Caaffata qulqullaa’aa
1 Nefii 13


Boqonnaa 13

Nefiin mul’ataan warra Ormootaa gidduutti hundeeffamuu waldaa daabiloosiin, abuuramuu Ameerikaa akkasumas koloneeffamuu ishee, Macaafa Qulqulluu keessaa kutaawwan baay’ee gati-jabeessi akkasumas ifaa ta’e baduu isaa, kanaafis sababa kan ta’e haala gantummaa warra Ormootaati, deebi’uu wangeelaa, dhufaatii caaffata qulqullaa’oo bara boodaa, akkasumas ijaarsa Xiyooniin mul’ataan in arge. Naannoo bara 600–592 Dh.K.D.

1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ergamichi akkas jechuun, natti in dubbate: Ilaali! Akkasumas ani nan ilaale akkasumas saba fi mootummoota baay’ee nan arge.

2 Akkasumas ergamichi ati maal argitee naan jedhe? akkasumas ani akkas nan jedhe: ani sabaa fi mootummoota baay’ee argeera.

3 Akkasumas inni isaan kun: sabaa fi mootummoota warra Ormootaati naan jedhe.

4 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani saba warra Ormootaa gidduutti waldaa guddaan tokko hundeeffamuu isaa argeera.

5 Akkasumas ergamichi akkas naan jedhe: Hundeeffama waldaa ishee waldoota kan biroo hundumaa caalaa xurooftee, ishee qulqulloota Waaqayyoo ajjeestu kanaa ilaali, eeyyee. akkasumas isaaniin gidirsanii akkasumas hidhuudhaan gadi isaan in qabdi, akkasumas isheen waanjoo sibiilaatiin isaan in camaddi, akkasumas gara boojuuttis gad isaan in fiddi.

6 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani waldaa ishee guddoo fi xurooftuu kana nan arge; akkasumas ani daabiloos hundeessaa ishee akka inni ture nan arge.

7 Akkasumas immoo ani warqee, akkasumas meetii, akkasumas uffata quncee talbaa qullaa’aa irraa hojjetame, akkasumas uffata bifa dhiilgee, akkasumas uffata bildiimaa, akkasumas uffata gati-jabeessa hundumaa irraa hojjetame nan arge; akkasumas ani ejjitoota baay’ee nan arge.

8 Akkasumas ergamichi akkas jechuun, natti in dubbate: Kunoo warqichi, akkasumas meetichi, akkasumas uffatni inni quncee talbaa isa qullaa’aa irraa hojjetame, akkasumas uffatni inni bifa dhiilgeen, akkasumas uffatni inni bildiimaan, akkasumas uffatni inni gati-jabeessi, akkasumas ejjitoonni sun, isaan fedhiiwwan waldaa ishee guddittii fi xurooftuu kanaati.

9 Akkasumas immoo isaan sababii ulfina biyya lafaatiif qulqulloota Waaqayyoo in balleesu, akkasumas gara boojuuttis gadi isaan in fidu.

10 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani ilaalee akkasumas bishaanota baay’ee nan arge; akkasumas isaan warra Ormootaa sanyii obboloota kootii irraa addaan in baasani.

11 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ergamichi akkas naan jedhe: Kunoo dheekkamsi Waaqayyoo sanyii obboloota kee irra jira.

12 Akkasumas ani sanyii obboloota kootii irraa, bishaanota baay’eedhaan addaan ba’anii kan turan, warra Ormootaa gidduudhaa nama tokko nan arge akkasumas ani nan ilaale; Akkasumas ani Hafuurri Waaqayyoos gad bu’ee, namicha irratti utuu hojjetuu nan arge; akkasumas bakka sanyiin obboloota kootii jiranitti illee, akkasumas inni bishaanota baay’ee irraan, gara warra biyya isa abdachiifame keessa turaniitti in adeeme.

13 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani Hafuurri Waaqayyoo, utuu inni warra Ormoota kan biroo irratti hojjetuu nan arge; akkasumas isaan boojuu jalaa ba’anii, bishaanota baay’ee irras in adeeman.

14 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani tuuta warra Ormootaa biyya isa abdachiifame irratti nan arge; akkasumas ani dheekkamsi Waaqayyoo, sanyii obboloota kootii irra akka ture nan arge; akkasumas isaan warra Ormootaa duratti addaan faffaca’anii turani akkasumas rukutamanii turan.

15 Akkasumas ani Hafuurri Gooftichaa warra Ormootaa irra akka ture nan arge, akkasumas isaan badhaadhina argataniiru akkasumas biyyicha dhaala isaaniitiif in fudhatani; akkasumas ani adii akka isaan turan nan arge, akkasumas gar-malee kan nama hawwatan akkasumas babbareedoo, akkuma sabni koo utuu in ajjeefamin dura fakkaatan fakkaatu turani.

16 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, warri Ormoonni warri boojuu jalaa ba’an Goofticha duratti gadi akka of deebisanis nan arge; akkasumas humni Gooftichaa isaanii wajjin ture.

17 Akkasumas ani isaan haati warra Ormootaa bishaanota irratti, akkasumas immoo lafa irratti, isaanii wajjin wal-loluudhaaf walitti qabamanii akka turan nan arge.

18 Akkasumas ani humni Waaqayyoo isaanii wajjin akka ture nan arge, akkasumas immoo dheekkamsi Waaqayyoo warra isaaniin loluudhaaf walitti qabamanii turan hundumaa isaanii irra ture.

19 Akkasumas ani, Nefiin, warri Ormoonni warri boojuu jalaa ba’an harka saboota kan biroo hundumaa jalaa humna Waaqayyoon akka oolan nan arge.

20 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, biyyicha keessatti badhaadhuu isaanii nan arge; akkasumas ani macaafa nan arge, akkasumas gidduu isaaniitti baatanii in deemu turan.

21 Akkasumas ergamichi akkas naan jedhe: Ati hiika macaafa kanaa nii beektaa?

22 Akkasumas ani akkas isaan nan jedhe: Ani hin beeku.

23 Akkasumas innis akkas jedhe: Kunoo dubbiin kun afaan Yihuudotaa keessaa kan ba’eedha. Akkasumas ani, Nefiin, isa argeera; akkasumas inni akkas naan jedhe: Macaafichi ati argitee turte sun galmee warra Yihuudotaati, innis kakuuwwan Gooftichaa, isa inni mana Israa’elii wajjiin godhe of keessatti kan qabateedha; akkasumas immoo inni raajii raajonni qulqullaa’oon raajan baay’ee of keessatti kan qabateedha, akkasumas isaan baay’ee baay’achuu yoo baatan iyyuu, isa galmee sibiila diimaa irratti bocamee kan fakkaatuudha; haa ta’u malee, kakuuwwan Gooftaan mana Israa’eliif gale of keessaa kan qabuudha, kanaafuu, isaan warra Ormootaaf gatii guddaa kan qabaniidha.

24 Akkasumas ergamaan Gooftichaa akkas naan jedhe: Ati macaafa afaan Yihuudotaa irraa ba’e argiteetta; akkasumas yeroo afaan Yihuudotaa irraa ba’etti ergamootni kudha lamaan kan dhugaa ba’aniif, guutummaa wangeela Gooftaa of keessatti qabateera; akkasumas isaan akkaataa dhugaa isa Hoolicha Waaqayyoo keessa jiruun dhugaa ba’aniiru.

25 Kanaafuu, waantonni kunneen akkaataa dhugaa isa Waaqayyoon keessa jiruutiin, warra Yihuudotaa irraa gara warra Ormootaatti qulqullinaan in darbu.

26 Akkasumas isaan warra Yihuudota irraa gara warra Ormootaatti harka ergamoota Hoolichaa warra kudha lamaaniitiin erga ba’anii dabarfamaniin booda, ati waldoota jiran hundumaa caalaa isheen xuroofte waldaa isheen guddoo fi xurooftuu taate sun hundeeffamuu ishee argiteetta; kanaafis kunoo, isaan wangeela hoolichaa irraa kutaalee warra ifaa ta’anii fi caalaatti gati-jabeeyyii ta’an baay’ee keessaa baasaniiru; akkasumas immoo isaan kakuuwwan Gooftichaa baay’ee keessaa balleessaniiru.

27 Akkasumas isaan waantota kana hundumaa kan godhan karaa Gooftichaa isa qajeelaa jal’isuu akka danda’aaniifidha, isaan kanan ija ilmaan namootaa jaamsanii akkasumas garaa isaaniis akka jabeessaniifiidha.

28 Kanaafuu, ati macaafni kun harka waldaa ishee guddittii fi xurooftuu sanaan erga darbee booda, macaafa Hoolicha Waaqayyoo isa ta’e keessaa waantonni ifa ta’anii fi gati-jabeeyyii ta’an baay’een baafamuu isaanii argiteetta.

29 Akkasumas waantonni ifaa fi gati-jabeeyyii ta’an kun erga fudhatamanii booda gara saboota warra Ormootaa hundumaatti geeffamaniiru; akkasumas gara saboota warra Ormootaa hundumaatti, eeyyee, bishaanota baay’ee qaxxaamuranii utuu adeemanii warri ati argite warra Ormoota boojuu jalaa ba’anii wajjin erga fudhatameen booda—kunis Hoolicha Waaqayyoo keessa isa ta’een akkaataa ifaa ta’etti, hubannaa ilmaan namaaf ifaa kan turan, baay’ee ifaa fi waantonni gati-jabeeyyii ta’an macaaficha keessaa sababa baafamaniif turan—wangeela Hoolichaa keessaa waantonni kun sababii baafaman kanaan, hamma Seexanni isaan irratti humna guddaa argatutti, eeyyee, baay’een isaanii gar-malee in gufatu.

30 Haa ta’u malee, ati warri Ormootaa warri boojuu jalaa ba’an, Waaqayyo Gooftaan abbaa keetii wajjin sanyiiwwan isaa biyya dhaalaa akka qabaataniif biyya inni kakuu galeef isa ta’e, biyya lafaa irraa biyyoota hunduma keessaa caalaatti inni filatame, humna Waaqayyootiin biyyoota kan biroo hundumaa caalaa akka ol kaafamanii turan argiteetta; kanaafuu, ati Waaqayyo Gooftaan sanyiiwwan kee wajjin warra wal-makan warra obboloota kee gidduu jiran, warri Ormoonni raawwatanii akka balleessaniif inni akka hin heyyamne argiteetta.

31 Inni warri Ormoonnis sanyii obboloota keetii akka balleessaniif hin heyyamu.

32 Waaqayyo Gooftaan warri Ormootaa, bakka isaan keessa turan akkuma ati argite, sababa kutaan wangeela Hoolichaa inni ifaa fi baay’ee gati jabeessa ta’e, waldaa ishee xurooftuu ati hundeeffamuu ishee argiteen, teellaatti qabamuu isaaniitiin, haala jaamummaa isa dhiphisaa ta’e sana keessatti bara baraan akka hafaniif hin heyyamu.

33 Kanaafuu Hoolichi Waaqayyoo akkas jedhe: Ani mana Israa’el keessaa warra hafaniif firdii isa guddaadhaan daawwachuuf, warra Ormootaaf nan o’a.

34 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ergamaan Gooftichaa akkas jechuun natti in dubbate: Kunoo, Hoolichi Waaqayyoo akkas jedhe, haftee warra mana Israa’eliin ergan daawwadheen booda—akkasumas hafteen ani waa’ee isaa dubbadhu kun immoo sanyii abbaa keetiiti—kanaafuu, ani ergan firdiidhaan isaan daawwadheen booda, akkasumas harka warra Ormootaatiin ergan isaan rukuteen booda, sababii kutaawwan wangeela Hoolichaa inni caalaatti ifaa fi gatii jabeessa ta’een sun haadha ejjitootaa ishee taateen waldaa ishee xurooftuun sababa qabamaniif, warri Ormoonni gar-malee erga gufatanii booda, jedha Hoolichi—Guyyaa sanatti ani warra Ormootaaf o’a qabeessa nan ta’a, kanaanis isaaniif humna kootiin ifaa fi gati-jabeessa isa ta’u, wangeela koo baay’ee isaaniif nan fida, jedha Hoolichi.

35 Sababni isaas, kunoo, Hoolichi akkas jedhe: Ani sanyii kee waantota baay’ee ani isaan barsiisu warra ifoo fi gati-jabeeyyii ta’an akka barreessaniif, ofii koo isaanitti nan mul’isa; akkasumas sanyiin kee akkasumas immoo sanyiin obboloota keetii, erga balleeffamanii, akkasumas hir’ina amantii isaaniitiin mamaniin booda, kunoo, isaan warra Ormootaaf kennaa fi humna Hoolichaatiin akka as ba’aniif, wantoonni kun in dhokatu.

36 Akkasumas isaan keessatti wangeelli koo in barreeffama, jedha Hoolichi, akkasumas kattaan koo fi fayyinni koo.

37 Akkasumas guyyaa sanatti warri Xiyoon koo fiduu barbaadan kan eebbifamaniidha, sababni isaa isaan kennaa fi humna Hafuura Qulqulluu nii qabaatu; akkasumas isaan hamma dhumaatti yoo dhaabbatan guyyaa dhumaatti ol in kaafamu, akkasumas mootummaa bara baraa isa kan Hoolichaa keessattis in fayyu; akkasumas warri nagaa buusan, eeyyee, misiraachoo gammachuu guddaa labsan, isaan tulloota irratti akkam kan bareedan in ta’uu.

38 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani haftee sanyii obboloota kootii kan ta’an, akkasumas immoo macaafa Hoolicha Waaqayyoo isa afaan Yihuudii keessaa ba’e, warra Ormoota irraa gara haftee sanyii obboloota kootitti akka inni dhufe nan arge.

39 Akkasumas kun erga gara isaaniitti dhufeen booda, akkasumas immoo Yihuudota warra biyya lafaa hundumaa irratti faffaca’anii turan, galmeewwan raajotaa akkasumas ergamoota Hoolichaa kudha lamaanii, dhugaa akka isaan ta’an humna Hoolichaatiin, warra Ormootaa irraa gara isaanitti, hamma warra Ormoota akkasumas haftee sanyii obboloota kootii amansiisuutti, macaafonni kan biroon utuu isaaniif dhufuu nan arge.

40 Akkasumas ergamichi akkas jedhee, natti in dubbate: warra Ormootaa gidduutti kan ati argite, Galmeewwan dhumaa kun, Holichaaf ergamoota kudha lamaan warri ta’an, dhugaa isa jalqabaa in mirkaneessu, waantota ifaa fi gati-jabeeyyiin isaan keessaa baafamanii turan akka beekaman in godhu; Hoolaan Waaqayyoo Ilma Abbaa isa Bara Baraa, akkasumas Fayyisaa biyya lafaa akka inni ta’e; akkasumas namoonni hundinuu gara isaa dhufuu akka qaban, yookiin fayyuu akka hin dandeenye gosa hundumaatti, afaanotaa fi sabootatti akka beekaman in godhu.

41 Akkasumas isaan akka dubbiiwwan afaan Hoolichaatiin hundeeffamaniitti dhufuu qabu; akkasumas dubbiiwwan Hoolichaa galmeewwan sanyii keetii keessatti, akkasumas galmeewwan ergamoota Hoolichaa warra kudha lamaanii keessattis in beekamu; kanaafuu lamaan isaanii iyyuu iddoo tokkotti in hundeffamu; sababni isaas guutummaa lafaa irra Waaqa tokkichaa fi Tiksee tokkichatu jira.

42 Akkasumas guyyaa inni itti biyya hundumaatti, warra Yihuudotaatti akkasumas immoo warra Ormootaattis, ofii isaa itti mul’isu in dhufa; akkasumas inni erga warra Yihuudotaatti akkasumas immoo warra Ormootaatti ofii isaa mul’iseen booda, isa booda inni warra Ormootaatti akkasumas immoo warra Yihuudotaatti of in mul’isa, akkasumas inni booddee jiru dura in ta’a, akkasumas inni dura jirus booddee in ta’a.