Caaffata qulqullaa’aa
Almaa 8


Boqonnaa 8

Almaan Meleeq keessatti in lallabe, akkasumas in cuuphe—Inni Amoonihaatti fudhatama hin arganne, akkasumas ba’ees in adeeme—Akka inni deebi’uu fi waa’ee yaada garaa geeddarannaa boo’uudhaan sabichatti akka inni dubbatu ergamaan isa abboome—Inni Amuleqiin in simatame, akkasumas lamaan isaaniis Amoonihaa keessatti in lallaban. Naannoo bara 82 Dh.K.D.

1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Almaan waantota barreeffamuu hin dandeenye baay’ee saba Gidewoonitti erga dubbatee booda, akkuma Zarahemlaatti godhee ture sanatti sirna waldichaa erga hundeessee booda biyya Gidewoon irraa in deebi’e, eeyyee, hojii inni hojjete irraa ofii isaa boqochiisuuf gara mana ofii isaatii isa Zarahemlaa jiruutti in deebi’e.

2 Akkasumas, waggaa sagalaffaan nabboonni firdii saba Nefii irratti mo’anii akkasittiin in xumurame.

3 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, abboonni firdii saba Nefii irratti mo’anii jalqaba waggaa kudhanaffaa keessa, Almaan achii bahee adeemuun, akkasumas adeemsa isaa gara lixa laga Siidoonitti, gara daangaa lafa onaa biraan karaa lixaan gara Meeleeqitti in adeeme.

4 Akkasumas, inni saba biyya Meeleeqiin akkaataa sirna qulqqulluu isa kan Waaqayyoo, isa inni ittiin waamameetti barsiisuu in jalqabe; akkasumas inni saba guutummaa biyya Meeleeqiin keessaa jiran hundumaa barsiisuu in jalqabe.

5 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, namoonni karaa daangaa biyya isa lafa onaa hundumaan jiraatan hundinuu gara isaatti in dhufan. Akkasumas, guutummaa biyyichaa keessa kan jiraatan hundinuus in cuuphaman;

6 Kanaafuu, inni hojii isaa Meeleeqiin keessaa erga xumuree booda achii ba’ee guyyoota sadiif gara kaaba biyya Meeleeqitti in adeeme; akkasumas inni gara magaalaa isa Amoonihaa jedhamu tokkotti in dhufe.

7 Amma lafa isaanii, fi magaalota isaanii, akkasumas gandoota isaanii, eeyyee, gandoota isaanii xixiqoo hundumaa illee, maqaa nama isa jalqaba isaan qabateetiin waamuun aadaa saba Nefii ture; akkasumas akkasittiin biyya Amoonihaas wajjinakkasuma ta’ee ture.

8 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Almaan yommuu gara biyya Amoonihaatti dhufetti dubbii Waaqayyoo isaanitti lallabuu in jalqabe.

9 Amma Seexanni garaa namoota magaalaa Amoonihaa guddaa jabeessee qabatee ture; kanaafuu isaan dubbiiwwan Almaa dhaggeeffachuu hin barbaadnne.

10 Haa ta’u malee, Almaan namoota magaalattii keessa jiraatan irratti Waaqayyoo Hafuuraisaa akka dhangalaasuuf, kadhannaa cimaadhaan Waaqayyoo wajjin wal’aansoo wal qabaa ture; inni yaada garaa geeddarannaa isaaniitti akka isaan cuuphuuf Hafuuraanis baay’ee in hojjete.

11 Haa ta’u malee, akkas isaan jechuun isaan laphee isaanii jabeessan: Kunoo, nuyi ati Almaa ta’uu kee in beekna; akkasumas ati akka aadaa keetiitti, waldaa bakka baay’ee biyyattii keessatti hundeessite irratti angafa lubaa ta’uu kee in beekna; akkasumas nuti immoo waldaa kee keessaatii miti, akkasumas nuti aadaa gowwummaa akkasiittis hin amannu.

12 Akkasumas amma, nuyi waldaa kee irraa waan hin taaneef akka ati nu irratti aangoo hin qabne in beekna; akkasumas teessoo firdii sanaas dabarsitee Nefiihahaadhaaf kenniteetta; kanaafuu ati nu irratti abbaa firdii ol aanaa hin taatu.

13 Amma yeroo sabichi kana jedhaniidubbii isaa hundumaa erga mormanii, akkasumas isaan erga isa arrabsanii, isaan isa irrattis erga tufanii, inni magaalaa isaanii keessaas baafamee akka gatamu erga godhanii booda, inni bakka sanaa gadi dhiisee in adeeme akkasumas gara magaalaa isa Aaroon jedhamtutti deemsa isaa in jalqabe.

14 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, sababa jal’ina saba magaalaa Amoonihaa keesa jiraataniitti gaddee, baay’ee gadadamee, lubbuun isaa garmalee dhiphatee utuu inni gara bakka sanaa adeemaa jiruu, utuu Almaan akkasittiin ba’aa gadda baatee jiruu ergamaan Waaqayyoo isatti mul’atee akkas in jedheen:

15 Almaa, ati kan eebbifamteedha; kanaafuu, mataa kee ol qabadhu akkasumas gammadi, ati gammaduuf sababa guddaa waan qabduuf; sababni isaa ati yeroo ergaa kee jalqabaa isa irraa fudhattee irraa jalqabdee abboommota Waaqayyoo eeguu irratti amanamaa turte. Kunoo, ani isa sana siif kenneedha.

16 Akkasumas kunoo, ati gara magaalaa Amoonihaatti akka deebituuf, akkasumas ammas saba magaalichaatti akka lallabduuf ani si abboomuuf ergameera; eeyyee, isaanitti lallabi. Eeyyee, isaan yoo yaada garaa isaanii geeddaratan malee Waaqayyo Gooftaan isaan in balleessa, isaaniin jedhi.

17 Kunoo, akkaataa seerrata, firdiiwwanii, fi abboommota inni saba isaaf kennee ture faallessuun isaan bilisummaa saba kee balleessuuf yeroo kanatti qo’annoo gochaa jiru (Gooftaan akkas waan jedheef).

18 Amma kun erga ta’ee booddee Almaan ergaa isaa ergamaa Gooftaa irraa erga fudhatee booda ariitiidhaan gara biyya Amoonihaatti deebi’e. Akkasumas inniskaraa biraatiin, eeyyee, karaa kibba magaalaa Amoonihaatiin magaalattii seene.

19 Akkasumas, iakkuma inni magaalattii keessa seeneen beela’ee ture, akkasumas inni nama tokkoon akkas jedhe: Nama Waaqayyoon tajaajilu isa gadi of deebisu tokkoof waan inni nyaatu in kennituuree?

20 Akkasumas, namichis akkas isaan jedhe: Ani warra Nefiiti, akkasumas ati raajii qulqullaa’aa Waaqayyoo akka taate nan beeka, ati namicha ergamaan tokko mul’ataan akkas jedhe: Ati in simatta. Kanaafuu, ati anaa wajjin gara mana kootii adeemi akkasumas ani nyaata koo sii wajjin nan hirmaadha; akkasumas ati anaa fi mana kootiif eebba akka taatu nan beeka.

21 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, namichi gara mana isaatiitti isa in simate; akkasumas maqaan namicha sanaas Amuleeq jedhama ture; akkasumas inni daabboo fi foon fidee akkasumas fuula Almaa dura in kaa’e.

22 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Almaanis daabboo sana fudhachuudhaan in nyaate akkasumas in quufe; akkasumas inni Amuleeqii fi mana isaa in eebbise, akkasumas inni Waaqayyoof galata in kenne.

23 Akkasumas inni erga nyaatee quufee booda Amuleeqiin akkas in jedhe: Ani Almaadha, akkasumas ani angafa lubaa waldaa Waaqayyoo isa guutummaa biyyichaa keessatti argamuuti.

24 Akkasumas kunoo, ani akka hafuura mul’ataa fi raajiitti, saba kana hundumaa gidduutti dubbii Waaqayyoo akkan lallabuuf waamameera; akkasumas ani biyya kana keessan ture, akkasumas isaan nan simachuu hin barbaanne, garuu isaan gadi na baasanii na darbatan, akkasumas anis biyya kana irratti bara baraan dugda koo kennuufan ture.

25 Garuu kunoo, ani ammas akkan deebi’uu fi saba kanatti akkan raaju eeyyee, akkasumas jal’ina isaanii ilaalchisee akkan isaan irratti dhugaa ba’uuf abboomameera.

26 Akkasumas amma, Amuleeq, ati sababa na nyaachifteef, akkasumas gara mana keetti waan na simatteef, ati kan eebbifamteedha; sababni isaas ani guyyoota baay’ee soomuu koo irraa kan ka’e, ani beela’een ture.

27 Akkasumas, Almaan namootatti lallabuu utuu hin jalqabin dura guyyoota baay’eef Amuleeqii bira in ture.

28 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, namoonni jal’ina hojjechuutti baay’ee dabalaa g in adeeman.

29 Akkasumas sagaleenis akkas jechuun gara Almaatti in dhufe: Deemi; akkasumas immoo hojjetaa koo Amuleeqiinis, gara saba kanaa deemii akkasumas akkas jechuun, raajii dubbadhu jedhiin—Isin yaada garaa geeddaradhaa, eeyyee, Gooftaan isin yoo yaada garaa geeddarattan malee, saba kana dheekkamsa kootiin nan daawwadha jedheera, eeyyee, dheekkamsa koo isa jabaas isaan irra hin deebisu.

30 Akkasumas, Almaa fi Amuleeqsabicha gidduutti sagalee Waaqayyoo isaaniif labsuuf in deeman; akkasumas isaan Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii turan.

31 Akkasumas hamma isaan mana hidhaa lafa jalaa keessatti hidhamuu hin dandeenyetti, humni isaaniif in kenname; namni tokko illee isaan ajjeesuu hin danda’u ture; haa ta’u malee isaan hidhamanii hamma mana hidhaatti darbatamaniitti aangoo isaaniitti hin fayyadamne ture. Amma kun kan raawwatameef Gooftaan humna isaa isaan keessaan akka mul’isuuf ture.

32 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, akka humnaa fi hafuura Gooftaan isaaniif kennee turetti, isaan gara fuula duraatti adeemanii sabichatti lallabuu fi raajii dubbachuu in jalqaban.