaa isaa irraa kan ka’e abaarsa ofii isaa irratti in fida.
20 Amma kun erga ta’ee booddee, erga lolli warra Laamaanii fi warra Amliikii biyya Zarahemlaa keessatti geggeeffamee guyyoonni baay’ee utuu hin darbin bakkuma jalqaba itti loltoonni warra Laamaan warri Amliikii wajjin wal arganii turanitti, loltoonni warra Laamaanii kan biroon saba Nefii irratti lolaa eegaluuf in dhufan.
21 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, biyyicha keessaa akka isaan ari’anii baasaniif macci isaanitti ergame in jira ture.
22 Amma Almaan ofii isaatii madaa’ee dhiphachaa waan jiruuf warra Laamaaniin loluudhaaf yeroo kanatti ol hin baane;
23 Garuu inni loltoota baay’ee isaaniitti ol in erge; akkasumas isaan ol ba’anii, akkasumas warra Laamaaniin baay’ee in ajjeesan, akkasumas warra hafanis daangaa biyya isaanii irraa ari’anii isaan in baasan.
24 Akkasumas isa booda, isaan yeroodhaaf diinota isaaniitiin sana booda waan hin dhiphatiniif isaan ammas deebi’anii, akkasumas biyya isaanii keessatti nagaa hundeessuu in jalqaban.
25 Amma waanti kun hundinuu in raawwatame, eeyyee, waraannii fi walitti bu’iinsonni kun hundinuu kan jalqabamanii fi kan xumuraman abboonni firdii mo’anii waggaa shanaffaa keessa ture.
26 Akkasumas, isaan gammachuu bara baraa, yookiin dhiphina bara baraa akka fudhataniif, akka hafuura isaan filatani abboomamaniifitti, akka hojii isaaniitti waan gaariis ta’e waan hamaa gatii isaanii akka argataniif, waggaa tokko keessatti lubboonni kumaatamaa fi kuma kudhanitti lakkaa’aman gara addunyaa isa bara baraatti ergamanii turan.
27 Namni hundinuu akkaataa isa abboomamuuf filate irraa badhaasa isaa in argata, akkasumas kun akka dubbii hafuura raajiitti; kanaafuu kun akka dhugichaatti haa ta’u. Akkasumas, barri bulchiinsa abboota firdiis waggaa shanaffaan akkasittiin in xumurame.