Caaffata qulqullaa’aa
Mozaayyaa 25


Boqonnaa 25

Horteen Muuleeq kan Zaraheemlaa jiran warra Nefii in ta’an—Ummata Almaa fi Zeniif in baran—Almaan Limhii fi ummata isaa in cuuphe—Mozaayyaan waldaa Waaqayyo akka hundeessu Almaa in aangoo in laateef. Naannoo bara 120 Dh.K.D.

1 Akkasumas, mootichi Mozaayyaan uummanni hunduu walitti akka sassaabaman in godhe.

2 Amma ijoolleen Nefii baay’ee hin turre, yookiin warri hortee Nefii akka kan warra Zaraheemlaa kan hortee Amuleek ta’aniita’anii, isaan isa duukaa gara gammoojjitti dhufanii baay’ee hin turre.

3 Akkasumas, ummani Nefii fi ummani Zaraheemlaa akka Laamaanootaa baay’ee hin turre; eeyyee, isaanis baay’inaan walakkaa isaanii hin ga’an turan.

4 Akkasumas amma, ummanni Nefii hundumtuu walitti in qabaman, akkasumas ummanni Zaraheemlaa hundumtuu, akkasumas gareewwan lamatti walitti in sassaabaman.

5 Akkasumas kun erga ta’e booda, Mozaayyaan galmee Zeniif ummata isaatiif akka dubbifamu in godhe; eeyyee, innis galmee ummata Zeniif guyyaa isaan lafa Zaraheemlaa gadhiisanii ba’anii jalqabee hanga isaan deebi’anii dhufanitti kan jiru in dubbise.

6 Akkasumas, inni galmee Almaa fi obboloota isaas akkasumas dhiphina isaanii hundumaa, guyyaa lafa Zaraheemlaa gadhiisanii ba’anii jalqabee hanga isaan deebi’anii dhufaniitti in dubbise.

7 Akkasumas amma, yeroo Mozaayyaan galmeewwan dubbisiisee xumuretti, ummata isaa kan lafa irra taa’anii turanajaa’ibsifannaa fi dinqisifannaadhaan in guutaman.

8 Kanneen garbummaa jalaa bilisa baafaman yommuu argan gammachuu guddaadhaan in guutaman; akkasumas waan yaadan in wallaalan.

9 Akkasumas ammas, obboloota isaanii kan warra Laamaaniitiinajjeefaman yommuu yaadanitti gaddaan in guutaman, akkasumas immimmaan gaddaa baay’ee in harcaasan.

10 Akkasumas ammas, kallatti gaarummaa Waaqayyoo, akkasumas humna isaa kan Almaa fi obboloota isaa garbummaa, harka Laamaanotaa jalaa baase yommuu yaadan, sagalee isaanii ol qabanii, akkasumas Waaqayyoon in galateeffatan.

11 Akkasumas ammas, waa’ee cubbuu fi jireenya xuraa’ummaa, obboloota isaanii warra Laamaanotaa yommuu yaadan keessi isaanii in dhukkubbii itti dhaga’ame, akkasumasfi fayyina lubbuu isaaniitiif in dhiphatan.

12 Akkasumas kun erga ta’e booda, kanneen ijoollee Amuuloon fi obboloota isaa ta’an kandubartoota warra Laamaanotaa fudhan, amala abboota isaanitti in mufatan, akkasumas sana booda maqaa abboota isaaniitiin waamamuu in dhiisan, kanaafuu ijoollee Nefii jedhamanii waamamuuf, akkasumas warra Nefii jedhamanii kan waamaman keessatti lakkaa’amuuf maqaa warra Nefii of irratti in fudhatan.

13 Akkasumas amma, ummanni Zaraheemla hundumtuu warra Nefii waliin in lakkaa’aman, akkasumas kun kan ta’e sababa bulchiinsi hortee Nefii qofaa kennameef ture.

14 Akkasumas kun erga ta’e booda, Mozaayyaan ummatattidubbachuu fi dubbisuu erga xumuree booda, Almaanis ummatatti akka dubbatu in fedhe.

15 Akkasumas, Almaan ummatatti in dubbate, isaanis garee gurguddaadhaan yeroo walitti qabamanitti, inni garee tokko irraa gara garee biraa deemuun, ummatichatti waa’ee araaraa fi Gooftaatti amanuu in lallabe.

16 Akkasumas, ummata Limhii fi obboloota isaa, akkasumas warra garbummaa jalaa ba’an hundumaa isaaniin bilisa kan baase Gooftaa akka ta’e akka yaadatan in jajjabeesse.

17 Akkasumas kun erga ta’e booda, Almaan waantoota baay’ee uummata barsiiisee dubbii isaa erga xumuree booda mootiin Limhii cuuphamuu in barbaade, akkasumas namoonni hundinuu cuuphamuu in barbaadan.

18 Kanaafuu, Almaan gara bishaaniitti gadi in bu’e, akkasumas isaaniin in cuuphe; eeyyee, inni akkuma obboloota isa bishaan Mormoon keessatti cuuphetti isaaniinis in cuuphe; eeyyee, akkasumas hammi inni cuuphe hunduu miseensa waldaa Waaqayyoo in ta’an; akkasumas kun kan ta’eef sababii isaan dubbii Almaatti amananiifiidha.

19 Akkasumas kun erga ta’e booda, mootichi Mozaayyaan guutummaa biyya Zaraheemlaa keessatti waldoota akka hundeessuu Almaadhaaf hayyama in kenneef; akkasumas waldoota hundaaf lubootaa fi barsiisoota akka muuduuf aangoo in kenneef.

20 Amma kun kan raawwatame sababii uummatichi baay’ee tureef barsiisaa tokko jalatti buluun waan hin danda’amneef; akkasumas waldaa tokkittii keessatti sagalee Waaqayyoo dhaga’uu waan hin dandeenyeef;

21 Kanaafuu, isaan ofiii isaa garee yaa’ii adda addaatti walitti dhufanii waldoota akka jedhaman; waldaan hunduu lubootaa fi barsiistoota mataa ofii isaanii waan qabaniif, akkasumas lubni kamiyyuu wanta afaan Almaatiin isatti himame isuma lallaba ture.

22 Akkasumas kanaafuu, waldoonni baay’een haa jiraatan maleeisaan waldaa tokko turan, eeyyee, waldaa Waaqayyoo turan, sababni isaas waldoota hunda keessattuu waa’ee qalbii geeddarannaa fi Waaqayyootti amanuu malee homtuyyuu hin lallabamu ture.

23 Akkasumas, biyya Zaraheemlaa keessa waldoota torbatu jiru turan. Akkasumas kun erga ta’e booda, eenyuyyuu maqaa Kiristoos yookiin maqaa Waaqayyoo of irratti fudhachuu fedhii qabangara waldaa Waaqayyootti in makaman;

24 Akkasumas, isaan ummata Waaqayyoo jedhamanii in waamaman. Akkasumas, Gooftaan Hafuura isaa isaan irratti in dhangalaase, akkasumas isaan in eebbifaman, akkasumas laficha irratti in badhaadhan.