Caaffata qulqullaa’aa
Mozaayyaa 11


Boqonnaa 11

Mootichi Nohi jal’inaan in bulche—Inni haadha manootaa fi saajjatoota isaatii wajjin jireenya gadi-dhiisii in jiraate—Abinaadiin akka sabichi garbummaatti fudhatamu raajii in dubbate—Mootichi Nohii lubbuu isaa dabarsuu in barbaade. Naannoo bara 160–150 Dh.K.D.

1 Akkasumas amma kun erga ta’ee booddee, Zeniif mootummaa kana isa ilmaan isaa keessaa tokkoo ta’e, Nohiif, in kenne; kanaafuu Nohiin iddoo isaa mootii ta’uu in jalqabe; akkasumas inni karaa abbaa isaa irra hin adeemne ture.

2 Kanaafis kunoo, inni abboommota Waaqayyoo hin eegne, garuu inni fedhii garaa ofii isaatii duukaa adeeme. Akkasumas, inni haadha manootaa fi saajjatoota baay’ee qaba ture. Akkasumas, inni akka sabni isa cubbuu hojjetan, akkasumas waanta Gooftaa duratti xuraa’aa ture akka hojjetan in godhe. Eeyyee, akkasumas isaan sagaagalummaa akkasumas jal’ina gosa hundumaa hojjetanii turan.

3 Akkasumas, inni warqee isaanii keessaa harka shanaffaa, akkasumas meetii isaanii keessaa, akkasumas harka shanaffaa zifii isaanii keessaa, akkasumas sibiila diimaa isaanii keessaa, akkasumas sibiila borojjii fi sibiila naasaa keessaa; akkasumas horii keessaa warra caalaan harka shanaffaa; akkasumas immoo midhaan isaanii hundumaa keessaa harka shanaffaa, qabeenya qaban hundumaa keessaas harka shanaffaa gibira isaan irra in kaa’e.

4 Akkasumas kana hundumaa kan inni fudhateef ofii isaa, akkasumas haadha manoota isaatii fi saajjatota isaa; akkasumas immoo luboota isaa, akkasumas haadha manoota isaanii fi saajjatota isaanii ittiin gargaaruuf ture; inni akkasittiin dhimma mootummichaa jijjiiree ture.

5 Sababni isaa inni luuboota warra abbaan isaa muudee ture hundumaa irraa in kaase, akkasumas iddoo isaaniis warra of-tuulummaa garaa isaaniitiin ol kaafaman haaraa in muude.

6 Eeyyee, akkasumas akkasitti isaan dhibaa’ummaa isaaniitiif, akkasumas waaqa tolfamaa waaqessuu isaaniitiif, akkasumas sagaagalummaa isaaniitiif, gibara mootichi Nohiin saba isaa irra kaa’ee tureen gargaaramaniiru; akkasitti sabichi jal’ina gargaaruuf gar-malee in hojjete.

7 Eeyyee, akkasumas isaan immoo warra waaqa tolfamaa waaqeffatan in ta’an, sababni isaas isaan dubbiiwwan waa’ee hin baafnee fi dubbiiwwan mootichaa warra namatti tolanii fi kan lubootaan gowwoomaniiru; sababni isaas isaan waantota namatti tolu isaanitti dubbataniiru.

8 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, mootichi Nohii gamoowwan babbareedoo akkasumas babal’aa baay’ee in ijaare; akkasumas inni hojii mukaa isa gaarii ta’een, akkasumas waantota gati-jabeeyyii gosa hundumaan, kan warqee irraa hojjetameen, akkasumas meetiidhaan, akkasumas isa sibiila diimaa, akkasumas sibiila boorrajjii, akkasumas sibiila naasaa, akkasumas ziifii irraa hojjetameen isaaniin miidhagsee ture;

9 Akkasumas immoo, masaraa bal’aa, akkasumas teessoo tokkoo isa gidduutti isaaf in ijaare, hundumti isaaniis mukoota gaarii ta’an irraa, akkasumas warqee fi meetii akkasumas waantota gati-jabeeyyii ta’an irraa miidhagsee ture.

10 Akkasumas immoo, hojjettoonni isaa dallaa mana qulqullummaa keessa hojii gaarii gosa hundumaa irraa, muka gaarii irraa, akkasumas sibiila naasaa, akkasumas sibiila diimaa irraa akka hojjetan in godhe.

11 Akkasumas, teessoowwan hundumaa gararraa isaan ta’an kanangafa lubootaatiif adda baafamanii turan, inni warqee qulqulluudhaan in miidhagse; akkasumas inni yommuu isaan sobaa isaaniitii fi dubbiiwwan isaanii warra waa’ee hin baafne saba isaaniitti dubbatanitti, inni qaama isaanii fi irree isaanii akka isaan irra kaa‘atanii boqotaniif fuula isaanii duratti waan isaan itti hirkatan isaaniif akka ijaaramu in godhe.

12 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, inni mana qulqullummaa biratti; eeyyee, riqaabaay’ee ol ka’aa ta’e, inni hamma ol ka’ee fiixee ishee irra dhaabbatee biyya Shiiloomiin, akkasumas immoo biyya Sheemlooniin, ishee warra Laamaaniin qabamtee turte sana illee, ilaaluu kan isa dandeessisu; akkasumas inni biyya naannoo sana jiru hundumaa illee ilaaluu kan isa dandeessisu riqaa ol dheeraatokko in ijaare.

13 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, inni biyya Shiiloom keessatti gamoon baay’een akka ijaaraman in godhe; akkasumas inni tulluu kaaba biyyaa Shiiloom jiru irratti darbiiguddaan akka ijaaramu in godhe, innis yeroo isaan biyyattii keessaa baqatanii turanitti isa ijoollee Nefiitiif iddoo boqonnaa ta’ee tureedha; akkasumas inni akkasitti qabeenya gibira saba isaa irraa argate sanaan kana in hojjete.

14 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, inni garaa isaa badhaadhina isaa irraa in kaa’ate, akkasumas inni yeroo isaa haadha manoota isaa fi saajjatota isaatii wajjiin jireenya gadi-dhiisii dabarseera; akkasumas immoo lubooni isaas ejjitootaa wajjin yeroo isaanii dabarsaniiru.

15 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, inni naannoo biyyichaa keessatti wayinii in dhaabe; akkasumas inni iddoo wayinii itti cuunfan in ijaare, akkasumas wayiniin akka baay’atu in godhe; akkasumas kanaafuu inni, akkasumas sabni isaas immoo warra wayinii dhugan in ta’an.

16 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, sabni isaa muraasni hoolotaa tiksaa utuu jiranii, akkasumas warri Laamaan maasii isaanii irratti isaan ajjeesuuf, akkasumas dhufuu jalqabanii turan.

17 Akkasumas, mootichi Nohiin akka isaan irraa hin fagaanneef eegdota naannoo biyyattiitti in erge; garuu inni lakkoofsa ga’aa ta’e hin ergine, akkasumas warri Laamaan isaan irratti dhufanii akkasumas isaan in ajjeesan, akkasumas hoolota isaanii baay’ee biyyicha keessaa ari’anii in baasan; akkasitti warri Laamaan isaan balleessuu, akkasumas jibba isaanii isaan irratti shaakaluu in jalqaban.

18 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, mootiichi Nohii loltoota isaa isaan irratti in erge, akkasumas isaanis duubatti ari’amanii turan, yookiin isaan yeroodhaaf isaaniin gara duubatti in ari’an; kanaafuu, isaan waanta saamanittis gammadaa in deebi’an.

19 Akkasumas amma, sababa moo’icha guddaa kanaan isaan of tuuluun garaa isaanii ol kaasanii turan; shantamni isaanii warra Laamaan kumaatamaan lakkaa’aman dura dhaabbachuu in dandeenya, jechuun jabina ofii isaaniitiin in dhaadatan; akkasumas akkasitti isaan in dhaadatan, akkasumas dhiigatti, akkasumas dhangala’uu dhiiga obboloota isaaniitti in gammadan, akkasumas kunis jal’ina mootii isaanii fi luboota isaanii irraa kan ka’eedha.

20 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan gidduudha nama Abinaadii jedhamu tokkotu ture; akkasumas inni isaan gidduu adeemuudhaan, akkasumas akkas jechuun, raajii dubbachuu in jalqabe: Kunoo, Gooftaan akkas jedha, akkasumas inni akkas jechuun na abboomeera, ba’ii deemiitii, akkasumas saba kanaan, Gooftaan akkas jedha, jedhiin—Saba kanaaf wayyoo, sababni isaa ani xuraa’ummaa isaanii, akkasumas jal’ina isaanii, akkasumas sagaagalummaa isaanii argeera; akkasumas isaan yoo yaada garaa isaanii geeddaratan malee ani aarii kootiin isaaniin nan daawwadha.

21 Akkasumas, isaan yaada garaa geeddaratanii gara Waaqayyo Gooftaa isaaniitti yoo deebi’an malee, kunoo, ani harka diina isaaniitti dabarsee isaan nan kenna; eeyyee, akkasumas isaan garbummaatti in galfamu; akkasumas isaan harka diina isaaniitiin in dhiphatu.

22 Akkasumas, akkas iin ta’a; isaan ani Waaqayyoo Gooftaa isaanii ta’uu koo in beeku, akkasumas ani Waaqa hinaaffu waanan ta’eefd jal’ina saba kootiis nan daawwadha.

23 Akkasumas, akkas in ta’a; booda sabni kun yaada garaa isaa geeddaratee gara Waaqayyo Gooftaa isaatiitti yoo deebi’een malee, isaan garbummaatti in galfamu; akkasumas Waaqayyo Gooftaa isa hundumaa danda’u yoo ta’een malee, tokko illee isaan hin oolchu.

24 Eeyyee, akkasumas akkas nii ta’a yommuu isaan gara kootti iyyanitti ani iyya isaanii dhaga’uuf suuta nan jedha; eeyyee, akkasumas ani akka isaan diina isaaniitiin rukutamaniifis nan heyyama.

25 Akkasumas, isaan yaada garaa geeddaratanii uffata gaddaa fi daaraa of irratti firfirsan, akkasumas jabinaan gara Waaqayyo Gooftaa isaaniitti yoo iyyan malee, ani kadhannaa isaanii hin dhaga’u, ani rakkinoota isaanii keessaas isaan hin baasu; akkasumas akkas jedha Gooftaan, akkasumas inni akkasitti na abboomeera.

26 Amma kun erga ta’ee booddee, yommuu Abinaadiin dubbiiwwan kana isaanitti dubbatetti isaan isatti in dheekkaman, akkasumas lubbuu isaas balleessuu barbaadanii turan; garuu Gooftaan harka isaanii keessaa isa in oolche.

27 Amma mootichi Nohii dubbiiwwan Abinaadiin sabichatti dubbatee ture yommuu dhaga’e, innis immoo dheekkamee ture; akkasumas inni akkas in jedhe: Abinaadiin eenyudhaa, inni anaan akkasumas saba kootti faradu, yookiin Gooftaan inni saba koo irratti rakkina guddaa fidu kun eenyuudhaa?

28 Sabni koo akka wal aarsuuf, akkasumas saba koo gidduutti walitti bu’iinsi akka ka’uuf, inni tuttuqee kakaasuuf sababa inni waantota kana dubbateef, ani akkan isa ajjeessuuf, ani Abinaadiin as akka fiddaniif ani isin nan abbooma; kanaafuu ani isa nan ajjeessa.

29 Amma iji sabichaa jaamee ture; kanaafuu isaan dubbiiwwan Abinaadii irratti garaa isaanii in jabeessan, akkasumas isaan yeroo sanaa kaasanii isa fudhachuufin barbaadan. Akkasumas, mootichi Nohiin dubbii Gooftaa irratti garaa isaa in jabeesse, akkasumas inni hojii isaa isa hamaa irraas yaada garaa isaa hin geeddaranne.