Boqonnaa 13
Abinaadiin humna waaqummaatiin in eegame—Inni abboommota kurnan in barsiise—Fayyinni karaa seera Musee qofaan hin dhufu—Waaqayyoo ofii isaatii gatii kaffaltii cubbuu in godha, akkasumas saba isaas in fura. Naannoo bara 148 Dh.K.D.
1 Akkasumas amma, mootichi dubbiiwwan kana yommuu dhaga’etti, inni luboota isaatiin akkas in jedhe: Namicha kana fuudhaatii, akkasumas isa ajjeesaa; inni maraatuu waan ta’eef nuyi maal isa gochuu qabnaree.
2 Akkasumas, isaan ba’anii dhaabbatanii harka isaanii isa irra kaa’uuf in yaalan; garuu inni isaan of irraa in deebise, akkasumas akkas isaaniin in jedhe:
3 Na hin tuqinaa, sababni isaas isin yoo harka keessan ana irra keessan Waaqayyo isiniin in rukuta, sababni isaas ani ergaa Gooftichi akkan dabarsuuf na ergee hin dabarsine; ani waanta isinitti akkan himuuf Gooftaan na erge hin dabarsine, akkasumas waanta akka isnitti himuuf isin nagaafattanis isinitti hin himne; kanaafuu, Waaqayyo yeroo kanatti akka ani baduuf hin heyyamu.
4 Garuu ani abboommota Waaqayyo na abboome raawwachuutu na irra jira; akkasumas sababii ani dhugaa isinitti dubbadheef isin natti aartaniittu, akkasumas ammas, sababii ani dubbii Waaqayyoo isinitti dubbadheef waan akka ani maraadheetti natti faraddaniittu.
5 Amma kun erga ta’ee booddee, Abinaadiin dubbiiwwan kana erga dubbateen booda sabni mooticha Nohii harka isaanii isa irra kaa’uuf ija hin jabaanne, sababni isaas Hafuurri Gooaa isa irra ture; akkasumas akkuma Museen yeroo gaara Siinaa irra ture, yeroo Gooftaa wajjin haasa’aa ture ta’etti illee, fuulli isaas ifa garmalee in ibse.
6 Akkasumas, innis humnaa fi haboo Waaqayyo biraatiin in dubbate; akkasumas inni akkas jechuun, dubbiiwwan isaa itti in fufe.
7 Isin na ajjeesuuf humna akka hin qabne argitaniittu, kanaafuu ani ergaa koo nan xumura. Eeyyee, akkasumas ani waa’ee jal’ina keessanii dhugaa jiru waanan isinitti himuuf isin garaa keessan akka kutattan ani nan hubadha.
8 Eeyyee, akkasumas dubbiiwwan koos aariidhaan, akkasumas ajaa’ibsiifannaa fi dinqisiifannaadhaan isin guuteera.
9 Garuu ani ergaa koo nan xumura; akkasumas ani kanan fayyu yoo ta’e, ani kana booda eessa yoon deeme iyyuu rakkoo hin qabu.
10 Garuu ani hamma kana isinitti nan hima; waanti isin kana booda ana irratti gootan, waantonni dhufuuf jiraniif akka fakkeenyaa fi akka gaaddidduu in ta’u.
11 Akkasumas amma, ani abboommota Waaqayyoo warra hafan isiniif nan dubbisa, sababni isaa isaan garaa keessan keessatti akka hin barreeffamne nan hubadha; jireenya keessan keessaa gara caalu akka isin jal’ina qo’attanii fi barsiistan ani nan hubadha.
12 Akkasumas amma, ani akkas isiniin jechuu koo isin in yaadattu: Ati bifa qirixame, yookiin fakkeenya waanta ol waaqa irra jiruu, yookiin gadi lafa irra jiruu, yookiin bishaan keessa lafa jala jiruu tokkoo illee hin tolfatin.
13 Akkasumas ammas: Ati bifa fakkeenyaa kanaaf hin sagadin, isas hintajaajilin sababni isaa ani Waaqayyo Gooftaan kee Waaqayyo isa hinaaffuudha; jal’ina abbootii hamma dhaloota sadii, akkasumas hamma dhaloota afuriittis, ijoollee warra na jibbanii adabbiidhaan nan daaawwadha;
14 Akkasumas, dhaloota warra na jaal’atanii fi abboommota koo eeganitti garuu kumaatama isaaniitti araara koo nan argisiisa.
15 Waaqayyoo Gooftaan nama maqaa isaan akkasumaan fayyadamu qulqulluu hin taasisu waaan ta’eef, ati maqaa Waaqayyoo Gooftaa keetii akkasumaan hin fayyadamin.
16 Guyyaa sanbataa, qulqullinatti eeguudhaaf yaadadhu.
17 Guyyaa ja’a hojii kee hojjedhu, akkasumas hojii kees hundumaa hojjadhu;
18 Garuu guyyaan torbaffaan, sanbanni Waaqayyo Gooftaa keetiiti; ati, ilmi kee, intalli kees, hojjetaan kee, hojjettuun kee, horiin qe’ee kees, keessummaan karra kee keessa jirus hojii tokko illee hin hojjetin;
19 Gooftaan guyyaa ja’a keessatti bantii waaqaa fi lafa, akkasumas galaana, akkasumas waanta isaan keessa jiru hundumaas waan uumeef kanaafuu, Waaqayyo guyyaa sanbataa in eebbise, akkasumas in qulqulleesses.
20 Biyya Waaqayyo Gooftaan kee siif kennu keessa guyyoota dheeraa akka jiraattuuf, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni.
21 Hin ajjeesin.
22 Hin ejjin. Hin hatin.
23 Ollaa kee irratti sobaan dhugaa hin ba’in.
24 Mana ollaa keetii fudhachuudhaaf hin hawwin, ati haadha manaa ollaa keetii, yookiis hojjetaa isaas, hojjettuu isaas, yookiis qotiyyoo isaas, yookiis harree isaas, yookiis waanuma kan isaa ta’e kamiyyuu duraa fudhachuudhaaf hin hawwin.
25 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Abinaadiin dubbiiwwan kana erga isaanitti dubbate xumureen booda akkas isaaniin jedhe: Isin sabni kun abboommota kanneen akka eeguuf waantota kana hundumaas akka raawwataniif barsiiftaniittuuree?
26 Ani isiniin nan jedha, lakkii; isin utuu gootaniittu ta’ee silaa Gooftaan ani dhufee akkasumas waa’ee saba kanaa raajii hamaa akkan dubbadhu hin godhu ture.
27 Akkasumas amma, isin fayyinni karaa seera Museetiin dhufa jettaniittu. Ani seera Musee hamma ammaatti eeguun keessan gaarii akka ta’e isinittin nan hima; garuu yeroon itti seera Musee sana booda eeguun hin barbaachifne akka dhufuuf jiru ani isinitti nan hima.
28 Akkasumas kana malees, ani fayyinni kun seera qofaan akka hin dhufne, isinitti nan hima; akkasumas cubbuuwwanii fi jal’ina saba kanaatiif, Waaqayyo ofii isaatii gatii kaffaltii cubbuu utuu hin goone ta’ee, seerri Musee yoo jiraate iyyuu, isaan baduu qabu.
29 Akkasumas amma, ani akkas isiniin nan jedha; seerri ijoollee Israa’eliif kenname tokko jiraachuun isaa faayidaa isaaniif qaba ture, eeyyee, seera baay’ee cimaa ta’e illee; sababni isaa isaan saba boqu-jabeeyyii turaniif, jal’ina hojjechuuf in ariifatu, akkasumas Waaqayyo Gooftaa isaanii yaadachuuf suuta in jedhu;
30 Kanaafuu, seera hojii raawwachuufi seerri sirnootaa, eeyyee, seerri isaan guyyaadhaa guyyaatii dirqamaeeguu qaban, akkasumas Waaqayyoo fi dirqama isaan isaaf qaban akka yaadatan kan godhu, isaaniif kennamee ture.
31 Garuu kunoo, ani isiniin nan jedha, waantonni kun hundinuu fakkeenyota waantota dhufuuf jiranii in turan.
32 Akkasumas amma, isaan seericha hubataniiruree? Ani isiniin nan jedha, lakkii, isaan hundumtuu seericha hin hubanne; akkasumas kun gara-jabina isaanii irraa kan ka’eedha; sababni isaas isaan karaa furii Waaqayyootiin yoo ta’e malee namni tokko illee fayyuu akka hin dandeenye isaan hin hubanne.
33 Kanaafis kunoo, Museen waa’ee dhufaatii Masihiichaa, akkasumas Waaqayyo saba isaa akka furuu raajii isaanitti hin dubbanneeree? Eeyyee, akkasumas raajonni erga biyyi lafaa uumamee jalqabee raajii isaan dubbatan hundinuu illee—waa’ee waantota kanaa baay‘ees ta’ee yookiin xiqqoo hin dubbanneeree?
34 Isaan Waaqayyo ofii isaatii ilmaan namaa gidduutti, akkasumas bifa namaa uffatee akka gadi bu’uuf jiru, akkasumas humna guddaadhaan biyya lafaa irra dhufee akka deemuuf jiru hin dubbanneeree?
35 Eeyyee, akkasumas immoo du’aa ka’uu warra du’anii akka inni fidu, akkasumas akka inni, ofii isaatii, akka cunqarfamuuf jiruu fi akka dhiphachuuf jirus isaan hin dubbanneeree?