Boqonnaa 14
Isaayaas waa’ee masihicha in dubbata—Salphinni fi dhiphinni Masihichaa ibsamaniiru—Inni lubbuu isaa cubbuudhaaf aarsaa in godha, akkasumas warra irra daddarbaniifis in kadhata—Isaayaas 53 wajjin waliin madaali. Naannoo bara 146 Dh.K.D.
1 Eeyyee, Isaayaas illee akkas hin jenneeree: Dhuga ba’umsa keenya eenyutu amane, akkasumas irreen Waaqayyoos eenyutti mul’ateree?
2 Inni akka biqiltuu muka laafaatti Goofticha duratti ol in ba’a, akkasumas akka hidda mukaa isa lafa gogaa keessaa ba’uus in ta’a; inni simboos ta’e surraa waan hin qabneefis nuyi isa ilaaluu hin jhawwine.
3 Inni Namootaan in gatame, akkasumas in tuffatame; inni nama dhiphinni, akkasumas gaddi itti baay’atee ture; inni in gatame, akkasumas nutis isa hin kabajne; akkasumas nuyis fuula keenya isa irraa dhokfannee turre.
4 Inni garuu dhugumaan gadda keenya of irra in kaa’e, akkasumas dhiphina keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha’icha isatti fide, akkasumas akka waan inni isa rukutee, akkasumas akka inni gadadoo itti fideetti in lakkoofne.
5 Inni garuu irra daddarbaa keenyaaf inmadaa’e, sababii jal’ina keenyaafis in miidhame; nuyi nagaa akka argannuuf adabbiin isa irra in kaa’ame; akkasumas madaa’uu isaatiinis nuti in fayyine.
6 Nuyi hundumti keenya, akka hoolotaa, karaa irraa maqnee turre; nuyi tokkoo tokkoo namaa gara karaa mataa ofii isaatti in gargalchine; akkasumas Waaqayyo yakka hunduma keenyaa isa irra in kaa’e.
7 Inni cunqurfamee ture, akkasumas inni dhiphifamee ture, garuu inni waan tokko iyyuu hin dubbanne; inni akkuma ilmoo hoolaa ishee qalamuudhaaf geeffamtuutti in oofame, akkasumas akkuma hoolaan namoota rifeensa ishee irraa muran duratti cal-jettuus, inni calluma jedhe malee afaan isaa hin saaqqanne.
8 Inni mana hidhaa fi firdii jalaa in fudhatame; akkasumas sanyii dhaloota isaa eenyutu dubbata? Sababni isaa inni biyya lubbu-qabeeyyii keessaa baafamee ture; inni sababa irra daddarbaa saba kootiin in dhiphate.
9 Akkasumas, inni awwaala isaa warra jal’oota wajjin, akkasumas du’a isaa sooressoota wajjin in godhate; sababni isaas inni jal’ina tokko illee hin hojjenne, akkasumas gowwoomsaanis afaan isaa keessaa hin argamneture.
10 Haa ta’u malee, miidhamuun isaa Gooftaa in gammachiise; yommuu ati lubbuu isaa aarsaa cubbuu gootee yoo dhiyeessitu inni sanyii isaa in arga, inni guyyoota isaa I dheeressa, akkasumas fedhiin Gooftaa karka isaa keessaatti in milkaa’a.
11 Inni dhiphina lubbuu isaa in arga, akkasumas ittis in gammada; sababii inni yakka isaanii isaaniif baatuuf, karaa beekumsa isaatiin garbichi koo inni qajeelaan namoota baay’ee in qulqulleessa.
12 Kanaafuu, inni cubbuu namoota baay’ee in baate, akkasumas waa’ee irra daddarbaa isaaniitiifis isaaniif in kadhata; inni sababii lubbuu isaa du’atti dabarsee kenneef, akkasumas warra irra daddarbanii wajjinis lakkaa’ame tureef, akkasumas ani qooda isaa warra gurguddootaa wajjin nan godhaaf, akkasumas inni warra jajjaboo wajjinis boojuu in hirmaata.