Caaffata qulqullaa’aa
1 Nefii 21


Boqonnaa 21

Masihichi warra Ormootaaf ifa in ta’aaf akkasumas hidhamtoota in hiika—Israa’eloonni guyyoota boodaatti humnaan walitti in qabamu—Mootonnis abbaa guddisee isaanii isaaniif in ta’u—Isaayaas 49 wajjin waliin madaali. Naannoo bara 588–570 Dh.K.D.

1 Akkasumas ammas: Yaa isin, warri mana Israa’el, isin kan cittanii gargar baatanii fi kan sababa badii tiksitoota saba kiyyaatiin dhiibamtanii baatanii gara biyya ormaa faffacaatan kan saba koo taatan, Yaa warra mana Israa’el, na dhageeffadhaa. Dhaga’aa, Yaa warra lafa bishaaniin marfame keessa jiraattan ana dhaga’aa, akkasumas sabni fagoo jirtan sirnaan na dhaga’aa; gadameessaa haadha koo keessa yeroo turee kaasee Waaqayyoona waameera; yeroo garaa haadha koo keessa turee kaasee maqaa koo dha’eera.

2 Akkasumas inni dubbii afaan koo keessaa ba’u akka billaa qaramaa godheera; gaaddisa harka isaatiinis na golboobe, akkasumas akka xiyya qaramaa na godhe; mann’ee isaa keessas na kaa’ate;

3 Akkasumas, inni akkas naan jedhe: Yaa Israa’el, ati garbicha kooti, ani siin ulfina nan argadha.

4 Anis akkas nan jedhe, ani akkasumaanan itti dadhabe, akkasumas ani humna koos waanta waa’ee hin baafnetti nan baase jedheen ture: dhugumaan dhugaa koo garuu Gooftaatu naaf baasa, akkasumas gatii koos Waaqayyotu naaf kenna.

5 Akkasumas ammas, Gooftaan akkas jedha—ani garbicha isaa akkan ta’uuf Waaqayyo gadameessa haadha koo keessatti na tolche, Israa’el walitti qabamuu baatu iyyuu—Yaaqoobiin deebisee gara isa akkan fiduuf, ija Gooftaa duratti ulfina nan argadha, akkasumas Waaqayyoon koo jabina koo in ta’a.

6 Akkasumas inni akkas jedhe: Ati gosoota Yaaqoobiin akka kaastuuf akkasumas Israa’eliin keessaa warra hafanis akka deebiftuuf garbicha koo ta’uun kee kun waan salphaadha. Ani dabalataan guutummaa biyya lafaatiif fayyina akka ati taatuuf, warra Ormootaaf ifa godhee si kenneera.

7 Gooftaan inni Israa’eliin Furu, Tokkichi Qulqulluun isaa, isa namaan tuffatameen, isa saboonni jibbaniin, isa warra biyya bulchaniif garbicha ta’een, akkas jedha: mootonni isa arganii in ka’u, sababa Gooftaan amanamaa ta’eef, anga’oonni olaanoonis immoo in sagaduufi.

8 Gooftaan akkas jedha: yeroo anaaf mijataa turetti si dhaga’eera, yaa warra lafa bishaaniin marfame keessa jiraattu, akkasumas ani guyyaa fayyinaatti si gargaareera; akkasumas ani eegee siin tursiisa, akkasumas biyyicha deebiftee akka ijaartuuf, dhaala isa gadi dhiifamee tures akka hirtuuf, garbicha koo akka kakuutti si sabichaaf nan kenna;

9 Ati warra hidhamtootaan: Ba’aatii adeemaa: isaan warra dukkana keessa taa’aniinis: Of mul’isaa jedhi; Isaan karaa irratti in nyaatu, akkasumas dheedechi isaaniis iddoo ol ka’aa hundumaatti in ta’a.

10 Isaan hin beela’an hin dheebotanis, ho’i aduu isaan hin gubu; Inni isaaniif araara godhuisaan in geggeessa, inni gara burqaa bishaaniitti illee isaan in geessa.

11 Akkasumas ani gaarota koo hundumaa irra karaa nan baasa, akkasumas karaawwan gurguddaan koos ol in kaafamu.

12 Akkasumas isa booda, Yaa mana Israa’el, kunoo, isaan kaan fagoo irraa in dhufu; akkasumas ilaa, isaan kaan gara kaabaa fi lixa irraa; akkasumas isaan kaan gara lafa Siiniim irraa in dhufu.

13 Gooftaan saba isaa waan jajjabeesseef, warra gadadamaniifisaraara waaan godheef, Yaa bantiiwwan waaqaa; faarfadhaa, akkasumas Yaa lafaa gammadaa, miilli warra bahaa in jabaata; akkasumas isaan kana caalaa waan hin adabamneef, Yaa gaarotaa faarfachuudhaaf caccabaa ol ka’aa.

14 Garuu, Xiyoon kunoo: Waaqayyo na gateera, akkasumas Gooftaan koos na irraanfateera in jette—inni garuu akka hin irraanfanne in mul’isa.

15 Haati mucaa ishee isa harma hodhu irraanfachuu ni dandeessii ree, mucaa ishee isa ofii deesseef hin oo’ituu ree? Eeyyee, isaan irraanfachuu nii danda’u, Yaa mana Israa’el, ani matumaa sin hin irraanfadhu.

16 Kunoo, ani bar’uu harka kootii irratti si bocadheera; dallaan kees yeroo hundaa fuula koo dura jira.

17 Ijoolleen kee warra si balleessan irratti ariifatanii in ka’u; akkasumas warri si diiganis si keessa ba’ani in deemu.

18 Ija kee ol kaasi akkasumas naannoo kee ilaali; hundumti isaanii walitti qabamanii, akkasumas isaan gara kee in dhufu. Akkasumas dhugaa ana isa jiraataati, ati hunduma isaanii, akka mi’a miidhaginaatti in naqatta, akkasumas akka misirroos isaaniin in miidhagfatta, jedha Gooftaan.

19 Iddoowwan kee diigaman akkasumas onaa ta’an, akkasumas biyyi kee inni balleeffame, amma sababa warra si keessa jiraataniitiif illee gar-malee dhiphaa in ta’a; akkasumas warri si balleessuu barbaadanis si irraa in fagaatu.

20 Ati ijoollee kee warra jalqabaa erga dhabdeen booda, warri ati si’achi qabaattu, ammas gurra keetti jedhanii: Iddochi gar-malee natti dhiphateeraatii; akka ani irra jiraadhuuf lafa naaf kenni siin in jedhu.

21 Ati yommus garaa kee keessatti; Anoo ijoollee koo dhabuu koo argee, ijoollee isaan kana eenyutu naaf godhatee, akkasumas ani booji’amee, nan onee, akkasumas asii fi achis nan joore, isaan kana eenyutu anaaf guddise ree? Kunoo, ani kophaatti hafeen ture; warri kun eessa turani ree? In jetta.

22 Waaqayyoo Gooftaan akkas jedha: Kunoo, ani harka koo gara warra Ormootaatti ol nan kaasa, akkasumas sabootaafis faajjii koo nan dhaaba; akkasumas isaan ilmaan kee kaasuutti, akkasumas intaloota kees gateettii isaanii irratti baatanii siif in fidu.

23 Akkasumas mootonni abbaa guddisaa siif in ta’u, akkasumas dubartoonni warra moototaas warra harma siif hoosisan in ta’u; isaan fuula isaanii gara lafaatti gadi qabanii siif in qoomma’u, akkasumas awwaara miilla keetiis in arraabu; akkasumas ati yommus ani Gooftaa akkan ta’e; sababni isaa isaan warri na eeggatanis akka hin yellaasifamne in beekta.

24 Isaan boojuu fudhatamanyookiin isaan sababa seera cabsuutiin hidhaman jabicha harkaa bilisa hin baafamuuree?

25 Garuu Gooftaan akkas jedha; kanneen jajjaboodhaan boojii fudhataman iyyuu bilisa in baafamu, akkasumas warri cunqursitootaan boojii’amanii fudhataman isaan jalaa bilisa in baafamu, sababni isaa ani isa siin mormuun nan morma, akkasumas ani ijoollee kee nan oolcha.

26 Akkasumas ani warri si cunqursan foon oofii isaanii akka nyaatan; isaan dhiiga ofii isaaniis akka daadhii wayiniitti dhuganii akka machaa’an nan godha; akkasumas ani, Gooftichi, Fayyisaa kee fi Furee kee, isa Hundumaa danda’u kan Yaaqoobiin akkan ta’e namoonni hundinuu ni beeku.