Caaffata qulqullaa’aa
1 Nefii 12


Boqonnaa 12

Nefiin biyya isa abdachiifame; qajeelummaa, jal’inaa fi kufaatii jiraattota ishee; Hoolichi Waaqayyoo isaan gidduu dhufuu isaa; Duuka Buutonni Kudha Lamaanii fi Ergamoonni Kudha Lamaan Israa’el irratti akkamitti akka faradan; akkasumas warra amantii dhabinaan maman haala ciigaasiisaa fi xuraa’aa akkamii keessatti akka argaman mul’ataan in arge. Naannoo bara 600–592 Dh.K.D.

1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ergamichi akkas naan jedhe: Ilaali, akkasumas kunoo sanyii kee, akkasumas immoo sanyii obboloota keetii. Akkasumas ani nan ilaalee akkasumas biyya isa abdachiifame sana nan arge; akkasumas, eyyeen, lakkoofsi isaanii hamma cirracha galaanaa baay’atani akka turan, ani tuuta namootaa nan arge.

2 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani tuutni baay’een walii walii isaanii wajjin wal-loluuf osoo walitti qabamanii nan arge; akkasumas ani saba koo gidduutti lola, akkasumas oduu lolaa, fi ajjeechaa gurguddaa billaadhaan raawwatamu nan arge.

3 Akkasumas kun erga ta’ee booddee sababii walitti bu’iinsaa fi lolaa biyyattii keessattin dhaloonni baay’een akka darban nan arge; akkasumas, eeyyee, kan ani isaan hin lakkoofne illee, ani magaalota baay’ee nan arge.

4 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani fuula biyya ishee abdachiifamte sanaa irratti hurrii dukkanaa nan arge; akkasumas ani balaqqeessa nan arge, akkasumas ani sagalee qaqawwee nan dhaga’e, akkasumas socha’uu lafaa, akkasumas ani sagalee namoota baay’ee gosa hundumaas nan dhaga’e; akkasumas ani laftii fi kattaawwan osoo addaan dadayyaa’anii nan arge; akkasumas gaarreenis osoo fofoxxoqanii konkolaatanii nan arge; akkasumas ani lafti diriiraanis utuu isaan caccabanii nan arge; akkasumas ani magaaloonni baay’een isaanii utuu gad liqimfamanii nan arge; akkasumas ani baay’een isaaniis ibiddaan utuu gubatanii nan arge; akkasumas ani sababa socho’uu lafaa tureen baay’een utuu isaan lafatti kukkufanii nan arge.

5 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani waantota kana ergan argeen booda, ani hurriin lafa dukkaneessu, biyya lafaa irra osoo darbuu nan arge; akkasumas kunoo, ani tuuta sababii firdii Waaqayyo isaa guddaa fi sodaachisaadhaan hin kufnes nan arge.

6 Akkasumas ani bantiiwwan waaqaa banamanii, akkasumas Hoolichi Waaqayyoo waaqa keessaa utuu gadi bu’aa jiruu nan arge; akkasumas inni gadi bu’ee akkasumas isaanittis ofii isaa in mul’ise.

7 Akkasumas immoo ani Hafuurri Qulqulluun warra kudha lamaa kan biroo irratti akka bu’e nan arge, akkasumas dhugaa nan ba’a; akkasumas isaan warra Waaqayyoon muudamaniidha, akkasumas filatamanii turaniidha.

8 Akkasumas ergamichi akkas jedhee natti dubbate: Kunoo sanyii kee akka tajaajilaniif warra filataman, warri kudha lamaan duuka buutota Hoolichaati.

9 Akkasumas innis akkas naan jedhe: Ati ergamoota Hoolichaa warra kudha lamaan nii yaadattaa? Kunoo isaan warra gosoota Israa’el kudha lamaanii irratti firdii kennaniidha; kanaafuu, isin mana Israa’el waan taataniif, tajaajiltoota warra kudha lamaanii kanaan sanyii keetti in faradama.

10 Akkasumas tajaajiltoonni kudha lamaan ati argite kun sanyii keetti in faradu. Akkasumas, kunoo, isaan bara baraan qajeelotadha; sababni isaa amantii Hoolicha Waaqayyoo irraa qabaniin uffata isaanii dhiiga isaatiin miiccatanii addeeffataniiru.

11 Akkasumas ergamichi akkas naan jedhe: Ilaali! akkasumas ani nan ilaale, akkasumas dhaloonni sadii qajeelummaadhaan akka darban nan arge; akkasumas uffanni isaanii akkuma isa kan Hoolicha Waaqayyoo adii ture. Akkasumas ergamichi akkas naan jedhe: Isaan kun sababii isaan amantii isa irraa qabaniif, dhiiga Hoolichaatiin addeeffamaniiru.

12 Akkasumas ani, Nefiin, immoo dhaloota afuraffaa keessaa baay’een warra qajeelummaan darban nan arge.

13 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani tuutni lafaa utuu walitti qabamanii nan arge.

14 Akkasumas ergamichi akkas naan jedhe: Sanyii kee, akkasumas immoo sanyii obboloota keetii ilaali.

15 Akkasumas kun erga ta’ee booddee kunoo ani namoonni sanyii koo ta’an akkasumas sanyii obboloota kootii loluudhaaf utuu isaan tuutaan walitti qabamanii nan arge; akkasumas isaan wal waraanuuf walitti qabamanii akka turan nan arge.

16 Akkasumas ergamichi akkas jedhee, natti in dubbate: Kunoo burqicha isa bishaan xuraa’aa abbaan kee argee turee; eeyyee, laga isa inni dubbate illee; akkasumas gad fageenyi isaas akka gadi fageenya si’ooliiti.

17 Akkasumas hurriin dukkanichaa qormaata daabiloosiidha, isaan ijoota kan jaamsan, akkasumas garaa ilmaan namootaa kan jabeessan, akkasumas akka dogongoraniif akkasumas akka isaan badaniif gara karaa isa bal’aatti kan geessaniidha.

18 Akkasumas gamoo guddaa fi bal’aan, inni abbaan kee arge, yaada bu’a dhabeessa, akkasumas of-tuulummaa ilmaan namootaati. Akkasumas bowwaa guddaa fi sodaachisaan; eeyyee, dubbii haqummaa Waaqayyoo isa bara baraatiin illee, isa Hafuurri Qulqulluun uumamuu biyya lafaa irraa kaasee hamma ammaatti, akkasumas ammaa kaasee akkasumas hamma bara baraatti kan dhugaa ba’uuf, akkasumas Masiihicha Hoolaa Waaqayyoo inni ta’e, addaan isaan in qooda.

19 Akkasumas yommuu ergamichi jechoota kana dubbatetti, ani akkuma dubbii ergamichaatti, sanyiin obboloota kootii sanyii koo irratti ka’anii loluu isaanii nan arge; akkasumas sababii of-tuulummaa sanyii kootiin, akkasumas qormaatawwan daabiloosiichatiin, ani sanyiin obboloota kootii sanyii namoota kootii, mo’uu isaa nan arge.

20 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani ilaale, akkasumas sanyiin namoota obboloota kootii utuu isaan sanyii koo mo’anii; akkasumas isaan fuula lafaa irra tuuta hedduu ta’anii adeemanii nan arge.

21 Akkasumas ani akka isaan tuutaan walitti qabaman nan arge; akkasumas ani lolaa fi oduu lolaa isaan gidduutti nan arge; akkasumas lolaa fi oduu lolaa sana keessatti dhaloonni baay’een yommuu darban nan arge.

22 Akkasumas ergamichi akkas naan jedhe: Kunoo isaan kun amantiin waan itti hir’ateef in mamu.

23 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani isaan hir’ina amantiitiin erga mamanii booddee, isaan dhibaa’ota, xuraa’ummaa gosa hundumaan kan guutaman, kan gurraacha’an, akkasumas ciigaasisoo akkasumas namoota hamoo akka ta’an nan arge.