Boqonnaa 24
Amuuloon Almaa fi obboloota isaa in gidirse—Isaan yoo kadhannaa taasisan in ajjeefamu—Gooftaan ba’aan isaanii salphaa akka ta’u in godhe—Inni garbummaa jalaa isaan in baase, akkasumas isaan gara Zaraheemlaatti in deebi’an. Naannoo bara145–120 Dh.K.D.
1 Akkasumas kun erga ta’ee booda, Amuuloon mootii Laamaanotaa biratti jaalatamummaa in argate; kanaafuu, innii fi obboloonni isaa ummata isaanii irratti barsiisota ta’anii akka muudamaniif eeyyama in kenneef, eeyyee, namoota biyya Sheemloon keessa jiraatan irrattis, akkasumas ummata biyya Shiloom, akkasumas biyya Amuloon keessa jiraatan irratti barsiisota godhamanii akka muudaman in eeyyame.
2 Laamaanonni biyyoota kanneen hunda qabeenya biyyoota kanneen hundumaa waan fudhataniif mootiin Laamaanotaa biyyoota hunda irratti mootota in muude.
3 Amma maqaan mootii warra Laamaanii Laamaan ture, akkasumas inni maqaa abbaa isaatiin waan moggaafameef mooticha Laamaan jedhamee waamama ture. Akkasumas, inni ummata baay’ee irratti mootii ta’ee ture.
4 Akkasumas, biyya ummata isaatiin too’atame hundumaa keessatti obboloota Amuuloon barsiisota godhee in muude, akkasumas kanaafuu, warra Laamaanii gidduutti afaan warra Nefii barsiifamuu in eegale.
5 Akkasumas, ummatoonnis walitti michoomanii turan; haa ta’u malee, Waaqayyo hin beekan turan; obboloonni Amuuloonis waa’ee Waaqayyo Gooftaa isaanii, yookiis seera Muusee yookiin jechoota Abinaadii iyyuu isaaniin hin barsiisne;
6 Garuu galmee isaanii akka eegattanii fi walii isaanii gidduuttis akka walii barreessan isaaniin barsiisaniiru.
7 Akkasumas kanaafuu, Laamaanonni qabeenya guddaa horachuu in jalqaban, akkasumas walii isaanii giduutti daldaluu in jalqaban, akkasumas baay’ee in guddatan, akkasumas ummata abshaalaa fi hayyuu ta’uu in jalqaban, akka ogummaa biyya lafaatti, eeyyee, ummata baay’ee abshaala in ta’an, obboloota isaanii irraa kan hafe namoonni kaawwan gosoota cubbuu jal’inaa fi saamicha hundatti gammadanii turan.
8 Akkasumas amma kun erga ta’e booda, Amuuloon aangoo isaa Almaa fi obboloota isaa irratti shaakaluu in jalqabe, akkasumas isaan gidirsuu in jalqabe, akkasumas ijoolleen isaa ijoollee isaanii akka gidirsan in godhe.
9 Almaan luba mootii keessaa isa tokko akka ta’e Amuuloon waan beekuuf, akkasumas jechoota Abinaadiitti amanuun, akkasumas mooticha duraa darbatamee in baafame, akkasumas kanaafuu inni isatti aareera, akkasumas inni mootii Laamaaniif bitamaa ta’us isaan irratti aangoo isaa shaakaleera, akkasumas hojiiwwan gara garaa isaan irratti fe’eera, akkasumas isaan irratti gooftota ramadeera.
10 Akkasumas kun erga ta’e booda, dhiphinni isaanii baay’ee guddaa waan tureef isaan humna guddaadhaan gara Waaqayyootti iyyuu in jalqaban.
11 Akkasumas, Amuuloon boo’icha isaanii akka dhaaban isaan in ajaje; akkasumas eenyuu iyyuu Waaqayyoon utuu waamuu kan argame akka ajjeefamuuf, akka ilaalanii too’ataniif eegdota isaan irratti in ramade.
12 Akkasumas, Almaa fi ummanni isaa sagalee ol kaasanii gara Waaqayyo Gooftaa isaanitti hin dhageessisne, garuu garaa isaanii isaaf in dhangalaasan; akkasumas innis yaada garaa isaanii in beeke.
13 Akkasumas kun erga ta’e booda, sagaleen Gooftaa dhiphina isaanii keessatti gara isaanii dhufee akkas jedheen: Mataa keessan ol qabadhaa, akkasumas jajjabaadhaa, kakuu isa ana wajjin galtan ani waanan beekuuf; akkasumas ani ummata koo wajjin kakuu nan gala, akkasumas isaaniin garbummaa jalaa nan baasa.
14 Akkasumas, ani yommuu isin garbummaa keessa jirtanitti iyyuu ba’aan gateettii keessan irratti fe’ame, akka isinitti hin beekamnetti isin irraa nan salphisa kana kanan godheef kana booda anaaf dhugaa baatota taatanii akka dhaabbataniif, akkasumas ani Waaqayyo Gooftaan ummata koo dhiphina isaanii keessatti dhugumaan akkan daawwadhu akka beektaniifiidha.
15 Akkasumas kun erga ta’ee booda, ba’aan Almaa fi obboloota isaa irratti fe’ame in salphateef; eeyyee, Gooftaan ba’aa isaanii akka salphaatti akka baatan isaan in jabeesse, akkasumas fedhii Gooftaa hundaa gammachuu fi obsaan in fudhatan.
16 Akkasumas kun erga ta’e booda, amantii isaanii fi obsi isaanii baay’ee guddaa ture, kanaafuu sagaleen Gooftaa akkas jechuun deebi’ee gara isaanii in dhufe: Abdii gaariitti qabaadhaa; guyyaa boruu ani garbummaa jalaa isin nan baasa.
17 Akkasumas, Almaan akkas jedhe: Ati ummata kana dura in adeemta, anis si wajjin nan dhaqa, akkasumas ummata kana garbummaa jalaa bilisa nan baasa.
18 Amma kun erga ta’e booda, Almaa fi ummanni isaa halkan horii isaanii walitti sassaaban, akkasumas midhaan isaanii, eeyyee, halkan guutuu horii isaanii sassaabaa turan.
19 Akkasumas, ganamatti Gooftaan Laamaanotaa irra hirriba cimaan akka bu’u in taasise, eeyyee, akkasumas hojjechiistonni isaanii hundumtuu hirriba jabaa keessa turan.
20 Akkasumas, Almaa fi ummanni isaa gara gammoojjiitti ba’anii in adeeman; akkasumas guyyaa guutuu erga deemanii booda dachaa keessa dunkaana isaanii in diriirsan, akkasumas dachaa sana Almaa jedhanii in moggaasan, sababni isaas gammoojjii keessatti karaa isaanii waan gaggeesseef.
21 Eeyyee, akkasumas, inni araara-qabeessa isaaniif ta’ee waan tureef, ba’aa isaanii salphisee fi garbummmaa jalaa bilisa baaseef dachaa Almaa keessatti Waaqayyoof galata isaanii in dhangalaasan, isaan garbummaa jala waan turaniif, akkasumas Waaqayyo Gooftaa isaanii malee eenyullee bilisa baasuu hin danda’u.
22 Akkasumas, isaan galata Waaqayyoof in kennan, eeyyee, dhiiroonnii fi dubartoonni isaanii hundinuus, akkasumas ijoolleen isaanii dubbachuu kan danda’an hundinuu sagalee isaanii ol kaasanii Waaqa isaanii in galateeffatan.
23 Akkasumas amma, Gooftaan Almaadhaan akkas jedhe: ariitiidhaan ofii kee fi uummata kana lafa kana keessaa fuudhii baasi, sababni isaa warri Laamaanotaa dammaqaniiru, akkasumas si duuba dhufaa jiru; kanaafuu lafa kana keessaa ba’i, akkasumas akka isaan ummata kana hordofanii duukaa hin buuneef ani warra Laamaanotaa dachaa keessatti nan dhaabsiisa.
24 Akkasumas kun erga ta’e booda, isaan dachaa keessaa ba’anii in adeeman, imala isaanii gara gammoojjiitti in godhatan.
25 Akkasumas, gammoojjii keessa guyyaa kudha lamaaf erga deemanii booda biyya Zaraheemlaa in ga’an; akkasumas mootichi Mozaayyaan gammachuudhan isaaniin in simate.