Caaffata qulqullaa’aa
1 Nefii 3


Boqonnaa 3

Ilmaan Lehii gabatee sibiila diimaa argachuuf gara Yerusaalemitti in deebi’an—Laabaan gabateewwan sibiila diimaa sana kennuu in dide—Nefiin obboloota isaa gorse akkasumas in jajjabeesse—Laabaan qabeenya isaanii hate, akkasumas isaan ajjeesuu in yaale—Laamaanii fi Limu’eel Nefii fi Saamiin in rukutan, akkasumas ergamaadhaan in ifataman. Naannoo bara 600–592 Dh.K.D.

1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani, Nefiin Gooftaa wajjin dubbachuu irraa gara dunkaana abbaa kootiitti nan deebi’e.

2 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, inni akkas jechuun, natti in dubbate; Kunoo ani abjuu abjoodheera, isa keessattis Gooftaan atii fi obboloonni kee gara Yerusaalemitti akka deebitan na abboomeera.

3 Sababni isaas kunoo Laabaan galmee Yihuudootaa fi galmee hidda dhalootaa abboota kootii qaba, akkasumas isaanis gabatee sibiila diimaa irratti kan bocamaniidha.

4 Kanaafuu, atii fi obboloonni kee gara mana Laabaaniin akka deemtan, akkasumas galmeewwan barbaaddanii akkasumas as gara lafa onaatti akka gadi isaan fiddaniif Gooftaan na abboomeera.

5 Akkasumas amma, kunoo obboloonni kee waanti ani isaan irraa barbaade in ulfaata jechuudhaan gungumaniiru; garuu kunoo ani isaan irraa hin barbaanne, garuu kun abboommii Gooftaati.

6 Kanaafuu, deemi yaa ilma koo, akkasumas ati sababii hin gunguminiif Gooftaa biratti jaal’atamummaa in argatta.

7 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani, Nefiin, abbaa kootiin akkana nan jedhe: Gooftaan waantota abboomeef karaa ittiin raawwatan qopheessu malee, ilmaan namootaatiif abboommota akka hin kennine ani waanan beekuuf, ani nan deema akkasumas waantota Gooftaan na abboome nan godha.

8 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, abbaan koo dubbiiwwan kana yommuu dhaga’etti, inni Gooftaadhaan akka ani eebbifame waan beekeef, inni gar-malee gammadee ture.

9 Akkasumas, ani, Nefiin fi obboloonni koo gara biyya Yerusaalemiin deemuuf dunkaana keenya fudhannee lafa onaa keessa adeemsa keenya in jalqabne.

10 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, yeroo nuyi gara biyya Yerusaalemitti ol baanetti, anii fi obboloonni koo walii walii keenyaan mari’annee turre.

11 Akkasumas, nuyi nu keessaa eenyu gara mana Laabaaniin akka deemuu qabu—carraa in buufanne. Akkasumas kun erga ta’ee booddee carraan sun Laamaaniif in ba’e; akkasumas Laamaan gara mana Laabaaniin in deeme, akkasumas osoo inni mana isaa keessa taa’aa jiruus isa waliin in dubbate.

12 Akkasumas, inni Laabaaniin galmeewwan gabateewwan sibiila diimaa irratti bocaman, isa hidda dhalootaa abbaa kootii of keessatti qabatee ture sana in gaafate.

13 Akkasumas kunoo kun erga ta’ee booddee, Laabaan aaree ture, akkasumas fuula isaa duraas ari’ee isa in baase; akkasumas inni galmeewwan sana akka inni fudhatus hin goone ture. Kanaafuu inni akkas isaan in jedhe: kunoo ati saamtuudha akkasumas ani sin ajjeesa.

14 Laamaan garuu fuula isaa duraa in baqate, akkasumas waantota Laabaan nu irratti godhe nutti hime. Akkasumas, nuyi gar-malee gadduu in jalqabne, akkasumas obboloonni koo gara lafa onaa gara abbaa kootiitti deebi’uuf turan.

15 Garuu kunoo ani akkas isaaniin jedhe: Dhugaa Gooftaa isa jiraataa, akkasumas akkuma nuti jiraannuu, hamma waanta Gooftaan nu abboome sana raawwannutti lafa onaatti gara abbaa keenyatti hin deebinu.

16 Kanaafuu, kottaa abboomota Gooftaa eeguu irratti amanamoo haa taanu; Kanaafuu gara biyya dhaala abbaa keenyaatti gadi haa buunu kunoo inni warqee fi meetii akkasumas qabeenya gosa hundumaa dhiisee in adeeme, Akkasumas kana hundumaa inni sababa abboommota Gooftaatiin raawwateera.

17 Inni Yerusaalem sababa jal’ina sabichaaf balleefamuu akka qabdu waan beekeefiidha.

18 Sababni isaas isaan kunoo dubbiiwwan raajotaa didanii jiru. Kanaafuu, abbaan koo biyya sana keessaa akka baqatu erga abboomamee booda biyya sana keessa yoo jiraate kunoo innis in bada ture. Kanaafuu, inni biyyicha keessaa baqachuu qaba ture.

19 Akkasumas kunoo, afaan abboota keenyaa ijoollee keenyaaf akka eegnuuf galmeewwan kana nuti argachuun keenya ogummaa waaqayyooti;

20 Akkasumas immoo, nuti dubbiiwwan afaan raajotaa qulqulloota hundumaatiin dubbatame, kan Hafuuraa fi humna Waaqayyootiin isaaniif kenname kan uumamuu biyya lafaatii jalqabee hamma ammaatti illee akka isaaniif tursinuufiidha.

21 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, haala dubbii kanaan akka isaan abboommota Waaqayyoo eeguutti amanamoo ta’aniif ani obboloota koo amansiiseera.

22 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, nuti gara biyya dhaala keenyaatti gadi buune, akkasumas nuti warqee keenya, akkasumas meetii keenya, akkasumas waantota gati-jabeeyyii keenya walitti qabanneerra.

23 Akkasumas, erga nuti waantota kana walitti qabanneen booda ammas gara mana Laabaanitti deebinee ol in baane.

24 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, nuyi gara Laabaan deemne, akkasumas galmeewwan gabatee sibiilaa diimaa irratti bocaman akka inni nuuf kennuuf, kanaafis immoo warqee keenya, akkasumas meetii keenya akkasumas waantota gati-jabeeyyii keenya isaaf kennuu akka barbaannu hundumaa itti himne.

25 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, yeroo Laabaan qabeenyi keenya gar-malee guddaa ta’uu isaa argetti, akkasumas inni garmalee in hawwe, sababuma kanaan gara alaatti nu ari’e, akkasumas qabeenya keenya fudhachuudhaaf, akka isaan nu ajjeesaniif inni hojjettoota isaa nutti in erge.

26 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, hojjettoota Laabaan duraa in baqanne, akkasumas nuti qabeenya keenya dhiisnee deemuun dirqama nutti ta’e, akkasumas innis harka Laabaaniin keessatti in kufe.

27 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, nuti gara lafa onaatti in baqanne, akkasumas hojjettootni Laabaan nu hin qabanne, akkasumas nuti ofii keenya holqa kattaa keessa of in dhoksine.

28 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Laamaan anattis ta’e, akkasumas immoo abbaa koottis aaree ture, akkasumas immoo Limu’eelis; sababni isaas inni dubbiiwwan Laamaaniin dhaggeeffateera. Kanaafuu Laamaanii fi Limu’eel, nuyiin obboloota isaanii quxisuutti dubbiiwwan nama sodaachisan baay’ee nutti dubbatan, akkasumas uleedhaan illee nu rukutaniiru.

29 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, yeroo isaan uleedhaan nu rukutanitti, kunoo, ergamaan Gooftaa dhufee fuula isaanii dura dhaabbatee, akkasumas inni akkas jedhee isaanitti in dubbate; obboleessa keessan isa quxisuu maaliif uleedhaan rukuttuu? Gooftaan akka inni isin irratti bulchaa ta’uuf akka isa filate akkasumas kunis sababii jal’ina keessaniif akka ta’e isin hin beektaniiree? Kunoo isin gara Yerusaalemitti deebitanii ol in baatu, akkasumas immoo Gooftaan Laabaaniin dabarsee harka keessanitti in kenna.

30 Akkasumas, ergamichi erga nutti dubbatee booda, inni in nuun gargar bahe.

31 Akkasumas, erga ergamichi nuun gargar bahee boodas Laamaanii fi Limu’eel ammas akkas jechuun, gungumuu jalqaban: Akkamitti Gooftaan Laabaaniin harka keenyatti dabarsee kennuu danda’aa? Kunoo, inni nama jabaadha, akkasumas, inni shantamoota ajajuu ni danda’a, eeyyee, inni shantamoota illee ajjeesuu ni danda’a; maarree maaliif nu hin ajjeesiin hafe ree?