Boqonnaa 16
Waaqayyoo haala badiisaa fi kufaatii irraa namoota in fura—Warri akka fedha fooniitti jiran waan akka furamuun hin jirreetti in hafu—Kiristoos du’aa ka’uun akka ta‘u taasisuun jireenya dhuma hin qabne yookiin abaarsa dhuma hin qabne akka dhufu in taasisa. Naannoo bara 148 Dh.K.D.
1 Akkasumas amma, kun erga ta’ee booddee Abinaadiin dubbiiwwan kana erga dubbateen booda inni harka isaa diriirsee akkasumas akkas in jedhe: Yeroo itti hundumtuu fayyina Gooftaa argan in dhufa; yeroo itti biyyi, gosni, afaanii, fi sabni hundinuu ijaa ijatti firdiin isaa qajeelaa ta’uu isaa arganii Waaqayyo duratti badii ofii itti himatan in dhufa.
2 Akkasumas, yeroo sanatti warri jal’oonni sababii sagalee Gooftichaa hin dhageenyeef, isaan gadi in darbatamu; akkasumas isaan sababii kanaaf in wawwaatu, akkasumas in boo’u, akkasumas iyyu, akkasumas ilkaan isaaniis in qaru; kanaafuu Gooftaan isaan hin furu.
3 Sababni isaa isaan warra kan fedha foonii fi kan daabiloosiidha; akkasumas daabiloos, eeyyee, bofni inni bara duriimaatii keenya warra jalqabaa gowwomsee ture sun inni sababii kufaatii isaanii ta’e ture; inni sanyii namaa hundumaaf akka isaan kajeellaatti, fedha foonitti, daabiloosiin ta’aniif, waan hamaa gaarii irraa addaan baasanii beekuutti ofii isaanii daabiloosiif bitamoo waan godhaniif inni isaan irratti humna in qabaata.
4 Akkasitti sanyiin namaa hundinuu badee ture; akkasumas kunoo, isaan utuu Waaqayyo saba isaa haala badiisaa fi kufaatii keessaa hin furreen ta’ee silaa hamma dhumaatti isaan in badu turan.
5 Garuu namni fedha foon ofii isaati keessatti hafe, akkasumas karaa cubbuu fi Waaqayyo irratti finciluu isaa yoo itti fufe, haala kufaatii isaa keessatti yoo hafe daabiloos humna hundumaa isa irratti akka qabaatu yaadadhaa. Kanaafuu, inni akka waan furiin hin turreetti diina Waaqayyoo in ta’a; akkasumas immoo daabiloosiis diina Waaqayyooti.
6 Akkasumas amma, utuu Kiristoos gara biyya lafaa hin dhufne ta’ee, waantota dhufuuf jiran akka waan duraan dhufanitti yoo dubbanne, silaa furamuun jiraachuu hin danda’u ture.
7 Akkasumas, yookiin awwaalli mo’icha akka hin qabaanneefhidhaan du’aas hin cabsine ta’ee, akkasumas du’i arfiin akka hin qabaanneef, du’i arfii hin qabaanneef, utuu Kiristoos warra du’an keessaa hin kaane ta’ee silaa du’aa ka’uun jiraachuu hin danda’u ture.
8 Garuu du’aa ka’uun in jira, kanaafuu awwaalli mo’icha hin qabu, akkasumas arfiin du’aas Kiristoosiin liqimfameera.
9 Inni ifaa fi jireenya biyya lafaati; eeyyee, ifa isa dhuma hin qabne, kan gonkumaa dukkanaa’uus hin dandeenyeedha; eeyyee, akkasumas immoo kana booda duuti jiraachuu akka hin dandeenyeef, jireenyi kan dhuma hin qabneedha.
10 Inni du’u kun illee isa hin duune in uffata, akkasumas inni tortoru kun kan hin tortorre in uffata, akkasumas teessoo firdii Waaqayyoo dura akka dhaabbatuuf in fidama, akka hojii isaaniitti gaariis ta’e yookiin hamaas yoo ta’an isa irraatii firdii argachuuf jiru—
11 Isaanis yoo gaarii ta’an, jireenyaa fi gammachuu isa dhuma hin qabneetti du’aa in ka’u; akkasumas isaan yoo warra hamoota ta’an immoo, gara adabbii isa dhuma hin qabneetti du’aain ka’u, adabbiidhaafis daabiloos, isa isaan bitee turetti, dabarfamanii in kennamu—
12 Akka fedha foon ofii isaanii fi akka fedha isaaniitti adeemuu isaaniitiin; utuu irreen araara isaa gara isaaniitti diriiree jiruu isaan Goofticha gonkumaa iyyuu waammatanii hin beekan; sababni isaas irreen araara isaa gara isaaniitti diriiree ture, akkasumas isaan garuu hin barbaanne; isaan jal’inoota isaanii irraa yoo akkeekkachiifaman iyyuu akkasumas isaan garuu isaan irraa gargar hin baane; akkasumas isaan yaada garaa isaanii akka geeddarataniif yoo abboomaman iyyuu isaan garuu yaada garaa isaanii geeddarachuu hin barbaanne.
13 Akkasumas amma, isin hollachuu fi cubbuuwwan keessanitti yaada garaa keessanii geeddarachuu hin qabdaniiree, akkasumas Kiristoos keessaanii fi karaa Kiristoos qofaan fayyuu akka dandeessan yaadachuu hin qabdaniiree?
14 Kanaafuu, isin yoo seera Musee barsiiftan, gaaddidduu waantota dhufuuf jiraniis immoo akka inni ta’e barsiisaa—
15 Furiin Abbaa Bara Baraa isa dhugaa ta’e, karaa Gooftaa Kiristoosiin akka dhufu isaan barsiisaa. Ameen.