Caaffata qulqullaa’aa
1 Nefii 18


Boqoonna 18

Doonichi in xumurame—Dhalootni Yaaqoobii fi Yooseef in caqafame—Gareen sun gara biyya ishee abdachiifamteetti dooniidhaan imaluu in eegale—Ilmaan Ishma’eelii fi haadhi manootaa isaanii fincila fi ayyaana kabajuutti in makaman—Nefiin in hidhame, akkasumas doonichi obonboleettiidhaan gara duubbaatti in oofame—Nefiin in hiikame, akkasumas kadhannaa isaatiin obonboleettiin sun in dhaabbate—Sabichis gara biyya ishee abdachiifamtee in ga’an. Naannoo bara 591–589 Dh.K.D.

1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee isaan Goofticha in waaqeffatan, akkasumas anaa wajjiin gara fuul-duraatti in adeeman; akkasumas nuyi ogummaa gaariidhaan muka soofne waan gara garaas in hojjenne. Akkasumas Gooftaan yeroodhaa gara yerootti mukoota irraa doonicha akkamitti hojjechuun akka na irra jiru natti agarsiisaa ture.

2 Amma ani, Nefiin, hojii muka akka haala namoonni beekaniin hin hojjenne, ani akkaataa namoonni hojjetanittis doonicha hin hojjenne; garuu ani akkaataa Gooftaan natti agarsiiseen nan hojjedhe; kanaafuu, inni akkaataa itti namootni hojjetaniin addadha.

3 Akkasumas ani, Nefiin yeroo baay’ee gara gaaraa nan adeeman ture, akkasumas ani yeroo baay’ee gara Gooftaatti kadhachaan ture; kanaafuu Gooftaan waantota gurguddaa natti agarsiiseera.

4 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani akkaataa dubbii Gooftichaatti, dooniicha hojjedhee ergan raawwadheen booda, obboloonni koos gaarii akka inni tures in argan, akkasumas hojiin isaas gar-malee bareedaa ture; kanaafuu, isaan Goofticha duratti ammas ofii isaanii gadi in deebisan.

5 Akkasumas kun erga ta’ee booddee nuyi kaanee gara doonichaatti akka gadi seennuuf sagaleen Gooftichaa gara abbaa kootii in dhufe.

6 Akkasumas kun erga ta’ee booddee borumtaas, nuyi waantota hundumaa erga qoopheesineen booda, akka Gooftaan nu abboometti galaawwan keenya, ijoota mukaa baay’ee akkasumas foon lafa onaa keessaa, akkasumas damma baay’inaan, akkasumas, ba’aa keenya akkasumas sanyiiwwan keenyaa wajjiin, akkasumas waantota fudhannee dhufne qabannee, hundumtuu akka umrii isaatitti gara doonichaatti in seene; kanaafuu, nuyi haadha manoota keenyaa fi ijoollee keenyaa wajjiin, hundumti keenya gara doonichaatti gadi in seenne.

7 Akkasumas amma, lafa onaa keessatti abbaan keenya ijoollee lama in godhate; inni angafaa Yaaqoob jedhama ture akkasumas inni quuxisichi Yooseef jedhama.

8 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, nuyi galaawwan keenya akkasumas waantota abboomamne turre fudhannee hundumti keenya gara doonichaatti erga gadi seennee, i gara galaanichaatti fuul-duratti siiqnee adeemsa eeggalle akkasumas qilleensaan gara fuul-duraatti gara biyya ishee abdachiifamteetti oofamnee ture.

9 Akkasumas nuyi erga qilleensaan gara fuul-duraatti guyyoota baay’eedhaaf dhiibamnee booda, kunoo, obboloonni koo fi ijoolleen Ishmaa’eel, akkasumas haadhi manoonni isaanii of gammachiisuu in jalqaban, isaan hamma shubbisanitti, akkasumas sirbuu in jalqaban, akkasumas dubbii tuffii guddaa qabu dubbachuu in jalqaban, eeyyee, isaan humna akkamiitiin akka ba’anii as dhufanii turan hamma irraanfatanitti; eeyyee, tuffii gar-malee guddaa ta’e ta’e keessa galanii ture.

10 Akkasumas ani, Nefiin, sababa jal’ina keenyaaf Gooftaan akka nutti hin dheekkamneef, akkasumas akka nu hin rukunneef, nuyi gadifageenya galaanichaanis akka gadi hin liqimfamaneef, gar-malee sodaachuu nan jalqabe; kanaafuu, ani, Nefiin, baay’ee of qabaa isaanitti dubbachuu nan jalqabe; garuu kunoo isaan; obbooleessi keenya inni quxxisuun akka nu bulchuuf nuyi hin heyyamnu jechuun, aaranii natti dubbatan.

11 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Laamaanii fi Limuu’eel na fuudhanii funyoodhaan na hidhan, akkasumas isaan gara jabina guddaadhaan na doorsisan; haa ta’u iyyuu malee, inni waa’ee warra jal’ootaa ilaalchisee kan dubbate hundumaa akka raawwatuuf, Gooftaan humna isaa isaanitti mul’isuu waan barbaadeef jecha kun akka ta’uuf in heyyame.

12 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, hamma ani socha’uu hin dandeenyetti isaan erga na hidhaniin booda kallatti argisiistuun Gooftaadhaan qopheeffamee ture sun hojjechuu in dhaabe.

13 Kanaafuu, isaan doonicha garamitti oofuu akka qaban isaan hin beekan turan, sababa kanaanis obonboleettiin guddaan, eeyyee, bubbee hamaa fi sodaachisaanin ka’e, akkasumas nuyi galaanicha irra turtii guyyoota sadii kan ta’aniif gara boodatti deebinee oofamnee turre; akkasumas isaan galaanicha keessatti akka gadi hin liqimfamneefis gar-malee sodaachuu jalqabanii turan; haa ta’u iyyuu malee, isaan anaan nan hin hiikne.

14 Akkasumas boodatti oofamuu eegallee guyyaa afuraffaa irratti, bubbichi gar-malee hammaachuu in jalqabe.

15 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, nuyi gadi fageenya galaanichaa keessatti gadi liqimfamuuf dhiyaananee turre. Akkasumas nuyi erga turtii guyyoota afuriif galaanicha irraa boodatti oofamneen booda, firdiiwwan Waaqayyoo akka isaan irratti dhufee fi jal’inoota isaanii irraa yoo yaada garaa isaanii geeddaratan malee baduuf akka jedhanis obbolootni koo arguu in jalqaban; kanaafuu, isaan gara koo dhufanii, akkasumas hidhaawwan ciqileewwan koo irra turan na irraa in hiikan, akkasumas kunoo isaan garmalee dhiita’anii turan; akkasumas qacceen miila koo baay’ee dhita’anii turan, akkasumas dhukkubbiin isaaniis guddaa ture.

16 Haa ta’u malee, ani gara Waaqayyoo koo nan ilaale, akkasumas ani guyyaa guutuu isa nan jajadhe; akkasumas sababii dhiphina kootii irraa kan ka’e ani Goofticha irratti ka’ee hin gungumne.

17 Amma abbaan koo, Lehiin, waantota baay’ee isaanitti, akkasumas immoo ijoollee Ishmaa’eelitti in dubbate; isaan garuu, kunoo, namoota anaaf dubbatan kamiyyuu irratti ka’anii jechoota doorsisoo baay’ee in baasan; akkasumas maatiin koo dullooman, akkasumas sababii ijoollee isaaniitif baay’ee gaddan waan qabaniif, eyyee, isaan dhukkubsatanii siree isaanii irratti hafanii ture.

18 Sababii gadda isaanii fi baay’ina dhiphina isaaniitiif, akkasumas jal’ina obboloota kootiitiif, isaan jireenya kana keessaa gara yeroo itti fudhatamanii Waaqa isaaniin wal-arguutti illee dhiyaatanii turan; eeyyee, qaamni isaanii dulloomes illee biyyoo keessa dhokfamuuf ga’anii turan; eeyyee, isaan gaddaan boolla awaalchaa isa bishaan of keessaa qabutti darbatamutti dhiyaatanii turan.

19 Akkasumas immoo Yaaqoobii fi Yooseef ijoollee waan ta’aniif kunuunfamuu baay’ee barbaadaa turan, sababii dhiphina haadha isaaniitiifis gaddanii turan; akkasumas immoo immimmaaniii fi kadhannaan haadha manaa kootii, akkasumas immoo ijoollee kootii, obboloonni koo akka isaan na hiikaniif garaa isaanii laaffisuu hin dandeenye.

20 Akkasumas isaan garaa isaanii laaffisuu akka danda’aniif badiisaan kan isaan doorsiise humna Waaqayyoo malee waanti tokko iyyuu hin turre; kanaafuu, isaan gadi fageenya galaanichaa keessatti akka gadii liqimfamuuf jiran yeroo arganitti isaan waanta raawwataniif isaan hamma na hiikanitti, yaada garaa isaanii ni geeddaratan.

21 Akkasumas kun erga ta’ee booddee isaan erga na hiikaniin booda, kunoo, ani kallattii agarsiistuu sana nan fudhadhe, akkasumas innis akka ani barbaadetti in hojjete. Akkasumas, kun erga ta’ee booddee ani Gooftaa nan kadhadhe, akkasumas erga ani kadhadheen boodas qilleensichi in dhaabbate, akkasumas obonboleettichis in dhaabbate, akkasumas tasgabbii guddaanis ta’ee ture.

22 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, doonicha nan geggeesse, ammas nuyi gara biyya ishee abdachiifamteetti dooniidhaan in adeemne.

23 Akkasumas kun erga ta’ee booddee nuyi turtii guyyoota baay’eetiif galaanicha irra erga adeemneen booda nuyi biyya ishee abdachiifamte in geenye; akkasumas nuyi laficha irra buunee in adeemne, akkasumas dunkaanota keenyas in dhaabbanne; akkasumas nuyi biyya ishee abdachiifamte jennees in waamne.

24 Akkasumas kun erga ta’ee booddee nuyi lafa qotuu in jalqabne, akkasumas nuyi sanyiiwwan dhaabuus in jalqabne; eeyyee, nuyi sanyiiwwan keenya isa biyya Yerusaalem irraa fidne, hundumaa isaa laficha irra in dhaabbanne. Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan garmalee ni guddatan, kanaafuu, nuyi garmalee eebbifamnee turre.

25 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, nuyi yommuu lafa onaa keessa adeemnetti, biyya ishee abdachiifamte keessa, bineeldotni gosni hundumtuu, sa’aa fi sangaanis, harreen fifardi, reettii fi kurupheen, akkasumas bineensonni bosonaa faayidaa namootaaf oolan gosni hundumtuu akka jiran ni hubanne. Akkasumas nuyi sibiila gosa hundumaa, warqee, akkasumas meetii, akkasumas sibiila diimaas in arganne.