Boqonnaa 15
Sanyiiwwan Lehii guyyoota gara boodaatti warra Ormootaa irraa wangeela in fudhatu—Walitti qabamuun Israa’el akka muka ejersaa isa yeroo dameen isaa uumamaa deebi’ee itti fayyifamuu in fakkeeffama—Nefiin mul’ata waa’ee muka jireenyaa hiike akkasumas haqummaan Waaqayyoo yeroo warra jal’oota warra qajeeloota irraa addaan baasu in dubbate. Naannoo bara 600–592 Dh.K.D.
1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani, Nefiin, Hafuuraan ergan fudhatamee, akkasumas waantota kana hundumaa argeen booda, ani gara dunkaana abbaa kootiitti nan deebi’e.
2 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani obboloota koo nan arge, akkasumas isaan waa’ee waantoota isa abbaan koo isaanitti dubbatee irratti walii isaanii wajjiin wal falmaa turan.
3 Inni dhugumaan waan namni yoo Gooftaa gaafate malee, hubatamuuf ulfaatoo turan baay’ee, waantota gurguddaa isaaniitti in dubbate; akkasumas isaan gara-jabina irraa kan ka’e, kanaafuu isaan akka ta’uu qabutti gara Gooftaa hin ilaalle.
4 Akkasumas amma ani, Nefiin, sababii garaan isaanii jabaateef, akkasumas immoo, sababii waantota isa ani argee tureetiif, akkasumas sababii jal’ina ilmaan namoota isa guddaa isaanitti dhufuun, isaan akka hin oollee waanan beekuuf baay’ee isaaniif gaddeen ture.
5 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani sababa gadda ofii kootiitiin mo’ameen ture, sababni isaa kufaatiin isaanii akkam akka ta’u waanan argeef, sababa badiisa saba kootiitiif, ani gaddi koo waan kamiin iyyuu caalaa guddaa akka ta’etti yaadeen ture.
6 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani jabina ergan argadheen booda, ani obboloota kootti nan dubbadhe, sababii wal-falmiinsa isaaniis beekuu nan barbaade.
7 Akkasumas isaan akkas jedhan, Kunoo: nuyi waa’ee damee uumamaa isa kan muka ejersaa, akkasumas immoo warra Ormootaa ilaalchisee waantota abbaan keenya dubbatee ture hubachuu hin dandeenyu.
8 Akkasumas ani akkasin isaaniin jedhe: Isin Gooftaa gaafattaniittuu?
9 Akkasumas isaan akkas naan jedhan: Nuyi hin gaafanne; sababni isaa Gooftaan waantota akkasii nutti hin beeksisu.
10 Kunoo, ani akkas isaaniin nan jedhe: Isin akkamitti abboommota Gooftaa hin eegdanii? Isin akkamitti sababii jabina garaa keessaniitiif, kan isin baddan?
11 Isin waantota Gooftaan dubbate hin yaadattaniiree?—isin garaa keessan yoo hin jabeessitan ta’e, akkasumas amantiidhaan yoo na gaafattan, isin akka argattanis yoo amantan, dhimmitaniis abboommota koo yoo eegdan, dhugumaan waantonni kun isinitti in beeksifamu.
12 Kunoo, ani isinittan hima, Hafuura Gooftichaa isa abbaa keenya keessa tureen, manni Israa’el muka ejersaa wajjin walitti fakkeeffamee ture; akkasumas kunoo nuyi warra mana Israa’el irraa cabee mitii, akkasumas nuyi damee mana Israa’el mitiiree?
13 Akkasumas amma, guutamuu warra Ormootaatiin dameewwan uumamaa itti fayyifamuu isaanii ilaalchisee waanti abbaan keenya dubbate guyyaa boodaatti, sanyiiwwan keenya amantii dhabuudhaan yeroo mamanitti, eeyyee, waggoota baay’eedhaaf, akkasumas Masihichi ilmaan namaatti ofii isaa erga mul’isee dhaloota baay’ee booda, isa booda wangeelli guutuun Masihichaa warra Ormootaaf, warra Ormootaa irraas gara haftee sanyiiwwan keenyaatti in dhufa.
14 Akkasumas guyyaa sanatti hafteen sanyiiwwan keenyaa warra mana Israa’eliin akka isaan ta’an, akkasumas isaan saba kakuu Gooftichaa ta’uu isaanii akka beekaniif; akkasumas isaan isa booda gara abboota isaanii beekuutti, akkasumas immoo kan abboonni isaanii isaan barsiifaman wangeela Furee isaaniis in beeku; kanaafuu, isaan gara beekumsa Furee isaaniitti akkasumas akkamitti gara isaa akka dhufanii akkasumas tokkoon tokkoon tuqaalee barumsa isaatiin, akkamittiin akka fayyan akka isaan beekaniidha.
15 Akkasumas sana booda isaan guyyaa sanatti hin gammadani akkasumas kattaa isaanii, akkasumas fayyisaa isaanii isa ta’e Waaqa bara baraatiif galata hin dhiyeessaniiree? Eeyyee, isaan guyyaa sanatti, wayinii isa dhugaa irraa jabina akkasumas soorata hin argataniiree? Eeyyee, isaan gara karra Waaqayyoo isa dhugaatti hin dhufaniiree?
16 Kunoo, ani isiniin nan jedha, Eeyyee; isaan mana Israa’el gidduutti deebi’anii in yaadatamu; isaan damee uumamaa muka ejersaa waan ta’aniif, muka ejersaa isa dhugaa sanatti in fayyifamu.
17 Akkasumas abbaan keenyas kana jechuu isaati; akkasumas hamma isaan warra Ormootaan faffaca’anitti malee kun hin dhufu jechuu isaati; akkasumas akkas jechuun isaa Gooftaan humna isaa warra Ormootaatti akka argisiisuuf, kun karaa warra Ormootaatiin in dhufa, sababni isaa inni warra Yihuudotaan, yookiin warra mana Israa’eliin in tuffatama.
18 Kanaafuu, abbaan keenya waa’ee sanyii keenya qofa osoo hin taane, garuu immoo waa’ee mana Israa’el hundumaas dubbateera, kutaa kakuu isaa gara bara boodaatti raawwatamuuf jiruus argisiiseera; kunis kakuu Gooftaan abbaa keenya Abrahaamiif akkas jechuun galeedha: Sanyii keetiin qomoon biyya lafaa hundinuu in eebbifamu.
19 Akkasumas erga ta’ee booda ani, Nefiin, waantota kana ilaalchisee waan baay’ee isaanitti nan dubbadhe; eeyyee, ani waa’ee guyyoota bara boodaatti iddootti deebi’uu warra Yihuudotaa ilaalchisee isaanitti dubbadheera.
20 Akkasumas ani waa’ee warra Yihuudotaa yookiin warri manni Israa’el iddootti deebi’uu ilaalchisee, jechoota Isaayyas dubbateen; akkasumas isaan erga iddootti deebi’aniin booda saboota kan biroo wajjin akka walitti hin makamne, lammataas deebi’anii akka isaan addaan hin facaane ibseefiin ture. Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani obboloota kootti dubbii baay’ee nan dubbadhe, isaanis tasgabbaa’uun akkasumas ofii isaanii fuula Gooftaa duratti gadi of deebisanii turan.
21 Akkasumas kun erga ta’ee booddee isaan ammas akkas jechuun, natti in dubbatani: Waanti abbaan keenya abjuudhaan arge kun maal jechuudhaa? Mukichi inni arges maal jechuudhaa?
22 Akkasumas ani akkas isaaniin nan jedhe: Inni mallattoo muka jireenyaa ture.
23 Akkasumas isaan akkas naan jedhan: Uleen sibiilaa abbaan keenya argee, inni gara mukichaatti geessu maal jechuudha?
24 Akkasumas ani inni dubbii Waaqayyoo ture jechuudhaan isaanitti nan dubbadhe; akkasumas warri dubbii Waaqayyoo dhaga’an hundinuu, akkasumas warri jabeessanii isa qabatan, isaan gonkumaa iyyuu hin badani; akkasumas qormaatoota fi xiyyoonni diinaa inni hamaan, inni boba’aa adeemus jaamummaadhaan isaan qabee, gara badiisaatti geessuuf isaan mo’uu hin danda’u.
25 Kanaafuu, ani, Nefiin, dubbii Gooftaa akka isaan xiyyeeffannoodhaan dhaggeeffataniif nan gorse; eeyyee, ani humna na keessa jiru hundumaan, akkasumas dandeettii ani qabu hundumaanis, dubbii Waaqayyoo xiyyeeffannoodhaan akka dhaggeeffatan akkasumas waantota hundumaatti yeroo hundumaa abboommota isaa eeguudhaan akka isa yaadataniif isaan gorseera.
26 Akkasumas isaan akkas naan jedhan: Lagichi bishaanii inni abbaan keenya arge sun maal jechuudhaa?
27 Akkasumas ani bishaan inni abbaan koo arge sun xuraa’ummaa akka ture isaanitti nan hime; akkasumas sammuun isaa waantota biraa baay’ee yaaduudhaan qabamee waan tureef inni xuraa’ummaa bishaanichaa hin argine ture.
28 Akkasumas ani jal’oota muka jireenyaa irraa, akkasumas immoo qulqulloota Waaqayyoo irraa addaan kan isaan baasu, bowwaa suukaneessaan tokko akka turen isaanitti nan hime.
29 Akkasumas anis akkasin isaaniin jedhe waanti suukaneessaan kun mallattoo si’ooliin ture, innis akka ergamichi natti himetti warra jal’ootaaf kan qophaa’edha.
30 Akkasumas ani akkasin isaaniin jedhe dabalataan abbaan keenya haqummaan Waaqayyoo warra jal’ootaa fi warra qajeelota addaan baasuu isaas immoo argeera; akkasumas ifti naannoo isaa gubuudhaan baraa hamma bara baraatti gara Waaqayyootti kan ol ba’u, akkasumas dhuma kan hin qabne, akka ifa ibidda boba’uutti ifee mul’ataa akka tureen isaanitti hime.
31 Akkasumas isaanis akkas naan jedhan: Waanti kun yeroo yaalii lafaa irratti qaama isa du’u kanaa agarsiisa jechuudhamoo, yookiin erga qaamaa fooniin duneen booda, haala lubbuu isa dhumaa jechuudhaa, yookiin waa’ee waantota kan yeroo ta’anii dubbataa?
32 Akkasumas kun erga ta’ee booddee anis kun mallattoo waantota isa kan yeroo fi hafuuraas akka ture isaanitti nan hime; sababni isaa isaan akka hojiiwwan isaaniitti, eeyyee, akkasumas yeroo guyyoota yaalii isaaniitti foon isaanii isa du’uun hojiiwwan hojjetamanii turaniin guyyaan itti isaanitti faradamuu qabu in dhufa.
33 Kanaafuu, isaan yoo jal’ina isaaniitiin kan du’an ta’e, akkuma waantonni hafuuraa qajeelummaa wajjiin wal-qabatan, isaan immoo gatamuu qabu; kanaafuu, isaan akka hojiiwwan isaaniitti firdii akka argataniif, fuula Waaqayyo dura dhaabbachuuf fidamuu qabu; akkasumas hojiiwwan isaanii xuraa’ummaa yoo ta’e immoo isaan warra xuraa’an ta’uu qabu; akkasumas isaan yoo xuraa’oo ta’an mootummaa Waaqayyoo keessa jiraachuu hin danda’ani; akkas yoo ta’e, mootummaan Waaqayyoos immoo xuraa’aa ta’uu qaba.
34 Garuu kunoo, ani isiniin nan jedha, mootummaan Waaqayyoo xuraa’aa miti, akkasumas waanti qulquulluu hin taane tokko illee gara mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u; kanaafuu waan xuraa’aa ta’ee kanaaf iddoon xuraa’aa ta’e qophaa’ee jiraachuu qaba.
35 Akkasumas iddoon qophaa’e, eeyyee, si’ool isa suukaneessaa ani waa’ee isaa dubbadhee turee sun illee jira, akkasumas qopheessaan iddoo kanaas daabiloosiidha; kanaafuu haalli dhumaa lubbuu namootaa mootummaa Waaqayyoo keessa jiraachuu, yookiin sababa haqummaa isa ani dubbadhee turee sanaan alatti in gatamu.
36 Kanaafuu, jal’oonni qajeelota irraa, akkasumas immoo muka jireenyaa sana irraa, isa iji isaa ijoota kan biraa hundumaa caalaa gatii-jabeeyyii fi caalaatti hawwisiisaa ta’e irraa addaan in ba’u; eeyyee, akkasumas kun kennaa Waaqayyoo isa hundumaa irra caalaa guddaadha. Akkasumas ani akkasittiin obboloota kootti nan dubbadhe. Ameen.