Caaffata qulqullaa’aa
Almaa 6


Boqonnaa 6

Waldaa inni Zarahemlaa keessaa jiru qulqullaa’ee sirnaan kaa’ameera—Almaanis lallabuuf gara Gidewoniitti in adeeme. Naannoo bara 83 Dh.K.D.

1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Almaan haasaa isaa saba waldichaa, isa biyya Zarahemlaatti hundeeffamee turetti dubbatee erga xumureen booda, inni akka sirna Waaqayyootti akka waldicha to’atanii fi akka tiksaniif, harka irra kaa’uudhaan lubootaa fi jaarsolii in muude.

2 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, namoonni miseeensa waldichaa hin taarre kan cubbuu isaaniitiif yaada garaa geddeerratanii cuuphaman gara waldaatti in fudhatamanii ture.

3 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, warri miseensa waldichaa ta’an kan hammeenyaisaanii irraa yaada garaa hin geeddaranne hundinuu fi warri fuula Waaqayyo duratti gadi of hin deebifne—warra garaa isaaniitiin ol of kaasan jechuu kooti—isaan kunneen fudhatama dhabee, akkasumas maqaan isaaniis haqameera, maqaan isaanis kan warra qajeelota wajjin hin lakkaa’amne ture.

4 Akkasumas, isaan akkasittiin magaalaa Zaraheemlaa keessatti sirna Waldicha hundeessuu in jalqaban.

5 Amma ani dubbiin Waaqayyoo hundumaaf bilisa akka kenname akka isin hubattan nan barbaada, eenyu illee sagalee waaqayyoo dhaga’uuf mirga ofii isaanii walitti sassaabuu isaanii kan dhoowwaman tokkoyyuu hin jiran.

6 Haa ta’u malee, ijoolleen Waaqayyoo yeroo hundumaa ofii isaaniin akka walitti qabaman, akkasumas walitti dhufanii waa’ee fayyina lubbuu warra Waaqayyoon hin beekneetiif jecha soomaa fi kadhannaa jabaa irratti akka hirmaatan abboomamaniiru.

7 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Almaan qajeelfama kana erga labsee booda isaaniin gargar bahee erga adeemee booda, eeyyee, waldaa isa magaalaa Zarahemlaa keessa turte irraa, akkasumas gara baha laga Siidoon irraan ce’ee gara magaalaa Gidewoon jedhamtee waamamtu turte kan maqaan ishee nama harka Nehooriin billaadhaan ajjeefame Gidewoon jedhamu irraa mooggaafamte kan dachaa Gidewoon keessatti ijaaramtee turte keessa in seene.

8 Akkasumas, Almaan waldaa akka mul’ata dubbii dhugaa abbootii keenyaan dubbatamaniitti, hafuuraa raajummaa isa keessa tureetti, akkaataa dhuga baatii Yesuus Kiristoos, Ilma Waaqayyoo, kan saba isaa cubbuu irraa furuuf dhufuuttii fi akkaataa sirna qulqulluu inni ittiin waamameetiin waldaa dachaa Gidiewoon keessatti hundeeffamteetti sagalee Waaqayyoo dhaqee labsuu in jalqabe. Akkasums, akkasitti barreeffameera. Ameen.