Caaffata qulqullaa’aa
Mozaayyaa 19


Boqonnaa 19

Giidiwoon Mootii Nohiin ajjeesuu in barbaade—Warri Laamaan biyyattii in weeraran—Mootichi Nohiin abiddaan dhiphatee in du’e—Limhiinis akka mootii gibira gabbarutti in mo’e. Naannoo bara 145–121 Dh.K.D.

1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, loltoonni mootichaas, saba Gooftichaa barbaadanii dhabanii akkasumaan in deebi’an.

2 Akkasumas amma kunoo, humnoonni mootichaa hir’ifamuu isaaniitiin lakkoofsi isaanii xiqqaatee ture, akkasumas saba warra hafan gidduuttis qoqqoodamiinsi jiraachuu in jalqabe.

3 Akkasumas, kutaa xiqqaan mooticha irratti doorsisa dubbachuu in jalqabe, akkasumas isaan gidduutti walitti bu’iinsi guddaan jiraachuu in jalqabe.

4 Akkasumas amma, isaan gidduudhaa nama maqaan isaa Gediwoon jedhamu tokkotu ture, akkasumas inni nama jabaa fi diina mootichaa ture, kanaafuu inni billaa isaa luqqifachuudhaan, akkasumas mooticha akka ajjeesu inni dheekkamsa isaatiin in kakate.

5 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, inni mootichaa wajjin wal in lole; akkasumas mootichi akka inni isa irratti mo’uuf jiru yommuu argetti, inni baqatee akkasumas fiigee riqaaisa mana qulqullummaatti dhiyoo ture irra in ba’e.

6 Akkasumas, Gediwoon isa duukaa bu’ee akkasumas mooticha ajjeesuuf riqaa sana irra ba’ee ture, akkasumas mootichis ija isaa gara biyya isa naannoo Shemloon irra in kaa’ate, akkasumas kunoo, loltoonni warra Laamaanis dangaawwan biyyattii keessa turan.

7 Akkasumas amma, mootichi dhiphina lubbuu isaatiif akkas jechuun in iyye: Gediwoon, na oolchi, sababni isaas warri Laamaan nu haleelluuf jiru, akkasumas isaan nuyiin in balleessu; eeyyee, isaan saba koos in balleessu.

8 Akkasumas amma, mootichi hamma jireenya ofii isaatiif yaadda’e inni saba isaatiif hin yaaddofnee ture; haa ta’u malee, Gediwoonis lubbuu isaa oolcheera.

9 Akkasumas, mootichi akka sabichi warra Laamaan duraatii baqatan in abboome, akkasumas inni ofii isaatii isaan dura in adeeme, akkasumas isaan dubartoota isaanii fi ijoollee isaanii wajjin gara lafa onaatti in baqatan.

10 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, warri Laamaan isaan duukaa bu’anii in ari’an, akkasumas isaaniinis in qaqqaban, akkasumas isaan ajjeesuu in jalqaban.

11 Amma kun erga ta’ee booddee, mootichi warri dhiironni hundinuu haadha manoota isaanii fi ijoollee isaanii dhiisanii, akkasumas warra Laamaan duraa akka baqatan isaan in abboome.

12 Amma kan isaaniin dhiisanii hin adeemne baay’ee turan, garuu isaanii wajjin turuudhaan akkasumas baduus filatanii turan. Akkasumas, warri hafan haadha manoota isaanii fi ijoollee isaanii dhiisanii in baqatan.

13 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, warri haadha manoota isaanii fi ijoollee isaanii wajjin hafan akka warri Laamaan akka isaan hin ajjeefneef i dubartoonni babbareedoon isaanii gara fuul-duraatti bahanii akka kadhataniif in godhan.

14 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, bareedina dubartoota isaaniitiin waan hawwatamanii turaniif, warri Laamaan garaa isaaniif in laafan.

15 Kanaafuu, warri Laamaan lubbuu isaanii in oolchan, akkasumas isaaniin booji’anii fudhachuudhaan gara biyya isa kan Nefiitti isaan in deebisan, akkasumas isaan mooticha Nohiin fi qabeenya isaanii harka warra Laamaanitti dabarsanii yoo kennan, qabeenyota isaanii, akkasumas waan qaban hundumaa irraa wal’akkaa isaa, warqee isaanii irraa wal’akkaa isaa, akkasumas meetii isaanii irraa, akkasumas waantota gati-jabeeyyii ta’an hundumaas dabarsanii yoo kennan, isaan biyyicha akka qabatan waliigalanii turan, akkasumas isaan wagguma waggaadhaan akka isaan mootii warra Laamaaniif gibira gabbaran in godhan.

16 Akkasumas amma, warra booji’aman gidduudhaa ilmaan mootichaa maqaan isaas Limhii jedhamu tokkotu ture.

17 Akkasumas amma Limhiin abbaan isaa akka hin balleeffamne barbaadee ture; haa ta’u malee, Limhiin ofii isaatii nama qajeelaa waan tureef, inni jal’ina abbaa isaa in beeka ture.

18 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Gediwoon mootichaa fi warra isa wajjin turan akka barbaadaniif dhoksaadhaan namoota gara lafa onaatti in erge. Akkasumas kun erga ta’ee booda, isaan mootichaa fi luboota isaa irra kan hafe namoota hundumaa wajjin lafa onaa keessatti wal in argan.

19 Isaan amma gara biyya isa kan Nefiitti akka deebi’an garaa isaanii keessatti kakatanii turan, akkasumas haadha manoota isaanii fi ijoollee isaanii, akkasumas immoo isaan warra isaanii wajjin turanis yoo ajjeessan, isaaniin ijaa ba’anii, akkasumas ofii isaanitiis isaanii wajjiniin baduu barbaadanii turan.

20 Akkasumas, mootichi akka isaan hin deebineef isaan in abboome; akkasumas isaan mootichatti aaranii turan, akkasumas akka inni hamma du’aatti illee abiddaan dhiphatu in godhan.

21 Akkasumas, isaan lubootas immoo fudhatanii ajjeesuuf turan, akkasumas isaanis fuula isaanii duraa in baqatan.

22 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan gara biyya isa kan Nefiitti deebi’uuf turan, akkasumas isaan namoota Giidiwoonii wajjiin wal in argan. Akkasumas, namoonni Giidiwoon waanta haadha manoota isaanii fi ijoollee isaanii mudate hundumaa isaanitti in himan; akkasumas isaan qabeenya qaban hundumaa keessaa wal’akkaa yoo warra Laamaaniif gibira kaffalan warri Laamaanis biyyicha akka qabataniif isaaniif in kennan.

23 Akkasumas, namoonni kunneen mooticha ajjeesuu isaanii filuboonni isaa isaan jalaa gara lafa onaatti fagaatanii baqachuu namoota Gediwoonitti in himan.

24 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan sirnicha erga xumuranii booda, isaan sababii haadholiin manaa isaanii fi ijoolleen isaanii hin ajjeefamneef, isaan gara biyya isa kan Nefiitti, gammachuudhaan in deebi’an; akkasumas isaan waanta mooticha irratti raawwatan Giidiwoonitti in himan.

25 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, sabni isaa akka isaaniin hin ajjeefneef, mootiin warra Laamaan isaaniif in kakate.

26 Akkasumas immoo, Limhiin ilma mootichaa waan ta’eef sabichaan mootummicha irratti muudamuu isaatiin, akka sabni isaa waan qaban keessaa walakkaa isaa, gibira akka gabbaraniif inni mootii warra Laamaanii wajjin kakaa in godhe.

27 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Limhii mootummaa hundeessuu fi ummata isaa gidduutti nagaa buusuu in jalqabe.

28 Akkasumas, akka isaan gara lafa onaatti hin deemneefsaba Limhii biyya sana keessatti akka eeganiif, inni naannawa biyyattii keessa eegdota in kaa’e; akkasumas inni gibira isa warra Nefii irraa argate keessaas eegdota isaa inni in gargaara ture.

29 Akkasumas amma, mootiin Limhii turtii waggoota lamaatiif mootummaa isaa keessatti nagaa itti fufiinsa qabu qabaatee ture, warri Laamaanis isaan hin hiraaarsine, akkasumas isaan balleesuus hin barbaanne.