Caaffata qulqullaa’aa
Mozaayyaa 6


Boqonnaa 6

Mootichi Biniyaam maqaa namootaa in galmeessa, akkasumas luboonni akka isaan barsiisaniif in muude—Mozaayyaan mootii qajeelaa ta’ee in mo’e. Naannoo bara124–121 Dh.K.D.

1 Akkasumas ammas, mootichi Biniyaam, erga namootatti dubbatee xumureen booda, maqaa warra abboommota isaa eeguuf Waaqayyoo wajjin kakuu galanii hundumaa fudhachuun isaa barbaachisaa akka ture in yaade.

2 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ijoollee xixiqqoo irraa kan hafe, garuu kan kakuu hin gallee fi maqaa Kiristoosiin of-irratti hin fudhanne lubbuun tokko iyyuu hin turre.

3 Akkasumas ammas kun erga ta’ee booddee, yeroo mootichi Biniyaam waantota kana hundumaa xumuree, akkasumas inni ilmi isaa Mozaayyaan bulchaa fi mootii akka ta’uuf in dibe, akkasumas mootummicha ilaalchisees itti gaffatamummaa hundumaa isaaf in kenne, akkasumas immoo akka isaan abboommota Waaqayyoo dhaga’aniif akkasumas beekaniif, akkasumas waadaa isa isaan godhan yaadachuuf akka isaan of kakaasaniif, luboota namoota barsiisan muudee ture, inni tuuta sanain gaggeesse, akkasumas isaanis tokkoon tokkoon isaanii, akka maatii isaanii fi gara mana ofii isaaniitti in deebi’an.

4 Akkasumas, Mozaayyaan iddoo abbaa isaa bu’ee mo’uu in jalqabe. Akkasumas, innis yeroo Lehiin Yerusaalemiin gadi dhiisee ba’ee kaasee, walumaagalatti, naannoo waggaa dhibba afuriif torbaatamii ja’aa booda umurii isaa waggaa soddomaffaatti bulchuu in jalqabe.

5 Akkasumas, mootichi Biniyaam waggoota sadii in jiraate, akkasumas inni in du’e.

6 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, mootichi Mozaayyaan karaa Gooftaa irra in adeeme, akkasumas inni firdii isaa fi seerrata isaa in eege, akkasumas waantota inni isa abboome hundumaa keessattis abboommota isaa in eege.

7 Akkasumas, akka sabni isaa isaan lafa qotan mootichi Mozaayyaan in godhe. Akkasumas, innis immoo, ofii isaatii, akkaataa abbaan isaa waantota hundumaa keessatti hojjetetti akka isa raawwatuuf, akkasumas inni saba isaa irratti ba’aa akka hin taaneef lafa in qote. Akkasumas, turtii waggoota sadiif saba isaa hundumaa gidduutti walitti-bu’iinsi hin turre.