Caaffata qulqullaa’aa
Almaa 5


Dubbiiwwan Angafa Lubootaa kan ta’e Almaan akkaataa tartiiba Waaqayyoo isa qulqulluutti, namoota magaalotaa fi gandoota isaanii guutummaa biyyattii keessatti argamaniif dabarse.

Boqonnaa 5 irraa jalqabee.

Boqonnaa 5

Fayyina argachuuf, namoonni yaada garaa geeddarachuu fi abboommota eeguu, lammata dhalachuu, uffata isaanii dhiiga Kiristoosiin qulqulleessuu, gadi of deebisuu fi of tuulummaa fi inaaffaa of keessaa baasuu, akkasumas hojiiwwan qajeelummaa hojjechuu—Tiksee Gaariin saba isaa in waama—Warri hojii hamaa hojjetan ijoollee daabiloosiiti—Almaan dhugummaa barsiisaisaa dhugaa ba’ee akkasumas namoonni yaada garaa isaanii akka geeddarataniif in abboome—Maqaaleen qajeelotaa macaafa jireenyaa keessatti in barreefamu. Naannoo bara 83 Dh.K.D.

1 Amma kun erga ta’ee booddee, Almaan jalqaba irratti biyya Zarahemlaa keessatti, akkasumas sana booda guutummaa biyyattii keessatti sagalee Waaqayyoo sabichaaf dabarsuu in jalqabe.

2 Akkasumas, akkaataa galmee ofii isaatitti, namoota warra waldaa ishee magaalaa Zarahemlaatti hundoofteetti jechoonni inni akkas jechuun, dubbate isaan kanadha:

3 Ani, Almaan, waldaa Waaqayyoo irratti, angafa lubaa akkan ta’uuf abbaa koo Almaadhaan nan dibame, innis waantota kana gochuuf humnaa fi aangoo Waaqayyo biraa waan qabuuf, kunoo, ani isiniin nan jedha inni biyya Mormoon jedhamtu turte kan biyya Nefii daangeessitu turte keessatti waldaa hundeessuu in jalqabe; eeyyee, akkasumas inni obboloota isaa bishaan Mormoon keessatti isaaniin in cuuphe.

4 Akkasumas kunoo, ani isiniin nan jedha, isaan harka namoota mooticha Noohii jalaa, humnaa fi araara Waaqayyootiin bilisa baafamaniiru.

5 Akkasumas kunoo, sana booda isaan lafa onaa keessatti harka warra Laamaanitiin garbummaa jala galanii turan; eeyyee, anis isiniin nan jedha, isaan garbummaa keessa turan, akkasumas ammas Gooftaan deebisee humna sagalee isaatiin garbummaa jalaa isaan baaseera; akkasumas nuyi gara biyya kanatti fudhatamnee turre, akkasumas kunoo nuyi immoo guutummaa biyya kanaa keessattis waldaa Waaqayyoo hundeessuu jalqabne.

6 Akkasumas amma kunoo, obboloota koo, ani isiniin nan jedha, isin warri miseensa waldaa kanaa taatan, booji’amuu abbootii keessanii akka gaariitti yaadannoo gahaa qabattaniittuu? Eeyyee, akkasumas araaraa fi obsa guddaa inni isaaniif qabus akka gaariitti yaadannoo gahaa qabattaniittuu? Akkasumas dabalataan, inni lubbuu isaanii si’oolii keessaa akka oolche gaarii gootanii yaadannoo gahaa qabattaniittuu?

7 Kunoo, inni garaa isaanii jijjiireera; eeyyee, inni hirriba ulfaataa keessaa isaan dammaqseera, akkasumas isaan gara Waaqayyootti dammaqaniiru. Kunoo, isaan dukkana keessa turan; haa ta’u malee, lubbuun isaanii ifa dubbii bara baraatiin ifee ture; eeyyee, isaan hidhaa du’aatiin, akkasumas funyoo sibiilaa sii’oliin marfamanii turan, akkasumas badiisi bara baraas isaan eegaa ture.

8 Akkasumas amma, obboloota koo, ani isin nan gaafadha, isaan badanii turanii? Kunoo, ani isiniin nan jedha, akki, isaan badanii hin turre.

9 Akkasumas, ani irra deebi’ee isiniin nan gaafadha, hidhaan du’aa cabeeraa, akkasumas funyoon sibiilaa sii’ol inni naannoo isaanii marsee ture, isaan irraa hiikamanii turanii? Ani isiniin nan jedha, eeyyee, isaan hiikamanii turan, akkasumas lubboonni isaaniis babal’ataniiru, akkasumas isaan jaalala isa furee ta’e faarfataniiru. Akkasumas, ani isiniin nan jedha isaan fayyaniiru.

10 Akkasumas amma, isaan ulaagaa akkamiitiin fayyan, jedheen isin gaafadha? Eeyyee, Isaan fayyina abdachuuf sababa akkamii qabu turan? Hidhaa du’aa irraa, eeyyee, akkasumas immoo funyoo sibiiaa si’ool irraa sababni isaan ittiin hiikaman maaliidhaa?

11 Kunoo, ani isinitti himuu nan danda’a—abbaan koo Almaan dubbii afaan Abinaadiitiin dubbatame hin amanneree? Akkasumas, inni raajii qulqulluu mitiiree? Inni sagalee Waaqayyoo hin dubbaneeree, akkasumas abbaan koo Almaan isaanitti hin amanneeree?

12 Akkasumas, akka amantii isaatiitti garaa isaa keesatti jijjiirama guddaatu ta’e. Kunoo, waanti kun hundinuu dhugaa ta’uu isaa ani isinittan hima.

13 Akkasumas kunoo, inni dubbicha abboota keessanitti lallabeera, akkasumas jijjiirama guddaas immoo gara garaa isaaniitti fidee ture, akkasumas isaan gadi of in deebisan, akkasumas amanannaa isaaniis Waaqayyoo isa dhugaa fi jiraataa irra in kaa’atan. Akkasumas kunoo, isaan hamma dhumaatti warra amanamoo turan; kanaafuu isaan fayyanii turan.

14 Akkasumas amma kunoo, obboloonni koo warri waldicha irraa taatan, ani isin nan gaafadha, isin hafuuraan Waaqayyo irraa dhalattaniittuu? Fuula keessan irrattis bifa isaa fudhattaniittuu? Isin garaa keessan keessatti muuxannoo jijjiirama guddaa kana argattaniittuu?

15 Furee isa isin uume irratti amantii keessan in shaakaltuu? Qaamni du’u kun kan hin duune ta’uudhaan akka ka’u, akkasumas inni tortoru kun akka hin tortorretti kaafamuudhaan fuula Waaqayyoo dura dhaabbachuudhaan akka hojii isa fooniin hojjetetti firdii akka argatu isin amantiidhaan fulduratti in ilaaltuu?

16 Ani isiniin nan jedha, guyyaa sanatti isin sagalee Gooftaa akkas isiniin jedhu akka dhageessan isin in yaadduu: Isin eebbifamtoonni gara koo kottaa, sababni isaas kunoo hojiin keessan biyya lafaa hojii qajeelummaa tureeree?

17 Yookiin isin guyyaa sanatti ofii keessanii Gooftaa sobuu akka dandeessan, akkasumas akkas jechuun—Gooftaa, hojiiwwan keenya fuula lafa irratti hojii qajeelaa ture—akkasumas inni akka isin fayyisuuf in yaadduuree?

18 Yookiin immoo, isin yakka keessan hundumaa yaadachuudhaan, eeyyee, yaadannoo jal’ina keessan hundumaa isa guutuu ta’e, yaadannoo abboommii Waaqayyoof abboomamuu diddanii isaan mormuu keessanii, lubbuun keessan yakkaa fi gaabbiidhaan guutamtee teessoo firdii Waaqayyoo duratti akka dhiyaattu yaaduu isin in dandeessuu?

19 Ani isiniin nan jedha, isin guyyaa sanatti garaa qulqulluu fi harka qulqulluudhaan gara Waaqayyoon ol ilaaluu in dandeessuu? Ani isiniin nan jedha, bifni Waaqayyoo fuula keessan irratti bocamee mul’achuu akka qabu utuu beektaniiisin ol ilaaluu in dandeessuu?

20 Ani isiniin nan jedha, isin ofii keessan seexanajalatti bitamoo ta’uuf dabarsitanii of kennitanitti utuu jirtanii fayyuuf yaaduu in dandeessuu?

21 Ani isiniin nan jedha, eeyyee, karaa isa dhiiga isaatiin cubbuu saba isaa furuuf dhufu kan abboota keenyaan dubbatametiin uffanni isaa miiccamee yoo addaate malee namni kamiyyuu fayyuu hin danda’u, eeyyee, uffanni isaa xurii irraa bilisa hamma ta’utti yoo qulqullaa’e malee namni fayyu waan hin jirreef isinis akka hin fayyine guyyaa sana in beektu.

22 Akkasumas amma, obboloota koo, ani isin nan gaafadha, uffanni keessan dhiigaa fi xurii gosa hundumaan faalamee, teessoo firdii Waaqayyoo dura yoo dhaabbattan isin keessa nama kamitti iyyuu maaltu dhaga’amaa? Kunoo, waantonni kun isin irratti maal dhugaa ba’uree?

23 Kunoo isaan ajjeeftota, eeyyee, akkasumas immoo isin jal’ina gosa hundumaan warra balleessaa qabdan akka taatan isin irratti dhugaa hin ba’aniiree?

24 Kunoo, obboloota koo, isin namni akkasii kun tokko Abrahaamii wajjin, Yisihaaqii wajjin, akkasumas Yaaqoobii wajjin, akkasumas immoo raajota qulqulloota hundumaa, warra uffanni isaanii qulqullaa’ee fi mudaa hin qabne, qulqulluu fi adii wajjin, mootummaa Waaqayyoo keessa bakka gadi taa’uu danda’u in qabaata jettanii in yaadduuree?

25 Ani isiniin nan jedha, lakki; jalqaba irraa jalqabdanii Uumaa keenya sobaa yoo gootan malee, yookaan jalqaba irraa kaasee inni in sobaadha jettanii yoo yaaddan malee, isin waanti akkasii kun mootummaa Waaqayyoo keessatti bakka qabaachuu in danda’a jettanii yaaduu hin dandeessan; garuu isaan ijoollee mootummaa daabiloosiin waan ta’aniif in gatamu.

26 Akkasumas amma kunoo, obboloota koo, ani isiniin nan jedha, isin muuxannoo jijjiirama garaa qabaattaniittu yoo ta’e, akkasumas faarfannaa karaa jaalala fureetiinta’e faarfachuunyoo isinitti dhagaa’ame, ani isin nan gaafadha, isin amma iyyuu akkasitti isinittidhaga’amuu in danda’aa?

27 Isin fuula Waaqayyo dura mudaa tokko malee, deddeebitaniittuuree? Yeroo kanatti isin du’aaf utuu waamamtanii, ofii keessatti, isinis akka gaariitti warra gadi of deebisuu keessan gahaa ta’uu keessa keessanitti dubbachuu in dandeessuuree? Saba isaa cubbuu isaanii irraa furuuf isa dhufuun, dhiiga Kiristoosiin uffanni keessan qulqullaa’eera, akkasumas addaateera, jechuu in dandeessuuree?

28 Kunoo, isin of tuulummaa of irraa baaftaniittuu? Ani isinittan hima, yoo miti ta’e isin Waaqayyoo wajjin wal-arguuf qophaa’oo miti. Kunoo isin daftanii qophaa’uu qabdu; sababiin isaas mootummaan Waaqayyoo waan dhihootti dhihaatee jira, akkasumas namni akkasii kun jireenya bara baraa hin qabaatu.

29 Kunoo, ani nan jedha, isin keessaa kan hinaaffaa of irraa hin baafne tokko jiraa? Ani isinittan hima namni akkasii hin qophoofne; akkasumas ani inni dafee qophaa’uu akka qabu dubbadha, sababni isaa yeroon murtaa’e dhiyaateera’oo, akkasumas inni yerichi yoom akka dhufu hin beeku; sababiin isaas kan akkasii kun mudaa kan hin qabne ta’ee hin argamne’oo.

30 Ammas kunoo, ani isiniin nan jedha, isin keessaa inni obboleessa isaatti kan qoosu, yookaan inni isa ari’achuu baay’isu jiraa?

31 Inni akkasii waan hin qophoofneef, isaaf wayyoo, akkasumas yerichi waan dhiyaateef inni yaada garaa geeddarachuu qaba yookiin inni fayyuu hin danda’u!

32 Eeyyee, isin warra hojii jal’inaa hojjetan hundumaaf wayyoo; yaada garaa geeddaradhaa, yaada garaa geeddaradhaa, Waaqayyo Gooftaan kana dubbateera’oo!

33 Kunoo, inni namoota hundumaaf afeerraa ergeera, sababni isaa irreen araaraa gara isaaniitti diriiranii jiru, akkasumas inni akkas jedha: Yaada garaa geeddaradhaa, akkasumas ani isin nan simadha.

34 Eeyyee, inni akkas jedha: Gara koo kottaa akkasumas ija muka jireenyaa irraas in hirmaattu; eeyyee, isin daabboo fi bishaan jireenyaa irraa tola in nyaattu, akkasumas in dhugdus;

35 Eeyyee, gara koo kottaa, akkasumas hojii qajeelummaas as dhi’eessaa, akkasumas isin hin muramtan, akkasumas abidda keessattis gadi hin darbatamtan—

36 Kunoo, eenyu illee yeroon inni ija gaarii hin taane kan fidu, yookaan eenyu illee hojii qajeelummaa kan hin hojjenne, yeroon inni itti boo’uu fi gaddu dhihaateera.

37 Isin yaa warra waan jal’aa hojjettan, isin warri waantota biyya lafaa isa waa’ee hin baafneen of jajuun guutamtan, isin warri karaa qajeelummaa beekna jettan, haa ta’u malee, akka hoolota tiksee hin qabneetti, irraa jal’attanii maqxaniittu, ta’us tiksichi isin waameera, akkasumas amma iyyuu isin waamaa jira, isin garuu sagalee isaa hin dhageessan!

38 Kunoo, ani isiniin nan jedha, tiksee inni gaariin isin in waama; eeyyeeakkasumas inni maqaa ofii isaa kan Kiristoos ta’een isin in waama, sagalee tiksee gaarii fi maqaa isin ittiin waamamtan kana yoo dhaga’uu diddan, kunoo, isin hoolaa tiksee gaarii sanaa miti.

39 Akkasumas amma, isin yoo hoolaa tiksee gaarii sanaa ta’uudhaa baattan, isin karra isa kam keessaatiiree? Kunoo, ani isiniin nan jedha, daabiloos tiksee keessaniidha, isinis karra isaa keessa jirtu; akkasumas amma, eenyutu kana haalaree? Kunoo, ani isiniin nan jedha, eenyu illee waantoota kana kan haalu sobaadha akkasumas inni ilma daabiloosi.

40 Ani isiniin nan jedha, waanti gaariin ta’ankamiyyuu Waaqayyo biraa dhufa, akkasumas waanti hamaan kamiyyuu daabiloos biraa dhufa.

41 Kanaafuu, namni yoo hojii gaarii hojjete sagalee tiksee isa gaarii in dhaga’a, akkasumas inni isa duukaa in bu’a; garuu eenyu illee hojii hamaa yoo fide, akkasuma inni ilma daabiloosiin in ta’a, inni waan sagalee isaa dhaga’eef, akkasumas isa duukaa in bu’a.

42 Akkasumas, eenyu illee kan kana godhe mindaa isaa isa irraa fudhachuu qaba; innis waantota qajeelummaa fi hojiiwwan gaariidhaan walqabatan hundumaaf du’aa waan ta’eef; kanaafuu, mindaa isaatiif kan inni argatus du’adha.

43 Akkasumas amma, obboloota koo, anni isin akka na dhaggeeffattan nan barbaada, sababni isaa ani humna lubbuu kootiin waanan dubbadhuuf; kunoo, ani akka isin dogoggoruu hin dandeenyetti ifatti isinitti dubbadheera, yookiin akka abboommota Waaqayyoottis isinitti dubbadheera.

44 Ani akkaataa sirna Waaqayyoo isa qulqullaa’aa Yesuus Kiristoos keessa isa jirutti, haala kanaan akkan dhubbadhuuf waamameera; eeyyee, anis waa’ee waantota dhufuuf jiranii isa abbootii keenyaan dubbatamanii turanii fuula saba kanaa dura dhaabbachuudhaan, akkasumas dhugaa akkan ba’uuf abboomameera.

45 Akkasumas, kun hunduma miti. Isin waantota kana ani ofii kootii akkan beeku isin hin tilmaamtanii? Kunoo, waantonni ani dubbadhe kun dhugaa ta’uu isaanii akkan beeku isiniif dhugaa nan ba’a. Akkasumas, isin dhugummaa isaanii akkan beeku akkamittiin tilmaamtu?

46 Kunoo, ani isiniin nan jedha, isaan karaa Hafuura Qulqulluu Waaqayyootiin akka natti beeksifaman taasifamaniiru. Kunoo, ani waantota kana ofii kootiif beekuudhaaf guyyoota baay’eedhaaf soomeera, akkasumas kadhadheera. Akkasumas amma, dhugaa ta’uu isaanii ofii kootii beekeera; sababni isaa Waaqayyo Gooftaan Hafuura Qulqulluu isaatiin akka naaf mul’atu godheera; akkasumas kunis hafuura mul’ataa isa na keessa jiruudha.

47 Akkasumas dabalataan, akka hafuura raajii isa ana keessa jiruutti, akkasumas immoo akka Hafuurri Waaqayyoo natti mul’iseetti sagaleen karaa abbootii keenyaatiin nutti dubbataman dhugaa ta’uu isaanii akka natti mul’ifamee ani isinitti nan hima.

48 Ani waa’ee waan dhufuuf jiruu ilaalchisee waanti ani isinitti dubbadhu kamiyyuu dhugaa akka ta’e ani ofii kootii akkan beeku, ani isinitti nan hima; akkasumas ani isiniin nan jedha, Yesuus Kristoos, eeyyee, Ilmi Tokkichi Abbaa, inni dhugaa, ayyaanaa, fi araaraan kan guutame akka ta’e ani nan beeka. Akkasumas kunoo, inni cubbuu biyya lafaa, eeyyee, cubbuu warra maqaa isaatti cimanii amanan hundumaa irraa fudhachuuf kan dhufu isadha.

49 Akkasumas amma ani isiniin nan jedha, eeyyee, jaal’atamoo obboloota kootti lallabuuf, eeyyee, akkasumas warra biyyicha keessa jiraatan hundumaatti; eeyyee, warra dargaggootaa fi warra manguddootatti, warra garbummaa jalaa fi warra bilisa ta’an hundumaatti akkan lallabuuf; eeyyee, ani isiniin nan jedha warri manguddoonni, akkasumas immoo umurii giddu-galeessaa irra kan jirtan, akkasumas dhaloonni lafaa ol dhufaa jirtan; eeyyee, yaada garaa isaanii akka geeddaratanii fi lammata akka dhalataniif gara isaaniitti akkan iyyuufiidha kunis sirna isa ani itti waamameedha.

50 Eeyyee, Hafuurichi akkas jedha: Warri handaara biyya lafaa irra jirtan hundinuu, yaada garaa keessanii geeddaradhaa, mootummaan waaqayyoo dhihaateera’oo; eeyyee, Ilmi Waaqayyoo ulfina isaatiin, humna isaatiin, guddummaa isaatiin, akkasumas olaantummaa isaatiin in dhufa. Eeyyee, jaal’atamoo obboloota koo, ani isiniin nan jedha, Hafuurichi akkas jedha: Kunoo ulfina Mootii lafa hundumaa ilaalaa; akkasumas immoo Mootiin inni waaqa irraa yeroo dhiyootti ijoollee namaa hundumaa gidduutti in ibsa.

51 Akkasumas immoo, Hafuurichi akkas naan jedhe, eeyyee, sagalee guddaadhaan akkas jechuudhaan, gara kootti iyye: Saba kana gidduu adeemiitii akkas jedhi—Yaada garaa keessanii geeddaradhaa, isin yaada garaa keessanii yoo geeddarachuu baattan karaa kamiiyyuu mootummaa waaqaa dhaaluu hin dandeessan.

52 Akkasumas irra deebi’ee isiniin nan jedha, Hafuurichi akkas jedha: Kunoo, amma iyyuu qottoon hidda mukichaa irra kaa’amee jira; kanaafuu mukti ija gaarii hin godhanne hundinuu muramee abiddatti, eeyyee, abidda gubachuu hin dandeenye, abidda isa hin dhaamnetti illee in darbatama. Kunoo, akkasumas yaadadhaa, kana Qulqulluu inni Tokkichi dubbateera’oo.

53 Akkasumas amma, jaal’atamoo obboloota koo, ani isiniin nan jedha, isin waan jedhame kanaan mormuu in dandeessuuree; eeyyee, isin waantota kana cinatti dhiisuun akkasumas isa Qulqqulluu Tokkichas miilla keessan jalatti gadi in dhidhiittuuree; eeyyee, of tuulummaa garaa keessan keessaatiin ol of qabuun isiniif in danda’amaaree; eeyyee, isin amma iyyuu uffata gati-jabeessa uffachuu fi garaa keessan waantoota gatii hin qabne isa kan biyya lafaa homaa hin baafnee fibadhaadhina keessan irratti kaa’uu itti in fuftuuree?

54 Eeyyee, isin walii keessan irratti tokko kan biraa irra akka wayyu gootanii tilmaamuu keessan itti fuftuuree, eeyyee, isin obboloota keessan warra akka sirna Waaqayyoo isa Qulqulluu ta’eetti deddeebi’uu fi warra gadi of deebisan ari’achuu keessan itti in fuftuuree, kanaafis isaan akkasitti gara waldaa kanaatti fidamaniiru, Hafuura qulqulluudhaanis qulqullaa’aniiru, akkasumas hojii yaada garaa geeddarannaaf ga’aa isaan godhus fidaniiru—

55 Eeyyee, akkasumas isin hiyyeessaa fi warra rakkatan irraa fuula keessan galagalfachuu itti in fuftuuree, akkasumas qabeenya keessan irraa hin dhoowwattuuree?

56 Akkasumas dhuma irratti, isin warri jal’na keessan itti fuftan hundinuu, isaan dafanii yaada garaa isaanii yoo geeddaratan malee muramanii abiddichatti kan gadi darbataman warra akkasii akka ta’an ani isinitti nan hima.

57 Akkasumas amma, isin warri sagalee tiksee gaarii duukaa bu’uu barbaaddan hundinuu, warra jal’oota keessaa ba’aatii adda ba’aa, akkasumas waanta xuraa’aa isaaniis hin tuqinaa isiniin nan jedha; kunoo, maqaan warra jal’ootaa maqaa warra qajeelotaa gidduutti akka hin lakkaa’amneef, dubbiin Waaqayyoo inni dubbatame kan: Maqaan warra jal’ootaa maqaa saba kootii wajjinis walitti hin dabalamu, jedhu akka raawwatamuuf, maqaan isaanii in haqama;

58 Sababni isaa maqaan warra qajeelootaa macaafa jireenyaa keessatti in barreeffama, akkasumas ani dhaala harka koo mirga jiru isaaniif nan kenna. akkasumas amma, obboloota koo, waanta kana faalleessu maal dubbatturee? Anis isiniin nan jedha, isin faalla isaa yoo dubbattan, rakkoo in qabu, sababni isaa sagaleen waaqayyoo fiixaan in ba’a.

59 Isin keessaa tikseen hoolota baay’ee qabu yeeyyonnis gara karrichaa galanii akka duraa hin nyaanneef kan hin eegne jiraaree? Akkasumas kunoo, yeroo yeeyyiin ol galutti inni isa hin ari’uuree? Eeyyee, akkasumas dhuma irratti, inni yoo danda’e isa in balleessa.

60 Akkasumas amma, ani isiniin nan jedha tiksee gaariin isin in waama; akkasumas isin sagalee isaa yoo dhageessan innis gara karra isaatiitti isin in fida, akkasumas isin hoolota isaati; akkasumas akka isin hin banneef yeeyyiin garmalee beela’e isin gidduu akka seenu akka isin hin heyyamneefis isin abboomeera.

61 Akkasumas kunoo, ani, Almaan, dubbiiwwan ani isinitti dubbadhe raawwachuuf akka eegdaniif, afaan isaa isa na abboomeetiin isin nan abbooma.

62 Ani warra miseensa waldicha taatanitti akka abboommiitti isinitti nan dubbadha; akkasumas warra waldichaa irraa hin taaneef akka waffeerraatti akkas jechuun, nan dubbadha: Isin ija muka jireenyaa irraa warra hirmaatan akka taataniif kottaa yaada garaa keessanii geeddarachuudhaan cuuphamaa.