Caaffata qulqullaa’aa
Mozaayyaa 7


Boqonnaa 7

Amoon biyya warra Lehi-Nefii, iddoo Limhiin mootii ta’e ture in arge—sabni warra Limhii garbummaa warra Laamaaniin keessa jiru—Limhiin seenaa isaanii irra deebi’ee in hima—Raajiin tokko (Abinadiin) Kiristoos Waaqayyoo fi Abbaa waantota hundumaa akka ta’ee dhugaa ba’ee ture—Warri xuraa’ummaa facaasan bubbee haammatu, akkasumas warri amantii isaanii Gooftaa irra ka’aatan in fayyu. Naannoo bara 121 Dh.K.D.

1 Akkasumas ammas, kun erga ta’ee booddee mootichi Mozaayyaan waggoota sadiif nagaa itti fufiinsa qabu erga argateen booda, inni waa’ee namoota biyya isa kan Lehi-Nefii, yookiin magaalaa isa kan Lehii-Nefii keessa jiraachuuf ol ba’anii turanii beekuu in barbaade; sababni isaas sabni isaa yeroo biyya Zarahemlaa keessaa ba’anii jalqabee homaa isaan irraa hin dhageenye; kanaafuu, isaan gaaffiilee isaaniitiin isa in dadhabsiisan.

2 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan keessaa namoota jajjaboo kudha ja’a gara biyya warra Lehi-Nefiitti akka ol ba’anii, waa’ee obboloota isaanii akka gaafataniif mootichi Mozaayyaan in heyyame.

3 Akkasumas kun erga ta’ee booddee borumtaa isaas nama jabaa fi cimaan sanyii biyya Zarahemlaa ta’e, Amoon jedhamu tokko isaanii wajjin fudhatanii ol adeemuu in jalqaban; akkasumas immoo inni geggeessaa isaanii ture.

4 Akkasumas ammas, isaan gara biyya isa kan Lehii-Nefiitti ol ba’uuf kallattii ittiin lafa onaa keessa adeemuu qaban iyyuu hin beekan turan; kanaafuu isaan guyyoota baay’eedhaaf lafa onaa keessa in jooran, isaan guyyoota afurtamaaf illee in jooran.

5 Akkasumas, isaan guyyoota afurtamaaf erga jooranii booda isaan gara tulluu biyya Shiiloom irraa gara kaabaatti argamu tokkoo in dhufan, akkasumas isaan achi dunkaana isaanii in dhaabbatan.

6 Akkasumas, Amoon obboloota isaa keessaa sadii in fudhate, akkasumas maqaan isaaniis Amaleeqii, Heeleem, fi Heem ture, akkasumas isaan gara biyya isa kan Nefiitti gadi in bu’an.

7 Akkasumas kunoo, isaan mootii isa saba biyya Nefii, akkasumas biyya Shiiloomiin ta’ee wajjin wal in argan; akkasumas isaan eegdota mootichaatiin marfamanii turan, akkasumas qabamanii turan, akkasuma hidhamanii turan, akkasumas mana hidhaattis darbatamanii turan.

8 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan guyyoota lamaaf mana hidhaa keessa erga turanii booda isaan ammas mooticha duratti dhiyeefamanii turan, akkasumas hidhaan isaaniis hiikamee ture; akkasumas isaanis mooticha dura dhaabbatanii, akkasumas gaaffii inni isaan gaafachuu qabu akka isaan deebisaniif in heyyamameef, yookiin immoo in abboomaman.

9 Akkasumas, inni akkas isaaniin in jedhe: Kunoo, ani Limhii, ilma Nohii, isa ilma Zenifiin ture, isa biyya Zarahemlaa keessaa ba’ee biyya kana dhaaluuf dhufeeti, biyya isa kan abbootii isaanii turte, isa sagalee ummataatiin mootii ta’ee tureedha.

10 Akkasumas ammas, ani sababii isin ija-jabinaan dallaa magaalattiitti dhiyaattaniif beekuu nan barbaada, yommus ani, ofii kootii, eegdota koo wajjin karraa ala hin turreeree?

11 Akkasumas ammas, sababni ani akka isin eegamtan godheef, ani akkan isin gaafadhuufiidha, yookiin utuu kana ta’uu baate ani akka eegdonni koo isin ajjeesan nan godhan ture. Isin akka dubbattaniif isiniif heyyamameera.

12 Akkasumas amma, Amoon dubbachuun akka isaaf heyyamame yommuu arge, inni gara fuul-duraatti adeemee akkasumas mooticha duratti in sagade; akkasumas inni deebi’ee ka’ee akkas in jedhe: Yaa mootii, ani har’a lubbuun jiraachuu kootiif, akkasumas ani akkan dubbadhuuf waan naaf heyyamameef, ani Waaqayyo duratti baay’een galateeffadha; akkasumas ani ija-jabinaan dubbachuufis nan carraaqa;

13 Ati utuu na beekta ta’ee silaa hidhaa kana akkan hidhamuuf akka ati hin heyyamne mirkaneeffadheen ture. Sababni isaa, ani Amooniidha, akkasumas ani sanyii warra Zarahemlaati, akkasumas waa’ee obboloota keenya kanneen Zeniif biyyicha keessaa baasee ture sanaa gaafachuuf jecha biyya Zarahemlaa keessaa dhufeera.

14 Akkasumas ammas, kun erga ta’ee booddee Limhiin dubbiiwwan Amoon erga dhaga’ee booda, inni garmalee gammadee ture, akkasumas akkas in jedhe: Amma, ani obboloonni koo warri biyya Zarahemlaa keessa turan amma iyyuu lubbuun akka jiran sirriittan beeka. Akkasumas ammas, ani nan gammada; akkasumas guyyaa itti aanutti ani akka sabni koo gammadu immoo nan godha.

15 Kanaafis kunoo, nuyi garbummaa warra Laamaanii jala jirra, akkasumas nuyi gibira kaffaluun ulfaataa ta’ee in kaffalla. Akkasumas ammas, kunoo, obboloonni keenya garbummaa keenya keessaa yookiin harka warra Laamaaniin keessaa nu baasu, akkasumas nuyi garboota isaaniiin taana; sababni isaas, mootii warra Laamaaniif gibira kaffaluu irra, garboota warra Nefii ta’uun keenya gaariidha.

16 Akkasumas ammas, mootichi Limhiin eegdonni isaa kana caalaa Amooniinis ta’e obboloota isaa akka isaan hin hiineef in abboome, garuu gara tulluu isa kaaba Shiiloom jirutti akka adeeman, akkasumas obboloota isaaniis gara magaalattiitti akka fidan, akkasumas akka isaan nyaatanii fi dhuganii, akkasumas dadhabbii imala isaanii irraa boqotan in godhe; sababni isaas isaan waantota baay’eedhaan dhiphataniiru; beela, dheebuu, akkasumas dadhabbiin dhiphatanii turan.

17 Akkasumas ammas, kun erga ta’ee booddee guyyaa itti aanutti mootichi Limhiin akka isaan gara mana qulqullummaatti walitti qabamaniif, dubbiiwwan inni isaanitti dubbatus akka isaan dhaga’aniif, inni saba isaa hundumaa gidduutti labsii in erge.

18 Akkasumas kun erga ta’ee booddee erga isaan walitti qabamanii booda, inni akkas jechuun haala kanaan isaanitti, in dubbate: Isin yaa, saba koo, mataa keessan ol qabadhaa akkasumas jajjabina argadhaa; sababni isaas kunoo, nuyi yeroo kana booda diinota keenyaaf hin bitamnu, wal’aansoon keenya baay’ee ta’aniis, kanneen akkasumaanii turan, yerichi dhiyaateera yookiin fagoo mitii, haa ta’uu malee ani wal’aansoon inni bu’a qabeessi akka hafe nan amana.

19 Kanaafuu, mataa keessan ol qabadhaa, akkasumas gammadaa, akkasumas Waaqayyo isa kan Abrahaamiin, akkasumas isa kan Yisihaaqiin, akkasumas isa kan Yaaqoobiin; akkasumas immoo, Waaqayyo isa ilmaan Israa’eliin biyya Gibxii keessaa baase, akkasumas lafa goggogaa irrattis Galaana Diimaa keessa akka isaan adeeman godhe, akkasumas isa lafa onaa keessatti akka isaan hin badneef mannaan isaan soore; akkasumas isa waantota baay’ee dabalataa isaaniif hojjete irra amanannaa keessan kaa’adhaa.

20 Akkasumas ammas, Waaquma sanatu abbootii keenya biyya Yerusaalem keessaa baase, akkasumas hamma ammaatti illee saba isaa eegee fi oolche; akkasumas kunoo, inni sababii jal’ina keenyaa fi xuraa’ummaa keenyaatiif gara garbummaatti nu galcheera.

21 Akkasumas, Zeniif, inni saba kana irratti mootii ta’e, lafa abbootii isaa dhaaluuf hawwii gar-malee waan qabuuf, malaa fi haxxummaa mooticha Laamaaniin gowwoomfamuu isaatiif, inni gara mooticha Zenifii wajjin walii galtee uumuun, qabeenya kutaa biyyattii tokkoo, yookiin magaalaa isa kan Lehi-Nefii illee; akkasumas magaalaa Shiiloomiin, akkasumas biyya naannoo sanaa tures, harka isaatti dabarsee akka inni kenne isin hundinuu guyyaa har’a dhuga-baatotadha—

22 Akkasumas, sababniinni kana hundumaa godheef, akka sabni kun bitamaniif yookiin gara garbummaatti akka isaan galan qofaafiidha. Akkasumas kunoo, nuyi yeroo ammaa kanatti, hamma midhaan keenyaa keessaa boqolloo walakkaa isaa, akkasumas garbuu keenyaa, akkasumas midhaan keenya hundumaa keessaa gosa hundumaa illee, akkasumas guddina karra hoolota keenyaa fi karra saawwanii keenya keessaa walakkaa, nuyi mootii warra Laamaaniif gibira in kaffalla; akkasumas nuyi qabeenya qabnu hundumaa keessaa yookiin waan qabnu walakkaa illee, mootichi warra Laamaan nu irraa fudhata, ta’uu baannaan lubbuu keenya in fudhata.

23 Akkasumas ammas, kana baachuun ulfaataadha mitiiree? Akkasumas, rakkinni keenya, kunis guddaa mitiiree? Amma kunoo, nuyi gadduudhaaf sababa guddaa akkamii qabnaree.

24 Eeyyee, ani isiniin nan jedha, sababoonni gadda nuyi qabnuu guddaadha; sababni isaas kunoo obboloota keenya keessaa meeqatu ajjeefameree, akkasumas dhiigni isaaniis akkasumaan dhangala’eera, akkasumas sababa jal’inaaf kun hundinuu in ta’e.

25 Utuu sabni kun irra daddarbaatti hin kufne ta’ee Gooftaan hammeenyi guddaan kun akka isaanitti dhufuuf hin heyyamu ture. Kunoo garuu, isaan dubbiiwwan isaa hin dhaggeeffanne; garuu hamma dhiiga baay’ee dhangalaasuun isaan gidduutti ta’utti illee walitti bu’iinsi isaan gidduutti in ka’e.

26 Akkasumas, isaan raajii Gooftaa, eyyee, nama Waaqayyoon filatame tokko ajjeesaniiru; inni jal’ina isaanii fi xuraa’ummaa isaanii isaanitti in hime, akkasumas waa’ee waantota dhufanii, eeyyee, waa’ee dhufaatii Kiristoosiin illee raajii baay’ee in dubbate.

27 Akkasumas, sababni isaa inni Kiristoos Waaqayyoon akka ture, abbaa waantota hundumaa ta’uu isaa, akkasumas inni bifa namaas of irratti fudhachuu isaatiin, akkasumas namni kun immoo jalqaba bifa isaatiin akka uumamee ture, inni in dubbate; yookiin dubbiiwwan biroodhaan, namni jalqaba irraa kaasee bifa Waaqayyootiin uumameera, akkasumas Waaqayyo sun ilmaan namaa gidduu in dhufa, akkasumas foonii fi dhiiga ofii isaa irratti in fudhata, akkasumas biyya lafaa irra in adeema—

28 Akkasumas ammas, sababii inni akkas jedheef, isaan isa ajjeesaniiru; akkasumas isaan waantota baay’ee kana caalaan kan dheekkamsa Waaqayyoo isaan irratti fiduu in hojjetan. Kanaafuu, isaan garbummaa keessa jiraachuu isaaniitiif, akkasumas rakkinoota ulfaatoo kanaan rukutamuu isaaniitiif eenyutu dinqisiifataree?

29 Kanaafis kunoo, Gooftichi akkas jedheera: Ani guyyaa irra daddarbaa isaaniitti saba koo hin gargaaru; garuu ani akka isaan hin milkoofneef karaa isaanitti nan cufa; akkasumas gochaawwan isaaniis akka gufuu isaan duratti in ta’u.

30 Akkasumas ammas, inni akkas in jedhe: Sabni koo xuraa’uummaa yoo facaasan isaan bubbeedhaan habaqii isaain haammatu; akkasumas bu’aan isaas summiidha.

31 Akkasumas, ammas inni akkas in jedha: Sabni koo xuraa’ummaa yoo facaasan qilleensa bahaa, isa battalumatti badiisa fidu in haammatu.

32 Akkasumas ammas, kunoo, abdiin Gooftaa raawwatameera, akkasumas isin rukutamtanii fi rakkattaniittu.

33 Isin garuu yaada garaa guutuudhaan gara Gooftaatti yoo deebitan, akkasumas amanannaa keessan isa irra kaa’attan, akkasumas yaada guutuudhaan itti dhimmamtanii yoo isa tajaajiltan, isin kana yoo gootan, inni akka fedha isaatii fi akka isa gammachisetti, garbummaa jalaa isiniin in baasa.