Caaffata qulqullaa’aa
1 Nefii 19


Boqonnaa 19

Nefiin gabateewwan sibiila diimaa irraa in hojjete, akkasumas seenaa saba isaatiis isa irratti in galmeesse—Waaqayyo inni kan warra Israa’el Lehiin Yerusaalemiin gadi dhiisee waggoota dhibba ja’aan booda in dhufa—Nefiin waa’ee dhiphinaa fi fannifamuu isaa in dubbate—Warri Yihuudotaa isaan hamma guyyoota gara boodaatti yeroo gara Gooftaatti deebi’anitti, in gatamus in faffaca’us. Naannoo bara 588–570 Dh.K.D.

1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee Gooftaan na abboome, kanaafuu ani seenaa saba kootii isaan irratti bocuu akkan danda’uuf sibiila diimaa irraa gabateewwan nan hojjedhe. Akkasumas gabateewwan isa ani hojjedhe irrattis seenaa abbaa kootii, akkasumas immoo adeemsota keenya warra lafa onaa keessaa, akkasumas raajiiwwan abbaa kootii, akkasumas immoo ani raajiiwwan ofii kootii baay’ee isaanii irratti nan boce.

2 Akkasumas ani yommuun gabateewwan kana hojjedhetti ani akkan Gooftaadhaan abboomamu ani hin beekun ture; kanaafuu, seenaa abbaa kootii, akkasumas kan hidda dhaloota abboota isaa, akkasumas irra caalaan waantota lafa onaa keessatti baay’inaan nu mudatanii gabateewwan warra jalqabaa warra ani waa’ee isaanii dubbadhee turee irratti bocamaniiru; kanaafuu, waantonni utuu ani gabateewwan kana hin hojjetiniin dura ta’anii turan, dhugumaan, tokko tokkoon caalaatti gabateewwan warra jalqabaa irratti eeramaniiru.

3 Akkasumas, ani akka abboommichaatti ergan gabateewwan kana hojjedheen booda, ani, Nefiin, gabateewwan kana irratti tajaajilaa fi raajiiwwan keessaa kutaawwan isaanii caalaatti ifaa fi gati-jabeeyyii ta’an akkan barreessuuf abboommii nan fudhadhe; akkasumas waantonni barreefaman kun saba koo kanbiyya kana qabachuuf jiran akka barsiisaniif kan kaa’maniidha, akkasumas immoo kaayyoowwan ogummaa biroo, kaayyoowwan Gooftichaan beekamaniidha.

4 Kanaafuu, ani, Nefiin, gabateewwan kan biroo irrattis galmee galmeesseen ture, innis seenaa inni kennu, yookiin seenaa lolaa, wal dhabdeefi badiisa isa guddaa saba kootiidha. Akkasumas abboommiiwwan dabalataa Gooftaa irraa hamma dhufanitti, erga ani deemeen booda sabni koo maal gochuu akka isaan qaban abboomeera; akkasumas gabateewwan kun dhaloota irraa gara dhalootaatti, yookiin raajii tokko irraatii gara raajii isa kan biraatti akka darbuuf, akkasumas ani kana godheera.

5 Akkasumas, seenaan gabateewwan kanneen hojjechuu kana booda ni kennama; akkasumas kana booda, kunoo, ani akkaataa isa ani dubbadheen itti nan fufa; akkasumas ani kana kanan godhuuf waantotni caalaatti qulqullaa’oo ta’an beekumsa saba kootiif akka isaan kaa’amaniifiidha.

6 Haa ta’u malee, waanta ani qulqullaa’aadha jedhee yaaduun ala homaa gabateewwan kana irratti hin barreessu. Akkasumas amma, yoo ani dogongores, isaan warri durii illee dogongora hojjetaniiru; ani sababii dogongora namoota kan birootiif dhiifaman gaafadha jechuu miti, garuu sababa dadhabina isa akkaataa fooniitti ana keessa jiruutiin, ani dhiifama ofii kootiif nan godha.

7 Waantonni namoonni tokko tokko fooniif akkasumas lubbuudhaafis, gatii guddaa qaba jedhanii yaadan, warri kaan immoo in tuffattu akkasumas miilla isaanii jalatti gadi in dhidhiitu. Eeyyee, Waaqayyo isa kan warra Israa’eliin iyyuu namootni miilla isaanii jalatti gadi isa in dhidhiitu; ani nan jedha, miilla isaanii jalatti in dhidhiitu garuu ani dubbii biraatiin nan dubbadha—isaan isa tuffataniiru, akkasumas sagalee gorsa isaatiis hin dhageeffanne.

8 Akkasumas, kunoo, akkaataa dubbiiwwan ergamichaatti, abbaan koo Yerusaalemiin gadi dhiisee erga ba’ee waggoota dhibba ja’aan booda, inni in dhufa.

9 Akkasumas sababii jal’ina isaaniif, biyyi lafaa, akka waanta inni gatii hin qabnetti isatti in faradu; kanaafuu isaan isa in reebu, akkasumas inni obsaan in fudhata; akkasumas isaan isa in rukutu, akkasumas inni obsaan in fudhataani. Eeyyee, isaan isatti in tufu, sababii jaalala gaaruummaa isaaf akkasumas ilmaan namootaaf obsaan danda’uu isaatiin, akkasumas inni kana obsaan in fudhata.

10 Akkasumas Waaqni abboota keenyaa, inni garbummaa Gibxii jalaa isaan baase, akkasumas immoo lafa onaa keessatti isaan eegamanii turan, eeyyee, Waaqayyo inni kan Abrahaam, akkasumas inni kan Yisihaaq, akkasumas Waaqayyoo inni kan Yaaqoob, inni akkuma ergamichi dubbatee turetti, akkuma namaatti, inni harka namoota jal’ootaatti, ofuma isaan dabarsee of in kenne, akka ol kaafamuuf, akkuma dubbiiwwan Zeenookitti, akkasumas akka fannifamuuf, akkuma dubbiiwwan Neeyuumitti, akkasumas bakka awwaalchaatti akka awwaalamuuf, akka dubbiiwwan Zeenoosittis, dukkana guyyaa sadii ilaalchisee kan inni dubbate, kunis warra qarqara galaanaa jiraataniif mallattoodhaaf du’uun isaa kan kennameedha, keessummattuu caalaatti warra mana Israa’el ta’aniif kan kennameedha.

11 Raajichi akkasittiin in dubbate: Waaqayyo Gooftaan guyyaa sanatti dhugumaan mana warra Israa’eliin hundumaa, sababii qajeelummaa isaaniitiif, gammachuu isaanii isa guddaadhaaf akkasumas fayyina isaaniif, akkasumas warra kaaniin qaqawweedhaan akkasumas humna balaqeessa isaatiin, bubbeedhaan, abiddaan, akkasumas aaraan, akkasumas hurrii dukkanaatiin, akkasumas lafa addaan banuudhaan, muraasa sagalee isaatiin, akkasumas gaarotas ol-kaasuudhaan isaan in daawwata.

12 Akkasumas waantonni kun hundumtuu dhugumaan dhufuu akka qaban raajichi Zeenoos dubbateera. Akkasumas kattaawwan lafa kanaa caccabuutu irra jiraata; akkasumas sababa sagalee aadicha lafaa mootota baay’ee warra galaana qarqarattis Hafuura Waaqayyootiin dhiibbaan itti in dhaga’ama, Waaqayyo inni uumaan in dhiphata jedhaniis, dubbachuuf jiru.

13 Akkasumas raajichi, waa’ee warra Yerusaalem jiraataniif raajichi akkas jedha, isaan sababa Waaqayyo isa kan Israa’eliin fannisaniif, akkasumas yaada isaanii karaa irraa jal’isaniif, mallatoowwanii fi dinqiiwwan, akkasumas humnaa fi ulfina Waaqayyo isa kan Israa’eliin waan didaniif isaan saba hundumaan in adabamu.

14 Akkasumas raajichi akkas jedha; isaan sababa yaada isaanii karaa irraa jal’isaniif, akkasumas isaan Qulqulluu kan Israa’eliinis waan tuffataniif, isaan fooniin asiif achi in jooru, akkasumas in badus, akkasumas kan itti qoosanii fi tuffatamanis in ta’u, akkasumas biyyoota hunduumaa gidduuttis warra jibbaman in ta’u.

15 Haa ta’u iyyuu malee, raajichi akkas jedha, guyyaan sun yommuu dhufutti, isaan Qulqulluu kan Israa’el irratti ka’anii, kana booda yaada isaanii karaa irraa hin jal’isan, sana booda inni kakuuwwan isa abboota isaanii wajjiin gale inni in yaadata.

16 Eeyyee, raajichi Zeenoos akka dubbateetti, yommuu sanatti inni warra lafa galaanaan marfame isljiran in yaadata; eeyyee, akkasumas namoota warra mana Israa’el ta’an hundumaa, biyya lafaa golee arfan hundumaa irraa, ani isaan nan sassaaba, jedha Gooftaan.

17 Eeyyee, akkasumas biyyi lafaa hundumtuu fayyisuu Gooftichaa in argu, jedha raajichi; biyyi hundumtuu, gosti hundumtuu, afaan hundumtuu akkasumas sabni hundumtuus in eebbifamu.

18 Akkasumas ani, Nefiin, tarii isaan Goofticha Furee isaanii akka yaadataniif isaan amansiisuu akka ani danda’uuf, waantota kana saba kootiif barreesseera.

19 Kanaafuu, isaan waantota kana kan fudhatanyoo ta’eef, ani guutummaa mana Israa’elitti nan dubbadha.

20 Sababni isaa kunoo, ani warra Yerusaalemiin jiraniif, hamma buusaan qaama kootii dadhabutti illee, dhiphachuudhaan, hojii hafuuraa nan hojjedha; sababni isaa Gooftaan akkuma raajoota isaa bara durii illee waa’ee isaanii natti argisiisuuf, araara qabeessa utuu hin taane ta’ee, anis immoo nan badan ture.

21 Akkasumas inni dhugumaan waa’ee isaanii waantota hundumaa raajota warra duuriitti agarsiisee ture; akkasumas immoo inni waa’ee keenya baay’eetti agarsiiseera; kanaafuu, waa’een isaanii gabateewwan sibiila diimaa irratti barreefamanii waan turaniif beekuun keenya barbaachisaadha.

22 Ammas kun erga ta’ee booddee, ani, Nefiin, obboloota koo waantota kana nan barsiise; akkasumas kun erga ta’ee booddee namoota bara durii gidduutti, waan Gooftaan biyyoota kan biroo keessatti hojjechaa jiru ilaalchisee, kanneen gabateewwan sibiila diimaa irratti bocamanii turan, akka isaan beekuu danda’aniif, ani waantota baay’ee isaaniif nan dubbise.

23 Akkasumas ani waantota baay’ee macaafota Musee keessatti barreefamanii turan isaaniif nan dubbise; garuu ani akka isaan Goofticha Furee isaanii guutummaatti akka amananiif isaan amansisuufis ani isa kan raajicha Isaayyaasiin barreefamee ture isaaniif nan dubbise; sababni isaa faayidaa fi barumsa keenyaaf akka ta’aniif, ani caaffata qulqullaa’oo hundumaa nuyii wajjiniin walitti nan fakkeesse.

24 Kanaafuu ani akkas jechuun isaanitti nan dubbadhe: isin dubbiiwwan raajichaa dhageeffadhaa, isin warrii haftee mana Israa’eliin taatan, isin dameewwan warri irraa cabdanii addaan baatani turtan, eeyyee, isinis akkuma obboloota keessanii warra irraa addaan cabdanii turtaniitti abdii akka qabaattaniif, isin dubbiiwwan raajichaa dhageeffadhaa, mana Israa’el hundumaaf kan barreeffamanii turan, isaan ofii keessanitti fakkeessaa; sababni isaa akkaataa kanattis raajoonni barreessaniiru.