Macaafa Mozaayyaa
Boqonnaa 1
Mootichi Biniyaam ilmaan isaa afaanii fi raajiiwwan abbootii isaanii in barsiise—Amantii fi qaroominni isaanii sababa galmeewwan gabateewwan adda addaa irratti eegamaniin kan eegaman turan—Mozaayyaan mootii ta’uuf in filatame akkasumas galmeewwanii fi waantota biroo akka eeguufis imaanaan isatti in kenname. Naannoo bara 130–124 Dh.K.D.
1 Akkasumas, amma guutummaa biyya Zarahemlaa keessatti warra mootii Biniyaam ta’an hundumaa gidduutti sana boodawalitti bu’iinsi hin turre, kanaafuu mootichi Biniyaam bara isaa isa hafe hundumaatti nagaa itti fufiinsa qabu qabaateera.
2 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, inni ilmaan sadii argate; akkasumas maqaa isaaniis Mozaayyaa, Heloruum fi Helamaan jedhee in moggaase. Akkasumas, isaanis namoota hubannoo qaban akka ta’aniif inni afaan abbootii isaa hundumaan akka isaan barsiifaman in godhe; akkasumas isaan waa’ee raajii isa afaan abbootii isaaniitiin dubbatamanii kanharka Gooftaatiin isaaniif kennamanii turan akka beekaniifidha.
3 Akkasumas, inni immoo seenaawwan gabateewwan sibiila diimaa irratti bocaman ilaalchisee akkas jechuun isaan in barsiise: Ilmaan koo, ani utuu gabateewwan kun seenaawwanii fi abboommota kana of-keessatti hin qabaanne ta’ee, nuyi yeroo ammaa kanatti illee silaa dhoksaawwan Waaqayyoo utuu hin beekin wal’aalummaadhaan rakkachaa akka jirru akka isin yaadattan nan barbaada.
4 Sababni isaa gargaarsa gabateewwan kanaa malee abbaan keenya Leehiin waantota kana hundumaa yaadachuudhaan ijoollee isaa barsiisuu hin danda’u ture; sababni isaas inni afaan warra Gibxiitiin barsiifamee waan tureef inni barreeffamoota kana dubbisee, akkasumas ijoollee isaa barsiisuu in danda’a, kanaanis isaanis ijoollee isaanii barsiisuudhaan hamma yeroo ammaa kanatti illeeabboommota Waaqayyoo raawwachuun hin danda’amu ture.
5 Ani isiniin nan jedha, Ilmaan koo, nuyi dhoksaawwan isaa, akkasumas abboommota isaa isa yeroo hundumaa ija keenya dura jiru dubbisuu fi hubachuu akka dandeenyuuf, utuu waantonni kun harka Waaqayyootiin kan eegamanii fi kunuunfaman hin taane ta’ee, abboota keenya yoo ta’e illee amantii dhabanii in mamu turan, akkasumas nuyis akka obboloota keenyaa, warra Laamaaniin, warra waa’ee waantota kanaa homaa hin beekne yookiin sababii aadaawwan abbootii isaanii, isa sirrii hin taane, yeroo barsiifamanitti warra hin amanne sana in taana turre.
6 Yaa ilmaan koo, ani dubbiiwwan kun dhugaa ta’uu isaanii, akkasumas immoo galmeewwan kun dhugaa ta’uu isaanii akka isin yaadattan nan barbaada. Akkasumas kunoo, immoo gabateewwan Nefii kan galmeewwanii fi dubbiiwwan abbootii keenyaa isa yeroo isaan Yerusaalemiin gadi dhiisanii ba’an irraa kaasee hamma ammaatti of-keessaa qaban, akkasumas isaanis dhugaadha; akkasumas nuyi ija keenya duraa isaan waan qabnuuf dhugummaa isaanii nuyi beekuu in dandeenya.
7 Akkasumas amma, ilmaan koo, ani akka isin irraa bu’aa argattaniif itti dhamaatanii isaan qorachuu akka yaadattan nan barbaada; akkasumas ani akkaataa abdiiwwan isa Gooftaan abbootii keenyaaf kenneetti, isin biyya kana keessatti akka badhaataniif abboommota Waaqayyoo akka eegdan nan barbaada.
8 Akkasumas, mootichi Biniyaam waantota macaafa kana keessatti hin barreeffamin baay’ee kana caala ilmaan isaa barsiiseera.
9 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, mootichi Biniyaam ilmaan isaa barsiisuu erga xumureen booda, inni in dulloomee, akkasumas inni dafee iddoo biyyi lafaa hundinuu deemuuf jiru akka deemuu qabu inni in arge, kanaafuu inni mootummaa kana ilmaan isaa keessaa tokkoof kennuunbarbaachisaa akka ta’e in yaade.
10 Kanaafuu, inni Mozaayyaan akka isa duratti dhiyaatu in godhe; akkasumas isaan kun dubbiiwwan warra inni akkas jechuun isatti dubbateedha: Ilma koo, ani akka isaan walitti qabamaniif, saba kana hundumaa gidduutti, yookiin saba Zarahemlaa, akkasumas saba Mozaayyaa warra biyyicha keessa jiraatan gidduutti, guutummaa biyyichaa keessatti labsii akka ati gootu nan barbaada; sababni isaas guyyaa isa itti aanutti saba koo kanaaf akka ati saba Waaqayyo Gooftaan keenya nuuf kenne kana irratti mootii fi bulchaa akka taate afaan koo keessaa nan labsa.
11 Kana malees, ani saba Waaqayyo Gooftaan biyya Yerusaalem keessaa baase kanaaf hundumaa caalaa akka adda ba’aniif maqaa nan kenna; akkasumas ani kana kanan godhu sababa isaan abboommota Gooftichaa eeguudhaaf saba dhama’an ta’aniifidha.
12 Akkasumas, sababa irra daddarbaatiin yoo ta’e malee maqaa gonkumaa hin haqamne isaaniif nan kenna.
13 Eeyyee, akkasumas kana malees ani isiniin nan jedha, sabni Gooftaadhaan baay’ee jaal’atamoo ta’an kun irra daddarbaatti yoo kufan, akkasumas saba jal’aa fi warra ejja raawwatan yoo ta’an, Gooftaan dabarsee isaaniin in kenna, kanaanis isaan akkuma obboloota isaaniitti warra dadhaboo in ta’u; akkasumas inni akkuma abboota keenya eegee ture, kana booda humna isaa isa dinqisiisaa fi isa gita hin qabneen isaan hin eega.
14 Ani isiniin nan jedha, utuu inni abbootii keenya eeguudhaaf irree isaa hin diriirsine ta’ee isaan silaa harka warra Laamaanitti kufanii, akkasumas jibba isaaniif warra miidhaman in ta’uu turan.
15 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, mootichi Biniyaam ilma isaatti dubbiiwwan kana dubbatee erga xumureen booda, inni dhimmoota mootummichaa hundumaa ilaalchisee itti gaafatamummaa isaaf in kenne.
16 Akkasumas kana malees, inni immoo galmeewwan warra gabateewwan sibiila diimaa irratti bocaman ilaalchisee; akkasumas immoo gabateewwan isa kan Nefii; akkasumas immoo, billaa Laabaanii, fi kubbaa yookiin kallattii agarsiiftuu, isa abbootii keenya lafa onaa keessatti geggeessaa ture, isa harka Gooftichaatiin qophaa’e ture akka isaan ittiin geggeeffamaniif, tokkoon tokkoon isaanii akkaataa xiyyeeffannaa isaanii fi cimina isaan isaaf kennanitti itti gaafatamummaa isaaf in kenne.
17 Kanaafuu, isaan amantii dhabeeyyii waan turaniif isaan adeemsa isaanii keessatti hin badhaadhomne guddina hin arganne turan, garuu gara duubatti oofamanii turani, akkasumas aarii Waaqayyoos isaan irratti in fide; akkasumas itti gaafatamummaa isaanii akka yaadataniif akka isaan kakaasuuf isaan beelaa fi dha’icha madaatiin rukutamanii turan.
18 Akkasumas amma, kun erga ta’ee booddee, Mozaayyaan dhaqee akka abbaan isaa isa abboommetti in raawwate, akkasumas namoonnibiyya Zarahemlaa keessa turan hundinuu akka ofii isaaniin walitti qabamanii, dubbiiwwan abbaan isaa isaanitti dubbatu dhaga’uuf gara mana qulqullummaatti akka ol ba’aniifis in labse.