Caaffata qulqullaa’aa
Mozaayyaa 5


Boqonnaa 5

Warri qulqulloonni amantiidhaan ilmaanii fi intaloota Kiristoosiin in ta’u—Kana booda isaan maqaa Kiristoosiin in waamamu—Mootichi Biniyaam hojiiwwan gaarii irratti akka jabaatanii fi kan hin sochoone akka ta’aniif isaan in gorse. Naannoo bara 124 Dh.K.D.

1 Akkasumas amma, kun erga ta’ee booddee mootichi Biniyaam saba isaatti yommuu dubbatetti, sabni isaa dubbiiwwan warra inni isaanitti dubbate yoo isaan amananiiru ta’e beekuu barbaaduudhaan, inni isaan gidduutti in erge.

2 Akkasumas, hundi isaaniis sagalee tokkoon akkas jechuudhaan, in iyyan: Eeyyee, nuyi dubbiiwwan ati nutti dubbatte hundumaa in amanna; akkasumas immoo, nuyi mirkanaa’ummaa fi dhugaa isaanii in beekna, sababii Hafuura Gooftaa isa Hundumaa Danda’uu, isa jijjiirama guddaa nu keessatti hojjeteef, yookiin garaa keenya keessatti fideen, nuyi kana caalaa waan gaarii hojjechuuf malee hamaa hojjechuuf fedhii akka hin qabne in beekna.

3 Akkasumas nuyi, ofii keenyaa, immoo, gaarummaa Waaqayyoo isa daangaa hin qabneen, akkasumas mul’achuu Hafuura isaa keessaan, wanta isa dhufuuf jiruuf ilaalcha guddaa qabna; akkasumas utuu barbaachisaa ta’eera ta’ee, nuyi waa’ee waantota hundumaa raajii dubbachuu dandeenya turre.

4 Akkasumas nuyi waantota mootiin keenya nutti dubbate irratti amantii waan qabnuuf gara beekumsa guddaa kanatti fidamneera, nuyi kanaaf gammachuu gar-malee guddaa akkasiitiin in gammadna.

5 Akkasumas, nuyi akkuma ergamaan dubbatee ture, nuyi xoofoo dheekkamsa Waaqayyoo keessaa akka hin dhugneef, nuyi dhiphina isa dhuma hin qabne ofitti akka hin fidneef, nuyi Waaqayyo keenya wajjin kakuutti in galla, akkasumas waantota inni nu abboomuu hundumaa keessatti, bara keenya isa hafe hundumaattis, abboommota isaatiif abboomamuuf fedhii isa raawwachuuf nuyi fedhii qabna.

6 Akkasumas ammas, isaan kun dubbiiwwan mootichi Biniyaam isaan irraa barbaadeedha; akkasumas kanaafuu inni akkas isaaniin in jedhe: Isin dubbiiwwan warra ani barbaade dubbattaniittu; akkasumas kakuun isin galtanis kakuu qajeelummaati.

7 Akkasumas ammas, isin sababii kakuu isa galtanii turtaniitiif ijoollee Kiristoos, ilmaan isaa, akkasumas intaloota isaa jedhamtanii in waamamtu; sababni isaa kunoo inni har’a hafuuraan isin dhalcheera; sababni isaas isin garaan keessan maqaa isaa irratti amantiidhaan akka jijjiirame dubbattaniittu; kanaafuu, isin isa irraa dhalattanii ilmaan isaatii fi intaloota isaa taataniittu.

8 Akkasumas, moggaasa kana jalatti bilisa taataniittu, akkasumas moggaasni kan biraan isin ittiin bilisa ta’uu dandeessan hin jiru. Maqaan fayyinni ittiin dhufu kan biraanis hin kenname; kanaafuu, ani hamma dhuma jireenya keessaniitti akka abboomamtaniif, isin warri Waaqayyoo wajjin kakuu galtan hundinuu maqaa Kiristoosiin akka of irratti fudhattan nan barbaada.

9 Akkasumas akkas in ta’a namni kana godhu hundinuu gara mirga Waaqayyoottiin argama, sababni isaa inni maqaa ittiin waamamu in beeka; sababni isaas inni maqaa Kiristoosiin in waamama.

10 Akkasumas ammas, akkas in ta’a, inni maqaa Kiristoosiin of-irratti hin fudhanne maqaa biraatiin waamamuu qaba; kanaafuu, inni gara harka bitaa Waaqayyoo irratti ofii isaa in arga.

11 Akkasumas, ani maqaan ani isiniif nan kenna jedhe kun irra daddarbaatiin yoo ta’e malee, gonkumaa akka hin haqamne ta’uu isaa akka isin yaadattan nan barbaada, kanaafuu maqaan sun garaa keessan keessaa akka hin haqamneef isin irra akka hin daddarbineef of eeggadhaa.

12 Ani isiniin nan jedha, ani isin gara harka bitaa Waaqayyootti akka hin argamneef, garuu sagalee ittiin waamamtan fi maqaa isa inni ittiin isinwaamu akka dhageessanii fi beektaniif maqaa isa garaa keessan keessatti barreeffames yeroo hundumaa akka isin eegdan nan barbaada.

13 Namni gooftaa inni hin tajaajille, akkasumas isa orma isaaf ta’es, akkasumas isa yaadaa fi akeeka garaa isaa irraa fagaates, akkamitti beekaree?

14 Akkasumas ammas, namni harree qabeenyummaan isaa kan ollaa isaa ta’e tokko fudhatee, akkasumas kan isaa in godhataaree? Ani isiniin nan jedha, Lakki; inni hoolota isaa gidduutti illee akka inni soorratuuf hin heyyamu, garuu isa in ari’a, akkasumas isa in baasa. Isin maqaa ittiin waamamtan yoo hin beekne akkasuma isin gidduutti illee in ta’a jedhee, ani isinitti nan hima.

15 Kanaafuu, ani akka isin fayyina bara baraa fi jireenya bara baraa qabaattaniif, Kiristoos, isa Waaqayyo Gooftaan inni Hundumaa Danda’u, kan isaa godhee akka isin chaappeeffatuuf karaa ogummaa, akkasumas humna, akkasumas haqaa, akkasumas araara isa waan hundumaa uumee, Waaqaa fi lafa irratti, isa hundumaa caalaa Waaqayyo ta’eetti, isin gara waaqaatti akka fidamtaniif, isin yeroo hundumaa hojii gaarii baay’ee hojjechuu akka itti fuftanii fi kan hin jijjiiramne akka taatan nan barbaada. Ameen.