Caaffata qulqullaa’aa
Mozaayyaa 29


Boqonnaa 29

Mozaayyaan iddoo mootichaatti abbootiin murtii akka filataman yaada in dhiyeesse—Mootonni jal’oonni uummata isaanii gara cubbuutti in gaggeessan—Almaa inni quxisuun dangafa abbaa murtii akka ta’u sagalee ummataatiin in filatame—Inni akkasumas waldaa irratti angafa lubaadha—Almaan inni angafaa fi Mozaayyaan in du’an. Naannoo bara 92–91 Dh.K.D.

1 Amma Mozaayyaan kana erga raawwatee booda, mootiin isaanii eenyuu akka ta’u akka fedhan beekuu barbaaduun biyyicha guutuu keessatti ergaa in dabarse.

2 Akkasumas kun erga ta’e booda, sagaleen uummata akkas jechuun in dhufe: Nuti ilmi kee Aroon mootii keenyaa fi bulchaa keenya akka ta’u in barbaanna.

3 Amma Aroon garuu gara lafa Nefii dhaqee ture, kanaafuu mootichi mootummicha dabarsee isaaf kennuu hin dandeenye; Arooniis mootummaa of irratti fudhachuu hin barbaadu ture; ilmaan Mozaayyaas tokkoyyuu mootummaa of irratti fudhachuuf fedhii hin qaban turan.

4 Kanaafuu, mootichi Mozaayyaan irra deebi’ee ummata gidduutti ergaa in dabarse; eeyyee, ergaa barreeffamaa uummata gidduutti in erge. Akkasumas, isaan kunneen jechoota kan barreefamaniidha, isaanis akkas jedhu:

5 Kunoo, yaa ummata koo, yookiin obboloota koo, ani akka kanatti isiniin waan kabajuuf, fedhii isin mootii qabaachuuf qabdan akka xiinxaltan ani nan barbaada.

6 Amma ani kana isinitti nan labsa; inni mootummicha fudhachuuf mirga kan qabu dideera, akkasumas inni ofii isaa irratti mootummicha hin fudhatu.

7 Akkasumas amma, iddoo isaa bu’ee namni kan biraa yoo muudamu, kunoo gidduu keessanitti waldhabbiin in uumama jedheen sodaadha. Akkasumas, eenyutu beeka ilmi koo, mootummicha fudhachuuf mirga kan qabu, aariidhaan ka’ee, akkasumas namoota muraasa isa duukaa fudhatee yoo adeeme, kun immoo gidduu keessanitti waldhabbii fi lola uumuun dhiigni baay’een akka dhangala’uuf ka’umsa in ta’a, akkasumas daandii Gooftichaa in jallisa, eeyyee, akkasumas lubbuu namoota hedduus in balleessa.

8 Amma isiniin nan jedha, ogeeyyii haa taanu, akkasumas waantoota kanneen ilaalcha keessa haa galchinu, ilma koo ajjeesuuf mirga hin qabnu, akkasumas isa iddoo isaa bu’ee muudame kan biraas ajjeesuuf mirga hoomaatuu hin qabnu.

9 Akkasumas, ilmi koo ammas gara oftuulummaa isaatti yoo deebi’ee fi waantota inni dubbatee ture jijjiiree, akkasumas mirga mootummicha dhaaluu yoo gaafate, kun immoo isumaa fi ummata isaa cubbuu baay’ee akka raawwatan in godha.

10 Akkasumas amma, ogeeyyii haa taanu, akkasumas waantoota kanneen fulduratti ilaaluun, akkasumas wanta saba kanaaf nagaa buusuu haa raawwannu.

11 Kanaafuu, ani guyyoonni koo hafan hamma xumuramanitti mootii keessan nan ta’a; haa ta’u malee, akkaataa seera keenyaatiin ummata gidduutti akka murteessan abbootii murtii haa filannu, akkasumas nuti dhimmi saba kanaa akka haaraatti in tarreessina, sababni isaas nuti namoota ogummaa qaban kan akka abboommii Waaqayyootti ummata kanaaf murtii kennan abbootii murtii goonee waan muudnuufiidha.

12 Amma namni tokko irratti namni murteeessu irra Waaqayyoon yoo irratti murtaa’ewayya, sababni isaa murtiin Waaqayyoo yoomiyyuu qajeelaa waan ta’eef, murtiin namootaa garuu yoomiyyuu qulqulluu hin ta’u.

13 Kanaafuu, namoota qajeeloo ta’an kan seera Waaqayyoo hundeessanii fi akkaataa abboommii isaatiin ummata kana irratti kan murteessan mootii isiniif gochuun yoo danda’ame, eeyyee, ummataa kanaaf akka abbaan koo Biniyaam godhe nama godhu mootiin isiniif yoo argamee—Ani isiinin nan jedha, yeroo hundumaa akkas kan ta’u yoo ta’u isin mootii isin bulchu yeroo hundumaa qabaachuun keessan barbaachisaadha.

14 Akkasumas, ani mataan koo humni koo hamma danda’ettii fi beekumsa qabuun abboommii Waaqayyoo isin barsiisuu fi lolli yookiin waldhabbiin, hanni, saamichi, ajjeechaan, jal’inni gosa hundumaa akka hin jiraanneef biyyattii keessatti nageenya buusuuf carraaqeera;

15 Akkasumas, namni jal’ina raawwate kamiyyuu, akkaataa seera abbootiin keenya nutti kennaniin akkaataa yakka inni raawwateen in adabama.

16 Amma ani isiniin nan jedha, namoonni hundinuu cubbamoota jechuun isin mootii yookiin bulchaa qabaachuun keessan barbaachisaa miti.

17 Egaa kunoo, mootiin cubbamaan tokko badiin hammamii akka raawwatamu in godha, eeyyee, akkasumas kufaatiin hamman guddaa in ta’a!

18 Eeyyee, mooticha Nohii, jal’inaa fi hojii xuraa’ummaa isaa, akkasumas jal’ina fi hojii xuraa’ummaa ummata isaa yaadadhaa. Kunoo, badii ulfaataa isaan irratti dhufe ilaalaa; akkasumas sababa cubbuu isaanii irraa kan ka’e garbummaa keessatti kufaniiru.

19 Akkasumas, sababa qalbii geeddarannaa dhugaa isaaniitiin Uumaan ogeessa hundaa olii utuu gidduugaluu baatee, isaan hanga ammaatti garbummaa jalatti kufanii hafu turan.

20 Garuu kunoo, isaan fuldura isaatti gadi waan of deebisaniif inni bilisa isaan baaseera; akkasumas sababa isaan cichanii gara isaatti boo’aniif inni garbummaa jalaa bilisa isaan baaseera; kanaafuu, Gooftaan dhala namaa gidduutti dhimma hundumaa irratti humna isaatiin in hojjeta, isaan isatti akka amananiif harka araara isaa gara isaanitti in diriirsa.

21 Akkasumas kunoo, amma isiniin nan jedha, waldhabbii baay’ee fi dhiigaa dhangalaasuu baay’eedhaan malee mootii jal’aa aangoo irraa buusuu hin dandeessan.

22 Egaa kunoo, inni hiriyoota jal’ina keessa jiran in qaba, akkasumas inni wardiyyoota isaa qabatee in joora; akkasumas inni seera warra isa dura qulqulluummaan bulchaa turanii in ciccira; akkasumas abboommii Waaqayyoo miilla isaa jalatti in dhidhiita;

23 Akkasumas, inni seera jal’ataa mataa isaa in tuma, akkasumas ummata isaa gidduutti in labsa, eeyyee; akkasumas nama seerota isaaf hin abboomamne kamiyyuu akka balleeffamu in godha; akkasumas nama isa irratti fincilu kamiyyuu irratti waraana isaa ergee isaan in lola, akkasumas yoo danda’e isaan in balleessa; akkasumas mootiin jal’ataan haala kanaan daandii qulqullootaa hundumaa in dabsa.

24 Akkasumas amma kunoo, ani isiniin nan jedha, gochaan sukaneessaan akkasii isin irratti dhufuun sirrii miti.

25 Kanaafuu, akkaataa seera sirrii ta’anii fi kan harka Gooftaatiin abbootii keenyaaf kennamanii turan kan isaan immoo isiniif kennanitti akka isiniif murteeffamuuf sagalee ummataatiin abbootii murtii filadhaa.

26 Amma kun beekamaadha fedhiin sagalee ummataa waanta sirrii ta’een faallaa ta’uun baramaa miti; garuu ummanni muraasni waanta sirrii hin taane barbaaduun baratamaa dha; kanaafuu, kana hubadhaatii—dhimma keessan sagalee ummataatiin akka raawwattaniif seera keessan tumadhaa.

27 Akkasumas, guyyaan sagaleen ummatichaa jal’ina itti filatu yoo dhufe, guyyaa sanatti murtiin Waaqayyoo isin irratti in dhufa; eeyyee, akkuma kanaan dura biyya kana daawwate guyyaa sanatti isinis badii guddaadhaan isin in daawwata.

28 Akkasumas, amma abbootii murtii yoo qabaattan, akkasumas isaan akkaataa seericha kennameetiin isiniif hin murteessan, akkasumas abbootiin murtii kunneen abbaa murtii olaanaa biratti isaan irratti akka murteeffamu gochuu in dandeessu.

29 Abbootiin murtii olaanoon murtii qajeelaa murteessu yoo dhaban, abbootii murtii sadarkaa gadii jiran muraasni wal qabamanii, akkasumas isaan haala sagalee ummataatti abbootii murtii olaanoo keessan irratti in murteessu.

30 Sodaa Gooftaatiin waantoota kana akka raawwatan isin nan abbooma; akkasumas waantoota kanneen akka raawwatanii fi mootii akka hin godhanne isin nan abbooma; ummanni kun cubbuu fi jal’ina yoo raawwatan mataa isaanii irra in kaa’ama.

31 Egaa kunoo ani isiniin nan jedha, cubbuun ummata koo jal’ina mootii isaanii irraa kan dhufeedha; kanaafuu, jal’inni mataa mootota isaanii irratti deebi’ee in kaa’ama.

32 Akkasumas amma, ani amma booda jal’inni biyya kana keessa keessumaa ummata koo kana gidduutti akka hin jiraanne nan fedha, akkasumas namni kamiyyuu mirga isaa fi fayyadamummaa isaa walqixa akka argatu, Gooftaan nuuf mala jedhee hamma ilaaletti nuti jiraannee, eeyyee, hamma sanyiin keenya fuula biyyattii kanaa irra jiraatuttii fi lafa kana dhaallutti biyyi kuni biyya bilisummaa akka ta’u nan fedha.

33 Akkasumas, Mozaayyaan qormaataa fi gadadoo mootiin qajeelaan keessa darbu hubachiisuun kana caalaa wantoota hedduu isaaniif in barreesse, eeyyee, dhiphina lubbuu ummata isaaniitiif qaban, akkasumas komii ummanni mootii isaaniitti dhiyeessan; akkasumas inni kana hundaa isaaniif in ibse.

34 Akkasumas, waantoonni kunneen dirqama ta’uu akka hin qabne isaaniti in hime; garuu itti-gaafatamummaan kun ummata hunda irratti dhufuu akka qabu, namni kamiyyuu qooda isaa akka baadhatuuf itti in hime.

35 Akkasumas, mootii jal’ataa qabaachuu fi isa jalatti buluun ba’aa isaan irraan ga’u hundaa inni isaan in hubachiise;

36 Eeyyee, jal’inaa fi hojii suukanneessaa isaa hundumaa, akkasumas lola hunda, akkasumas waldhabbii, akkasumas dhiiga dhangalaasuu, akkasumas hanna, akkasumas saamicha, akkasumas sagaagalummaa, akkasumas jal’ina gosa hundumaa lakkaa’amuu hin dandeenye—wantoonni kunneen abboommiiwwan Waaqayyo ifatti akka faallessanii fi isaan raawwatamuu akka hin qabne isaanitti in hime.

37 Akkasumas erga ta’e booda, mootii Mozaayyaan waantoota kan ummata gidduutti erga labsee booda dubbiin isaa dhugaa ta’uu ummanni in amanan.

38 Kanaafuu, fedhii isaan mootii qabaachuuf qaban in dhiisan, akkasumas namoonni hundi biyya guutummaa keessatti carraa walqixa akka qabaatan garmalee in barbaadan; eeyyee, akkasumas namni hundinuu cubbuu ofii isaatiif itti gaafatamuu in barbaadan.

39 Kanaafuu kun erga ta’ee booda, waa’ee abbootii murtii akkaataa seera isaaniif kennameen isaan irrati murteessan eenyuu akka ta’u sagalee isaanii kennuuf isaan ofii isaanii walitti in sassaaban, akkasumas bilisummaa isaaniif kennametti garmalee in gammadan.

40 Akkasumas, jaalalli isaan Mozaayyaaf qaban jabaachaa in adeeme; eeyyee, nama biroo kam caalaa isaaf kabaja in godhatan; sabani isaa isaan isa akka mootii abbaa irree bu’aa barbaaduutti, eeyyee, isa qabeenya horachuuf lubbuu balleessuutti isa hin ilaalle; inni biyyicha keessatti nagaa in buuse, innis ummanni hundi garbummaa kamiyyuu jalaa bilisa akka ta’u in eeyyame; kanaafuu, isaan garmalee isa in kabajan.

41 Akkasumas kun erga ta’e booda, akka seerichaatti isaan irratti akka murteessanii fi isaan akka bulchaniif abbootii murtii guutummaa biyyattii keessatti in filatan.

42 Akkasumas kun erga ta’e booda, inni angafa lubootaa ta’uu isaa fi abbaan isaa itti gaafatamummaa isatti dabarsuu fi dhimmi waldaa hundumaa isatti laachuun dabalataan Almaan abbaa murtii angafaa isa jalqabaa akka ta’u in filatame.

43 Akkasumas kun erga ta’ee booda, Almaan karaa Waaqayyo irra in adeeme, akkasumas inni abboommiwwan isaan in eege, akkasumas murtii qajeelaa in murtesse; akkasumas biyyicha hunda keessatti nagaan itti fufiinsa qabu in ture.

44 Akkasumas haala kanaan, bulchiinsi abbootii murtii biyya Zaraheemlaa hunda keesatti bulchuu in eegalan, uummata warra Nefii jedhaman hunda gidduutti, akkasumas Almaan abbaa murtii angafaa fi jalqabaa ture.

45 Akkasumas kun erga ta’e booda, abbaan isaa abboommii Waaqayyoo eeguuf erga jiraatee booda umurii saddeettamii lamatti in boqote.

46 Akkasumas kun erga ta’e booda, aangoo qabatee waggaa soddoomii sadaffaa keessa umrii ja’aatamii saditti erga Lehiin Yerusaalamiin gadhiisee ba’ee waggaa dhibba shanii fi sagalitti Mozaayyaanis in boqote.

47 Akkasumas, barri bulchinsa moototaa saba Nefii haala kanaan in goolabame; akkasumas haala kanaan guyyoonni Almaa isa waldaa isaanii hundeessee turee in dhuman.