Boqonnaa 18
Almaan dhoksaatti in lallabe—Inni kakuu cuuphaa in ibse, akkasumas bishaan Mormoonitti in cuuphe—Inni waldaa Kiristoosiin in gurmeessee, akkasumas luboota in muude—Isaan ofii isaanii in gargaaran, akkasumas sabicha in barsiisan—Almaanii fi sabni isaa mooticha Nohiin jalaa gara lafa onaatti in baqatan. Naannoo bara 147–145 Dh.K.D.
1 Akkasumas amma kun erga ta’ee booddee, Almaan, inni hojjetoota mooticha Nohii jalaa baqatee ture sun, cubbuuwwan isaa fi jal’inoota isaa irraa yaada garaa in geeddarate, akkasumas dhoksaadhaan saba gidduu naanna’ee, akkasumas dubbiiwwan Abinaadiin barsiisuu in jalqabe—
2 Eeyyee, waan gara fuul-duraatti dhufuuf jiru ilaalchisee, akkasumas immoo du’aa ka’uu warra du’anii ilaalchisee, akkasumas furamuu namootaa karaahumna, dhiphinaa fi du’a Kiristoosiin, akkasumas du’aa ka’uu isaatii fi gara waaqaatti ol ba’uu isaatiin isa dhufuuf jiru ilaalchisee barsiisuu in jalqabe.
3 Akkasumas, inni warra dubbiiwwan isaa dhaga’uu barbaadan hundumaa in barsiise. Akkasumas, akka mootichi hin beeknettis, inni dhoksaatti isaan in barsiise. Akkasumas, baay’een dubbiiwwan isaatti in amanan.
4 Akkasumas kun ega ta’ee booddee, warri amanan hundinuu, maqaa isaa mooticha irraa fudhachuudhaan, gara iddoo Mormoon jedhamee waamamu kan daangaa biyyattii keessatti yeroodhaan yookiin waqtiidhaan, bineensota bosonatiin weeraramutti tokkotti ba’anii in adeeman.
5 Amma, Mormoon keessa burqaa bishaanii qulqulluu ta’e tokkotu ture, akkasumas Almaan gara iddoo sanaa in adeeme, naannoo bishaanichaas mukkeen xixiqqoo baay’ee gobbuu ta’an waan jiraniif inni guyyaa akka mootichi isa hin argineef ofii isaa in dhokse.
6 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, warri amanan hundinuus dubbiiwwan isaa dhaga’uuf achi in dhaqan.
7 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, namoonni lakkobsaan baay’ee ta’an guyyoota baay’ee booda dubbiiwwan Almaa dhaga’uudhaaf iddoo Mormoon jedhamutti walitti in qabaman. Eeyyee, warri dubbii isaatti amanan hundinuu, isa dhaga’uuf walitti qabamanii turan. Akkasumas, inni isaan barsiiseera, akkasumas inni waa’ee yaada garaa geeddarachuu, akkasumas furamuu, akkasumas Gooftaa irratti amantii qabaachuuin lallabe.
8 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, inni akkas isaaniin in jedhe: Kunoo, bishaan Mormoon kunooti (isaan akkasittiin ture kan waamaman) akkasumas amma, isin gara maatii Waaqayyootti dhufuuf akkuma hawwitan, akkasumas saba isaas akka jedhamtaniif, akkasumas akka isaan salphaa ta’aniif, ba’aawwan walii keessanii baachuuf isin fedha qabeessota ta’aa;
9 Isin Waaqayyoon akka furamtaniif, akkasumas warra du’aa ka’uu jalqabaa wajjiin akka lakkaa’amtaniif, akkasumas jireenya bara baraa akka qabaattaniif eeyyee, akkasumas warra gaddanii wajjin gadduuf; eeyyee, akkasumas warra jajjabina barbaadan bira dhaabbadhaatti jajjabeessaa, akkasumas yeroo hundumaa fi waantota hundumaa keessatti, akkasumas iddoo keessa jiraattan hundumaa keessatti, hamma du’aatti illee, Waaqayyoof dhugaa baatota taatanii dhaabbachuuf fedhii qabaadhaa—
10 Amma ani isiniin nan jedha, kun fedhii garaa keessanii yoo ta’e, isin isa akka tajaajiltaniif akkasumas abboommota isaa akka eegdaniif, innis Hafuura isaa baay’inaan akka isin irratti dhangalaasuuf, isin akka isaa wajjin kakuutti galtan fuula isaa duras dhuga-baatuu taatanii akka hin dhaabbanneef, akka isin maqaa Gooftaatiin hin cuuphamneef sababa maalii qabduree?
11 Akkasumas amma, namoonni sun dubbiiwwan kana erga dhaga’anii booda, isaan kun fedhii garaa keenyaati, jedhanii harka isaanii gammachuudhaan walitti rukutanii, akkasumas in iyyan.
12 Akkasumas amma kun erga ta’ee booddee, Almaan Heelaamiin in fudhate, innis warra jalqabaa, akkasumas deemee bishaan keessa dhaabbatee keessaa isa tokko in ta’e, akkasumas akkas jechuun, in iyye: Yaa Gooftaa, inni hojii kana garaa qulqulluudhaan akka hojjetuuf Hafuura kee garbicha kee irratti dhangalaasi.
13 Akkasumas inni dubbiiwwan kana yommuu dubbatetti, Hafuurri Gooftaa isa irra ture, akkasumas inni akkas in jedhe: Heelaam, Waaqayyo isa Hundumaa Danda’u irraa haboo naaf kennameen, hamma du’aatti isa tajaajiluuf kakuu isaa wajjingaluu keetiif dhuga ba’umsaa akka ta’uuf ani sin cuupha; akkasumas Hafuurri Gooftichaas sirratti haa dhangala’u; akkasumas karaa furuu Kiristoos, isa uumamuu biyya lafaa irraa kaasee inni qopheesseen, inni jireenya bara baraa siif haa kennu.
14 Akkasumas Almaan dubbiiwwan kana erga dubbatee booda, Almaa fi Heelaam bishaan keessatti awwaalamanii turan; akkasumas isaan gammachuudhaan bishaan keessaa in ba’an, Hafuurichaanis guutamuu in jalqaban.
15 Akkasumas ammas, Almaan kan biraa fudhatee, akkasumas yeroo lammaffaadhaaf bishaan keessa in seene, akkasumas inni bishaan sana keessatti deebi’ee oawwaalle malee akkaataadhuma isa duraatti isa in cuuphe.
16 Akkasumas warra gara iddoo Mormoonitti ba’anii dhaqan hundumaa haaluma kanaan inni in cuuphe; akkasumas lakkoobsi isaanii gara lubbuu dhibba lamaa fi afurii ture; eeyyee, akkasumas isaan bishaan Mormoon keessatti in cuuphaman, akkasumas ayyaana Waaqayyootiinis guutamanii turan.
17 Akkasumas, isaan yeroo sana irraa jalqabanii waldaa Waaqayyoo, yookiin waldaa Kiristoos, jedhamanii in waamaman. Akkasumas kun erga ta’ee booddee, humnaa fi haboo Waaqayyootiin kan cuuphaman hundinuu waldaa isaatti in dabalaman.
18 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Almaan, haboo Waaqayyoo irraa argateen, luboota in muude; lubni tokko lakkoobsa isaanii shantama kan ta’an hundumaa keessatti illee akka isaanitti lallabuuf, akkasumas waa’ee waantota mootummaa Waaqayyoo wajjin wal-qabatan akka isaan barsiisuuf inni in muude.
19 Akkasumas, inni waantota isa afaan raajota qulqullootaatiin dubbatame, akkasumas isa inni barsiisee ture irraa kan hafe homaa akka isaan hin barsiifneef isaan in abboome.
20 Eeyyee, inni akka isaan yaada garaa geeddarannaa fi Gooftaa isa saba isaa fure amanuu irraa kan hafe illee, homaa lallabuu akka isaan hin qabne isaan in abboome.
21 Akkasumas, akka isaan amantii tokko fi cuuphaa tokko qabaatanii, ija tokkoonis gara fuul-duraatti akka ilaalanii, garaa isaanii tokkummaa fi jaalalaan gara isa kaanitti akka walitti hidhatan malee, inni walitti bu’iinsi akka hin jiraanne isaan in abboome.
22 Akkasumas, inni akkasitti akka lallaban isaan in abboome. Akkasumas, isaan akkasittiin ijoollee Waaqayyoo in ta’an.
23 Akkasumas, inni akka isaan guyyaa sanbataa eeganiif, akkasumas qulqullummaadhaan akka eeganiif, akkasumas immoo akka isaan guyyaa hundumaa Waaqayyoon Gooftaa isaanii galateeffataniif in abboome.
24 Akkasumas immoo, luboonni warri inni muude ofii isaanii gargaaruuf harka ofii isaaniitiin akka isaan hojjetan in abboome.
25 Akkasumas, isaan torban hundumaa keessaa guyyaa tokko walitti qabamanii sabicha barsiisuudhaaf, akkasumas Waaqayyoon Gooftaa isaanii waaqeffaachuuf adda baafamee filatamee ture, akkasumas immoo, akkuma isaaniif danda’ametti, yeroo hundumaa ofii isaaniitii walitti qabamaa turan.
26 Akkasumas, luboonni ofii isaanii gargaaruuf warra sabicha irratti hirkatan hin turre; garuu beekumsa Waaqayyoo argachuudhaan, isaan ayyaana Waaqayyoo irraa fudhachuun, akkasumas isaan Hafuurattis jabaatanii guddatanii humnaa fi haboo Waaqayyootiin akka barsiisaniifiidha.
27 Akkasumas ammas, sabni waldichaa, tokkoon tokkoon isaanii akka qabeenya isaaniitti akka qoodan Almaan isaan in abboome; inni baay’ee yoo qabaate inni baay’inaan dabalee akka qoodu; akkasumas inni xiqqoo yoo qabaates, garuu xiqqoon isa irraa in barbaadama; akkasumas isa hin qabneefis in kennamaaf.
28 Akkasumas, isaan akkasitti qabeenya isaanii keessaa fedhii ofii isaanii fi fedhii isa gaarii Waaqayyoof qabaniin, akkasumas luboota warra rakkataniif, eeyyee, akkasumas warra rakkatan hundumaaf, nama qullaa taateefis in qoodu.
29 Akkasumas, inni kana Waaqayyoon abboomamee akkas isaaniin in jedhe; akkasumas isaan akka fedhii isaanii fi akka isaan barbaachisetti walii walii isaaniitiif akka hafuuraa fi akka kan isa yeroottis waan qaban qooduudhaan, isaan fuula Waaqayyoo dura balleessaa malee in deddeebi’an.
30 Akkasumas amma, kun erga ta’ee booddee kun hundumtuu Mormoon keessatti, eeyyee, bishaan Mormoon, bosona isa naannoo bishaan Mormoonitti dhiyoo ture sana keessatti raawwatamee ture; eeyyee, ija warra gara beekumsa Furee isaaniitti dhufaniif, iddoon Mormoon, bishaan Mormoon, bosonni Mormoon, akkam babbareedoodhaa; eeyyee, akkasumas isaan akkam eebbifamaniiruu, sababni isaas isaan bara baraan galata isaatiif in faarfatu.
31 Akkasumas, mootichatti akka isaan hin beekneef, waantonni kun qarqara daangaawwan biyyattii keessatti in raawwataman.
32 Garuu kunoo, kun erga ta’ee booddee, mootichi sabicha gidduutti sochii erga argeen booda akka hojjettoonni isaa isaan ilaalaniif in erge. Kanaafuu, guyyaa isaan dubbii Gooftaa dhaga’uuf walitti qabamanii turan sanatti isaan mootichaan in argaman.
33 Akkasumas amma, mootichi Almaan sabichi akka isa irratti fincilaniif kakaasaa akka ture in dubbate; kanaafuu inni loltoonni isaa akka isaan balleessaniif in erge.
34 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Almaa fi sabni Gooftaa dhufaatii loltoota mootichaa beeksifamanii turan; kanaafuu isaan dunkaana isaanii fi maatii isaanii fudhatanii gara lafa onaatti in baqatan.
35 Akkasumas, isaan lakkoobsaan gara lubbuuwwan dhibba afurii fi shantamaa turan.