Caaffata qulqullaa’aa
Mozaayyaa 23


Galmee Almaa fi ummata Gooftaa kan saba mootii Nohiitiin gara gammoojjiitti oofaman.

Boqonnaa 23 fi 24 kan of keessatti qabateedha.

Boqonnaa 23

Almaan mootii ta’u in dide—Inni angafa lubaa ta’ee tajaajile—Gooftaanis ummata Isaa in adabe, akkasumas warri Laamaanoota biyya warra Heelaam humnaan in qabatan—Amuuloon, kan hoogganaa luboota cubbamtoota warra mootii Nohii ture, mootii Laamaanoota jalatti bitamee bulchaa ture. Naannoo bara145–121 Dh.K.D.

1 Amma Almaan waraanichi mootii Nohii isaan irratti akka duulan Gooftaadhan akeekkachiifamee ture, akkasumas inni ummata isaatti in beeksise, kanaafuu loowwwan isaanii walitti sassaabatanii, akkasumas midhaan isaan fudhatanii, akkasumas waraana mootii Nohii dursanii gara gammoojjitti ba’anii in adeeman.

2 Akkasumas, Gooftaan isaaniin in jajjabeesse, ummanni mootii Nohii isaan qaqqabee barbadeessuu hin dandeenye.

3 Akkasumas, isaan imala guyyoota saddeetiif gara gammoojjiitti taasisuun in baqatan.

4 Akkasumas, eeyyee, gara lafa baay’ee bareedaa fi mijataa kan lafa bishaan qulqulluu tokkotti in dhufan.

5 Akkasumas, isaan dunkaana isaanii in diriirsan, akkasumas laficha qotuu in jalqaban, akkasumas gamoo ijaaruu in jalqaban; eeyyee, isaan hojjettota jajjaboo qaxalee turan, akkasumas baay’isanii in hojjetan.

6 Akkasumas, ummata isaatiin baay’ee waan jaalatameef, ummatichi Almaan mootii isaaniif akka ta’u in fedhan.

7 Garuu inni isaaniif deebisee akkas jedhe: kunoo, mootii qabaachuun keenya nu’iif barbaachisaa miti; namni tokko isa kan biraa hin caalchisinaa, yookiin namni tokko nama kan biraa irra nan caala jedhee yaaduu hin qabu; kanaafuu, ani isiniin nan jedha mootii qabaachuun keessan barbaachisaa miti.

8 Haa ta’u malee, yeroo hundumaa namoota qajeeloo ta’an utuu qabaatanii isaan mootii isiniif gochuun kan danda’amu yoo ta’e isin mootii qabaachuun keessan gaarii in ta’a.

9 Garuu yaadadhaa jal’ina mootii Nohii fi luboota isaa, akkasumas ani iyyuu kiyyootti qabameen ture, akkasumas ija Gooftaa duratti cubbuu kan ta’an waantoota hedduu raawwadheera, kunis imimmaan araaraatiin akkan dhiphadhu na taasiseera;

10 Haa ta’u malee, gidiraa baay’ee booda Gooftaan boo’icha koo naaf dhaga’ee, akkasumas kadhannaa koo naaf deebisee, akkasumas baay’ee keessan gara beekumsa dhugaa isaatti isin deebisuuf harka isaa keessatti meeshaa na godhateera.

11 Haa ta’u malee, ani ofii koof of jajuuf ga’umsa waan hin qabneef waa’ee kanatti ani of hin jaju.

12 Amma isiniin nan jedha, mooticha Nohiitiin hacuucamtaniittu, akkasumas isaa fi luboota isaa jalatti garboomfamtaniittu, akkasumas isaaniin dirqamtanii gara cubbuutti geeffamtaniittu; kanaafuu, hidhaa cubbuu keessa turtan.

13 Akkasumas amma, humna Waaqayyootiin hidhaa kanneen irraa bilisa baafamtaniittu; eeyyee, harka mootii Nohii fi ummata isaa jalaa baataniittu, akkasumas hidhaa cubbuu irraas birmaduu waan baafamtaniif bilisummaadhaan cimtanii akka dhaabbattan ani nan barbaada, akkasumas namni kamiyyuu isin irratti mootii akka ta’u hin eeyyaminaa.

14 Akkasumas, inni nama Waaqayyoo isa daandii isaa irra adeemuu fi abboommiiwwan isaas kan eegu yoo ta’e malee eenyu iyyuu barsiisaa yookiin tajaajilaa keessan akka ta’u hin heeyyamiinaa.

15 Namni hundumtuu ollaa isa akka ofii isaatti akka jaallatu, gidduu isaaniittis waldhabdeen akka hin argamne Almaan haala kanaan ummata isaan in barsiise.

16 Akkasumas amma, Almaan luba ol’aanaa isaanii ture, akkasumas inni hundeessaa waldaa isaanii ture.

17 Akkasumas kun erga ta’ee booda, karaa isaatiin malee aangoo lallabuu fi barsiisuu Waaqayyoo irraa kan fudhate eenyullee hin turre. Kanaafuu, inni lubootaa fi barsiisoota isaanii hundumaa in muuude; akkasumas namoota qulqulluu ta’an malee eenyuyyuu hin muudamne.

18 Kanaafuu, isaanis ummata isaanii in tiksan, akkasumas waantoota gara qajeellummaatti geessan isaan in barsiisan.

19 Akkasumas kun erga ta’e booda, laficha irratti baay’ee duroomuu in eegalan; akkasumas lafichaa Heelaam jedhanii in moggaasan.

20 Akkasumas kun erga ta’e booda, lafa Heelaam irratti baay’ee wal horan, akkasumas in durooman, akkasumas magaalaa in ijaaran, isaanis magaalattii Heelaam jedhanii in waaman.

21 Haa ta’u malee, Gooftaan ummata isaa adabuun sirrii dha jedhee yaaduun, eeyyee, obsaa fi amantii isaanii in qore.

22 Haa ta’u malee, namni amanannaa isaa isa irratti godhate inni guyyaa boodaatti in kabajama. Eeyyee, akkasumas ummatichi akkasuma in ta’a.

23 Egaa kunoo, isaan garbummaa jala akka galan isinittan agarsiisa, akkasumas Waaqayyo Gooftaa isaanii malee kan bilisa isaan baasuu danda’u tokkoyyuu hin jiru, eeyyee, inni Waaqa Abrahaam, akkasumas Yisihaaq, akkasumas Yaaqoobiiti.

24 Akkasumas kun ergaa ta’e booda, inni isaaniin bilisa baaseera, akkasumas humna ciimaa isaa isaanitti agarsiiseera, akkasumas gammachuun isaanis baay’ee ture.

25 Egaa kunoo, kun erga ta’ee booda, yeroo isaan biyya Heelaam, eeyyee, magaalaa Heelaam keessa turan yommuu isaan laficha qotatan, kunoo, waraanni Laamaanotaa daangaa biyyattii irra qubatanii turan.

26 Amma kun erga ta’e booda, obboloonni Almaa dirree gamatti baqatanii, akkasumas magaalaa Heelaam keessatti walitti in sassaabaman; akkasumas sababni isaas isaan mul’achuu Laamaanotaa irraa kan ka’e baay’ee sodaatanii turan.

27 Garuu Almaan deemee gidduu isaanii dhaabbate, akkasumas akka hin sodaanneef isaan in jajjabeesse, garuu Waaqayyo Gooftaa isaanii akka yaadatan, akkasumas innis isaaniin akka oolchu itti hime.

28 Kanaafuu, sodaa isaanii irraas in tasgabbbaa’an, akkasumass Laamaanonni isaaniin akka hin ajjeesneef garaa isaanii akka laaffisuuf, akkasumas isaaniin, akkasumas niitii isaanii, akkasumas ijoollee isaanii akka hambisaniif Gooftaatti boo’uu in jalqaban.

29 Akkasumas kun erga ta’e booda, Gooftaan garaa Laamaanotaa in laaffise. Akkasumas, Almaa fi obboloonni isaa deemanii harka isaaniitti of kennan; akkasumas Laamaanonni qabeenya lafa Heelaam hundaa in fudhatan.

30 Amma waraanni Laamaanotaa kan ummata mootii Limhii duukaa bu’anii hordofan guyyoota baay’eedhaaf gammoojjii keessatti badaniiru.

31 Akkasumas kunoo, luboota mootii Nohii wajjin iddoo Amuloon jedhamutti wal argan; akkasumas lafa Amuuloon irratti qubachuu jalqabanii ture, akkasumas laficha qotuu jalqabanii ture.

32 Amma maqaan hogganaa luboota sanneenii Amuuloon jedhama.

33 Akkasumas kun erga ta’e booda, Amuuloon warra Laamaanotaa in kadhate; akkasumas inni abbootii manaa isaanii akka hin balleessineef obboloota isaanii akka kadhataniif haadholii manaa isaanii kan intalootaa warra Laamaanotaa turan gara isaanii in erge.

34 Akkasumas, sababa haadholii manaa isaaniitiif warri Laamaanii Amuuloonii fi obboloota isaa irratti garaa isaanii in laafan, akkasumas isaan isaaniin hin balleessine.

35 Akkasumas, Amuuloonii fi obboloonni isaa warra Laamaanotaa wajjin walitti in makaman, akkasumas biyya Nefii osoo barbaadanii biyya Heelaam kana Almaa fi obboloota isaatiin qabaman in argatan.

36 Akkasumas kun erga ta’e booda, yoo isaan daandii gara biyya Nefii geessu itti argisiisan lubbuu isaanii fi birmadummaa isaanii akka kennaniif warri Laamaanotaa Almaa fi obboloota isaatiif waadaa in galan.

37 Garuu Almaan karaa gara lafa Nefii isa geessu erga isaanitti agarsiisee booda warri Laamaanii waadaa isaanii hin eeganne; garuu naannawa biyya Heelaam, Almaa fi obboloota isaa irratti eegdota in ramadan.

38 Akkasumas, isaan hafan gara biyya Nefii in deeman; akkasumas muraasni isaanii gara lafa Heelaamitti in deebi’an, akkasumas yommuu deebi’an haadholii manaa fi ijoollee waardiyyootaa biyya sana keessatti hafanii isaanii wajjin fidanii dhufan.

39 Akkasumas, mootiin Laamaanotaa Amuuloon ummata isaa biyya Heelaam keessa jiran irratti mootii fi bulchaa akka ta’u in hayyameef; haa ta’u malee, fedhii mootii Laamaanotaa waanta faallessuu kamiyyuu gochuuf aangoo hin qabu.