Caaffata qulqullaa’aa
Mozaayyaa 26


Boqonnaa 26

Miseensoonni Waldichaa hedduun warra hin amanneen gara cubbuutti in oofaman—Almaadhaaf jireenyi bara baraa waadaa in galameef—Warri qalbii geeddaratanii fi cuuphaman araara in argatan—Warri miseensota waldaa ta’anii cubbuu keessa jiran qalbii diddiirratanii fi badii isaanii Almaatti fi Gooftaatti himatan araara in argatan; kanaa achi, ummata Waldaa wajjin hin lakkaa’aman. Naannoo bara 120–100 Dh.K.D.

1 Amma kun erga ta’ee booda, yeroo inni dubbatu daa’ima xixiqqoo waan turaniif dhaloonni lafaa ol dhufu dubbii mooticha Biniyaam hin hubanne baay’ee turan, akkasumas aadaa abbootii isaanii hin amanan turan.

2 Isaan waa’ee du’aa ka’uu warra du’aniitiin walqabatee waanta dubbatame in amanne, yookiis Kiristoos deebi’ee akka dhufu illee isaan hin amanne.

3 Akkasumas amma, sababii amantii dhabuu isaanii irraa kan ka’e dubbii Waaqayyoo hubachuu in dadhaban; akkasumas garaan isaanii jabaatee ture.

4 Akkasumas, isaan hin cuuphamne turan; gara waldaattis hin makamne turan. Akkasumas, isaan akka amantii isaaniitti uummata adda ba’an turan, akkasumas akkastti itti in fufan, yaada qalbii foonii fi jireenya cubbuu isaanii keessa in turan; sababni isaas isaan Waaqayyoo Gooftaa isaanii waammachuu hin barbaadan.

5 Akkasumas amma, yeroo bulchiinsa Mozaayyaatti isaan walakkaa lakkoofsaummata Waaqayyoo hin ga’an turan; garuu sababii mormiin obboloota gidduu ture irraa kan ka’e isaan lakkoofsaan baay’achaa in dhufan.

6 Kun erga ta’ee booda, dubbii sobaa isaanitiin namoota waldaa keessa turan hedduu in gowwoomsan, akkasumas isaanis cubbuu hedduu akka raawwatan in godhan; kanaafuu warri waldaa keessa utuu jiranii cubbuu raawwatan waldaadhaan gorfamuun isaanii barbaachisaadha.

7 Akkasumas kun erga ta’e booda, isaan luboota dura in geeffaman, akkasumas barsiistotaan gara lubootaa in geeffaman; akkasumas luboonnis gara isa hangafa lubootaa ture gara Almaatti isaaniin in fidan.

8 Amma mootichi Mozaayyaan Almaadhaaf waldaa irratti aangoo in kenneef.

9 Akkasumas kun erga ta’e booda, Almaan waa’ee isaanii hin beekne ture; garuu isaan irratti dhugaa baatonni hedduun in jiru turan; eeyyee, ummanni dhaabbate hojii badii isaanii irratti baay’inaan dhugaa in ba’e.

10 Amma kanaan dura waanta akkanaa waldaa keessatti uumamee hin beeku ture; kanaafuu, Almaan hafuura isaatiin in jeeqame, akkasumas isaan mooticha bira akka geeffaman in godhe.

11 Akkasumas, inni mootiichaan akkas in jedhe; kunoo, namoota obboloota isaaniitiin himataman keessaa hedduu isaanii isin duratti dhiyeessine jirra; eeyyee, akkasumas isaan jal’inoota garaagaraa utuu raawwatanii kan qabamaniidha. Akkasumas, cubbuu isaanii irraa garaa hin geeddaranne; kanaafuu akkaataa yakka isaaniitiin akka isaan irratti faraddaniif isin fuulduratti isaan fidnee dhufneerra.

12 Garuu mootichi Mozaayyaa Almaadhaan akkas jedhe: Kunoo, ani isaan irratti hin faradu; kanaafuu isaan irratti akka murteessituuf harka keetti isaaniin dabarsee nan kenna.

13 Akkasumas ammas, hafuurri Almaa irra deebiin in jeeqame; ija Waaqayyoo duratti waanta doggoggora akka hin raawwaneef sodaate, akkasumas waa’ee waanta kanaa maal akka godhu dhaqee Gooftaa in gaafate.

14 Akkasumas kun erga ta’e booda, inni lubbuu isaa guutuu gara Waaqayyootti erga dhangalaasee booda sagaleen Gooftaa akkas jechuun gara isaatti in dhufe:

15 Almaa, ati eebbifamaadha, akkasumas namoonni bishaan Mormoon keessatti cuuphaman eebbifamoodha. Sababadubbii garbicha koo Abinaadii qofa irratti amantii guddaa ati qabduufef ati eebbifamaadha.

16 Akkasumas, warri jechoota ati isaanitti dubbatte qofa irratti amantii guddaa qaban eebbifamoodha.

17 Akkasumas, sababa ummata kana gidduutti waldaa hundeessiteef ati eebbifamaadha; akkasumas isaan haa gurmaa’an, akkasumas ummata koo haa ta’an.

18 Eeyyee, uummani maqaa koo baachuuf fedha qaban eebbifamoo dha; isaan maqaa kootiin kan waamamaniif; akkasumas isaan kan koo dha.

19 Akkasumas sababii waa’ee cubbamtootaa waan na gaafatteef, ati eebbifamaa dha.

20 Ati garbicha kooti; akkasumas jireenya bara baraa akka qabaattuuf ani si wajjin kakuu galeera; akkasumas ati ana in tajaajilta, maqaa kootiin tajaajiluu in eegalta, akkasumas hoolota koo walitti in sassaabda.

21 Akkasumas, inni sagalee koo dhaga’u hoolaa koo in ta’a; ati isa waldaa koo keessatti infudhatta, akkasumas anis isa nan simadha.

22 Egaa kunoo, kun waldaa kooti; eenyuyyuu yeroo cuuphamu gara qalbii diddiirrannaatti in cuuphama. Akkasumas, ati kan fudhattu eenyuyyuu maqaa kootti amanuu qaba; akkasumas ani isaaf akkasumaan araara nan godhaaf.

23 Ani cubbuu biyya lafaa ofii koo irratti kan fudhate ana waan ta’eef; kan isin uumes anuma waan ta’eef; akkasumas isa hanga xumuraatti amaneef harka koo mirgatti iddoo kan kenuus anumadha.

24 Egaa kunoo, isaanis maqaa kootiin in waamamu; akkasumas yoo na beekan gara fulduraatti in dhufu, akkasumas harka mirga kootti bara baraan bakka in argatu.

25 Akkasumas kun erga ta’e booda, xurumbaan lammaffaa yommuu dhaga’amu akkan ani dhufuu fi fuldura koo akka dhaabbatan isaan gonkumaa hin beekan.

26 Akkasumas, ani Waaqayyoo Gooftaa isaanii ta’uu koo in beeku, ani furee isaanii akkan ta’es; isaan garuu hin furaman.

27 Akkasumas, ani isaaniin gonkumaa akkan hin beekne isaanitti nan labsa; akkasumas isaan gara abidda barabaraa seexanaa fi ergamoota isaatiiif qophaa’etti in adeemu.

28 Kanaafuu, ani isiniini nan jedha, inni sagalee koo hin dhageenye, inni waldaa koo keessatti hin simatamu, anis guyyoota gara boodaatti anis isa hin simadhu.

29 Kanaafuu, ani isiiniin nan jedha, deemaa; akkasumas isa ana irratti irra daddarbu kamiyyuu isin akkaataa cubbuu inni raawwateetiin isa irratti in murteessitu; akkasumas cubbuu isaa isinii fi ana fulduratti yoo amane, akkasumas dhugumaan garaa isaatii qalbii yoo diddiirrate, isin isaaf araara godhaa, akkasumas anis isaaf araara nan godha.

30 Eeyyee, akkasumas yeroo ummanni koo qalbii diddiirratan hundumaa ani irra daddarbaa isaanii dhiifama nan godhaaf.

31 Akkasumas, isinis hojji cubbuu keessaniif walii keessaniif dhiifama godhaa; dhuguman isinittihimaa, namni cubbuu ollaa isaa isa dhiifama gaafateef dhiifamahin goone, namni akkasii isa ofii isaa firdii jalatti of darbatee wajjin tokkuma.

32 Amma isiniin nan jedha, deemaa; akkasumas namni cubbuu isaa irraaqalbii hin diddiirranne kamiyyuu ummata koo waliin hin lakkaa’amu; akkasumas kun amma irraa jalqabee hojii irra in oola.

33 Akkasumas kun erga ta’e booda, akkaataa abboommii Waaqayyootiin uummata waldaa irratti murteessuu akka danda’uuf Almaan dubbiiwwan kanneen akkuma dhaga’een isaaniin in barreesse.

34 Akkasumas kun erga ta’e booda, Almaan deemee warra jal’ina raawwatan irratti akkaataa dubbii Gooftaatiin itti in murteesse.

35 Akkasumas, namni cubbuu isaa himatee fi qalbii geeddarate kamiyyuu miseensota waldaa waliin in lakkaa’ama.

36 Akkasumas, warri cubbuu isaanii hin himannee fi jal’na isaanii irraa qalbii hin diddiirrane, isaan ummata waldaa wajjin hin lakkaa’amne, akkasumas maqaan isaanii in haqama.

37 Akkasumas kun erga ta’e booda, Almaan dhimmoota waldaa hundumaa in qajeelcha ture; akkasumas irra deebiin nagaa argachuu fi dhimmoota waldaa irratti baay’ee milkaa’uu in jalqaban, Waaqayyoo dura of eegannoodhaan in tarkaanfatan, akkasumas namoota hedduus in simatan, akkasumas hedduunis in cuuphaman.

38 Akkasumas amma, Almaa fi waahillan hojii waldichaa gaggeessan, cimina hundaan adeemuun, waantoota hundaan dubbii Waaqayyoo in barsiisan, gidiraa gosa hundumaa damdamachuun, namoota miseensa waldaa Waaqayyoo hin taaneen in dararaman.

39 Akkasumas, isaan obboloota isaanii in ceephan; akkasumas isaanis in ceephaman, namoonni hundumtuu dubbii Waaqayyootiin akkaataa cubbuu isaatti, yookan akkaataa cubbuu isa inni raawwateetti, utuu addaan hin kutin akka kadhatuu fi waantoota hundaatiin akka galateefatu Waaqayyoon in abboomame.