Caaffata qulqullaa’aa
Mozaayyaa 3


Boqonnaa 3

Mootichi Biniyaam dubbii isaa itti in fufe—Gooftaan inni Hundumaa Danda’u qaama isa biyyoodhaan namoota gidduutti in tajaajila—Cubbuuwwan biyya lafaatiif dhiigni gatii kaffaltii cubbuu isaa kutaa qaamaa hundumaa keessa nii dhangala’a—Fayyinni kan ittiin dhufu maqaa isaa qofaadhaani—Namoonni namummaa isa kan uumamaa of irraa baasanii akkasumas karaa Gatii kaffaltii cubbuutiin Qulqulloota ta’uu danda’u—Dhiphinni warra jal’ootaa akka galaana abiddaa akkasumas dhagaa boba’uu nii ta’a. Naannoo bara 124 Dh.K.D.

1 Akkasumas, ammas, obboloota koo, ani kana caalaa hamma tokko isinitti dubbachuu waanan barbaaduuf, ani xiyyeeffannaa keessan nan barbaada; sababni isaa kunoo, ani waa’ee waantota dhufuuf jiranii waanan isinitti himu qaba.

2 Akkasumas, waantonni ani isinitti himu karaa ergamaa Waaqayyo biraa dhufee tokkoon akka natti beeksifamu godhameera. Akkasumas, innis akkas naan in jedhe: Dammaqi; akkasumas ani nan dammaqe, akkasumas kunoo inni fuula koo dura dhaabbatee ture.

3 Akkasumas, inni akkas naan in jedhe: Dammaqi, akkasumas dubbiiwwan ani sitti himu dhaga’i; sababni isaa kunoo, ani misiraachoo guddaa gammachisaa sitti labsuuf dhufeera.

4 Gooftichi kadhannaa kee waan dhaga’eef, akkasumas qajeelummaa kee irrattis firdii kenneera, akkasumas akka ati gammadduuf, akkasumas ati saba keetti akka labsituuf, isaanis immoo gammachuudhaan akka guutamaniif; ani akkan sitti labsuuf inni na ergeera.

5 Kanaafis kunoo, Gooftaan inni Hundumaa Danda’u inni mo’ee jiru, inni bara hundumaa irraa kaasee hamma bara baraatti jiraatu, yeroo inni itti ilmaan namaa gidduutti waaqa irraa gadi bu’u in dhufa, akkasumas dhufaatiin isaas fagoos miti, akkasumas qaama isaa isa biyyoodhaanis in jiraata, akkasumas inni warra dhukkubsatan fayyisuudhaan, warra du’an kaasuudhaan, warra naafatanis akka adeeman gochuudhaan, akkasumas warra iji isaanii jaame banuudhaan, warra gurri isaanii hin dhageenyes akka dhaga’an gochuudhaan, akkasumas dhukkuboota gosa hundumaa fayyisuudhaan, ilmaan namaa gidduu adeemuudhaan, inni dinqiiwwan gurguddaa in hojjeta.

6 Akkasumas inni daabiloosiin yookiin hafuurota hamoo warra garaa ilmaan namaa keessa jiraatan in baasa.

7 Akkasumas kunoo, inni qorumsootaa, fi dhukkubbii qaamaa, beela, dheebuu, akkasumas dadhabbii, hamma du’aatti yoo ta’e malee, kan namni dhiphachuu danda’u caalaas in dhiphata; sababni isaa kunoo, dhiigni qaama isaa hundumaa keessaa in dhangala’a, sababii jal’inaa fi xuraa’ummaa saba isaatiif dhiphinni isaa baay’ee guddaa in ta’a.

8 Akkasumas, inni, Ilma Waaqayyoo fi Abbaa waaqaa fi lafaa, isa jalqaba irraa kaasee waantota hundumaa Uumee, Yesuus Kiristoos jedhamee in waamama; akkasumas haati isaas Maariyaam jedhamtee in waamamti.

9 Akkasumas, kunoo, fayyinni maqaa isaa irratti amanuudhaan illee ilmaan namaa irratti dhufuu akka danda’uuf, inni gara saba isaatti in dhufa; akkasumas kana hundumaa boodas isaan akka namaatti isa in ilaalu, akkasumas inni daabiloosiin qaba in jedhu, akkasumas isa in reebu, akkasumas isa in fannisu.

10 Akkasumas, inni guyyaa isa sadaffaattis du’a keessaa in ka’a; akkasumas kunoo, inni biyya lafaatti faraduudhaaf in dhaabbata; akkasumas kunoo, firdiin inni qajeelaan ilmaan namaa irratti akka dhufuuf waantonni kun hundinuu in raawwatamu.

11 Kanaafis kunoo, akkasumas immoo dhiigni isaa cubbuuwwan warra irra daddarbaa Addaamiin kufan kan warra waa’ee isaanii fedha Waaqayyoo utuu hin beekin du’an yookiin warra wal’aalummaadhaan cubbuu hojjetaniif gatii kaffaltii cubbuu ta’eera.

12 Garuu, isa Waaqayyo irratti ka’ee finciluuf wayyoo wayyoo! Sababni isaa Gooftaa Yesuus Kiristoositti amanuu fi yaada garaa geeddarachuudhaan yoo ta’e malee isa akkasii kanaaf karaa biraatiin fayyinni hin dhufu.

13 Akkasumas, Waaqayyo Gooftaan waantota kana gosoota, saboota akkasumas afaanota hundumaatti akka isaan labsaniif raajota isaa warra qulqullaa’oo ilmaan namaa hundumaa gidduutti ergeera, kanaanis namni Kiristoos akka dhufu amanu kam iyyuu, cubbuuwwan isaanii irra dhiifama argachuu in danda’u, akkasumas akka waan inni duraan isaan gidduu dhufeetti illee, isaan gammachuu gar-malee guddaadhaanis in gammaduu.

14 Haa ta’u malee, sabni isaa saba boqu-jabeessa akka turan Waaqayyo Gooftaan in arge, akkasumas inni seera, seera Musee illee isaaniif in kenne.

15 Akkasumas, inni dhufaatii isaa ilaalchisee, mallattoo baay’ee, akkasumas dinqiiwwan, akkasumas fakkeenyota, akkasumas inni gaaddidduudhaan isaanitti argisiiseera; akkasumas immoo raajonni qulqullaa’oon dhufaatii isaa ilaalchisanii isaanitti dubbataniiru; akkasumas garuu isaan garaa isaanii in jabeessan, akkasumas seerri Musee karaa gatii kaffaltii cubbuu dhiiga isaa keessaan yoo ta’een malee kan homaa hin fayyadne ta’uu isaa hin hubanne.

16 Akkasumas, ijoolleen xixiqqoon cubbuu hojjechu kan danda’an yoo ta’e iyyuu isaan fayyuu hin danda’an; garuu ani isaan eebbifamoodha isiniin nan jedha; sababni isaa kunoo, akkuma isa Addaam keessaan yookiin uumamaan, isaan in kufu, gatiin dhiiga Kiristoos cubbuuwwan isaaniif araara in godha.

17 Akkasumas, kana malees, ani isiniin nan jedha, maqaa Kiristoos, Gooftaa isa Hundumaa Danda’u qofaan yoo ta’e malee, maqaan biraan yookiin karaa biraadhaan yookiin haalli biraa fayyinni ilmaan namaatiif ittiin kenname hin jiru.

18 Kanaafis kunoo inni in farada, akkasumas firdiin isaas qajeelaadha; akkasumas daa’imni daa’imummaa isaatti du’e hin badu; garuu namoonni yoo gadi of deebisanii fi akka ijoollee xixiqqoo yoo ta’an malee, akkasumas fayyinni dhiiga gatii kaffaltii cubbuu Kiristoos, Gooftaa isa Hundumaa danda’u keessatti akka ture, akkasumas isa jiruu fi isa dhufuuf jirutti yoo amanan malee lubbuu ofii isaaniitiif firdii in dhugu.

19 Kufaatii Addaam irraa kaasee namni uumamaan Waaqayyoof diina waan ta’eef, akkasumas yoo inni fedhii Hafuura Qulqulluutiif harka isaa kennate malee, akkasumas nama isa kan uumamaa of irraa baasee akkasumas karaa gatii kaffaltii cubbuu Kiristoos Gooftichaa qulqulluu yoo ta’e malee, akkasumas akka daa’imaa, kan bitamu, garraamii, kan gadi of deebisu, obsa kan qabu, jaalalaan kan guutamee, akkuma daa’imni abbaa isaatiif bitamu illee, waantota Gooftichi isa irratti fiduuf gaarii ta’ee itti mul’atu hundumaaf bitamuuf fedhii kan qabu yoo ta’e malee, baraa hamma bara baraatti diina Waaqayyoo in ta’a.

20 Akkasumas kana malees, ani akkas isiniin nan jedha, yeroo itti beekumsi Furee saba hundumaa, gosa hundumaa, afaan hundumaa fi nama hundumaa keessatti babal’atu in dhufa.

21 Akkasumas kunoo, yeroon sun yommuu dhufutti, maqaa Gooftaa isa Hundumaa danda’uu qofatti amananii fi yaada garaa geeddaratanii, akka ijoollee xixiqqoo yoo ta’an malees, eenyu illee fuula Waaqayyoo duratti mudaa malee kan argamu hin jiraatu.

22 Akkasumas, ati yeroo kanatti illee, ati waantota Waaqayyo Gooftaan kee si abboome yommuu saba kee yoo barsiifte iyyuu, akkaataa dubbiiwwan ani sitti dubbadhee sanaan qofaan yoo ta’e malee isaan fuula Waaqayyoo duratti mudaa malee hin argaman.

23 Akkasumas, amma ani dubbiiwwan Waaqayyo Gooftaan na abboome dubbadheera.

24 Akkasumas Gooftaan akkas in jedha: Isaan akka dhugaa ba’umsa ifa ta’etti saba kana irratti in dhaabbatu, tokkoon tokkoon isaanii akka hojii isaaniitti, isaan gaarii ta’anis yookiin hamaa ta’anis; guyyaa firdiitti isaanitti in faradama.

25 Akkasumas, isaan yoo warra hamoo ta’an immoo ilaalcha suukaneessaa yakka ofii isaanii fi xuraa’ummaa isaaniif kan kennaman yoo ta’u, kunis fuula Gooftaa irraa gara haala gidiraa fi dhiphinaa isa dhuma hin qabneetti akka isaan galan isaan in taasisa, isaanis kana caalaa irraa deebi’uu hin danda’an; kanaafuu isaan lubbuu ofii isaaniitiif firdii dhuganiiru.

26 Kanaafuu, isaan haqummaa Addaam ija isa inni dhorkame irraa hirmaachuu isaatiin akka kufe waan gananiif isaan kana caalaas isa ganuu waan hin dandeenyeef, xoofoo dheekkamsa Waaqayyoo keessaa dhuganiiru; kanaafuu, araarri kana caalaa bara baraan isaan irratti himata banuu hin danda’u.

27 Akkasumas, dhiphinni isaaniis akka galaana abiddaa fi dhagaa isaa bobba’uuti, isa abiddi isaa hin dhaamnee, akkasumas aarri isaa baraa hamma bara baraatti ol ba’uuti. Gooftaanis akkasitti na abboomeera. Ameen.