Caaffata qulqullaa’aa
Mozaayyaa 10


Boqonnaa 10

Mootichi Laamaan in du’e—Sabni isaa warra akka gara-jabeeyyii fi balaafamoodha, akkasumas warra aadaa sobaatti amananiidha—Zeniif fi sabni isaa isaan irratti in mo’u. Naannoo bara 187–160 Dh.K.D.

1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, nuyi ammas mootummaa hundeessuu in jalqabne, akkasumas nuyi ammas nagaadhaan biyyicha qabachuu in jalqabne. Akkasumas, yeroo warri Laamaan saba kootiin loluuf deebi’anii yeroo dhufanitti ani sabni koo meeshaa lolaa akka qabaatuuf, ani meeshaaleen lolaa gosti hundumtuu akka hojjataman nan godhe.

2 Akkasumas, warri Laamaan deebi’anii utuu nuyi hin beekin dhufaniiakka nu hin balleessineef, ani naannawa biyyichaatti eegdota nan kaa’e; akkasumas harka diinota keenyaatti akka isaan hin kufneef akkasitti ani saba koo fi hoolota koo nan eeggadhe.

3 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, nuyi waggoota baay’eedhaaf, eeyyee, turtii waggoota digdamii lamaaf biyya abbootii keenyaa in dhaalle.

4 Akkasumas, warri dhiirotaa lafa qotan, akkasumas midhaan gosa hundumaa fi muduraa gosa hundumaa akka isaan guddisan nan godhe.

5 Akkasumas, ani warri dubartotaa nuyi qullaa keenyatti akka uffannuuf uffata quncee talbaa irraa hojjetame gosa hundumaa, eeyyee, akkasumas uffata gosa hundumaa akka dha’an, akkasumas itti dadhabanii, akkasumas akka hojjetan nan godhe; akkasumas nuyi akkasitti biyyicha keessatti badhaadhina in arganne—nuyi akkasitti turtii waggoota digdamii lamaatiif biyyatti keessatti nagaa itti fufiinsa qabu in arganne.

6 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, mootichi Laamaan in du’e, akkasumas ilmi isaa iddoo isaa mo’uu in jalqabe. Akkasumas, sabni isaa saba koo irratti fincila akka kaasaniif inni tuttuqee kakaasuu in jalqabe; kanaafuu isaan lolaaf qophaa’uu, akkasumas saba koo irratti ka’anii loluuf ol dhufuu in jalqaban.

7 Ani garuu qophiiwwan isaanii akkan beekuuf, isaan saba koo irratti dhufanii akka isaaniin hin balleessineef, ani akkan isaan irraa eegutti, ani basaastota koo naannoo biyya Sheemlonitti ergeen ture.

8 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan macca baay’ee isaanii wajjin, warri dhiirotaa xiyya, akkasumas hiddaa, akkasumas billaa, akkasumas eeboo, akkasumas dhagaa, akkasumas furrisa hidhatanii, gara kaaba biyya Shiiloomiitti in dhufan; akkasumas isaan mataa isaanii waan haaddataniif isaan qullaa turan; akkasumas isaaniis naannoo mudhii isaaniitti hidhannoo gogaa hidhatanii turan.

9 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani dubartoonnii fi ijoolleen saba kootii lafa onaa keessa akka dhokatan nan godhe; akkasumas ani immoo jaarsoliin koo kan hidhannoo baachuu danda’an hundumtuu, akkasumas immoo dargaggoonni koo kanneen hidhannoo baachuu danda’an hundumtuu, warra Laamaaniin loluuf akka adeemaniif akka isaan walitti qabaman nan godhe; akkasumas ani tokkoon tokkoon isaanii akkaataa umurii isaatiitti, sadarkaa isaanii keessa isaan nan kaa’e.

10 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, nuyi warra Laamaaniin irratti lolaafin baane; akkasumas ani, ani illee, umurii dullummaa kootiitti, warra Laamaaniin loluufnan ba’e. Akkasumas kun erga ta’ee booda, nuyi jabina Gooftaatiin lolaaf kaaneein adeemne.

11 Amma warri Laamaan waa’ee Gooftaa fi waa’eejabina Gooftaas homaa hin beekan turan, kanaafuu isaan jabina ofii isaanii irratti hirkatu. Haa ta’u malee, isaan akka jabina namaatti saba jaboo turan.

12 Isaan gara-jabeeyyii fi, balaafamoo, akkasumas saba dhiiga dheebote, warra aadaa abbootii isaanii kanattiamanan turan—Isaan sababii jal’ina abbootii isaaniitiin biyya Yeerusaalemiin keessaa akka baafaman, akkasumas akka waan obboloota isaaniitiin lafa onaa keessatti badiin isaan irratti raawwatametti, akkasumas immoo isaan yeroo galaana ce’aa jiranittis akka badiin isaan irratti raawwatame amananii turan;

13 Akkasumas ammas, isaan biyya dhaala isaanii isa jalqabaa keessa utuu jiranii, erga isaan galaana ce’anii boodas badiin isaan irratti raawwatamee ture, akkasumas kun hundumtuu sababii Nefiin abboommota Gooftaa eeguu irratti caalaatti amanamaa ta’eefiidha—kanaafuu inni Gooftaa biratti jaal’atamaawaan tureef Gooftaan kadhannaa isaa dhaga’ee, akkasumas isaanis deebiseera, akkasumas inni imala isaanii isa lafa onaa keessatti inni geggeessummaa fudhatee ture.

14 Akkasumas, obboloonni isaa sababii hojimaata Gooftaa hin hubatiniif isatti dheekkamanii turan; isaaniis immoo Gooftaa irratti garaa isaanii waan jabeessaniif bishaan irrattis isaa wajjin walitti dheekkamanii turan.

15 Akkasumas ammas, isaan biyya ishee abdachiifamtee turte yommuu ga’anitti, isaan inni bulchiinsa saba kanaa harka isaanii keessaa fudhateera waan jedhaniif isatti dheekkamanii turan; akkasumas isaanis isa ajjeesuuf barbaadanii turan.

16 Akkasumas ammas, akkuma Gooftaan isa abboometti sababii inni gara lafa onaa adeemeef, akkasumas galmeewwan warra gabateewwan sibiila diimaa irratti bocaman fudhachuu isaatiin isaan inni nu saameera jedhanii isatti dheekkamanii turan.

17 Akkasumas, akkasitti isaan ijoolleen isaanii akka isaan jibbaniif, akkasumas isaan akka isaaniin ajjeessaniif, akkasumas akka isaan isaaniin hataniif, akkasumas akka isaan saamaniif, akkasumas isaan balleessuuf waan danda’an hundumaa akka godhaniif isaan barsiisaniiru; kanaafuu isaan ijoollee Nefii irratti jibba bara baraa qabu.

18 Kanaafuu, sababni ijoon mootichi Laamaan, gowwomsaa isaatiin, akkasumas haxxummaa sobaatiin, akkasumas waadaa isaa isa gaarii fakkaatuun ani saba koo gara biyya kanaatti akkan fiduuf, isaanis isaaniin balleessuu akka danda’aniifis, na gowwoomseera, eeyyee, akkasumas nuyi waggoota baay’ee kanaaf biyyicha keessatti dhiphanneerra.

19 Akkasumas amma, ani, Zeniif, waa’ee warra Laamaaniin saba kootti waantota kana hundumaa ergan himeen booda, ani humna isaaniitiin gara lolaatti akka isaan adeemaniif, Gooftaa irratti amanannaa isaanii akka kaa’ataniif kakaaseerar; kanaafuu nuyi fuulaa fuulatti isaanii wajjin wal falmineerra.

20 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, nuyi irra deebiin biyya keenya keessaa isaan in ariine; akkasumas nuyi ajjeecha guddaadhaan isaan ajjeefne, isaan baay’ee waan ta’aniif illee nuyi isaaniin hin lakkoofne.

21 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, nuyi irra deebiin gara biyya ofii keenyaatti in deebine, akkasumas sabni koo ammas karra hoolota isaanii eeguu, akkasumas lafa isaanii qotuu in jalqaban.

22 Akkasumas amma, ani, waanan dulloomeef, mootummaa kana ilmaan koo keessaa isa tokkoof dabarsee nan kenne; kanaafuu, ani kana caalaa homaa hin dubbadhu. Akkasumas, Gooftaan saba koo haa eebbisu. Ameen.