Caaffata qulqullaa’aa
Almaa 15


Boqonnaa 15

Almaa fi Amuleeq gara Sidoom in adeeman, akkasumas waldaa in hundeessan—Almaanis Zeezrom isa kan Waldaatti dabalame sana in fayyise—Baay’eenis in cuuphaman, akkasumas Waldattiinis in badhaate—Almaa fi Amuleeqis gara Zarahemlaatti in adeeman. Naannoo bara 81 Dh.K.D.

1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Almaa fi Amuleeqis magaalaa sana keessaa akka ba’anii adeemaniif abboomamanii turan; akkasumas isaan gadi dhiisanii in ba’an, akkasumas achiis ba’anii gara biyya Sidoomittis in dhufan; akkasumas kunoo, isaan namoota warra dubbii Almaatti amanuu isaanii irraa kan ka’e ari’atamanii fi dhagaan rukutamanii biyya Amoonihaa keessaa ba’anii turan hundumaas in argan.

2 Akkasumas, isaanis waan haadholii manaa isaanii fi ijoollee isaanii irratti raawwatame hundumaa, akkasumas immoo waa’ee ofii isaanii fi waa’ee humna isa isaan ittiin bilisa ba’anii isaanitti in himan.

3 Akkasumas, Zeezrom Sidoomitti dhaqna gubaan dhukkubsatee in ciise, kunis sababa jal’ina sammuu isaa irraa kan ka’e, inni Almaa fi Amuleeq kana booda akka hin jiraanne tilmaamuu isaatiin ture; akkasumas inni isaanis sababa jal’ina isaatiin waan isaan ajjeefamanis itti in fakkaate. Akkasumas, cubbuun guddaan kun, akkasumas cubbuuwwan isaa baay’een kan biroonis, fayyina osoo hin argatin, hamma sammuun isaa garmalee dhukkubsatutti in dhiphate; kanaafuu ho’a gubaatiin gubachuu in jalqabe.

4 Amma inni Almaa fi Amuleeq biyya Sidoom keessa jiraachuu isaanii yommuu dhaga’etti, garaan isaa jajjabina argachuu in jalqabe; akkasumas inni akka isaan gara isaa dhufan fedhee ariitiidhaan ergaa isaanitti in erge.

5 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaanis ergaa inni isaaniif ergeef abboomamuudhaan battaluma sanatti gara isaa in adeeman; akkasumas isaan gara mana Zeezrom in seenan; akkasumas isaan inni dhukkubsatee, dhukkuba dhaqna gubaatiin baay’ee dadhabee, siree isaa irra ciisee utuu jiruu isa in argan; akkasumas immoo sababa jal’ina isaatiinis sammuun isaa garmalee dhukkubsatee ture; akkasumas inni yeroo isaan argetti harka isaa gara isaaniitti diriirsee, akkasumas akka isaan isa fayyisaniif isaan in kadhate.

6 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Almaanis harka isaatiin isa qabuudhaan, akkas isaan in jedhe: Ati humna Kiristoos isa fayyisutti in amantaaree?

7 Akkasumas, inni deebisee akkas in jedhe: Eeyyee, ani dubbiiwwan ati barsiifte hundumaatti nan amana.

8 Akkasumas, Almaanis: Ati furii isa kan Kiristoositti yoo amanteef ati fayyuu in dandeessa.

9 Akkasumas, inni akkas in jedhe: Eeyyee, ani akka dubbiiwwan keetiitti nan amana.

10 Akkasumas isa booddee, Almaan akkas jechuudhaan, gara Gooftaatti in iyye: Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya, araara kee nama kana irratti buusi, akkasumas akka amantii isaa isa inni Kiristoosiin irratti qabuuttis isa fayyisi.

11 Akkasumas, Almaan dubbiiwwan kana yommuu dubbatetti, Zeezrom utaalee miila isaatiin in dhaabbate, akkasumas deemuus in jalqabe: akkasumas kunis saba hundumaaf ajaa’ibsiifannaa guddaa ture; akkasumas beekumsi kunis biyya Sidoom hundumaa keessatti in babal’ate.

12 Akkasumas, Almaanis Zeezromiin gara Gooftaatti in cuuphe; akkasumas inni yeroo sana irraa jalqabee namootatti lallabuu jalqabe.

13 Akkasumas, Almaan biyya Sidoom keessatti waldaa in hundeesse, akkasumas nama cuuphamuu barbaadu kamiyyuu gara Gooftaatti akka isaan cuuphaniif lubootaa fi barsiisota biyyicha keessatti in dibe.

14 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan baay’ee turan; sababni isaa tuutni baay’een naannoo naannawa Sidoom hundumaa keessaa yaa’anii dhufan cuuphamanii turan.

15 Garuu saba warra biyya Amoonihaa keessa turan ilaalchisee, isaan garaa isaanii jabeessanii fi boquu jabaatanii in hafan; akkasumas isaan cubbuuwwan isaaniitiif yaada garaa isaaniis hin geeddaranne, humni Almaa fi Amuleeq irraa dhufe hundinuus kan daabiloosiidha in jedhan; amantiin isaanii isa kan Nehoor waan tureef, akkasumas cubbuuwwan isaaniitiifis yaada garaa isaanii geeddarachuutti hin amanne turan.

16 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Almaa fi Amuleeq, Amuleeq warqee isaa, akkasumas meetii isaa, akkasumas waantota gati-jabeessa ofii isaa hundumaa, kan biyya Amoonihaa keessa turan dubbii Waaqayyootiif dhiisuudhaan, innis warra yeroo tokko michoota isaa turaniin, akkasumas immoo abbaa isaa fi firoota isaan in jibbame;

17 Kanaafuu, Almaan Sidoomitti waldaa erga hundeessee booda, of eeggannoo guddaa, eeyyee, namoonnis of tuulummaa garaa isaanii irraas akka of qusatan in arge, akkasumas Waaqayyoo duratti gadi of deebisuu jalqabanii turan, akkasumas iddoowwan qulqullaa’aa isaaniitti iddoo aarsaa fuul-duratti Waaqayyoon waaqeffachuuf walitti qabamuu in jalqaban; isaan Seexana jalaa, akkasumas du’a jalaa, akkasumas badiisa jalaa akka oolaniif itti fufiinsaan dammaqanii kadhachuu isaanii in arge—

18 Amma akkuma ani dubbadhetti, Almaan waantota kana hundumaa erga argeen booda, kanaafuu inni Amuleeqiin fudhatee gara biyya Zarahemlaatti in dhufe, akkasumas gara mana ofii isaatiittis isa in fudhate, akkasumas rakkinoota isaa keessattis isa in gargaare, akkasumas Gooftaatti isa in jajjabeesse.

19 Akkasumas, abboonni firdii saba Nefii irratti mo’anii waggaa kurnaffaan akkasittiin in xumurame.