Boqonnaa 11
Sirni maallaqa warra Nefii in ifoome—Amuleeq Zeezrom wajjin wal in morme—Kiristoos namoota cubbuuwwan isaanii keessatti hin fayyisu—Warra mootummaa waaqaa dhaalan qofatu fayya—Namoonni hundinuu jireenyatti du’a hin jirreetti in kaafamu—Du’aa ka’uu booda duuti hin jiru. Naannoo bara 82 Dh.K.D.
1 Amma namni abbaa firdii ta’e kamiyyuu yookiin warri abbootii firdii ta’uuf muudamanii turan hundinuu, akkaataa yeroo fuul-dura isaaniitti dhiyaataniif firdii kennuuf itti dhama’an irratti hundaa’uun mindeeffamuun seera Mozaayyaa keessa ture.
2 Amma namni tokko kan biraa irraa yoo liqeeffate, akkasumas inni liqii isa irra jiru sana yoo kaffaluu dide, inni abbaa firdiitti yoo himatamee ture; akkasumas abbaan firdii aangoo isaa fayyadamee, akkasumas namichi akka fuul-dura isaatti dhiyaatuuf qondaaltota yoo erge; akkasumas akka seeraa fi ragaa isaa irratti dhiyaateen namicha irratti yoo farade, akkasumas akkasitti namichi isa liqeeffate kaffaluuf in dirqamsiifama, yookiin waanti inni qabu hundinuus isa duraa in fudhatama, yookiin hattuu fi saamtuu jedhamee saba gidduudha baafamee in gatama.
3 Akkasumas, abbaan firdii akka yeroo isaatitti mindaa isaa in argata—guyyaa tokkoof warqee siniina tokko, yookiin kan warqee siniina tokkoo wajjin wal-gitu, meetii seenamii tokko; akkasumas kuni akka seera isa kennamee tureetti in argata.
4 Ammaa kun akka gatii isaaniitti, warqeen isaanii saantima adda addaa, akkasumas kan meetii isaanii maqoota isaaniiti. Akkasumas, maqaan isaaniis kan kennaman warra Nefiitiini, sababni isaas akka amala Yihudoota warra Yerusaalem keessa turaniitti hin moggaafamneen turan; yookiin akka amala Yihudootaatti hin madaalleen turan; garuu akka yaada fi haala namootaatti, hamma bara abbootii firdiitti, erga isaan mooticha Mozaayyaadhaan hundeeffamanii booda, moggaasa isaanii fi safartuu isaanii, dhaloota hundumaa keessatti jijjiiraa turan.
5 Amma akki lakkoobsa isaa kanadha—warqii isa kan siniinaa tokko, warqee isa kan see’on tokko, warqee isa kan shuum tokko, akkasumas warqee isa kan liim’naah tokkodha.
6 Meetii seenam tokko, meetii amnoor tokko, meetii ezroom tokko, akaasumas meetii oontii tokkodha.
7 Meetiin senamii tokko warqee seeninee tokkoo, akkasumas yookiin safartuu garbuu tokko, akkasumas safartuu midhaan gosa hundumaaf tokkoo wajjin walqixa ture.
8 Amma hammi warqee see’on tokkoo gatii seeninee lamaa wajjin wal-qixa ture.
9 Akkasumas, warqeen shum tokko gatii see’on lamaa wajjin wal-qixa ture.
10 Akkasumas, warqeen limnaah tokko gatii hunduma isaanii ture.
11 Akkasumas, meetiin amnoorii tokko gatii seenum lamaatiin walqixa ture.
12 Akkasumas, meetiin ezroom tokkoo hamma senum afuriin walqixa guddaa ture.
13 Akkasumas, ontiin tokko gatii hunduma isaaniitiin walqixa ture.
14 Amma kun gatii lakkoobsa xiqqaa gatiimaallaqa isaaniiti—
15 Shiibloon tokko wal’akkaa see’num tokkooti; kanaafuu, shiibloon tokko wal’akkaa safartuu garbuu tokkooti.
16 Akkasumas, shiblum tokko walakkaa shibloonii tokkodha.
17 Akkasumas, lee’ahiin tokko wal-akkaa shiiblumii tokkooti.
18 Amma akka gatii maallaqa isaaniitti, kun lakkoofsa isaaniiti.
19 Amma warqeen anti’oonii tokko shiiblonii sadi wajjin wal-qixxeedha.
20 Amma egaa kaayyoon isaanii bu’aa argachuu qofa waan tureef, sababni isaa isaan kaffaltii isaanii akka tajaajila isaaniitti waan argantaniif, kanaafuu, isaan sabicha irratti hokkora, akkasumas lolaa fi hammeenya gosa hundumaa kaasanii hojii dabalataa akka qabataniif, akka himata isaan duratti dhiyaatanitti maallaqa akka aragataniif ture; kanaafuu isaan sabicha Almaa fi Amuleeqiin irratti in kakaasan.
21 Akkasumas, Zeezrom kun Amuleeqiin akkas jechuun, gaaffii gaafachuu in jalqabe: Isin gaaffiiwwan muraasa ani isin gaafadhu naaf in deebiftuuree? Amma Zeezrom kun nama waan gaarii balleessuuf, akeekota daabiloosiin ogeessa ture; inni Amuleeqiin akkas in jedheen: Gaaffii ani isiniif dhiyeessuuf deebii naaf in kennituuree?
22 Akkasumas, Amuleeq akkas isaan in jedhe: Eeyyee, kun akka Hafuura Gooftaa, isa ana keessa jiruutti yoo ta’e, waan Hafuura Gooftaatiin faallaa ta’e tokko illee hin dubbadhu. Akkasumas, Zeezrom akkas in jedheen: Kunoo kuni meetii ontieesii ja’adha, akkasumas kana hunduma yoo ati jiraachuu Uumaa isa Ol’aanaa gante siif nan kenna.
23 Amma Amuleeq akkas in jedhe: Ati yaa mucaa si’ool, ati maaliif na qortaa? Namni qajeelaan qorumsa akkasiitiif akka harka hin kennanne hin beektuuree?
24 Ati Waaqayyo hin jiru jettee in amantaaree? Ani siin nan jedha, lakki, ati Waaqayyo akka jiru beekta, garuu horii sana isa caalaa in jaal’atta.
25 Akkasumas amma, ati fuula Waaqayyoo duratti na sobdeetta. Ati akkas naan jetteetta—Kunoo isaan kun onteesii ja’an kana, kanneen gatii guddaa qaban, ani siif nan kenna—yeroo ati isaaniin na jalaa hambisuuf garaa kee keessatti yaadde; akkasumas ati na balleessuuf sababa akka qabaattuuf, Waaqayyo isa dhugaa fi isa jiraataa ta’e akkan ani ganuufedhii kee ture. Akkasumas amma, kunoo, ati balleessaa kee kanaaf gatii kee in argatta.
26 Akkasumas, Zeezrom akkas isaan in jedhe: Ati Waaqayyo inni dhugaa fi jiraataan jira in jettaaree?
27 Akkasumas, Amuleeq akkas jedhe: Eeyyee, Waaqayyoo inni dhugaa fi jiraataan in jira.
28 Amma Zeezrom akkas jedhe: Waaqayyo tokkoo ol jiraaree?
29 Akkasumas, innis, akkii jedhee in deebiseef.
30 Amma Zeezrom deebisee akkas isaan in jedhe: Ati akkamitti waantota kana beektaree?
31 Akkasumas, inni akkas jedhe: Ergamaan tokko isaaniin natti beeksiseera.
32 Akkasumas, Zeezrom deebisee akkas in jedhe: Inni dhufu eenyuudhaa? Inni Ilma Waaqayyootiiree?
33 Akkasumas inni, Eeyyee, isaan in jedhe.
34 Akkasumas, Zeezrom ammas akkas in jedhe: Inni saba isaa cubbuu isaanii keessatii in fayyisaaree? Akkasumas, Amuleeq immoo deebisee akkas isaan in jedhe: Ani inni kana hin godhu siin nan jedha, sababni isaa dubbii isaa waakkachuun isaaf hin danda’amu.
35 Amma Zeezrom sabichaan akkas in jedhe: Isin waantota kana akka yaadattan ilaalaa; sababni isaa inni Waaqayyo tokkicha qofatu jira; haa ta’u malee Ilmi Waaqayyoo akka dhufu dubbateera, garuu akka waan Waaqayyoon abboomuuf aangoo qabuutti—inni saba isaa hin fayyisu, jedheera.
36 Amma Amuleeq deebisee akkas isaan in jedhe: Kunoo, sababni isaa inni cubbuuwwan isaanii keessatti saba isaa hin fayyisu waan ani jedheef akka waan ani Waaqayyoon abboomuuf aangoo qaba jedhee dubbadheetti ati sobdeetta.
37 Akkasumas, cubbuu isaanii keessatti akka inni isaan fayyisuu hin dandeenye irra deebiin isinitti nan hima; sababni isaa ani dubbii isaa ganuu hin danda’u, akkasumas inni waanti qulqulluu hin taane kamiyyuu mootummaa waaqaa dhaaluu akka hin dandeenye dubbateera; kanaafuu, mootummaa waaqaa yoo dhaaltan malee, akkamitti fayyuu dandeessuree? Kanafuu, cubbuu keessan keessa osoo jirtanii fayyuu hin dandeessan.
38 Amma Zeezrom deebisee akkas isaan in jedheen: Ilmi Waaqayyoo Abbaa Bara Baraa isa dhugaatii?
39 Akkasumas, Amuleeq akkas isaan in jedhe: Eeyyee, inni Abbaa Bara Baraa isa kan waaqaa fi lafaati, akkasumas waantota hundumaa isaan keessa jiran hundumaati; inni isa jalqabaa fi isa dhumaati, isa duraa fi isa xumuraatis;
40 Akkasumas, inni saba isaa furuuf gara biyya lafaa in dhufa; akkasumas inni irra daddarbaa warra maqaa isaatti amananii of irratti in fudhata; akkasumas isaan kun warra jireenya bara baraa argataniidha, akkasumas fayyinni immoo nama kan biraa kamitti iyyuu hin dhufu.
41 Kanaafuu, warri jal’oonni hidhaan du’aa hiikamuu irraa kan hafe akka waan furiin hin raawwatamneetti in hafu; sababni isaa kunoo guyyaan itti hundumtuu du’aa ka’ee Waaqayyo dura dhaabbatu, akkasumas akka hojii isaaniitti itti faradamu in dhufa.
42 Amma, du’i isa du’a yeroo jedhamee waamamutu jira; akkasumas hundumtuu du’a yeroo kana keessaa akka ka’aniif duuti Kiristoos hidhaawwan du’aa isa kan yeroo kana in hiika.
43 Hafuurri fi qaamni bifa isaa isa guutuu ta’een deebi’ee tokko in ta’a; harkaa fi miilli, akkasumas maashaa lamaan isaanii iyyuu akkuma yeroo amma kana jiranitti illee, gara caasaa isaanii isa sirrii ta’etti in deebifamu; akkasumas nuyi akkuma amma beeknu kanatti illee beeknee, akkasumas balleessaawwan keenya hundumaa ifatti yaadachaa, fuula Waaqayyo dura dhaabbachuudhaaf in dhiyeeffamna.
44 Amma haala isa duraanitti deebi’uun kun hundumaaf, maanguddoo fi dargaggoof, garbaa fi birmaduuf, dhiiraa fi dubaraaf, isa jal’aa fi qajeelaafis in dhufa; akkasumas rifeensa mataa isaanii keessaa tokko illee hin badu; garuu waanti hundinuu akka amma jirutti, yookiin qaamaan, gara caasaa isaa isa mudaa hin qabneetti in deebi’a, akkasumas akkaataa hojii isaanii isa gaarii yookiin badiitti akka itti faradamuuf isaan teessoo firdii Ilmicha kan ta’e Kiristoos, akkasumas Waaqayyo Abbaa, akkasumas Hafuura Qulqulluu kan Waaqa Bara Baraa tokko ta’an dura in fidamu.
45 Amma kunoo ani waa’ee du’a qaama isa du’u kanaa, akkasumas immoo du’aa ka’uu qaama isa du’aa kanaa ilaalchisee sitti dubbadheera. Qaamni du’u kun gara qaama isa hin duuneetti, innis du’a irraati, du’a isa jalqabaa irraa kaasee hamma jireenyaatti illee, kana boodas deebi’ee du’uu akka hin dandeenyeetti akka kaafamu ani sitti nan hima; hafuurri isaanii qaama isaanii wajjin tokko in ta’a, gonkumaas addaan hin ba’u; akkasitti, guutuummaan isaa kan hafuuraa fi kan hin duune waan ta’uuf kana booda tortoruu hin danda’u.
46 Amma Amuleeq dubbiiwwan kana yommuu xumuretti sabichi deebi’ee dinqisiifachuu in jalqabe, akkasumas immoo Zeezron hollachuu in jalqabe. Akkasumas, dubbiiwwan Amuleq akkasitti in xumurame, yookiin kan ani barreesse hundumtuu kanadha.