Caaffata qulqullaa’aa
Almaa 22


Boqonnaa 22

Aaroon abbaa Laamonii waa’ee Uumamaa, waa’ee Kufaatii Addaamii fi karoora furee isa karaa Kiristoosiin dhufuuf jiru in barsiise—Mootichi fi maatiin isaa hundumtuu in jijjiiraman—Qoqqoodamiinsi biyya warra Nefii fi warra Laamaan gidduu jirus ibsameera. Naannoo bara 90–77 Dh.K.D.

1 Amma, Amoon akkasittiin itti fufiinsaan namoota Laamoonii utuu barsiisaa jiruu, nuyi gara seenaa Aaroonii fi obboloota isaatiitti in deebina; sababni isaa inni erga biyya Midooniin gadidhiisee ba’ee booda Hafuuraan gara biyya isa kan Nefiitti, inni gara biyya isa kan Ishmaa’eel irraa kan hafe gara mana mootii isa biyya hundumaa irra tureetti illee geggeeffamee ture; akkasumas inni abbaa Laamoonii ture.

2 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, inni obboloota isaa wajjin gara masaraa mootichaa, akkasumas fuula mootichaa duratti in sagade, akkasumas akkas isaan in jedhe: Kunoo, Yaa mootii, nuyi obboloota Amoon, warra ati mana hidhaa keessaa baafteedha.

3 Akkasumas amma, Yaa Mootii, ati lubbuu keenya yoo oolchite, nuyi hojjettoota kee in taana. Akkasumas, mootichi akkas isaaniin in jedhe: Ka’aa, ani lubbuu keessan isiniif nan oolcha, akkasumas hojjettoota koo akka isin taataniif ani isiniif hin heyyamu; garuu ani akka isin na gaargaartan nan gaafadha; ani arjummaa fi guddummaa dubbiiwwan obboleessa keessanii Amooniin irraa kan ka’e hamma tokko sammuu kootti dhiphadheera; akkasumas ani inni sababa maaliitiif akka isinii wajjin Midoonii keessaa hin baane beekuu nan barbaada.

4 Aaroonis mootichaan akkas in jedhe: Kunoo, Hafuurri Gooftichaa gara biraa akka inni deemuuf isa waameera; inni saba Laamooniin barsiisuuf gara biyya Ishmaa’eeliin deemeera.

5 Amma Mootichi akkas isaaniin in jedhe: Waa’ee Hafuura Gooftichaa waanti isin dubbattan kun maaliidharee? Kunoo, waanti na jee qu isa kanadha.

6 Akkasumas immoo, waanti Amoon—Isin yoo yaada garaa geeddarattan in fayyitu, akkasumas isin yoo yaada garaa hin geeddaranne, isin guyyaa isa dhumaa sanatti in gatamtu jedhu kun maaliidharee?

7 Akkasumas, Aaroon isaaf deebisee, akkasumas akkas isaan in jedhe: Ati Waaqayyo akka jiru in amantaaree? Akkasumas, mootichis akkas in jedhe: Ani warri Amaaleqii Waaqayyo jira jedhanii akka dubbatan nan beeka, akkasumas ani akka isaan isa waaqeffachuuf walitti qabamaniif, iddoo qulqullaa’aa akka isaan ijaaraniif heyyama isaaniif kenneera. Akkasumas, amma ati Waaqayyo jira yoo jette, kunoo ani nan amana.

8 Akkasumas amma, Aaroon yeroo kana dhaga’etti, garaan isaa gammaduu in jalqabe, akkasumas akkas in jedhe: Kunoo, dhugumaan akka ati jiraataa taate, yaa mootii, Waaqayyo jira.

9 Akkasumas, mootichis akkas in jedhe: Inni abbootii keenya biyya Yerusaalemiin keessaa baase Hafuurri inni Guddaan sun Waaqayyoodhaaree?

10 Akkasumas, Aaroon akkas isaan in jedhe: Eeyyeen, inni Hafuura isa Guddaa sanadha, akkasumas inni waaqaa fi lafa irratti isa waantota hundumaa uumedha. Ati kana in amantaaree?

11 Akkasumas, innis akkas in jedhe: Eeyyeen, ani Hafuurri inni Guddaan waantota hundumaa akka uume nan amana, akkasumas ani waa’ee waantota kana hundumaa ilaalchiftee akka ati natti himtu nan barbaada, akkasumas ani dubbiiwwan kee nan amana.

12 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, mootichi dubbiiwwan isaa akka amanu Aaron yommuu argetti, inni uumamuu Addaam irraa kaasee Waaqayyo akkamittiin nama bifa ofii isaatiin akka uume, akkasumas Waaqayyo abboommota akka isaaf kenne, akkasumas irra daddarbuu isaa irraa kan ka’e namni akka kufes caaffata qulqullaa’oo mootichaaf in dubbise.

13 Akkasumas, Aaroon caaffata qulqullaa’oo uumamuu Addaam irraa kaasee, kufaatii namaa gadi fageenya guddaadhaan isaaf in ibse, akkasumas eenyummaa foonii isaanii fi karoora furee, isa uumamuu biyya lafaa irraa kaasee karaa Kiristoos keessaan isa warra maqaa isaatti amanan hundumaaf qophaa’ee ture sana isaaf in ibse.

14 Akkasumas, namni erga kufee inni ofii isaatiif waan kamiin iyyuu argachuuf ga’aa ta’uu hin dandeenye; garuu dhiphinnii fi du’i Kiristoos, amantii fi yaada garaa geeddarannaa isaanii keessaan, akkasumas kan kana fakkaatan keessaan cubbuuwwan isaaniitiif gatii kaffaltii cubbuu in ta’a; akkasumas inni hidhaa du’aa akka kukkutu, boolli awwaalchaas moo’icha akka hin qabaanne, akkasumas arfiin du’aa abdii ulfinaa keessatti akka liqimfamu; akkasumas Aaroon waantota kana hundumaa mooticha in gadi fageenyaan guddaadhaan in ibse.

15 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Aaroon waantota kana gadi fageenyaan erga ibsee booda, mootichi akkas in jedhe: Jireenya bara baraa isa ati waa’ee isaa dubbattee kana argachuuf ani maal gochuun qabaree? Eeyyee, Ani Waaqayyo irraa akkan dhaladhuuf, hafuurri xuraa’aan kunis garaa koo keessaa buqqa’ee, akkasumas ani Hafuura isaa akkan fudhadhuuf, ani gammachuudhaan akkan guutamuuf, ani guyyaa isa dhumaa sanattis akkan hin gatamneef maal gochuun qabaree? Kunoo, inni akkas in jedhe, ani waantan qabu hundumaa nan dhiisa, eeyyee, gammachuu guddaa kana akkan argadhuuf ani mootummaa koos nan dhiisa.

16 Garuu Aaroon akkas isaan in jedhe: Ati waan kana yoo barbaadde, Waaqayyo duratti gadi qomma’ee, eeyyee, ati cubbuuwwan kee hundumaa irraa yoo yaada garaa geeddaratte, akkasumas Waaqayyo duratti gadi qommaatee, akkasumas ati akka fudhattu amantee maqaa isaa amantiidhaan yoo waammatte, sana booda ati abdii isa barbaaddu sana in argatta.

17 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Aaroon dubbiiwwan kana yommuu dubbatetti, mootichi fuula Gooftaa duratti jilba isaatiin jilbeenfatee in sagade; eeyyee, inni lafa irratti illee ofii isaa in diriirse, akkasumas akkas jechuun humnaan in iyye:

18 Yaa Waaqayyo, Aaroon Waaqayyo akka jiru natti himeera, akkasumas Waaqayyo yoo jiraate, akkasumas ati Waaqayyoon yoo taate, ati ofii kee anatti beeksisiakkasumas ani warra du’an keessaa akkan ka’uuf, akkasumas ani guyyaa isa dhumaa sanatti akkan fayyuuf, akkasumas ani si beekuuf cubbuuwwan koo hundumaa nan dhiisa. Akkasumas amma, mootichi dubbiiwwan kana yommuu dubbatetti inni akka waan du’eetti in kufe.

19 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, hojjettoonni isaa fiiganii akkasumas waanta mooticha irratti ta’e hundumaa mootittiitti in himan. Akkasumas, isheenis gara mootichaa dhuftee; akkasumas isheen inni akka waan du’eetti ciisuu isaa yommuu argitetti, akkasumas Aaroonii fi obboloonni isaa kufaatii isaatiif akka waan sababa ta’aniitti dhaabbachuu isaanii yommuu argite, isheen isaanitti aartee turte, akkasumas hojjettoonni ishee, yookiin hojjettoonni mootichaa, isaan isaaniin fuudhanii akka isaan ajjeesaniif in abboomte.

20 Amma hojjettoonni sun sababii kufaatii mootichaa arganii turaniif, kanaafuu isaan harka isaanii Aaroonii fi obboloota isaa irra kaa’uuf ija hin jabaanne; akkasumas isaan akkas jedhanii mootittii in kadhatan: Kunoo isaan keessaa tokko hunduma keenya caalaa jabaa ta’uu isaa utuu ilaaltuu, ati maaliif akka nuyi isaan ajjeefnuuf nu abboomtaree? Kanaafuu, nuyi fuula isaanii duratti in kufna.

21 Amma mootittiin sodaa hojjettoota sanaa yommuu argitetti, hamaan tokko illee ishee irrattis immoo akka hin dhufneef gar-malee sodaachuu in jalqabde. Akkasumas, isheen Aaronii fi obboloota isaa akka ajjeesaniif, dhaqanii akkasumas namoota akka waamaniif hojjettoota ishee in abboomte.

22 Amma Aaroon murtoo cimaa mootittii yommuu argetti, innis, immoo gara-jabina namoota sanaas waan beekuuf, tuutni baay’een yoo walitti qabaman, akkasumas isaan gidduutti walitti bu’iinsi guddaa fi jeequmsi akka hin uumamneef in sodaate; kanaafuu inni harka isaa diriirsee mooticha lafa irraa ol in kaase, akkasumas akkas isaan in jedhe: Dhaabbadhu. Akkasumas innis jabina isaa argatee, miila isaatiin in dhaabbate.

23 Amma kuni fuula mootittii fi hojjettoota baay’ee duratti in raawwatame. Akkasumas, isaan kana yommuu arganitti guddisanii in dinqisiifatan, akkasumas isaan sodaachuu in jalqaban. Akkasumas, mootichi ka’ee dhaabbatee, akkasumas isaanitti barsiisuu in jalqabe. Akkasumas, inni maatiin isaa hundinuu gara Gooftaatti akka jijjiiramaniifis, inni isaan barsiisee ture.

24 Amma sababii abboommii mootittiitiin tuutni walitti qabamanii turan, akkasumas sababii Aaroonii fi obboloota isaatiinis gungummii guddaan isaan gidduutti uumamuu in jalqabe.

25 Garuu mootichi isaan gidduu dhaabbatee isaan in gargaare. Akkasumas, Isaanii fi Aaroonii fi warra isaa wajjin turan gidduutti tasgabbii in bu’e.

26 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, mootichi sabni sun tasgabbaa’uu isaanii yommuu argetti, inni Aaroonii fi obboloonni isaa tuuticha gidduudhaa as ba’anii akka dhaabbatan, akkasumas akka isaan dubbicha isaanitti lallabanis in godhe.

27 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, mootichis guutummaa biyyattiittii fi saba isaa hundumaa warra biyya isaa hundumaa keessa jiraatan gidduutti, naannoolee ganda isaa kan turan hundumaatti, isa hamma galaanaatti daangeffametti illee, karaa kallattii bahaa fi dhihaatti, akkasumas biyya Zarahemlaa isa daangaa lafa onaa xiqqoon gargar ba’ee tureetti, kan galaana irraa gara bahaatti, hamma galaana dhihaatti illee isa dheeratu, akkasumas naannoo daangaa qarqara galaanaa fi daangaa lafa onaa isa irra jiruun addaan baafame kaabaan biyya Zarahemlaan, daangaa Mantii keessa darbee, mataa laga Siidoon, bahaa irraa gara dhihaatti kan yaa’utti labsii in erge—akkasumas akkasittiin warri Laamaanii fi warri Nefii addaan in qoodaman.

28 Amma irra caalaan kutaa warra Laamaan warra hojii malee lafa onaa keessa, akkasumas dunkaanota keessa jiraataniidha; akkasumas isaan biyya Nefii keessa, karaa lafa onaatiin gara dhihaatti; eeyyee, akkasumas immoo gara dhiha biyya Zarahemlaatti, daangaawwan qarqara galaanaa biraan, akkasumas gara dhiha biyya isa kan Nefiitti, iddoo dhaala abbootii isaanii isa jalqabaatii fi daangaa qarqara galaanaatiin daangeffameetti faffaca’anii turan.

29 Akkasumas immoo, naannoo warri Nefii isaan ari’anii turanitti, karaa qarqara galaanichaan kallattii bahaa irraan warra Laamaan baay’eetu ture. Akkasumas, akkasittiin warri Nefii warra Laamaaniin guutummaan guutuutti marfamuutti dhiyaatanii turan; haa ta’uu malee kutaalee kaabaa warra lafa onaadhaan daangeffaman hundumaa, karaa mataa laga Siidooniin, baha irraa gara dhihaatti, iddoowwan naannoo lafa onaa jiran warri Nefii qabachuudhaan to’atanii turan; isaan kallattii kaabaatiin, biyya isheebadhaadhina jedhamtee waamamtuutti hamma ga’utti illee to’ataniiru.

30 Akkasumas, kun gara kaabaatti baay’ee kan fagaatu ta’ee, gara biyya isa namoonni itti baay’atanii turaniitti akkasumas balleeffamanii turan isa kanwaa’ee lafeewwan nuyi dubbannee turree, isa namoonni Zarahemlaa argatanii turaniii sanatti in dhufan, innis biyya isaanii isa jalqabaaf isaan irra qubatan yoo ta’u, biyyichi isa isaan biyya isa Diigame jedhanii waaman sanaan kan daangeffameedha.

31 Akkasumas, isaan achiis gara lafa onaatiin kallattii kibbaa keessaan ol in dhufan. Akkasitti biyyi inni gara kallattii kaabaatti argamu Diigamuu jedhamee waamamee ture, akkasumas biyyi inni gara kallattii kibbaan jirus biyya badhaadhinaa jedhamee waamamee ture, innis lafa onaa ta’uu isaatiin bineensota bosonaa gosa hundumaan kan guutame yoo ta’u, kutaan gar-tokkoo isaas nyaata barbaachaaf biyyicha irraa gara kaabaatti kan dhufeedha.

32 Akkasumas amma, kun nama Nefii tokkoof karaa biyya isa Badhaadhinaa fi biyya isa Diigamee irraan, baha irraa hamma dhiya galaanichaatti, fageenya adeemsa guyyaa tokkoo fi walakkaa qofa ture; akkasumas akkasitti biyyi inni kan Nefii fi biyyi Zarahemlaa gara bishaaniin marfamuutti dhiyaatee ture, biyya isa gara kallatii kaabaa fi biyya isa kallatii gara kibbaa gidduus iddoo dhiphoo xiqqoo tokkotu jira ture.

33 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, warri Nefii biyya Badhaadhinaa keessa, baha irraa kaasee hamma galaana isa dhiyaatti illee qabatanii turan, akkasumas akkasitti warri Nefii ogummaa isaaniitiin, eegdota isaanii fi loltoota isaanii wajjin, akka isaan kanaan booddee biyya isa gara kaabaa irratti akka hin babal‘anneef, warra Laamaanitti kallattii kibbaan itti marsanii turan, kanaanis isaan gara kallattii kaabaatiin biyyicha irraa isaan in dhorkan.

34 Kanaafuu, warri Laamaan biyya isa kan Nefii fi lafa onaa isa naannoo sana jiru irraa kan hafe, qabeenya tokko illee qabaachuu hin dandeenye. Amma kun warra Nefii keessatti tooftaa ture—akkuma warri Laamaan diina isaaniituran, kallattiikamiin iyyuu akka isaan isaaniin hin dhiphifneef, akkasumas immoo isaan akka fedhii isaaniitti biyya itti baqatan akka qabaataniifiidha.

35 Akkasumas amma, ani ergan kana dubbadhee booddee, amma gara seenaa Amoonii fi Aaroon, Omnerii, Himnii fi obboloota isaaniitti nan deebi’a.