Caaffata qulqullaa’aa
Mozaayyaa 12


Boqonnaa 12

Abinaadiin badiisa sabichaatii fi du’a mootii Nohiin raajii waan dubbateef in hidhame—Luboonni warri sobduun caaffata qulqullaa’oo waraabuudhaan seera Musee kan eegan in fakkeessan—Abinaadiin waa’ee abbboommota kurnanii isaan barsiisuu in jalqabe. Naannoo bara 148 Dh.K.D.

1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, turtii waggoota lamaatiin booda Abinaadiin wal’aalchifatee akka isaan isa hin beeknetti isaan gidduu in dhufe, akkasumas akkas jechuun, isaan gidduutti raajii dubbachuu in jalqabe: Gooftaan akkas jechuun, na abboomeera—Abinaadii, deemiitii saba koo kanatti raajii dubbadhu, sababni isaas isaan dubbiiwwan koo irratti garaa isaanii jabeessaniiru; isaan hojii isaanii isa hamaa irraas yaada garaa isaanii hin geeddaranne; kanaafuu, ani aarii kootiin isaan nan daawwadha, eeyyee, ani aarii koo isa hamaadhaan jal’ina isaanii fi xuraa’ummaa isaanii keessatti adabbiidhaan isaan nan daawwadha.

2 Eeyyee, dhaloota kanaaf wayyoo! Akkasumas, Gooftaan akkas nan jedheera: Harka kee diriirsiitii akkas jechuun raajii dubbadhu: Gooftaan akkas jedha, dhaloonni kun akkas in ta’a, sababa jal’ina isaaniitiin garbummaatti in fidamu, akkasumas maddii isaanii irraas in rukutamu; eeyyee, akkasumas namootaan oofamanii in ajjeefamu; akkasumas allaattiin waaqa irraa, akkasumas saroonni, eeyyee, akkasumas bineensonni bosonaa foon isaanii in nyaatu.

3 Akkasumas, akkas in ta’a; gatiin lubbuu mootichaa Nohii akka uffata abidda ho’aa keessa jiru illee in ta’a; sababni isaas inni ani Gooftaa ta’uu koo in beeka.

4 Akkasumas akkas in ta’a; ani saba koo kana rakkina ulfaataadhaan, eeyyee, beelaan akkasumas dha’ichaanis nan rukuta; akkasumas ani guyyaa guutuu akka isaan boo’an nan godha.

5 Eeyyee, akkasumas ani akka isaan dugda isaanii irratti ba’aa baatan nan godha; akkasumas isaan akka harree afaaniin dubbachuu hin dandeenyeetti in oofamu.

6 Akkasumas akkas in ta’a ani isaan gidduutti cabbii nan erga, akkasumas innis isaaniin in rukuta; akkasumas isaan immoo qilleensa bahaatiinis in rukutamu; akkasumas ilbiisonni immoo lafa isaanii in uffisa, akkasumas midhaan isaaniis in nyaatu.

7 Akkasumas isaan dha’icha guddaadhaan in rukutamu—akkasumas sababii jal’ina isaaniitii fi xuraa’ummaa isaaniitiif ani kana hundumaa nan godha.

8 Akkasumas, akkas in ta’a; yoo isaan yaada garaa geeddaratan malee ani guutummaa biyya lafa irraa isaan nan balleessa; haa ta’u malee, isaan galmee achitti in dhiisu, akkasumas ani saboota biroo warra biyya kana qabataniif isaan nan tursiisa; eeyyee, hamma ani akkasitti xuraa’ummaa saba kana saboonni biroo illee akka beekan nan godha. Akkasumas, Abinaadiin saba kana irratti waantota baay’ee raajii in dubbate.

9 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan isatti aaranii turan; akkasumas isaanis isa fuudhanii fi hidhanii fuula mootichaa duratti isa dhiyeessanii, akkasumas mootichaan akkas in jedhan: Kunoo, nuyi namicha isa waa’ee sabichaa raajii hamaa dubbate, akkasumas Waaqayyo isaan in balleessa jedhee ture sana fuula kee duratti fidneerra.

10 Akkasumas immoo, inni jireenya kee ilaalchisee raajii hamaa dubbateera, akkasumas jireenyi kee akka uffata abidda ho’aa keessa jiru in ta’a jedheera.

11 Akkasumas ammas, inni akka bissii, isa bineensonni irra yaa’anii fi miilla isaanii jalatti gadi dhidhiitanii illee, ati akka bissii gogaa isa maasii keessaa in taata jedheera.

12 Akkasumas ammas, inni akka daraaraa isa yeroo guutummaan guutuutti daraaruutti yommuu qilleensi qilleensa’e lafa irratti isa faffaca’u, in taata jedheera. Akkasumas, inni akka waan Gooftaan dubbatee fakkeesseera. Akkasumas, ati yoo yaada garaa geeddarateen malee, sababii jal’ina keetiitiif, akkasumas kun hundinuu sitti in dhufa jedheera.

13 Akkasumas amma, yaa mootii, ati hammina guddaa akkamii raawwatteree, yookiin sabni kee cubbuuwwan guddaa akkamii raawwataniree, nuyi kan Waaqayyoo nutti faradu yookiin kan namichi kun nutti faraduree?

14 Akkasumas amma, yaa mootii, kunoo, nuyi yakka hin qabnu, akkasumas ati, yaa mootii, cubbuu hin hojjenne; kanaafuu namichi kun waa’ee kee sobeera, akkasumas inni raajii waa’ee hin baafnes dubbateera.

15 Akkasumas kunoo, nuyi warra jajjaboodha, nuyi garbummaattis hin dhufnu, yookiin diinoota keenyaan gara boojuutti hin fudhatamnu; eeyyee, akkasumas ati biyya kana keessatti badhaadhina argatteetta, akkasumas atis immooin badhaata.

16 Kunoo, namichi kunooti, nuyi harka keetti dabarsinee isa in kennina; ati waanta gaarii sitti fakkaate isa irratti hojjechuu in dandeessa.

17 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Abinaadiin mana hidhaatti akka darbatamu mootichi Nohiin in godhe; akkasumas inni waan isa irratti gochuu danda’u akka walii wajjin mari’ataniif inni luboonni akka walitti qabamaniif isaaniin in abboome.

18 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan mootichaan akkas in jedhan: Nuyis gaaffii akka isa gaafannuuf as isa fidaa; akkasumas mootichis akka inni isaan duratti dhiyaatuuf in abboome.

19 Akkasumas, isaan kiyyootti isa galchuudhaaf, isaan kanaan isa yakkuu akka danda’aniif, gaaffii gaafachuu in jalqaban; inni garuu ija jabinaan, akkasumas gaaffii isaanii hundumaa deebii gaarii isaaniif in deebiseef, eeyyee, isaaniis in dinqisiifatan; sababni isaas inni gaaffii isaanii hundumaa irratti, akkasumas dubbiiwwan isaanii hundumaaf deebii ga’aa kennuun calluma isaan in jechisiise.

20 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan keessaa inni tokko akkas isaan in jedhe: Dubbiiwwan warri karaa abbootii keenyaa akkas jechuun, barsiifaman, akkasumas warri barreeffamanis maal jechuudhaa:

21 Miilli warra misiraachoo fidanii, nagaa labsanii, misiraachoo gaarii fidanii, fayyina labsanii, akkasumas Waaqni kee mo’eera Xiyooniin jedhanii gaarreen irratti akkam mimmiidhagoodha.

22 Gooftaan Xiyooniin yommuu deebisu eegdonni ija isaaniitiin waan arganiif isaanis sagalee isaaniidhageessisanii tokkummaadhaan in faarfatu;

23 Gooftaan saba isaa waan jajjabeessee fi inni Yerusaaleminis waan fureef; isin iddoowwan onaa Yerusaalem walii wajjin faarfadhaa; gammachuudhaan ililchaas;

24 Gooftaan irree isaa isa qulqulluudhaan saboota lafa irraa hundumaatti mul’iseera, akkasumas guutummaan handaara biyya lafaa daariidhaa hamma daariitti fayyisuu Waaqayyoo keenyaa in argaaree?

25 Akkasumas ammas, Abinaadiin isaaniin akkas in jedhe: Isin lubootaa, akkasumas saba kana barsiisuuf, akkasumas hafuura raajummaa hubachuu in fakkeessituuree, akkasumas ammas waantonni kun maal jechuu akka ta’e ana irraa baruu in barbaadduuree?

26 Ani isiniin nan jedha, karaa Gooftichaa waan jal’istaniif isiniif wayyoo! Sababni isaas isin waantota kana utuu hubattaniittu ta’ee isin isaan hin barsiiftan turtan; kanaafuu, isin karaa Gooftichaa jal’istaniittu.

27 Isin garaa keessan hubannaa irra hin kaa’anne; kanaafuu, isin warra ogeessota hin turre. Kanaafuu, isin saba kana maal barsiisturee?

28 Akkasumas, isaan akkas in jedhan: Nuyi seera Musee in barsiifna.

29 Akkasumas ammas, inni akkas isaaniin in jedhe: Isin seera Musee barsiiftu yoo ta’e isin maaliif isa hin eegdaniree? Isin maaliif garaa keessan badhaadhinairra kaa’atturee? Isin maaliif sagaaggalummaa hojjettu, akkasumas humna keessan ejjitoota wajjin balleessitu, eeyyee, akkasumas hamma ani saba kana irratti raajii, eeyyee, badii guddaa sabicha irratti akkan dubbadhu hamma Gooftaan na ergutti isin maaliif saba kana cubbuu hojjechiifturee?

30 Isin dhugaa akka ani dubbadhu hin beektaniiree? Eeyyee, isin dhugaa akka ani dubbadhu in beektu; akkasumas isin fuula Waaqayyoo duratti hollachuu qabdu.

31 Akkasumas, akkas in ta’a; sababa yakka keessanif, isin seera Musee in barsiifna waan jettaniif isin in rukutamtu. Akkasumas, isin waa’ee seera Musee maal beekturee? Fayyinni karaa seera Museetiin in dhufaaree? Isin maal jetturee?

32 Akkasumas, isaanis fayyinni seera Museetiin dhufa jedhanii in deebisaniif.

33 Garuu amma Abinaadiin isaaniin akkas in jedhe: Isin abboommota Waaqayyoo yoo eegdan akka isin fayyitan ani nan beeka; eeyyee, isin abboommota Gooftaan gaara Siinaa irratti akkas jechuun, Museetti kenne yoo eegdan:

34 Ani Waaqayyo Gooftaa kee, isa mana garbummaa biyya Gibxii keessaa si baaseedha.

35 Ati Waaqolii kan biraa ana duratti hin qabaatin.

36 Ati bifa qirixame fakkeenya waanta ol waaqa irra jiruu, yookiin gadi lafa keessa jiru yookiin lafa jala jiruus hin tolfatin.

37 Amma Abinaadiin akkas isaaniin in jedhe, isin kana hundumaa gootaniittuuree? Ani isiniin nan jedha, lakkii, isin hin goone. Akkasumas, isin saba kana waan hundumaa akka raawwataniif barsiiftaniittuuree? Ani isiniin nan jedha, lakkii, isin hin goone.