Caaffata qulqullaa’aa
Almaa 16


Boqonnaa 16

Warri Laamaan saba Ammoonihaa in balleessan—Zoraam warri Nefii warra Laamaan irratti moo’icha akka isaan argataniif isaan in geggeesse—Almaa, Amuleeqii fi kanneen biroo baay’een dubbicha in lallaban—Isaan Kiristoos erga du’aa ka’een booda warra Nefiitti akka inni mul’atu in barsiisan. Naannoo bara 81–77 Dh.K.D.

1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, abboonni firdii saba Nefii irratti mo’anii waggaa kudha tokkoffaa ji’a isa lammaffaa guyyaa shanaffaa isaatti, biyya Zarahemlaa keessatti nagaa baay’ee qabu bu’ee ture, walitti bu’iinsas ta’ee lolli waggoota muraasaaf hin turre, haa ta’u malee waggaa kudha tokkoffaa ji’a isa lammaffaa guyyaa shanaffaatti guutummaa biyyichaa keessatti illee iyyi lolaa in dhaga’ame.

2 Kanaafis kunoo, loltoonni warra Laamaan karaa lafa onaatiin gara daangaawwan biyyichaa, gara magaalaa Amonihaa illee galanii, akkasumas namoota ajjeesuu fi magaalattiis balleessuu in jalqaban.

3 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, warri Nefii isaaniin biyyicha keessaa akka baasaniif loltoota ga’aa walitti qabuu isaaniin dura, isaan namoota warra magaalaa Amoonihaa keessa turan, akkasumas immoo namoota muraasa naannoo daangaa Nohiitti argaman ajjeesanii turan, akkasumas warra kaaniinis booji’anii gara lafa onaa in geessan.

4 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, warri Nefii warra booji’amanii gara lafa onaatti geeffamanii turan argachuu in barbaadu turan.

5 Kanaafuu, inni ajajaa angafaa ta’uudhaan loltoota warra Nefii geggeessuuf muudame, (akkasumas inni maqaan isaa Zooram jedhama ture, akkasumas inni ilmaan dhiiraa, Lehii fi Ahaa jedhaman lama qaba ture)—Amma Zooramii fi ilmaan isaa lamaan, Almaanis luba olaanaa waldichaa akka ta’e utuu beekanii, akkasumas inni hafuura raajii qabaachuu isaa dhaga’uu isaaniitiin, kanaafuu obboloota isaanii warra Laamaaniin booji’amanii gara lafa onaatti geeffaman barbaaduuf karaa kamiin deemuu akka qaban Gooftaan akka itti himuuf isa bira dhaqanii in gaafatan.

6 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Almaanis dhimma kana ilaalchisee Gooftaa in gaafate. Akkasumas, Almaan gara isaaniitti deebi’uudhaan akkas isaaniin in jedhe: Kunoo, warri Laamaan lafa onaa keessaan gara kibbaatti daangaa biyya Maantiitiin fagoo gamatti laga Sidooniin in ce’u. Akkasumas kunoo, isin gara baha laga Sidoonitti isaan wajjin wal qunnamtu, akkasumas Gooftaan obboloota keessan kan warra Laamaaniitiin booji’aman dabarsee isinitti in kenna.

7 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Zooramii fi ilmaan isaa loltoota isaanii wajjin laga Siidoon in ce’an, akkasumas karaa qarqara Maantiin bira darbanii gara lafa onaa irraa kallattii kibbaatiin, isa laga Siidooniin gara bahaatti argamuun in imalan.

8 Akkasumas, isaan loltoota warra Laamaan haleeluu in jalqaban, akkasumas warri Laamaan gara lafa onaa keessa faffaca’anii baqataniis turan; akkasumas isaan obboloota isaanii kan warra Laamaaniin booji’amanii turan in fudhatan, akkasumas lubbuun warra boojuu jala turanii keessaa tokko illee hin banne ture. Akkasumas, isaan obboloota isaaniitiin gara biyya ofii isaanii akka qabataniif in fidaman.

9 Akkasumas, waggaan kudha tokkoffaan abbootii firdii akkasitti in xumurame, warri Laamaan biyyicha keessaa waan baafamaniif, akkasumas sabni Amoonihaa ajjeefamanii turan; eeyyee, warra Amoonihaa keessaa kan lubbuun turan hundinuu ajjeefamanii turan, akkasumas magaalaan isaanii ishee guddittiin illee, isaan sababa guddummaa isheetiif, Waaqayyo iyyuu ishee balleessuu hin danda’u jedhan illee balleeffamtee turte.

10 Garuu kunoo, guyyaa tokkotti ona taatee hafte; akkasumas reeffonnis saroota fi bineensota bosonaan cicciramanii turan.

11 Haa ta’u malee, guyyoota baay’ee booda reeffi isaanii biyya lafaa irra in tuulame, akkasumas isaan haguuggii gadi fagoo hin taaneen haguugamanii turan. Akkasumas amma, fooliin isaa waan baay’ee ajaa’eef namoonni biyya Amoonihaa waggoota dheeraadhaaf lafa sana qabachuu hin dandeenye ture. Akkasumas, taateen kuni ‘Diigamuu Nehoor’ jedhamee waamama ture, sababiin isaas isaan amantii Nehoor isa ajjeefamee turee warra hordofan turan; akkasumas biyyi isaaniis ona taatee in hafte.

12 Akkasumas, warri Laamaan abboonni firdii saba Nefii irratti mo’anii hamma waggaa kudha afuraffaatti deebi’anii lolaaf gara saba Nefii hin dhufne. Akkasumas, akkasittiin waggoota sadiif guutummaa biyya saba Nefii keessatti nagaa itti fufiinsa qabu in qabaatan.

13 Akkasumas, Almaa fi Amuleeq sabichatti akka yaada garaa geeddaratuuf manneen qulqullummaa isaanii keessatti, akkasumas iddoo qulqullaa’oo isaanii keessatti, akkasumas immoo waldaa isaanii kan akka seera Yihuudotaatti ijaaramee ture sana keessatti lallabuudhaaf in deeman.

14 Akkasumas, warra dubbiiwwan isaanii dhaga’uu barbaadan hundumaatti, dubbii Waaqayyoo loogii malee itti fufiinsaan namootaaf in qoodan.

15 Akkasumas, Almaa fi Amuleeq, akkasumas immoo namoonni biroo baay’een hojii kanaaf filatamanis, dubbii kana guutummaa biyyichaa hundumaa keessatti lallabuuf in adeeman. Akkasumas, waldichis guutummaa biyyichaa keessatti, naannoo naannawa sanatti argaman hundumaa keessattis, saba Nefii hundumaa gidduuttis in hundeeffame.

16 Akkasumas, isaan gidduus garaagarummaan hin turre; Gooftaanis sammuu ilmaan namaa qopheessuuf yookiin yeroo dhufaatii isaatitti dubbii isaan gidduutti barsiifamuu qabu fudhachuuf garaa isaanii qopheessuuf Hafuura isaa biyya lafa hundumaa irratti in dhangalaase—

17 Kunis tarii isaan dubbii isaa akka hin fudhachuu hin didne, tarii akka isaan warra hin amanne hin taaneef, akkasumas gara badiisaattis akka hin deemneef, garuu akka isaan dubbicha gammachuudhaan fudhataniif, akkasumas akka dameettis muka wayinii isa dhugaa wajjin akka walitti galfamaniif, isaanis gara boqonnaa Waaqayyo Gooftaa isaaniitti akka galaniifiidha.

18 Amma luboonni warri saba gidduutti ba’anii soba hundumaa, akkasumas gowwomsaa, akkasumas hinaaffaa, akkasumas wal-dhabdee, akkasumas hammeenya, akkasumas arrabsoo, akkasumas hanni, saamichi, saamichi yeroo waraanaa, akkasumas ajjeechaan, akkasumas ejjuun, akkasumas sagaagalummaa gosti hundinuu raawwatamuu akka hin qabne iyyuudhaan in lallaban—

19 Waa’ee waantota yeroo dhiyootti dhufuuf jiranii in labsan; eeyyee, dhufaatii Ilma Waaqayyoo, dhiphinaa fi du’a isaa, akkasumas immoo du’aa ka’uu warra du’aniis in labsan.

20 Akkasumas, iddoon itti Ilmi Waaqayyoo itti dhufu eessa akka ta’e namoonni hedduu in gaafatan; akkasumas isaan inni du’aa ka’uu isaa booda isaanitti akka mul’atu barsiifamanii turan; akkasumas namoonni kunneen gammmachuu fi gammachuu guddaadhaan dhaggeeffatanii turan.

21 Akkasumas, erga waldattiin guutummaa biyyichaa hundumaa keessatti hundeeffamtee, daabiloosiin irrattis erga moo’icha argatanii booda, akkasumas dubbiin Waaqayyoo qulqullummaa isaatiin biyya hundumaa keessatti in lallabame, akkasumas Gooftaan eebba isaa sabicha irratti in dhangalaase—barri abboonni firdii saba Nefii irratti mo’an waggaan kudha afuraffaan akkasittiin in xumurame.