Boqonnaa 22
Sabichi garbummaa warra Laamaaniin jalaa akka miliqaniif karoorri in baafame—Warri Laamaan in macheeffaman—Sabichi miliqee gara biyya Zarahemlaatti in deebi’uun, mooticha Mozaayyaa jalattis in bitame. Naannoo bara 121–120 Dh.K.D.
1 Akkasumas amma kun erga ta’ee booddee, Amoonii fi mootichi Limhiin akkamitti garbummaa jalaa ofii isaanii baasuu akka qaban isaan sabicha wajjin mari’achuu in jalqaban; akkasumas isaan sabni hundinuu illee akka walitti qabaman in godhan; akkasumas isaan waa’ee dhimmichaa irratti sagalee sabichaa qabaachuuf kana in godhan.
2 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan dubartoota isaanii akkasumas ijoollee isaanii, akkasumas hoolota isaanii, akkasumas loowwan isaanii, akkasumas dunkaanota isaanii, fudhatanii gara lafa onaatti adeemuu irraa kan hafe isaan karaa ittiin garbummaa jalaa of baasan argachuu hin dandeenye; sababni isaas warri Laamaan baay’ee waan ta’aniif sabni Limhii isaaniin billaadhaan lolanii, garbummaa jalaa of baasuuf yaaduun isaanii waan hin danda’amne ture.
3 Amma kun erga ta’ee booddee, Giidiwoon ba’ee mooticha dura dhaabbatee, akkasumas akkas isaan in jedhe: Amma yaa mootii, ati hamma ammaatti yeroo nuyi obboloota keenya warra Laamaanii wajjin walitti bu’aa turretti yeroo baay’eedhaaf dubbiiwwan koo dhaggeeffatteetta.
4 Akkasumas amma, yaa mootii, ati garbicha bu’aa hin qabne akka ani hin taane yoo argiteef, yookiin ati hamma ammaatti dubbiiwwan koo haala kamiin iyyuu yoo dhaggeeffatteetta ta’eef, akkasumas ani yeroo kanatti illee dubbiiwwan koo akka ati dhaggeeffattu nan barbaada, akkasumas ani hojjetaa kee ta’ee saba kana garbummaa jalaa nan baasa.
5 Akkasumas, mootichi akka inni dubbatuuf isaaf in heyyame. Akkasumas, Giidiwoon akkas isaan in jedhe:
6 Karaa darbiinsaa isa duubaa, dallaa isa duubaa keessaan, isa magaalattiidhaan gara duubaatti ilaali. Warri Laamaan, yookiin eegdonni warra Laamaan, halkaniinmachaa’aniiru; kanaafuu kottaa nuyi akka isaan hoolota isaanii loowwan isaanii walitti qabanii, halkan gara lafa onatti akka oofaniif saba hundumaa gidduutti labsii in erginaa.
7 Akkasumas, ani akka abboommota keetiitti nan adeema, akkasumas ani gibira wayinii isa dhumaa isaaniif nan kaffala, akkasumas isaan in machaa’u; akkasumas nuyi yeroo isaan machaa’anii firafanitti karaa darbiinsaa isa harka bitaa iddoo buufata isaanii isa dhokataa sanaan in darbina.
8 Akkasitti nuyi dubartoota keenyaa fi ijoollee keenya, hoolota keenya, akkasumas loowwan keenya wajjin gara lafa onaatti baanee in adeemna; akkasumas nuyi gara naannoo biyya Shiiloomittis in adeemna.
9 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, mootichi dubbiiwwan Giidiwooniin in dhaggeeffate.
10 Akkasumas, mootichi Limhiin akka sabni isaa hoolota isaanii walitti qabatan in godhe; akkasumas inni gibira wayinii warra Laamaaniif in erge; akkasumas inni immoo wayinii dabalataa akka kennaatti isaaniif in erge; akkasumas isaan wayinii isa mootichi Limhiin isaaniif erge irraas sodaa malee in dhugan.
11 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, sabni mooticha Limhii halkaniin hoolota isaanii fi saawwan isaanii wajjin gara lafa onaatti ba’anii in adeeman, akkasumas isaan lafa onaa keessaas gara naannoo biyya Shiiloomiitti naanna’anii in adeeman, akkasumas isaan Amoonii fi obboloota isaatiin gaggeeffamanii kallattii adeemsa isaaniis gara biyya Zarahemlaatti in godhatan.
12 Akkasumas, isaan warqee isaanii, akkasumas meetii isaanii, akkasumas waantota gati-jabeeyyii ta’an, akkasumas immoo nyaata isaanii, waan baachuu danda’an hundumaas fudhatanii gara lafa onaatti in adeeman; akkasumas isaan adeemsa isaanii itti in fufan.
13 Akkasumas, isaan guyyoota baay’eedhaaf lafa onaa keessa erga turanii booda biyya Zarahemlaa ga’anii, akkasumas saba Mozaayyaatti in makaman, akkasumas isaafis bitamoo in ta’an.
14 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Mozaayyaan gammachuudhaan isaan in simate; akkasumas inni immoo galmeewwan isaanii, akkasumas immoo galmeewwan isa saba Limhiin argamanii turanis in fudhate.
15 Akkasumas amma kun erga ta’ee booddee, warri Laamaan sabni Limhii halkan sana biyyicha keessaa ba’uu isaanii yommuu beekan, isaan akka isaan hordofaniif loltoota isaanii gara lafa onaatti in ergan;
16 Akkasumas, isaan erga guyyaa lamaaf isaan hordofanii booda, kana caalaas daandii isaanii hordofuus hin dandeenye; kanaafuu isaan lafa onaa keessatti badanii turan.