Boqonnaa 17
Almaan dubbiiwwan Abinaadii in amane, akkasumas in barreesse—Abinaadiin abiddaan dhiphatee in du’e—Inni namoota isa ajjeesan irratti dhukkubaa fi abiddaan akka du’an raajii in dubbate. Naannoo bara 148 Dh.K.D.
1 Akkasumas amma kun erga ta’ee booddee, Abinaadiin dubbiiwwan kana yommuu xummureetti, mootichi luboonni akka isa fudhatanii fi akka inni ajjeefamus in abboome.
2 Garuu isaan keessaa kan maqaan isaa Almaa jedhamu tokkotu ture, innis sanyii Nefii keessaa ture. Akkasumas, inni dargaggeessa ture, akkasumas inni dubbiiwwan Abinaadiin dubbate amanee ture, sababni isaas inni isa Abinaadiin jal’ina isaanii ilaalchisee isaan irratti dhugaa ba’es in beeka ture; kanaafuu inni akka mootichi Abinaadiitti hin aarreef, garuu akka inni nagaadhaan ba’ee adeemuuf akka inni heyyamuuf kadhachuu in jalqabe.
3 Garuu mootichi caalaatti dheekkamee ture, akkasumas Almaan isaan gidduudhaa akka gadi darbatamu in godhe, akkasumas akka isa ajjeesaniif hojjetoota isaa isa duukaa in erge.
4 Inni garuu isaan duraa in baqate, akkasumas akka isaan isa hin arganneef of in dhokse. Akkasumas, inni guyyoota baay’eedhaaf dhokatee waan tureef dubbiiwwan Abinaadiin dubbate hundumaa in barreesse.
5 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, mootichi eegdonni isaa Abinaadiin marsanii akka isaan isa qaban in godhe; akkasumas isaan isa hidhanii, akkasumas mana hidhaatti isa in darbatan in godhe.
6 Akkasumas guyyoota sadii booddee, luboota isaa wajjin erga mari’ateen booda, inni akka inni deebi’ee isa duratti dhiyeeffamu in godhe.
7 Akkasumas, inni akkas isaan in jedhe: Abinaadii, nuyi balleessaa si irratti arganneerra, akkasumas du’ii siif in mala.
8 Waaqayyo ofii isaatii ilmaan namaa gidduutti akka gadi ba’u ati dubbatteetta; akkasumas amma, sababa kanaaf ati dubbiiwwan hamaa isa waa’ee koo fi waa’ee saba kootii dubbatte hundumaaf ifatti yoo waakkatte malee ati in ajjeefamta.
9 Amma Abinaadiin akkas isaaniin in jedhe: Ani isiniin nan jedha, dubbiiwwan warri ani waa’ee saba kanaa dubbadhee dhugaa waan isaan ta’aniif, ani hin waakkadhu; akkasumas akka isin ofii keessanii dhugummaa isaanii beektaniif ani ofii kootii akkan harka keessan keessatti kufuuf heyyameera.
10 Eeyyee, akkasumas ani hamma du’aatti illee nan dhiphadha, akkasumas ani dubbiiwwan koo hin waakkadhu, akkasumas isaan akka isin irratti dhuga baatota ta’anii in dhaabbatu. Akkasumas, isin yoo na ajjeeftan isin dhiiga nama balleessaa hin qabne nii dhangalaastu, akkasumas kun immoo guyyaa isa dhumaatti akka dhuga ba’umsatti isin irratti ka’ee in dhaabbata.
11 Akkasumas amma, mootichi Nohii dubbii isaa waan sodaateef, firdiin Waaqayyoo na irratti dhufa jedhee waan sodaateef inni isa gadi dhiisuuf ture.
12 Luboonni garuu sagalee isaanii ol kaasuudhaan, akkasumas inni mooticha arrabseera, jechuun isa irratti ka’anii yakkuu in jalqaban. Kanaafuu, mootichi aariidhaan isa irratti kaka’uun akkasumas akka inni ajjeefamuufis dabarsee isa in kenne.
13 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan qabanii akkasumas isa in hidhan, akkasumas hamma du’aatti illee, eeyyee, gogaa isaa hanxaxiidhaan in reeban.
14 Akkasumas amma, yeroo arrabi abiddichaa isa gubuu jalqabetti, inni akkas jechuun, isaanitti in iyye:
15 Kunoo, isin akkuma ana irratti gootan kana illee, akkas in ta’a sanyiin keessan baay’een dhiphina ani dhiphadhu kanaan, dhukkubbii du’a abiddaan illee akka dhiphatan in godhu; akkasumas kunis sababii isaan fayyisuu Waaqayyo Gooftaa isaaniitti amananiif in ta’a.
16 Akkasumas, akkas in ta’a: isin sababii jal’inoota keessaniitiif dhukkuboota gosa hundumaatiin in dhiphattu.
17 Eeyyee, akkasumas isin harka hundumaatiin in rukutamtu, akkasumas akkuma bineensi bosonaa bineensota warra gara-jabeeyyii fi balaaafamoodhaan oofaman illee, akkasumas isinis oofamtanii asii fi achi in faffacaatu.
18 Akkasumas, isin guyyaa sanatti in adamfamtu, akkasumas isin irree diinota keessaniitiin in fudhatamtu, akkasumas isin sana booda, akkuma ani dhiphadhu kana, dhukkubbii du’a abiddaatiin in dhiphattu.
19 Akkasitti Waaqayyo warra saba isaa balleessan irratti ijaain ba’a. Yaa Waaqayyoo, lubbuu koo fudhadhu.
20 Akkasumas amma, Abinaadiin dubbiiwwan kana yommuu dubbate, inni du’a abiddaatiin dhiphatee in kufe; eeyyee, abboommota Waaqayyoo waan hin ganneef inni in ajjeefame, dhugaa dubbiiwwan isaas du’a isaatiin in mirkaneesse.