Boqonnaa 20
Intaloonni warra Laamaan muraasni luboota Nohiin in butaman—Warri Laamaan Limhii fi saba isaa irratti lola in kaasan—Macci loltoota warra Laamaan duubatti hin deebifaman, akkasumas isaan in tasgabbeeffaman. Naannoo bara 145–123 Dh.K.D.
1 Amma Shemloon keessatti iddoon intalonni warra Laamaan walitti qabamanii itti faarfatan, akkasumas itti sirban, akkasumas itti of gammachiisan tokkotu ture.
2 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, guyyaa tokko lakkoobsi isaanii muraasa kan ta’an faarfachuu fi sirbuuf walitti qabamanii turan.
3 Akkasumas amma, luboonni mooticha Nohii, gara magaalaa isa kan Nefiitti deebi’uuf waan qaana’aniif, eeyyee, akkasumas immoo sabichi nu ajjeesa jedhanii waan sodaataniif, kanaafuu isaan gara haadha manoota isaanii fi ijoollee isaaniitti deebi’uudhaaf ija hin jabaanne.
4 Akkasumas, lafa onaa keessatti waan hafaniif, akkasumas intaloota warra Laamaan waan argataniif, isaan riphanii isaan in eegatan;
5 Akkasumas, yeroo isaan keessaa muraasni qofti walitti qabamanii sirbaa turanitti, isaan iddoo isa dhokatan keessaa ba’anii isaan baadhatanii fuudhatannii gara lafa onaatti isaan in geessan; eeyyee, isaan intaloota warra Laamaan keessaa digdamii afur baatanii gara lafa onaatti in geessan.
6 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, warri Laamaan intaloonni akka badan yommuu baranitti, kan kana raawwate saba Limhiiti jedhanii waan yaadaniif isaan saba Limhiitti aaranii turan.
7 Kanaafuu, isaan loltoota isaanii in ergan; eeyyee, mootichi ofii isaatii illee saba isaa dura in adeeme; akkasumas isaan saba Limhii balleessuuf gara biyya isa kan Nefiitti in adeeman.
8 Akkasumas amma, Limhiin riqaa irraa isaan argee ture, lolaafis qophiiwwan isaanii hundumaa illee akka isaan godhanis inni in arge; kanaafuu inni saba isaa walitti in qabe, akkasumas isaan maasii keessaa fi bosona keessa riphanii isaan in eegatan.
9 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, warri Laamaan yommuu ol ba’anii dhufanitti, sabni Limhii iddoo itti isaan eeggachaa turan irraa isaan haleelluu in jalqaban, akkasumas isaan ajjeesuus in jalqaban.
10 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, lolli sun gar-malee ulfaataa in ta’e, sababni isaas isaan akkuma leencaatti adamsanii walii isaanii in lolan.
11 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, sabni Limhii warra Laamaaniin fuula isaanii duraa ari’uu in jalqaban, haa ta’u malee baay’inni isaanii wal’akkaa hamma warra Laamaaniin illee hin ga’u ture. Garuu isaan lubbuu isaaniitiif, akkasumas haadha manoota isaaniitiif, akkasumas ijoollee isaaniif in lolan; kanaafuu isaan ofii isaaniitii akka jawweetti loluudhaaf isaan itti dhama’aniiru.
12 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan lakkoobsa warra isaan gidduudhaa du’anii keessaa kan mooticha warra Laamaaniin in argan, haa ta’u malee inni madaa’ee lafa irratti kufee ture malee, hin duune ture, kanaafuu sabni isaa saffisaan baqatanii turan.
13 Akkasumas, isaan isa fuudhanii madaa isaas in hidhaniif, akkasumas Limhii durattis isa in fidan, akkasumas akkas in jedhan: Kunoo, mootiin warra Laamaan isa kanadha; inni madaa’ee warra du’an gidduutti in kufe, akkasumas isaan isa hin ajjeefne; akkasumas kunoo, nuyi si duratti isa fidneerra; akkasumas amma nuyi isa haa ajjeefnu.
14 Garuu Limhiin akkas isaaniin in jedhe: Isin isa hin ajjeesinaa, garuu akkan isa arguuf as isa fidaa. Akkasumas, isaanis gara isaatti isa in fidan. Akkasumas, Limhiin akkas isaan in jedhe: Ati saba koo irratti kaatee loluudhaaf akka ol dhuftu kan godhe maaliidhaa? Kunoo, sabni koo kakuu ani isiniif galee ture hin cabsine; kanaafuu, isin kakuu isa saba kootiif galtanii turtan maaliif cabsitaniree?
15 Akkasumas amma, mootichi akkas in jedhe: Ani sababii sabni kee intaloota koo fudhataniif isan kakadhee ture cabseera; kanaafuu, ani aarii kootiin sabni koo saba kee irratti ka’anii loluudhaaf akka dhufan godheera.
16 Akkasumas amma, Limhiin dhimma kana ilaalchisee homaa hin dhageenye ture; kanaafuu inni akkas in jedhe: Ani saba koo gidduu nan sakatta’a, akkasumas namni waan kana raawwatee argame kamiyyuu in bada. Kanaafuu, inni saba isaa gidduutti sakatta’iinsi akka godhamu in godhe.
17 Amma Giidiwoon waantota kana yommuu dhaga’etti, inni ajajaa mooticha waan tureef, inni dhaqee mootichaan akkas in jedhe: Ani sin kadhadha, akkasumas saba kana hin sakatta’initii dhiisi, akkasumas himannaa kanaan waan kana isaan irra hin kaa’in.
18 Ati luboota abbaa keetii kan sabni kee balleessuuf barbaadee ture hin yaadattuuree? Akkasumas, isaan lafa onaa keessa hin jiraniiree? Akkasumas, isaan warra intaloota warra Laamaaniin hatan mitiiree?
19 Akkasumas amma, kunoo, akkasumas akka inni sabichatti dubbatee nu irraa tasgabbeessuuf, wantota kana mootichatti nuuf himaa; sababni isaas kunoo isaan nu irratti dhufanii nu loluudhaaf qophii isaanii xumuraniiru; akkasumas kunoo isaan baay’eedha nuti garuu muraasadha.
20 Akkasumas kunoo, isaan macca loltoota isaanii baay’ee wajjin in dhufan; akkasumas yoo mootichi isaaniin nu irraa tasgabbeesse malee nuyi in badna.
21 Sababii dubbiiwwan Abinaadiin nu irratti ka’ee raajii dubbate ture sun hin raawwatamneeree—akkasumas kana hundumaas sababa nuyi dubbiiwwan Gooftaa dhaggeeffachuu hin barbaanneef, akkasumas jal’inoota keenya irraa deebineef mitiiree?
22 Akkasumas amma, kottaa nuyi mooticha in tasgabbeessinaa, akkasumas nuyi kakuu isa isaaf galle akka raawwatamu in goona; sababni isaas nuyi lubbuu keenya dhabuu irra nuyi garbummaa keessa jiraachuu nuuf wayya; kanaafuu, kottaa nuyi dhangala’uu dhiigaa isa baay’ee kana in dhaabnaa.
23 Akkasumas amma, Limhiin waa’ee waantota abbaa isaatii fi luboota lafa onaatti baqatanii turanii hundumaa mootichatti in hime, akkasumas fudhatamuu intaloota isaaniitiifis akka isaan sababa ta’an in ibse.
24 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, mootichi saba isaa wajjin tasgabbaa’ee ture; akkasumas innis akkas isaaniin in jedhe: Kottaa nuyi meeshaa lolaa malee deemnee saba koo in arginaa; akkasumas ani sabni koo saba kee akka hin ajjeefne kakaa isiniif kakadha.
25 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan mooticha duuaa in bu’an, akkasumas meeshaa lolaa isaanii malee warra Laamaanii wajjin wal-arguuf in ba’an. Akkasumas kun erga ta’ee booda, isaan warra Laamaanii wajjin wal in argan; akkasumas mootiin warra Laamaan fuula isaanii duratti in qoomma’e, akkasumas namoota Limhiis iddoo bu’ee in kadhate.
26 Akkasumas, warri Laamaan akka namoonni Limhii meeshaa lolaa malee akka turan yommuu arganitti, isaan isaaniif gaddaniifi tasgabbaa’aniis turan, akkasumas isaan mootii isaanii wajjin nagaadhaan gara biyya ofii isaaniitti in deebi’an.