Caaffata qulqullaa’aa
Almaa 12


Boqonnaa 12

Almaan Zeezromitti in dubbate—Dhoksaan Waaqayyoo warra amantoota dhugaa qofaaf kennamuu danda’a—Namoonni yaadota, amantiiwwan, dubbiiwwan fi hojiiwwan isaaniitiin isaanitti in faradama—Warri jal’oonni du’a hafuuraatiin in dhiphatu—Jireenyi inni du’a qabu kun haala yeroo qorumsaati—Karoori fayyinaa du’aa ka’uu fi amantii keessaan, dhiifamuu cubbuu in fida—Warri yaada garaa geeddaratan karaa Ilma isa Tokkichaatiin mirga araara argachuu qabu. Naannoo bara 82 Dh.K.D.

1 Amma dubbiiwwan Amuleeq Zeezromiin akka cal-jechisiise Almaan yeroo argetti, isa balleessuuf sobaa fi gowwomsaa isaatiin akka isa qabe Amuleeq waan hubateef, akkasumas inni sababa balleessaa isaa beekeef hollachuu akka jalqabe arguu isaatiin inni afaan isaa banee isatti dubbachuu in jalqabe, akkasumas dubbiiwwan Amuleeq mirkaneessuu, akkasumas waantota sanaa ol ta’an ibsuuf, yookiin isa Amuleeq raawwate caalaa caaffata qulqullaa’oo ibsuu in jalqabe.

2 Amma dubbiiwwan Almaan Zeezromitti dubbate namoota naannoo sana jiranitti dhaga’amee ture; sababni isaa tuutni baay’ee waan tureef, akkasumas inni haala kanaan dubbatee ture:

3 Amma Zeezrom, ati sobaa fi haxxummaa keetiin akka qabamte argeera, sababni isaa ati Waaqayyoon sobdee malee namoota qofa utuu hin tane Waaqayyoonis sobdeerta; sababni isaa kunoo, inni yaadota kee hundumaa in beeka, akkasumas yaadni kee Hafuura isaatiin akka nutti mul’ifaman in argita;

4 Akkasumas, karoorri kee akka haxxummaa daabiloositti, karoora baay’ee shira ture, saba kana sobuu fi gowwoomsuuf nu irrattis humnaan isaan kakaasuuf, nu arrabsuu fi nu ari’uuf akka ta’e akka nuyi beeknu in hubatta—

5 Amma kuni karoora diina keetii ture, akkasumas inni humna isaa si keessa kaa’eera. Amma waanta ani siin jedhu hundumaanis akkan jedhu akka isin yaadattan nan barbaada.

6 Akkasumas kunoo, kun kiyyoo diinaa akka ta’e ani hunduma keessanitti nan hima, kunis inni akkaataa humna booji’uu isaatitti isin akka isaaf bitamtan gochuudhaaf, inni funyoo sibiilaa isaatiin isin marsuu akka danda’uuf, inni fuuncaa badiisa isa bara baraatiinis gadi isin hidhuu akka danda’uuf kun isa inni saba kana ittiin qabuuf kaa’eedha.

7 Amma Almaan dubbiiwwan kana yommuu dubbatetti, Zeezrom waa’ee humna Waaqayyoo caalaatti amansiifamee waan tureef garmalee hollachuu in jalqabe; akkasumas immoo Almaa fi Amuleeq waa’ee isaa beekumsa akka qaban amaneera; sababni isaas yaadaa fi akeeka garaa isaa akka isaan beekan amanee ture; sababni isaa akka hafuura raajiitti waantota kana akka isaan beekaniif humni isaaniif kennamee ture.

8 Akkasumas, Zeezrom waa’ee mootummaa Waaqayyoo caalaatti beekuuf jedhee, inni itti dhimmee isaan gaafachuu in jalqabe. Akkasumas, inni Almaadhaan akkas jedhe: Waa’ee du’aa ka’uu warra du’aniitiin walqabatee kan Amuleeq dubbatee ture kun maal jechuudha, inni qajeelaanii fi inni jal’aanis, hundinuu du’aa in ka’u, akkasumas akka hojiiwwan isaaniitti firdii argachuuf fuula Waaqayyo dura dhaabbachuuf in fidamuuree?

9 Akkasumas, amma Almaan waantota kana akkas jechuun isaaf ibsuu in jalqabe: Dhoksaawwan Waaqayyoo akka beekaniif baay’eedhaaf kennameera; haa ta’u malee ilmaan namaatiif akkaataa xiyyeeffannaa fi cimina isaan isaaf kennanitti akka isaaniif kennamuuf, qoodni kutaa dubbii isaa keessaa isa heyyamamu sana qofa irraa kan hafe isaan akka hin qoodneef abboommii jabaa jala galanii turan.

10 Akkasumas kanaafuu, inni garaa isaa jabeessu, innis kutaa dubbichaa isa xiqqaa in fudhata; akkasumas inni garaa isaa hin jabeessine, hamma inni dhoksaawwan Waaqayyoo guutuummaatti beekuun isaaf kennamutti, kutaa dubbichaa inni guddaan isaaf in kennama.

11 Akkasumas, warri garaa isaanii jabeessanis, hamma isaan dhoksaawwan isaa ilaalchisee homaa hin beeknetti kutaan dubbichaa inni xiqqaan isaaniif in kennama; akkasumas isa booddee daabiloosiin boojuu in fudhatamu, akkasumas fedha isaatiinis hamma badanittis in geggeeffamu. Amma funyoo sibiilaa si’ool jechuun isa kanadha.

12 Akkasumas, Amuleeq waa’ee du’aa, akkasumas du’a kana irraa gara isa hin duuneetti ka’uu, akkasumas akka hojii keenyaatti firdii argachuuf, teessoo firdii Waaqayyoo duratti akka dhiyaannu ifatti dubbateera.

13 Isa booda garaan keenya yoo jabeeffame, eeyyee, nuyi hamma dubbiin isaa nu keessatti hin argamnetti, garaa keenya jabeessinee dubbichaan yoo mormine, yeroo sanatti nutti waan faradamuuf sana booda haalli keenya suukaneessaa in ta’a, sababni isaas.

14 Dubbiiwwan keenya waan nutti farachiisaniif, eeyyee, hojiiwwan keenya hundinuu nutti in farachiisu; nuyi warra mudaa hin qabne taanees hin argamnu; akkasumas yaadonni keenyas immoo nutti in farachiisu; akkasumas haala suukaneessaa kana keessattis nuyi gara Waaqayyo keenyaa ol ilaaluuf ija hin jabaannu; akkasumas nuyi kattaawwanii fi gaaronni fuula isaa duraa akka nu dhoksaniif akka nu irratti kufaniif utuu abboomuu dandeenyee hamma ta’e in gammadna.

15 Garuu kun ta’uu hin danda’u; nuyi fuula isaa duratti dhufuu fi ulfina isaa, akkasumas aangoo isaa, akkasumas humna isaa, surraa isaa, akkasumas olaantummaa isaa, dura dhaabbachuun firdiin isaa hundinuu haqa-qabeessa ta’uu, inni hojii isaa hundumaan haqa-qabeessa ta’uu isaa, inni ilmaan namaa hundumaaf araara-qabeessa ta’uu isaa, nama maqaa isaatti amanuu fi ija yaada garaa geeddarannaa kan agarsiiisu kamiyyuuu fayyisuu akka danda’u qaanii keenya isa bara baraa keessa taanee amanuu qabna.

16 Akkasumas amma kunoo, ani isiniin nan jedha; isa booda duuti, duuti inni lammaffaan, jechuun duuti hafuuraa in dhufa; isa booda cubbuu isaatiin du’a kan yeroo du’u, inni du’a hafuuraas immoo in du’a, eeyyee, inni waanta qajeelummaan wal qabataniifis du’aa in ta’a.

17 Sana booda yeroon dhiphina isaanii kan akka galaana ibiddaa fi dhagaa boba’uu kan laboobni isaa baraa hamma baraatti dabalaa deemuu kan itti ta’uudha, akkasumas sana booda akka humnaa fi booji’uu Seexanaatti inni akka fedha ofii isaatitti bitamoo isaan waan godhateef sana booda isaan badiisa isa bara baraatiif in hidhamu.

18 Sana booda, ani isiniin nan jedha, isaan akka waan furiin hin raawwatamnee ta’anii in turu; sababni isaas akka firdii Waaqayyoottis fayyuu hin danda’an; akkasumas kana booda tortoruun akka hin jirreetti isaan du’uu hin danda’an.

19 Amma kun erga ta’ee booddee, Almaan dubbiiwwan kana dubbachuu isaa akkuma xumureen namoonni caalchisanii ajaa’ibsiifachuu in jalqaban;

20 Garuu nama Antiyoonaa jedhamu isaan gidduudhaa bulchaa ol-aanaa ta’e tokkotu ture, inni as ba’ee akkas isaan in jedhe: Lubbuun gonkumaa du’uu akka hin dandeenye, namnis du’aa akka ka’u, akkasumas isa du’aa kana irraa gara hin duunetti in jijjiirama, inni ati jette kun maaliidharee?

21 Waaqayyo kiruubelii fi billaa akka abiddaa boba’u iddoo dhaaba Edeniin kallattii bahaatiin in ka’e, jechuudhaan kan caaffanni qulqullaa’oon kan dubbatan maal jechuudharee? Warri keenya jalqabaa akka ol galanii, akkasumas ija muka jireenyaa irraa akka hin hirmaanneef, akkasumas bara baraan akka hin jiraanneefiiree? Akkasumas, akkasittiin nuyi carraan isaan ittiin bara baraan jiraachuu danda’an akka hin turre in argina.

22 Amma Almaan akkas isaan in jedhe: Waanti ani ibsuuf ture isa kanadha. Amma nuyi Addaam akka sagalee Waaqayyootti dhugumaan ija isa dhorkame irraa hirmaachuu isaatiif akka kufe in argina; akkasumas nuyi akkasittiin, kufaatii isaatiin, ilmi namaa hundinuu saba badee fi kufe akka ta’e in argina.

23 Akkasumas amma kunoo, ani isiniin nan jedha utuu yeroo sanatti Addaam ija muka jireenyaa irraa hirmaachuu in danda’a ture ta’ee, silaa duuti hin jiraatu ture, akkasumas dubbichi silaa gatii kan hin qabne in ta’a ture: Ati isa irraa yoo nyaatte dhugumaan in duuta, jedhee dubbatee waan tureef, kun silaa Waaqayyoon sobaa in godha ture.

24 Akkasumas, du’i inni karaa Amuleeqiin dubbatamee turee, eeyyee, du’i inni kan yeroo ta’e sun ilmaan namaa irratti akka dhufu nuyi in argina; haa ta’u malee namni akka inni yaada garaa isaa geeddaratuuf yeroo isaaf kennametu ture; kanaafuu jireenyi kun yeroo yaalii in ta’e, yeroo itti Waaqayyoo wajjin wal-arguuf itti qophaa’an; yeroo isa du’aa ka’uu booda ta’uuf haala isa nuyi dubbanne kan dhuma hin qabnee sanaaf yeroo itti qophoofnu in ta’a.

25 Amma karoorri fayyinaa uumamuu biyya lafaatiin dura utuu qopheeffamuu baatee du’aa ka’uun namoota warra du’aniis jiraachuu hin danda’u ture; garuu karoorri fayyinaa kan du’aa ka’uu warra du’anii, isa dubbatamee ture kan fidu qophaa’ee ture.

26 Akkasumas amma kunoo, maatiin keenya jalqabaa deemanii muka jireenyaa irraa hirmaachuu danda’aniiru utuu ta’ee silaa haalli isaan ittiin qophaa’an utuu hin jiraatin, bara baraan gammachuu kan hin qabaanne; akkasumas akkasitti karoorri fayyinaa in fashalaa’a ture, akkasumas silaa dubbiin Waaqayyoo gatii hin qabaatu ture, bu’aa tokko illees hin argamsiisu ture.

27 Garuu kunoo, akkas hin turre; garuu namoonni akka du’uu qaban itti muramee ture; akkasumas erga du’anii boodas gara gosa firdii isa nuyi dubbannee turre isa xumuraa kan ta’e sanaatti isaan gara firdiitti dhufuu qabu.

28 Akkasumas, waantonni kun ilmaan namaatti akka dhufan erga murteessee booda, kunoo, achiis namoonni waa’ee waantota inni isaaniif murteesse beekuun isaanii gaarii akka ta’e in arge;

29 Kanaafuu, inni isaanii wajjin akka dubbataniif ergamoota in erge, isaanis namoonni ulfina isaa akka argan in godhan.

30 Akkasumas, isaan yeroo sanaa kaasanii maqaa isaa waamuu in jalqaban; kanaafuu Waaqayyo namootaa wajjin in haasa’e, akkasumas isa uumamuu biyya lafaatii jalqabee qophaa’ee ture, karoora fayyinaa isaanitti in beeksise; akkasumas kanas akka amantii fi yaada garaa geeddarannaa fi hojiiwwan isaanii isa qulqullaa’aa isaaniitti in beeksise.

31 Kanaafuu, isaan jalqaba abboommota jalqabaa isa kan yeroodhaaf ta’e sana irra daddarbaniiru, akkasumas akka waaqotaas, waan gaarii fi hamaa akka beekan taasifamuudhaan, ofii isaanii haala hojjechuu danda’an keessa kaa’uudhaan, yookiin akka fedha fi isaan gammachiisutti akka hojjetaniif haala keessa kaa’amuudhaan, waan hamaa hojjechuufis ta’ee yookiin waan gaarii akka hojjetaniif inni namootaaf abboommota in kenne—

32 Kanaafuu, Waaqayyo waa’ee karoora fayyinaa erga isaanitti beeksisee booda, adabbiin isaa du’a isa lammaffaa fi du’a bara baraa kan qajeelummaadhaan walqabatu akka ta’e isaanitti erga beeksisee booda akka isaan hamaa hin hojjenneef abboommota isaaniif in kenne; sababiin isaas akkasittiin hojiiwwan firdii balleeffamuu waan hin dandeenyeef, karoorri fayyinaa kan akkaataa gaarummaa Waaqayyoo isa olaanaatiin isaaniif qophaa’e isaaniif jijjiirama hin qabaatu.

33 Waaqayyo garuu maqaa Ilma isaatiin, akkas jechuun namoota in waame (kuni karoora fayyinaa isa kaa’ameedha): Yoo isin yaada garaa geddarattan, akkasumas garaa keessanis yoo hin jabeessitan ta’e, sana booda ani karaa Ilma koo isa Tokkichaan araara isiniif nan godhaan;

34 Kanaafuu, namni yaada garaa isaa geddaratu, akkasumas garaa isaa hin jabeessine, inni karaa Ilma koo isa Tokkichaan dhiifama cubbuu isaatiif araara argachuuf mirga in qabaata; akkasumas isaan kun gara boqonnaa kootiitti in galu.

35 Akkasumas, eenyu illee garaa isaa kan jabeessuu fi kan jal’ina hojjetu, kunoo, ani boqonnaa kootti akka inni hin galle dheekkamsa kootiin nan kakadha.

36 Akkasumas amma, obboloota koo, kunoo ani isiniin nan jedha; isin garaa keessan yoo jabeessitan boqonnaa Gooftaa keessatti akka hin galle isinitti nan hima; kanaafuu jal’inni keessan inni dheekkamsa isaa isin irratti akka gadi erguu akkuma waldhabdee yeroo jalqabaatti godhee ture akka inni isin irratti erguuf isa in kakaasa, eeyyee, akka dubbii isaatitti dheekkamsa isa dhumaa akkuma isa jalqabaatti, badiisa lubbuu keessanii bara baraatiif in erga; kanaafuu, akka dubbii isaatitti, hamma du’a isa dhumaa, akkasumas isa jalqabaas in ta’a.

37 Akkasumas amma, obboloota koo, nuyi waantota kana beeknee, akkasumas dhugaa ta’uu isaaniis arginee, abboommota warra Waaqayyo Gooftaan keenya si’a lammaffaaf nuuf kenne kanaan dheekkamsa isaa akka inni nu irratti gadi hin buufneef hin kakaasnu, akkasumas garaa keenyas hin jabeessinu, yaada garaa keenyas haa geeddarannu; garuu kottaa gara boqonnaa isa kan Waaqayyoo isa akka dubbii isaatiitti qophaa’eetti in gallaa.