Boqonnaa 8
Amoon saba Limhii in barsiise—Inni waa’ee gabateewwan warra digdamii arfan Yaareed in barata—Galmeewwan warri durii ilaaltootaan hiikamuu nii danda’u—Kennaan kam iyyuu hojii ilaaltummaa irraa hin caalu. Naannoo bara 121 Dh.K.D.
1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, mootichi Limhiin saba isaatti dubbachuu erga xumuree booda, inni waantota baay’ee isaanitti dubbatee akkasumas ani isaan keessaa muraasa qofa macaafa kana keessatti waanan barreesseef, inni waa’ee obboloota warra biyya Zarahemlaa keessa turanii waantota hundumaa saba isaatti in hime.
2 Akkasumas, inni Amoon tuuta sana dura akka dhaabbatu in godhe, akkasumas yeroo Zeniif biyya sana keessaa ba’ee irraa kaasee hamma yeroo inni ofii isaatii biyya sana keessaa ba’utti illee obboloota isaanii irratti waan raawwatame hundumaa akka isaanitti dubbatu in godhe.
3 Akkasumas immoo dubbiiwwan inni dubbate hundumaa akka isaan hubataniif, dubbiiwwan mootichi Biniyaam dhumaa irratti isaan barsiise irra deebi’ee isaanitti in hime, akkasumas isaaniin saba mootii Limhiif in ibse.
4 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, inni kana hundumaa erga raawwateen booda, mootichi Limhiin tuuta sanatti nagaa in dhaame, akkasumas tokko tokkoon isaanii gara mana ofii isaaniitti akka deebi’an in godhe.
5 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, inni gabateewwan galmee sabni isaa yeroo isaan biyya Zarahemlaa dhiisanii adeemanii ba’an irraa kaasee kan of keessaa qaban, Amooniin duratti akka fidamaniif, innis akka isaaniin dubbisu in godhe.
6 Amma, akkuma Amoon galmee sana dubbisee fixeen, mootichi afaanota hiikuu yoo inni danda’eef isa in gaafate, akkasumas Amoon akka inni hin dandeenye isaatti in hime.
7 Akkasumas, mootichi akkas isaan in jedhe: Rakkinoota saba kootiif gaddee waan tureef, ani saba koo keessaa namoonni afurtamii sadii gara lafa onaatti akka adeeman nan godhe, kanaanis isaan biyya Zarahemlaa akka argataniif, obboloonni keenya garbummaa jalaa akka nu baasuu danda’aniif nuyi isaanitti in iyyanne.
8 Akkasumas isaan guyyoota baay’eetiif lafa onaa keessatti badanii turan, haa ta’u malee isaan warra itti dhama’an turan, akkasumas biyya Zarahemlaa hin arganne garuu gara biyya kanaatti in deebi’an, gara biyya ishee bishaan baay’ee gidduu erga imalanii booda, isaan biyya lafee namaatii, akkasumas bineensaatiin, akkasumas immoo ijaarsa gosa hundumaa kan diigamee tureen uwwifamee in argan, saba akka loltoota Israa’eliin baay’atan erga arganii booda gara biyya kanaatti in deebi’ani.
9 Akkasumas, waantonni isaan dubbatan sun dhugaa ta’uu isaanii waan isaan dhugaa ba’aniif isaan gabateewwan barreeffamootaan guutaman digdamii afur barreeffamootaan, akkasumas warra warqee qulqulluu irraa hojjatman fidaniiru.
10 Akkasumas kunoo, isaan immoo, gaachana qomaa, warra gurguddaa, akkasumas sibiila naasaa fi sibiila diimaa irraa hojjetaman, akkasumas guutummaatti fayyaa ta’an fidaniiru.
11 Akkasumas ammas, isaan billoota, warra qarri isaanii samee doome, akkasumas qabannoon isaanii dandiidhaan badee ture in fidan; akkasumas namni afaanicha yookiin barreeffamoota warra gabateewwan sana irratti argaman hiikuu danda’u biyyicha keessa hin turre. Kanaafuu, ani akkas siin nan jedha: Ati isa hiikuu in dandeessaa?
12 Akkasumas ammas ani siin nan jedha: Ati nama hiikuu danda’u beektaa? Sababni isaa ani galmeewwan kun gara afaan keenyatti akka isaan hiikaman nan barbaada; sababni isaas, tarii, galmeewwan kun eessaa akka dhufan, waa’ee namoota warra balleeffaman keessaa hafanii beekumsa nuuf in kennu ta’a; yookiin, tarii, galmeewwan kun waa’ee saba balleeffame kana beekumsa nuuf in kennu ta‘a; akkasumas ani sababii badiisa isaanii beekuu nan barbaada.
13 Amma Amoon akkas isaan in jedhe: Yaa mootii, ani nama galmeewwan kana hiikuu danda’u tokko dhugumaan sitti himuu nan danda’a; sababni isaas inni waan ittiin galmeewwan bara durii ta’an hundumaa ilaaluu fi hiikuu danda’u qaba; akkasumas kun kennaa Waaqayyooti. Akkasumas waantonni kunneen hiiktoota jedhamanii waamamu, akkasumas yoo nama abboomame ta’e malees namni tokko illee isa keessa ilaaluu hin danda’u, inni waan kana yoo godhe malee in bada, Akkasumas, namni isaan keessa akka ilaaluuf kan abboomame kam iyyuu, akkasuma abbaa mul’ataajedhamee in waamama.
14 Akkasumas kunoo, mootiin saba warra biyya Zarahemlaa keessa jiranii waantota kana akka hojjetuuf nama abboomameedha, akkasumas kennaa ol-aanaa kana Waaqayyo biraa kan qabuudha.
15 Akkasumas, mootichis namni abbaa mul’ataa ta’e tokko raajii tokko irra in caala jedhe.
16 Akkasumas, Amoon abbaan mul’ataa mul‘isaadha, akkasumas immoo inni raajiidha jedhe; akkasumas inni humna Waaqayyoo isa namni kam iyyuu qabaachuu hin dandeenye yoo qabaateen malee, kennaa kana kan caalu namni kam iyyuu qabaachuu hin danda’u; haa ta’uu malee namni tokko humna guddaa Waaqayyo biraa isaaf kenname qabaachuu in danda’a.
17 Garuu abbaa mul’ataa waa’ee waantota darbaniif, akkasumas immoo waa’ee waantota dhufuuf jiranii beekuu in danda’a, akkasumas isaaniinis waantonni hundinuu in mul’atu, yookiin irra caalaatti, waantonni dhokatoo ta’an akka mul’ifaman in godhu, akkasumas waantonni dhokatanis gara ifatii in ba’u, akkasumas waantonni hin beekamne isaaniin in beeksifamu, akkasumas immoo waantonni isaaniin hin beeksifaman yoo ta’ee beekamuu hin danda’an.
18 Akkasitti namni akkasii karaa amantiitiin dinqiiwwan, hojjechuu akka danda’uuf Waaqayyoo maloota qopheesseera; kanaafuu inni namoota akka isaatiif faayidaa guddaa in ta’a.
19 Akkasumas ammas, Amoon dubbiiwwan kana dubbate erga xumureen booda mootichi garmalee in gammade, akkasumas akkas jechuun, Waaqayyoon in galateeffate: Shakkii tokko malee dhoksaa guddaan gabateewwan kana keessa jiru, akkasumas dhoksaawwan kana hundumaa ilmaan namaatti mul’isuudhaaf hiiktoonni kun kaayyoo kanaaf qophaa’anii akka turan shakkii hin qabu.
20 Egaa hojiiwwan Gooftichaa akkam dinqisiisoodha, akkasumas inni yeroo hammamiif saba isaa wajjin dhiphataree; eeyyee, akkasumas hubannaan ilmaan namaa hammam jaamaa fi wal’aaladhaa; sababni isaas isaan ogummaa hin barbaadan, isaan akka isheen isaan irratti mootuu taatus hin barbaadan!
21 Eeyyee, isaan akka re’ee bosonaa warra tiksee jalaa baqatanii, akkasumas faffaca’anii, akkasumas ofamanii, akkasumas bineensota bosona keessaatiin nyaatamaniiti.