Boqonnaa 15
Kiristoos akkamitti Abbaa fi Ilmas akka ta’e—Inni namoota biroof in kadhata, akkasumas irra daddarbaa saba isaa in baata—Isaanii fi raajonni qulqulloonni hundinuu sanyii Isaati—Inni du’aa ka’uu in fida—Ijoolleen xixiqqoon jireenya bara baraa in qabaatu. Naannoo bara 148 Dh.K.D.
1 Akkasumas amma, Abinaadiin akkas isaaniin in jedhe: Waaqayyo ofii isaatii ilmaan namaa gidduutti akka gadi bu’u, akkasumas saba isaa furuuf akka jiru akka isin hubattan ani nan barbaada.
2 Akkasumas, sababii inni fooniin jiraatuuf inni Ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama, akkasumas foon isaa fedha Abbaa jala galchuudhaan, Abbaas Ilmas in ta’a—
3 Inni sababii humna Waaqayyootiin isa ulfeeffameef, kanaafis inni Abbaa, akkasumas inni foon waan uffateef, Ilmadha; akkasitti Abbaas Ilmas in ta’a—
4 Akkasumas, isaanis Waaqa tokkodha, eeyyee, Abbaa Bara Baraa kan waaqaa fi lafaa isa dhugaati.
5 Akkasumas, akkasitti foonichi Hafuuraaf, yookiin Ilmi Abbaaf bitamuun, Waaqayyo tokko in ta’a, qorumsaan in rakkata, akkasumas qorumsattis harka isaa hin kennatu, garuu akka itti qoofamuuf ofii isaatii in heyyama, akkasumas reebamee, akkasumas gatame, akkasumas saba isaatiin in waakkatame.
6 Akkasumas kana hundumaa booda, inni ilmaan namaa gidduutti dinqiiwwan jajjaboo baay’ee erga hojjateen booda, inni in oofama, eeyyee, akkuma Isaayaas jedhe, akkuma hoolaan nama rifeensa ishee irraa ciru duratti afaan hin banne, innis afaan isaa hin banne.
7 Eeyyee, inni hamma fannifamutti illee, in oofama, akkasumas in ajjeefama, foonichi hamma du’aatti illee in bitama, fedhiin Ilmaas fedha Abbaatiin in liqimfama.
8 Akkasumas, akkasitti Waaqayyo hidhaa du’aa in cabsa, du’a irrattis mo’icha in argata; ilmaan namaatiif kadhannaa akka godhuuf Ilmichaaf humna in kennaaf—
9 Gara waaqaatti ol ba’uu isaatiin garaa araaraa in qabaata; ilmaan namaatiif gara-laafummaatiin guutamee isaanii fi haqummaa gidduu in dhaabbata; hidhaa du’aas caccabsuudhaan, jalinaa isaanii fi irra daddarbaa isaanii ofii isaa irratti fudhachuudhaan, isaan furuudhaan, akkasumas ulaagaahaqummaas in guuta.
10 Akkasumas, amma ani isiniin nan jedha, hidda dhaloota isaa eenyutu dubbataree? Kunoo, ani isiniin nan jedha, inni yommuu lubbuu isaa cubbuudhaaf aarsaa godhutti sanyii isaa in arga. Akkasumas, amma isin maal jetturee? Akkasumas, sanyiin isaa eenyu ta’aree?
11 Kunoo ani isiniin nan jedha, namni dubbiiwwan raajotaa dhaga’e kamiyyuu, eeyyee, raajota qulqullaa’oo warra waa’ee dhufaatii Gooftaa raajii dubbatanii turan hundumaa—Ani isiniin nan jedha, warri dubbiiwwan isaanii dhaga’an hundinuu, akkasumas Gooftaan saba isaa akka furu warri amanan, akkasumas dhiifama cubbuu isaanii argachuuf guyyaa sana warri eeggachaa turan, isaan kun sanyii isaa akka ta’an, yookiin isaan dhaaltota mootummaa Waaqayyoo akka ta’an, ani isinitti nan hima.
12 Sababni isaa isaan kun warra cubbuun isaanii baatameefiidha; isaan kun warra inni irra daddarbaa isaanii irraa isaan furuuf du’eefiidha. Akkasumas amma, isaan sanyii isaa mitiiree?
13 Eeyyee, akkasumas namni raajii dubbachuuf afaan isaa saaqqate kamiyyuu, warri irra daddarbaa keessatti hin kufne, jechuun koo uumamuu biyya lafaatii jalqabee warraraajota qulqulloota turan hundumaa mitiiree? Ani isiniin nan jedha isaan sanyii isaati.
14 Akkasumas, isaan kun warra nagaa labsanii, warra misiraachoo gaarii fidan, warra fayyina abdachiisan; akkasumas Xiyooniin: Waaqayyoon kee mo’eera! jedhaniidha
15 Akkasumas, egaa miilli isaanii gaarreen irratti maal maal mimmiidhagoodha!
16 Akkasumas ammas, miilli warra hamma ammaattis nagaa labsa jiranii gaarreen irratti maal maal mimmiidhagoodha!
17 Akkasumas ammas, miilli warra kana booda nagaa labsanii gaarreen irratti maal maal nama mimmiidhagoodha, eeyyee, yeroo kana irraa kaasee, akkasumas hamma bara baraatti!
18 Akkasumas kunoo, ani isiniin nan jedha, kana qofa miti. Eeyyee, inni saba isaa fure; eeyyee, inni saba isaatiif fayyina kenne, Gooftichi illee, inni nagaa hundeessu, sababni isaa egaa miilli isa misiraachoo fidu gaarreen irrattimaal maal mimmiidhagoodharee;
19 Sababni isaas utuu fayyinni inni saba isaatiif godhe kan uumamuu biyya lafaa irraa kaasee isa qophaa’e, utuu ta’uudhaa baatee, ani akkas isiniin nan jedha, silaa sanyiin nama hundinuu baduu qabu turan.
20 Garuu kunoo, hidhaan du’aa in caccaba, akkasumas Ilmichi in mo’a, akkasumas warra du’an irrattis humna in qabaata; kanaafuu, inni du’aa ka’uu warra du’aniif in fida.
21 Akkasumas, du’aa ka’uun in dhufa; du’aa ka’uun inni jalqabaa illee, eeyyee, du’aa ka’uu warra turanii, akkasumas warra jiranii, akkasumas warra dhufuuf jiranii illee, hamma du’aa ka’uu Kiristoositti illee—Sababni isaa inni akkasittiin in waamama.
22 Akkasumas amma, du’aan ka’uun raajota hundumaa, akkasumas kan warra dubbiiwwan isaaniitti amananii hundinuu, yookiin warri abboommota Waaqayyoo eegan hundinuu, du’aa ka’uu isa jalqabaatti du’aa in ka’u, kanaafuu, isaan du’aa ka’uujalqabaati.
23 Isaan Waaqayyo isa isaan fure wajjin jiraachuuf in kaafamu; isaan akkasittiin karaa Kiristoos, isa hidhaa du’aa cabseen jireenya bara baraa in argatu.
24 Akkasumas, isaan kun warra du’aa ka’uu isa jaqabaa keessatti qooda qabaniidha; akkasumas isaan kun warra dhufaatii Kiristoosiin dura, wal’aalummaa isaaniitiin, utuu fayyinni isaanitti hin labsamin du’aniidha. Akkasumas, Gooftaan warra kanneen akkasitti in fida; akkasumas isaan du’aa ka’uu isa jalqabaa keessattis qooda in qabaatu, yookiin Gooftaadhaan furamuudhaan, jireenya bara baraa in qabaatu.
25 Akkasumas, ijoolleen xixiqqoonis immoo jireenya bara baraa in qabaatu.
26 Garuu kunoo, akkasumas soodaadhaa, akkasumas Waaqayyo durattis holladhaa, sababni isaa hollachuutu isin irra jira; sababni isaas Gooftaan warra isa irratti fincilanii fi warra cubbuuwwan isaanii keessatti du’an tokko iyyuu hin furu; eeyyee, warri abboommota Waaqayyoo beekan, akkasumas warri eeguu hin barbaanne, warri uumamuu biyya lafaa irraa jalqabee cubbuuwwan isaaniitiin badan illee, warri fedhii isaaniitiin Waaqayyo irratti ka’anii fincilan; isaan kun warra du’aa ka’uu isa jalqabaaa keessaatii qooda hin qabneedha.
27 Kanaafuu, isin hin hollachuu hin qabdaniiree? Sababni isaas fayyinni akkasitti nama tokkoof illee hin dhufu; Gooftaan akkasitti nama tokko illee waan hin furiniif; eeyyee, Gooftaan warra akkasii kana furuu hin danda’u; sababni isaas inni ofii isaa waakkachuu hin danda’u; sababni isaas inni yeroo haqninama irratti himata qabaattutti waakkachuu hin danda’u.
28 Akkasumas amma, ani isiniin nan jedha yeroo itti fayyisuun Gooftaa biyya, gosa, afaan, akkasumas saba hundumaatti labsamu in dhufa.
29 Eeyyee, Waaqayyo Xiyooniin deebisee yeroo fidutti, eegdonni kee ija isaaniitiin in argu; sagalee isaaniis dhageessisanii tokkummaadhaan in faarfatu.
30 Waaqayyo saba isaa waan jajjabeesseef, inni Yerusaaleminis waan fureef, yaa ona Yerusaalem, walii wajjin gammadaa; tokkummaadhaan faarfadhaa.
31 Waaqayyo irree isaa isa qulqulluu ija saba lafa irraa hundumaa duratti mul’iseera; biyyi lafaa guutummaatti daariidhaa hamma daariitti fayyisuu Waaqayyo keenyaa in arga.