Boqonnaa 21
Sabni Limhii warra Laamaaniin in rukutaman, akkasumas in mo’aman—Sabni Limhii Ammooniin wal in argan akkasumas in jijjiiraman—Isaanis waa’ee gabateewwan warra Yaareediin isa digdamii arfanii Ammoonitti in himan. Naannoo bara 122–121 Dh.K.D.
1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Limhii fi sabni isaa gara magaalaa isa kan Nefiitti in deebi’an, akkasumas nagaadhaan biyyatti keessa jiraachuu in jalqaban.
2 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, guyyoota baay’ee booda warri Laamaan deebi’anii warra Nefii irratti aariidhaan kaka’uu in jalqaban, akkasumas isaan gara daangaawwan biyyaa isa naannawa sanaa jirutti dhufuu in jalqaban.
3 Amma sababii kakuu isa mootiin isaanii Limhiitiif galeef jecha isaan isaaniin ajjeesuuf ija hin jabaanne; garuu isaan maddii isaanii irra isaan in kabalu, akkasumas isaan irrattis aangoo isaanii in shaakalan; akkasumas ba’aawwan ulfaatoo dugda isaanii irra kaa’uu in jalqaban, akkasumas isaan akka harree afaan hin qabneetti isaaniin in oofan—
4 Eeyyee, dubbiin Gooftichaa akka raawwatamuuf kun hundinuu godhamee ture.
5 Akkasumas amma, dhiphinni warra Nefii guddaa ture, akkasumas warri Laamaan gama hundumaan isaan marsanii waan turaniif karaa isaan harka isaanii keessaa ofii isaanii baasuu danda’an hin turre.
6 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, sabni rakkina isaanii irraa kan ka’e mooticha irratti gungumuu in jalqaban; akkasumas isaan irratti ka’anii isaan loluudhaaf hawwuu in jalqaban. Akkasumas, isaanis komii isaaniitiin mooticha akka malee in dhiphisan; kanaafuu inni akkaataa fedha isaaniitti akka isaan hojjetaniif in heyyame.
7 Akkasumas, isaan ammas walitti in qabaman, akkasumas meeshaa lolaa isaanii hidhatanii, akkasumas warra Laamaaniin biyya isaanii keessaa isaan ari’uuf in adeeman.
8 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, warri Laamaan isaan in rukutan, akkasumas gara duubaattis isaan in ari’an, akkasumas baay’ee isaaniis in ajjeesan.
9 Akkasumas amma, saba Limhii gidduutti gaddaa fi boo’ichi guddaan in ta’e, dubartiin abbaan manaa irraa du’e abbaa manaa isheetiif in gadditti, ilmaa fi intalli abbaa isaaniif, akkasumas obboloonni obbolootaa isaaniif akkasuma.
10 Amma biyyattii keessa dubartoonni abbaan manaa irraa du’e baay’ee turan, akkasumas isaan guyyaadhaa gara guyyaatti baay’ee boo’aa turan, sababni isaas sodaa guddaan warra Laamaan irraa isaanitti dhufee ture.
11 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, iyyi isaanii inni itti fufiinsa qabu akka sabni Limhii warri hafan warra Laamaaniin irratti aariidhaan akka ka’an isaan in kakaase; akkasumas isaan ammas lolaaf ba’anii in adeeman, garuu isaan lubbuu baay’ee dhabuudhaan ammas duubatti in ari’aman.
12 Eeyyee, isaan yeroo sadaffaaf illee deebi’anii in deeman, akkasumas haala wal-fakkaatuun in dhiphatan; akkasumas warri hin ajjeefamne ammas gara magaalaa isa kan Nefiitti in deebi’an.
13 Akkasumas, isaan akka biyyootti illee ofii isaanii gadi in deebisan, isaan akka fedhii diinota isaaniitti, waanjoo garbummaa jala ofii isaanii in galchan, akka rukutamaniifis ofii isaanii gadi in qaban, akkasumas asii fi achi oofamanii, akkasumas ba’aas in baachifaman.
14 Akkasumas, isaan hamma gadi fageenyaan gadi of deebisuu danda’anitti illee ofii isaanii gadi in deebisan; akkasumas isaan gara Waaqayyootti humnaan in iyyan; eeyyee, inni rakkina isaanii keessaa akka isaan baasuuf gara Waaqayyo isaaniitti guyyaa guutuuf illee iyyaa turan.
15 Akkasumas amma, sababii jal’inoota isaaniitiif Gooftaan iyya isaanii dhaga’uuf suuta in jedhe; haa ta’u malee Gooftaan iyya isaanii in dhaga’e, akkasumas akka isaan ba’aawwan isaanii salphisuu jalqabaniif inni garaa warra Laamaaniin laaffisuu in jalqabe; haa ta’u malee Gooftaan garbummaa jalaa isaan baasuun isaa gaarii akka ta’etti hin argine.
16 Akkasumas kun erga ta’ee booddee isaan biyyicha keessatti suutuma suutaan badhaadhuu in jalqaban, akkasumas isaan beela’anii akka hin rakkanneef, midhaan irra hafaa, akkasumas hoolotaa, fi loowwan guddisuu in jalqaban.
17 Amma dubartoonni lakkoobsaan warra dhiirotaa caalaa baay’ee turan; kanaafuu mootiin Limhii namni hundinuu dubartoota abbaan manaa irraa du’ee fi ijoollee isaaniibeelaan akka isaan hin badneef, waan qaban irra qooduun akka isaan gargaaran in abboome; akkasumas lakkoobsi warri du’anii baay’ee waan ta’eef isaan kana in godhan.
18 Amma sabni Limhi hamma isaaniif danda’ametti qaama tokkoon walitti qabamanii, akkasumas midhaan isaanii fi hoolota isaanii in eeggatan;
19 Akkasumas, mootichi ofii isaatii harka warra Laamaanitti kufuun danda’aa jedhee waan sodaateef, inni eegdota isaa of biraa yoo qabaateirraa kan hafee inni dallaa magaalattii malee nama isaa hin amanne.
20 Akkasumas, luboota warra intaloota warra Laamaanii hatanii gara lafa onaatti baqatanii badii akkas guddaa isaan irra akka ga’u godhan sana akka qabuu danda’aniif ummanni isaa naannawa isaa akka tiksu in godhe.
21 Sababni isaa isaan isaaniin adabuuf isaan qabachuu barbaadanii turan; isaan halkaniinis gara biyya isa kan Nefii waan dhufaniif, akkasumas midhaan isaanii fi waantota gati-jabeeyyii ta’an baay’ee isaan duraa in fudhatan; kanaafuu isaan riphanii isaan in eeggatan.
22 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, hamma yeroo Amoonii fi obboloonni isaa gara biyyattii dhufanitti illee, warra Laamaanii fi saba Limhii gidduutti jeequmsi hin turre.
23 Akkasumas, mootichi eegduu isaa wajjin karra magaalaatiin ala yommuu turetti, Amoonii fi obboloota isaa in arge; akkasumas isaan luboota Nohiiti jedhee waan yaadeef kanaafuu inni akka isaan qabaman in godhe, akkasumas hidhanii, akkasumas mana hidhaatti in darbatan. Akkasumas, utuu isaan luboota Nohii ta’aniiru ta’ee silaa inni akka isaan ajjeefaman in godha ture.
24 Garuu inni isaan akka hin taane, garuu isaan obboloota isaa akka ta’an, akkasumas biyya isa kan Zarahemlaa irraa akka dhufan yommuu argetti inni gammachuu gar-malee guddaadhaan guutamee ture.
25 Amma dhufaatii Amooniin dura mootichi Limhiin biyya Zarahemlaa akka barbaadaniif namoota muraasa ergee ture; garuu isaan isa argachuu hin dandeenye, akkasumas isaan lafa onaa keessatti in badan.
26 Haa ta’u malee, isaan biyya namoonni keessa jiraatan tokko; eeyyee, biyya lafee goggogaadhaan uwwifamee ture tokko; eeyyee, biyya namoonni baay’een keessa turan kan balleeffamee ture in argan; akkasumas isaan inni biyya Zarahemlaatii jedhanii tilmaamuudhaan gara biyya isa kan Nefiitti in deebi’an, dhufaatii Amooniin duras guyyoota baay’ee utuu hin ta’in daangaawwan biyyattii bira ga’anii turan.
27 Akkasumas, isaan galmee namoota lafee isaanii argataniiillee fidanii in dhufan; akkasumas inni gabateewwan sibiila Oorii irratti bocamee ture.
28 Akkasumas amma, Mootichi Mozaayyaan waantota bocaman kana hiikuu kan isa dandeessu kennaa Waaqayyo biraa akka argate afaan Amoon irraa baruu isaatiin ammas Limhiin gammachuudhaan in guutame; eeyyee, akkasumas immoo Amoonis in gammade.
29 Haa ta’u malee, obboloonni isaanii baay’een waan ajjeefamaniif Amoonii fi obboloonni isaa gaddaan guutamanii turan;
30 Akkasumas immoo, mootichi Nohii fi luboonni isaa sabni sun cubbuuwwan baay’ee fi jal’inoota Waaqayyo irratti akka hojjetan in godhan; akkasumas isaan immoo du’a Abinaadiitiif; akkasumas immoo adeemsa Almaa fi namoota isaa wajjin adeemaniif, warra jabinaa fi humna Waaqayyootiin waldaa Waaqayyoo ijaaranii, akkasumas dubbiiwwan Abinaadiin dubbate irratti amantii akka qabaatan godhan deemu isaaniitiif in gaddan.
31 Eeyyee, isaan eessatti akka isaan baqatan waan hin beekneef, adeemuu isaaniitiif in gaddan. Amma isaan ofii isaaniitii Waaqayyoon tajaajiluu fi abboommota isaa eeguudhaaf isaa wajjin kakuu waan galaniif, silaa isaan gammachuudhaan isaanitti in makamu turan.
32 Akkasumas amma, erga Amoon dhufee kaasee, mootichi Limhii fi namoonni isaa baay’eenis isa tajaajiluu fi abboommota isaa eeguuf Waaqayyoo wajjin kakuu galanii turan.
33 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, mootichi Limhii fi sabni isaa baay’een cuuphamuu barbaadanii turan; garuu biyya sana keessa kan Waaqayyo biraa haboo qabu hin turre. Akkasumas, Amoon ofii isaa nama hojii kana hojjechuuf maluu miti jechuudhaan, inni waan kana raawwachuu in dide.
34 Kanaafuu, isaan yeroo sanatti Hafuura Gooftaa eeggachaa waan turaniif, isaan yeroo sanatti waldaa hin ijaarre turan. Amma isaan akka Almaa fi akka obboloota isaa warra gara lafa onaatti baqataniita’uu in hawwan.
35 Isaan garaa isaanii guutuudhaan Waaqayyoon tajaajiluudhaaf fedha qabeessota akka ta’aniif akka ragaa fi dhuga ba’umsaattis cuuphamuu barbaadanii turani; haa ta’u malee isaan yeroo isaanii in dheeressan; akkasumas seenaan cuuphaa isaaniis kanatti aansee in kennama.
36 Akkasumas amma, kaayyoon Amoonii fi saba isaa, akkasumas mootii Limhii fi saba isaa harka warra Laamaaniin jalaa fi garbummaa jalaa of baasuuf ture.