Boqonnaa 9
Nefiin galmeewwan gosa lamatti qoodaman in hojjete—Tokkoon tokkoon isaanii gabateewwan Nefii jedhamuun ni waamamu—Gabateewwan gurguddoon seenaa addunyaa of keessaa qabu; kanneen xixiqqoo ta’an immoo adda durummaan waantota qulqullaa’oo ta’an ilaallatu. Naannoo bara 600–592 Dh.K.D.
1 Akkasumas abbaan koo dachaa Limu’eeliin keessa, inni utuma dunkaana keessa jiraachaa jiruu, waantota kana hundumaa ni arge, akkasumas in dhaga’e, akkasumas in dubbate, akkasumas immoo waantota baay’ee guddaa kana caalan, isaanis kanneen gabateewwan kana irratti barreefamuu hin dandeenyeedha.
2 Akkasumas amma, ani gabateewwan kana ilaalachisee akkuman dubbadhe, kunoo isaan gabateewwan ani seenaa saba kootii kan ani guutummaatti irratti barreesseen miti; gabatoota ani seenaa saba kootii guutummaatti irratti barreesseef maqaa Nefii jedhu kenneera; Kanaafuu, isaan maqaa kootiin, gabateewwan isa kan Nefii jedhamuun in waamamu; akkasumas gabateewwan kun immoo gabateewwan Nefii jedhamuun ni waamamu.
3 Haa ta’u malee, kaayyoo addaatiif gabaasa tajaajila saba kootii ilaalchisee seenaan bocame akka jiraatuuf, ani gabateewwan kana akkan hojjedhuuf ani Gooftaa biraa abboommii fudhadheera.
4 Gabateewwan kan biroo irrattis kan bocame gabaasa seenaa mootummaa moototaa, akkasumas lolaa fi walitti bu’iinsa saba kootiiti; kanaafuu gabateewwan kun irra caalaan isaanii kan kutaa tajaajilaati; akkasumas gabateewwan kaan immoo harka caalu mootummaa moototaa akkasumas kan lolootaa fi kan walitti bu’iinsota saba kootiiti.
5 Kanaafuu, Gooftaan gabateewwan kana kaayyoo ogummaa isaa keessa jiruutiin akkan hojjedhuuf na abboomeera, kaayyoo kanas ani hin beeku.
6 Garuu Gooftaan jalqaba irraa kaasee waantota hundumaa in beeka; kanaafuu, inni hojii isaa hundumaa ijoollee namootaa gidduutti raawwachuuf karaa in qopheessa; sababni isaa kunoo, inni jechoonni isaa hundumtuu akka raawwatamaniif humna hundumaa qaba. Akkasumas kanadha. Ameen.