Caaffata qulqullaa’aa
Almaa 13


Boqonnaa 13

Namoonni sababii amantii isaanii isa hundaa olii fi hojii isaanii isa gaariidhaan angafa lubootaa jedhamanii in waamamu—Isaan abboommota barsiisuu qabaatu—Qajeelummaadhaan qulqullaa’anii gara boqonnaa Gooftaatti in galu—Melkiseedeqis isaan kana keessaa isa tokko ture—Ergamoonni guutummaa biyyattii keessatti misiraachoo labsaa jiru—Isaan dhufaatii Kiristoos isa dhugaa in labsu. Naannoo bara 82 Dh.K.D.

1 Akkasumas ammas, obboloota koo, yeroo Waaqayyo Gooftaan abboommota kana ijoollee isaatiif kennee ture sanatti ani yaada keessan nan qajeelcha; akkasumas Waaqayyoo Gooftaan waantota kana akka isaan sabicha barsiisaniif, innis akka sirna Ilma isaatiitti kan ture, akka sirna isaa isa qulqullaa’aatti, luboota akka inni muude akka isin yaadattan nan barbaada.

2 Akkasumas, luboonni sunneen akkaataa sirna Ilma isaatiin kan muudaman turan, sabichi furamuudhaaf akkamitti Ilma isaa eeggachuu akka qaban akka beekaniifiidha.

3 Akkasumas, kun akkaataa isaan itti muudaman ture—uumamuu biyya lafaa irraa kaasee akka dursee beekuu Waaqayyootti, sababa amantii isaanii isa guddaa fi hojii isaanii isa gaariidhaan waamamanii fi qophaa’aniiru; jalqaba irratti gaarii yookiin hamaa filachuuf hafaniiru; kanaafuu isaan waan gaarii filachuu isaanii fi amantii garmalee guddaa shaakaluu isaaniitiin, waamicha isa qulqullaa’aa, eeyyee, waamicha isa qulqulluu warra akka kanaatiif qophaa’een, akkasumas akka, waamicha isa qulqullaa’aatti warra akkasiitiif furee qophaa’eetiin waamamaniiru.

4 Akkasumas, isaan akkasitti sababa amantii isaaniitiif gara waamicha isa qulqulluu kanaatti waamamaniiru, yeroo warri kaan garaa isaanii jabeessanii fi sammuu isaanii jaamsuudhaan Hafuura Waaqayyoo in didan, utuu kun ta’uu baatee garuu isaanis akka obboloota isaanii mirga guddaa argachuu in danda’u turan.

5 Yookiin walumaagalatti, isaan jalqaba irratti obboloota isaanii wajjin gita tokko irra turan: akkasitti waamichi qulqulluun kun uumamuu biyya lafaa irraa kaasee warra garaa isaanii hin jabeessineef qopheeffamee ture, qophaa’ees tures, karaa gatii kaffaltii cubbuu Tokkicha Ilma isaatiin fi isa keessaan ture—

6 Akkasumas, akkasitti waamicha qulqulluu kanaan waamamaniiru, isaanis gara boqonnaa isaatittis akka galuu danda’aniif, ilmaan namaa abboommota isaa barsiisuudhaaf, akkasumas akka sirna Waaqayyoo isa qulqullaa’aatti gara angafa lubummaatti muudamaniiru—

7 Angafni lubummaa kunis akka sirna Ilma isaatitti waan ta’eef, sirni kun uumamuu biyya lafaa irraa kaasee ture; yookiin jecha biraadhaan, jalqaba guyyootaa yookiin dhuma waggoota kan hin qabne, waan hundumaa akka inni duraan dursee beekutti, bara irraa kaasee hamma bara hundumaatti kan qophaa’eedha—

8 Amma isaan waamicha qulqulluudhaan waamamanii, akkasumas sirna qulqulluudhaan muudamanii, sirna qulqulluu angafa lubummaa, waamichaa fi sirna isa jalqabaa fi dhuma hin qabne of irratti fudhatanii haala kanaan muudamanii turan.

9 Isaan akkasitti bara baraan, akka sirna Ilmichaatti, isa Ilma Tokkicha Abbaa ta’eetti, kan jalqaba guyyaa yookiin dhuma waggaa hin qabneen, ayyaanaan, haqummaan, akkasumas dhugaadhaan kan guutame, angafa lubaa isa bara baraa akkasittiin in ta’an. Akkasumas, akkasiidha. Ameen.

10 Amma, ani akkuman sirna qulqulluu ilaalchisee dubbadhe, yookiin angafa lubummaa kanaa, kan muudamanii fi angafa luboota Waaqayyoo kan ta’an baay’ee turan; akkasumas kun sababii amantii isaanii isa guddaa fi yaada garaa geeddarachuu isaaniitiif ture, akkasumas Waaqayyo duratti qajeelummaa isaan qaban irraa kan ka’e, isaan baduu caalaa yaada garaa geeddarachuu fi waan qajeelaa hojjechuu filataniiru;

11 Kanaafuu, isaan akkaataa sirna qulqullaa’aa kanaan waamamanii turan, akkasumas qulqullaa’anii turan, akkasumas uffanni isaanii dhiiga Hoolichaatiin hamma adii ta’utti miiccamee ture.

12 Amma isaan Hafuura Qulqulluudhaan erga qulqullaa’anii booda, uffata isaanii adii godhuudhaan, Waaqayyoo duratti qulqulluu fi mudaa kan hin qabne ta’uudhaan, jibba guddaadhaan yoo ta’e malee waa’ee cubbuu yaaduu hin dandeenye, akkasumas isaan baay’ee turan, garmalee baay’eedha, isaan warra qulqullaa’anii gara boqonnaa Waaqayyoo Gooftaa isaaniitti galaniidha.

13 Akkasuma ammas, obboloota koo, ani akka isin fuula Waaqayyoo duratti gadi of deebiftan, akkasumas ija yaada garaa geeddarannaaf ga’aa isa ta’e fiddanii, isinis boqonnaa sana keessatti akka galtan nan barbaada.

14 Eeyyee, akka sirna isa ani dubbadhee ture tokkoo kan ta’e angafa lubaa inni ture, angafa lubummaas immoo bara baraaf isa of irratti fudhatee ture sanaa, akkuma namoota bara Melkiiseedeq turaniitti isin gadi of deebisaa.

15 Akkasumas Melkiiseedeqii isa Abrahaam kurnaffaa isaa kaffalee ture, eeyyee, abbaan keenya Abrahaam illee qabeenya qabu hundumaa keessaa harka kudhan keessaa kurnaffaa kaffaleera.

16 Sabichi gara Ilma Waaqayyoo akka ilaaluuf amma sirnooonni kunneen mallattoo sirna isaa yookiin sirna isaa ta’uun, akkasumas dhiifama cubbuuwwan isaaniitiif gara isaa akka ilaaluun gara iddoo boqonnaa isaatti akak galaniif sirnoonni kunneen haala kanaan kennamanii ture.

17 Malkiiseedeq kun biyya Saaleem irratti mootii ture; akkasumas sabni isaa jal’inaa fi xuraa’ummaatti cimanii turan; eeyyee, hundi isaanii karaa irraa goranii turan; hammina gosa hundumaanis guutaman turan;

18 Malkisedeq garuu amantii guddaa fayyadamaa waan tureef, akkasumas akka sirna qulqulluu Waaqayyootti itti gaafatamummaa angafa lubummaa fudhachuudhaan, saba isaattis yaada garaa geeddarannaa in lallabe. Akkasumas kunoo, isaanis yaada garaa isaanii geeddarataniiru; akkasumas Malkiiseedeq bara isaatti biyyicha keessatti nagaa in hundeesse; kanaafuu inni mootii Saaleemiin waan tureef, mootii nagaa jedhamee in waamame; akkasumas inni abbaa isaa jalatti in mo’e.

19 Amma, isa dura baay’eetu ture, akkasumas immoo booda baay’eetu ture, garuu eenyu illee guddaan hin turre; kanaafuu, isaan caalaatti adda godhanii isa kaasaniiru.

20 Amma ani dhimma kana keessa deebi’ee dubbachuun hin barbaadu; waanti ani dubbadhe ga’aa ta’uu danda’a. Kunoo, caaffanni qulqulluun isin dura jiru; isin isaaniin kan jal’istan yoo ta’e inni badiisa ofii keessaniif in ta’u.

21 Akkasumas amma kun erga ta’ee booddee, yeroo Almaan dubbiiwwan kana isaanitti dubbatetti, inni harka isaa gara isaaniitti diriirsee sagalee jabaadhaan akkas jechuudhaan, in iyye: Guyyaan fayyinaa waan dhiyaateef, yaada garaa geeddarrachuuf yeroon isaa amma;

22 Eeyyee, akkasumas sagaleen Gooftaa, afaan ergamtootaatiin, saba hundumaatti labsa; eeyyee, in labsa, misiraachoo gammachuu guddaa akka qabaataniif; eeyyee, akkasumas inni misiraachoo kana saba isaa hundumaa gidduutti, eeyyee, warra biyya lafaa irra faffaca’anii jiranitti illee in dhageessisa; kanaafuu isaan gara keenya dhufaniiru.

23 Akkasumas, akka nuyi hubannuuf, akka nuyi dogoggoruu hin dandeenyeef, dubbii ifaadhaan akka nuyi isaan beeknu godhameera; akkasumas kunis nuyi biyya ormaa keessa warra jooran ta’uu keenya irraa kan ka’eedha; kanaafuu, nuyi akkasittiin jaalala guddaa arganneerra, sababni isaas nuyi misiraachoo kunneen iddoo dhaaba wayinii keenya hundumaa keessatti nutti labsamaniiru.

24 Kunoo, ergamoonni yeroo ammaa kanatti biyya keenya keessatti namoota baay’eetti labsaa jiru; Akkasumas, kaayyoon kanaa yeroo inni ulfina isaatiin dhufuutti dubbii isaa akka fudhataniif garaa ilmaan namaa qopheessuudhaafiidha.

25 Akkasumas amma, nuyi oduu gammachiisaa isa afaan ergamtootaatiin nutti labsame, dhufaatii isaa dhaga’uu qofa eegganna; yerichi dhufaa jira, nuyi akkamittiin akka ariifatu hin beeknu. Utuu Waaqayyoo guyyoota kootti godhee natti tola; garuu dafees ta’ee yookiin turees yoo ta’e haa ta’u, ani itti nan gammada.

26 Akkasumas, kun afaan ergamootaatiin, yeroon dhufaatii isaa, akka hafuura raajii isa isaan keessa tureetti, waa’ee isaa ilaalchisanii waantonni isaan dubbatan, dubbiiwwan abbootii keenyaa akka raawwatamaniif, namoota warra qajeelotaa fi dhugaa ta’anitti in beeksifama.

27 Akkasumas amma, obboloota koo, isin dubbiiwwan koo akka dhaggeeffattaniif, akkasumas cubbuuwwan keessan of irraa akka darbitaniif, akkasumas guyyaa yaada garaa geeddarannaa keessaniis akka isin hin dheeressineef, eeyyee, hamma dhiphachuutti yaaddoo guddaadhaan ani garaa koo irraa nan hawwa.

28 Isin garuu Gooftaa duratti akka gadi of deebiftaniif, akkasumas maqaa isaa isa qulqulluu akka waamtaniif, akkasumas itti fufiinsaan akka kadhattanii fi akka dammaqxan, isin waanta dandamachuu dandeessan caalaas akka hin qoramneef, isin warra gadi of deebisan, warra garraamii, warra abboomaman, warra obsan, warra jaalalaan guutamanii fi warra dandamatan akka taataniif kan Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamtan ta’aa.

29 Gooftaa irratti amantii qabaadhaa; isin jireenya bara baraa akka argattan abdii qabaadhaa; guyyaa isa dhumaattis ol kaafamtanii gara boqonnaa isaatiitti akka galtaniif, jaalala Waaqayyoo yeroo hundumaa garaa keessan keessatti qabaadhaa.

30 Akkasumas, isin dheekkamsa isaa of irratti akka hin fidneef, fuuncaa si’ooliinis akka hin hidhamneef, du’a isa lammaffaadhaanis akka hin dhiphanneef, Gooftichi yaada garaa geeddarannaa isiniif haa kennu.

31 Akkasumas, Almaan dubbiiwwan macaafa kana keessatti hin barreeffamne kan biroobaay’ee dabalataan sabichattidubbateera.