Galmee Zeniif—Seenaa saba isaa, isa yeroo isaan biyya Zarahemlaa keessaa ba’anii irraa kaasee hamma yeroo isaan harka warra Laamaaniin jalaa bilisa baafamanitti.
Boqqonnaa 9 hamma 22tti kan of keessatti qabateedha.
Boqonnaa 9
Zeniif garee warra Zarahemlaa irraa biyya Lehii-Nefii qabachuuf in geggeesse—Mootiin warra Laamaan akka isaan biyyicha dhaalaniif in heyyame—Warra Laamaanii fi saba Zeniifiin gidduutti lolli in jira. Naannoo bara 200–187 Dh.K.D.
1 Ani, Zeniif, afaan warra Nefii hundumaan barsiifamee waanan tureef, akkasumas waa’ee biyya Nefii beekumsa ergan qabaadheen booda, yookiin kan biyya dhaala abbootii keenya isa jalqabaa, akkasumas akka loltoonni keenya isaan irratti dhufanii isaan balleessaniif, humna isaanii akkan basaasuuf ani warra Laamaaniin gidduutti akka basaastuutti ergameen ture—garuu yommuu ani waanti isaan gidduu ture gaarii akka ture argetti akka isaan hin balleefamne nan barbaade.
2 Kanaafuu, sababii ani akka mootiin keenya isaanii wajjin waliigaltee godhu barbaadeef, ani obboloota koo wajjin lafa onaa keessatti wal nan falme; garuu inni nama gara-jabeessaa fi nama dhiiga dheebote waan ta’eef akka ani ajjeefamuuf in abboome; garuu ani dhiiga baay’ee dhangala’een baraarameen ture; sababni isaas abbaan abbaa wajjin wal loluun, akkasumas obboleessi obboleessa wajjin wal loluun, hamma loltoonni keenya baay’een lafa onaa keessatti balleeffamanitti lolanii turan; akkasumas nuyi warri hafne, seenaa sana haadha mana isaanii fi ijoollee isaaniitii himuuf gara biyya Zarahmlaatti in deebine.
3 Akkasumas ammas, ani biyya abbootii keenyaa dhaaluuf garmalee hawwee waanan tureef, namoota ol ga’anii biyyicha qabachuu barbaadan baay’ee iwalitti nan qabe, akkasumas ammas gara biyyichaatti ol ba’uuf adeemsa keenya gara lafa onaatti in jalqabne; garuu nuyi beelaa fi rakkina ulfaataadhaan in rukutamne; sababni isaa nuyi Waaqayyo Gooftaa keenya yaadachuutti suuta jennee turre.
4 Haa ta’u malee, nuyi guyyoota baay’eedhaaf lafa onaa keessa erga joorreen booda, iddoo obboloonni keenya itti ajjeefamanii turan, biyya isa kan abbootii keenyaatti isa dhiyoo turetti, dunkaana keenya in dhaabbanne.
5 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, an ammas saba koo wajjin yoon dhaqe nagaadhaan biyya sana qabachuu akkan danda’u beekuudhaaf loltoota koo afurii wajjin gara magaalaatiitti nan gale, akkasumas ilaalcha mootichaa akkan beekuu danda’uuf gara mootichaatti ol nan seene.
6 Akkasumas, ani gara mootichaatti ol nan seene, akkasumas inni akka ani biyya isa kan Lehii-Nefii, fi biyya Shilomiin qabadhuuf kakuu naaf in gale.
7 Akkasumas, inni sabni isaa biyyicha keessaa akka ba’an in abboome, akkasumas anii fi sabni koo biyyatti qabachuuf gara biyya sanaa in seenne.
8 Akkasumas, nuyi gamoowwan ijaaruu, fi dalloota magaalattii, eeyyee, dalloota magaalaa Lehii-Nefiin illee, akkasumas magaalaa Shiiloomiin suphuu in jalqabne.
9 Akkasumas, eeyyee, nuyi sanyiiwwan gosa hundumaa wajjin, sanyiiwwan boqqolloo, akkasumas qamadii, akkasumas garbuu, akkasumas ne’aasiin, akkasumas she’uumiin, akkasumas sanyiiwwan ija gosa hundumaatiin, illee lafa qotuu in jalqabne; akkasumas nuyi biyyattii keessatti baay’achuu fi badhaadhuu in jalqabne.
10 Amma mootichi Laamaan gowwoomsaa fi haxxummaadhaan saba koo gara garbummaatti fiduuf biyya isa nuyi qabannee turre akka nuyi dhaalluuf dabarsee nuuf in kenne.
11 Kanaafuu kun erga ta’ee booddee, turtii waggoota kudha lamaaf biyyicha keessa erga nuyi jiraanne booda mootichi Laamaan tasgabbii dhabuu in jalqabe, kunis akka sabni koo biyyicha keessatti karaa kamiin iyyuu akka hin jabaanneef, akkasumas akka isaan mo’anii garbummaatti isaan galchuu akka hin dandeenyeef ture.
12 Amma isaan saba dhibaa’oo fi warra waaqa tolfamaa waaqeffatan turan; kanaafuu isaan hojii dadhabbii harka keenyaatiin jireenya irraa hafaa akka jiraataniif; eeyyee, isaan karra hoolotaa warra maasii keenyaatiin ofii isaanii akka sooraniif, isaan gabummaatti nu galchuuf barbaadanii turan.
13 Kanaafuu kun erga ta’ee booddee, mootichi Laamaan sabni isaa akka isaan saba koo wajjin walitti bu’aniif tuttuqee kakaasuu in jalqabe; kanaafuu biyyicha keessatti lolli fi walitti bu’iinsi jiraachuu in jalqabe.
14 Sababni isaas, ani biyya isa kan Nefii irratti mo’ee waggaa kudha sadaffaa keessa, karaa kibba biyya isa kan Shiiloomiin irraa fagaatee, yeroo sabni koo hoolota isaanii bishaan obaasaa fi nyaachisaa turanitti, akkasumas lafa isaanii qotaa turanitti, macci loltoota warra Laamaan isaan irratti haleellaa banuun isaan ajjeesuu, akkasumas hoolota isaanii, akkasumas boqqolloo maasii isaanii irraa fudhachuu in jalqaban.
15 Eeyyee, akkasumas kun erga ta’ee booddee, warri hin qabamin, akkasumas hamma magaalaa Nefiitti illee isaan in baqatan, akkasumas akkan ani isaan tiksuuf, na gaafatanii turan.
16 Akkasumas kun erga ta’ee booda, ani xiyyaan, akkasumas hiddaadhaan, billaadhaan, akkasumas eeboodhaan, akkasumas furrisaan, akkasumas bokkuudhaan, akkasumas meeshaa lolaa gosa kan nuyi hojjechuu dandeenyu hundumaan isaan nan hidhachiise, akkasumas ani fi sabni koo warra Laamaaniin loluuf baanee in adeemne.
17 Eeyyee, humna Gooftaatiin nuyi warra Laamaaniin loluuf baanee in adeemne; sababni isaas anii fi sabni koo akka inni harka diinota keenya jalaa nu baasuuf Gooftaatti jabinaan kadhannee turre, sababni isaas nuyi waa’ee bilisa ba’uu abbootii keenyaa yaadachuun dammaqnee ture.
18 Akkasumas, Waaqayyo iyya keenya in dhaga’e, akkasumas kadhannaa keenyaaf deebii nuuf in kenne; akkasumas nuyi humna isaatiin baanee in adeemne; eeyyee, nuyi warra Laamaaniin loluuf baanee in adeemne, akkasumas guyyaa fi halkan tokkotti namoota kuma sadii fi afurtamii sadii in ajjeefne; nuyi hamma biyya keenya keessaa ariinee isaan baafnutti illee nuyi isaaniin in ajjeefne.
19 Akkasumas, ani, ofii kootii, harka kootiin, du’aa isaanii awwaaluudhaaf gargaareera. Akkasumas kunoo, obboloonni keenya dhibba lamaa fi torbaatamii sagal waan ajjeefamaniif, gaddi fi boo’ichi keenya guddaa ture.