Caaffata qulqullaa’aa
Almaa 28


Boqonnaa 28

Warri Laamaan lola guddaa ta’e tokkoon in mo’aman—Kuma kudhaniin kan lakkaa’aman in ajjeefaman—Warri jal’oonni haala wawwaannaa isa dhuma hin qabneetti in dabarfaman; warri qajeelonni gammachuu dhuma hin qabne in argatu. Naannoo bara 77–76 Dh.K.D.

1 Akkasumas amma kun erga ta’ee booddee, sabni Amoon biyya Jershoon keessatti hundeeffamanii turanii, akkasumas immoo waldaanis biyya Jershooniin keessatti erga hundeeffameen booda, akkasumas loltoonni warra Nefii naannawa biyya Jershoon erga marsanii, eeyyee, daangaawwan naannoo biyya Zarahemlaa jiran hundumaa keessa; kunoo loltoonni warra Laamaan obboloota isaanii hordofanii gara lafa onaa keessa seenanii turan.

2 Akkasumas, akkasitti lola guddaatu ture; eeyyee, Lehiin yeroo Yerusaalem keessaa ba’e irraa kaasee namoota biyyattii keessa jiran hundumaa biratti illee gonkumaa kan hin beekamne ture; eeyyee, akkasumas warri Laamaan kuma kudhaniin kan lakkaa’aman ajjeefamanii fi faffaca’anis turan.

3 Eeyyee, akkasumas immoo saba Nefii gidduu ajjeechaa guddaatu tureen; haa ta’u malee, warri Laamaan in ari’amanii fi faffaca’anii turan, akkasumas sabni Nefiis deebi’anii gara biyya isaaniitti in galan.

4 Akkasumas amma, yeroon kun yeroo gaddaa fi boo’ichi guddaan guutummaa biyyattii keessatti saba Nefii hundumaa gidduutti dhaga’ame ture—

5 Eeyyee, iyya dubartoota warra abbaan manaa irraa du’ee warra abbaa manaa isaaniif gaddanii, akkasumas immoo abbootiin ilmaan isaaniif bo’anii, intalli obboleessaaf, eeyyee, obboleessi abbaadhaaf; akkasumas akkasitti iyyi gaddaa hunduma isaanii gidduutti dhaga’amee ture; warri firoonni isaanii jalaa ajjeefamaniis baay’ee in gaddan.

6 Akkasumas amma, dhugumaan guyyichi gaddisiisaa ture; eeyyee, yeroon kabajaa, akkasumas yeroon soomii fi kadhannaa baay’eedha.

7 Akkasumas, bulchiinsi abboonni firdii saba Nefii irratti mo’anii waggaa kudha shanaffaan akkasitti in xumurame;

8 Akkasumas, kun seenaa Amoonii fi obboloota isaatii, adeemsa isaanii isa gara biyya isa kan Nefii keessati, dhiphina isaanii isa biyyicha keessaa, gadda isaanii fi dhiphina isaanii, akkasumas gammachuu isaanii isa hubatamuu hin dandeenyee, akkasumas simannaa fi nageenya obboloota biyya Jershooniidha. Akkasumas amma, Gooftaan, Furiin nama hundumaa, lubbuu isaanii bara baraan haa eebbisu.

9 Akkasumas, kun seenaa lolaa fi walitti bu’iinsa warra Nefii gidduuti, akkasumas lola warra Nefii fi warra Laamaaniin gidduu jiruudha; akkasumas abboonni firdii mo’anii waggaa kudha shanaffaanis in xumurame.

10 Akkasumas, waggaa isa jalqabaa irraa kaasee hamma waggaa kudha shanaffaa isaatitti lubbuu namoota kuma baay’eetti lakkaa’amanii balleesseera; eeyyee, inni taatee dhangala’uu dhiigaa isa suukaneessaa ta’e fideera.

11 Akkasumas, reeffi namoota kumaan lakkaa’amanii lafa irra ciisee, yommuus reeffi namoota kuma baay’eetti lakkaa’amanii lafa irra tuulamee tortoree ture; eeyyee, kan kumaatamaan lakkaa’amanis firoota isaanii dhabuu isaaniitiif gaddaniiru, sababiin isaas isaan akka abdiiwwan Gooftaatti, haala wayyoo isa dhuma hin qabnetti akka hin dabarfamneef sodaachuun isaanii, sababa waan qabaniifiidha.

12 Namoonni kumaatamaan lakkaa’aman dhugumaan firoota isaanii dhabuu isaaniitiif yoo gaddan iyyuu, akkasumas akka abdiiwwan Gooftaatti, isaan gara mirga Waaqayyoo, haala gammachuu isa dhuma hin qabnee keessa jiraachuuf akka ka’an, illee beekanii, gammachuu dhuma hin qabneen in gammadu, akkasumas miira gammachuu dhuma hin qabne keessa in galu.

13 Akkasumas, nuyi akkasittiin sababii cubbuutii fi irra daddarbaatiin garaagarummaan nama giddu jiru hammam guddaa akka ta’e, akkasumas humni seexanaa isa karoora haxxummaa isa inni garaa namootaa kiyyootti galchuuf qopheesseen dhufu in argina.

14 Akkasumas, nuyi akkasittiin namoonni cimanii iddoo dhaaba wayinii Gooftaa keessa akka hojjetaniif waamicha isa guddaa godhame in argina; akkasumas nuyi akkasittiin sababa gaddaa guddaa, akkasumas immoo kan gammachuus in argina—gadda sababa du’aa fi badiisa namoota gidduutti, akkasumas gammachuu ifa isa kan Kiristoosiin gara jireenyaatti geesssu in argina.