Boqonnaa 20
Gooftaan kaayyoo isaa warra Israa’elitti in mul’ise—Warri Israa’el rakkina isa akka abiddaa keessatti filatamaniiru akkasumas Baabilooniin jalaa in ba’an—Isaayaas 48 wajjin waliin madaali. Naannoo bara 588–570 Dh.K.D.
1 Yaa mana Yaaqoob, warri maqaa Israa’eliin waamamtan, akkasumas warri bishaanota Yihuudaa keessaa baatan, yookiin warri bishaan cuuphaa keessaa baatanii dhuftan, warri maqaa Gooftaatiin kakattan, isin warri dhugaadhaanis ta’ee qajeelummaadhaan hin kakanne, akkasumas maqaa Waaqayyo isa kan Israa’eliin waammattan, kana dhaga’aa akkasumas dhaggeeffadhaa.
2 Haa ta’u malee, isaan magaalaa ishee qulqullooftuudhaan ofii isaanii in waamu, garuu isaan Waaqayyo isa kan Israa’eliin, isa Gooftaa Maccaa ta’es hin amanatani; eeyyee, Gooftaan Maccaas maqaa isaati.
3 Kunoo, ani waantota dur ta’an iyyuu duraan dursee himeera; akkasumas afaan kootiinis isaaniin dubbadhe, akkasumas ani isaaniin mul’iseera. Ani battalumattis isaaniin mul’iseera.
4 Akkasumas sababii ani kana godheef, ati mata-jabeessa ta’uu kee, akkasumas morgaan morma keetii akka sibiilaa, akkasumas addi kees akka sibiila boorrajjii ta’uu isaa beeka.
5 Akkasumas ani kanaafan, isaan kana—waaqayyoolii tolfamoo kootu naaf hojjete, bifa fakkeenyaa ani qirixee, akkasumas baqsee dhaabbadheetu kana abboome akka ati hin jennetti, ani duraan dursee sitti himeera: osoo kuni hin ta’in dura isaan sitti argisiiseera.
6 Ati kana hundumaa argiteetta akkasumas dhageesseettas; akkasumas ati isaaniin hin labsituuree? Akkasumas ani yeroo ammaa kanaa jalqabee waantota haaraa sitti agarsiifamanii turan, waantota dhokatoo ta’an ati isaan hin beeknes illee, akkasumas sitti nan mul’isa.
7 Isaan kun amma uumaman malee, akkasumas isaan kun jalqaba irraa kaasanii hin turre, Ani kana hundumaa beeka, akka ati hin jennetti—Kunoo isaan kun isa ati dur dhageessee beektu miti.
8 Eeyyee, akkasumas ati kana hin dhageenye; eeyyee, ati hin beeknes, eeyyee, yeroo sanaa kaaseegurri kee hin banamne ture; sababni isaa ani akka ati baay’ee fakkeessitu beekeera, akkasumas yeroo gadammeesa haadha kee keessaa baatee jalqabdee irra daddarbituu jedhamtee waamamuu kee beeka.
9 Haa ta’u illee, ani maqaa kootiif jedhee dheekkamsa koo nantursiisa, akkasumas galata kootiif jedhees, ani si balleessuu nan dhiisa.
10 Kanaaf, kunoo, ani rakkina isa akka abiddaatiin si qoree, ani qulleesseera si fo’adheeras.
11 Ani ofuma kootiif jedhee, eeyyee, ani ofuma kootiif jedhee kana nan godha, ani akka maqaan koo balleeffamuuf hin heyyamu, akkasumas ani ulfina koo kan biraatiif hin kennu.
12 Yaa Yaaqoob, akkasumas isa ani Israa’el jedhee moggaasee, na dhageefadhu; ani isa duraati, akkasumas immoo ani isa xumuraatis.
13 Harki koos immoo hundee lafaa jabeessee dhaabeera, akkasumas harka koo mirgaatiin bantiiwwan waaqaa diriirseera. Ani isaaniin nan waame: akkasumas isaanis tokkummaadhaanka’anii in dhaabbatan.
14 Isin hunduumti keessan, walitti qabamaa, akkasumas na dhaggeeffadhaa; isaan giddduudhaa waantota kana eenyutu isaanitti labseree? Eeyyee, inni Gooftichi isa jaal’ateera: eeyyee akkasumas inni dubbii isaa isa isaaniitti labsee ture in raawwata, akkasumas waanta inni barbaadus Baabiloon in raawwata, akkasumas irree isaa warra Kaliidotaa irratti ol ni fudhata.
15 Dabalataan, Gooftaan akkas jedha, ana Gooftaa, eeyyee, anumatu dubbate; eeyyee, akka inni labsuuf ani isa waameera, ani isa fideera, akkasumas inni karaan isaa akka qajeeluuf in godhata.
16 Isin as gara kootti dhi’aadhaa; ani jalqabaa jalqabee, dhoksaadhaan hin dubbanne; ani yeroo inni labsamee ture irraa kaasees dubbadheen ture; akkasumas Waaqayyo Gooftaan, akkasumas Hafuurri isaas na ergeera.
17 Akkasumas Gooftaan kee inni si Furu, Qulqulluu kan Israa’el akkas jedha; ani isa ergeera, Waaqayyo Gooftaan kee isa waanta waa’ee siif baasu si barsiisu, isa karaa ati irra adeemtu irratti si geggeessu kana raawwateera.
18 Ati abboomota koo osoo dhageesseetta ta’ee—silaa nagaan kee akkuma laga bishaanii in ta’a, akkasumas qajeelummaan kees akkuma dambalii galaanaatti ol in ka’a ture.
19 Sanyiin kees immoo silaa akka cirrachaa; ijoolleen gadameessa keetiis akka biyyoo lafaa in baay’atu ture; silaa maqaan isaa fuula koo duraa hin haqamu yookiin immoohin balleeffamu ture.
20 Isin Baabiloonii ba’aatii adeemaa, isin warra Kaliidootaa jalaas baqadhaa, isin Waaqayyo garbicha isaa Yaaqoobiin in fure, jedhaatii, isin kana himaa; sagalee faarfannaa dhageessisaatii hamma andaara lafaattis labsaa.
21 Akkasumas inni gammoojjiiwwan keessa isaan in geggeesse, isaanis hin dheebonne; inni kattaa keessaa bishaan isaaniif in baase; inni kattichas immoo dhoosee akkasumas isaan keessaa bishaan in futtaafachiise.
22 Akkasumas inni kana hundumaa, akkasumas immoo kana caalaa guddaa yoo godhe iyyuu, warri jal’oonni nagaa hin qaban, jedha Gooftaan.