Boqonnaa 7
Ilmaan Lehii gara Yerusaalemitti deeb’anii akkasumas Ishmaa’eelii fi maatiin isaa imala isaanii irratti akka isaan isaanii wajjin adeemaniif ni affeeran—Laamaanii fi warri kaan fincilani—Nefiin obbolootni isaa Gooftaa irratti amantii akka qabaataniif in jajjabeesse—Isaan funyoodhaan isa hidhuun akkasumas isa balleessuuf karoorsanii—Inni humna amantiitiin bilisa in ba’e—Obboloonni isaa dhiifama in gaafatani—Lehii fi warri isaa wajjiin turan aarsaa fi qalma gubamu in dhiyeessan. Naannoo bara 600–592. Dh.K.D.
1 Akkasumas amma, ani akka isin beektan nan barbaada; abbaan koo, Lehiin, waa’ee sanyii isaa raajii dubbate erga xumureen booda, kun erga ta’ee booddee, Lehiin maatii isaa qofa gara lafa onaatti fudhachuun ba’eessa miti; garuu immoo ilmaan isaa intaloota akka fuudhan akkasumas biyya isa abdachiifame keessattis Gooftaadhaaf sanyii isaanii akka dhaabaniif Gooftaan irra deebi’ee itti ni dubbate.
2 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani, Nefiin, akkasumas obboloonni koo, ammas gara Yerusaalem deebi’uu akka qabnu, akkasumas Ishmaa’elii fi maatii isaa gara lafa onaatti akka gadi fidnuuf, Gooftaan isa in abboome.
3 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani, Nefiin, ammas, obboloota koo wajjiin, gara Yerusaalemitti ol ba’uudhaaf lafaa onaatti in baane.
4 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, nuyi gara mana Ishmaa’elitti ol in dhaqne, akkasumas nuyi fuula Ishmaa’eeliin duratti ayyaana guddaa argachuu keenyaan, nuyi dubbiiwwan Gooftaa isatti in dubbanne.
5 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Gooftaan garaa Ishmaa’eeliin, akkasumas maatii isaatii, garmalee laaffisuu isaa irraan kan ka’e isaan gara lafa onaa gara dunkaana abbaa keenyaatti nu wajjiin ni adeeman.
6 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, osoo nuti lafa onaa keessa adeemnuu, kunoo Laamaanii fi Limu’eel akkasumas durboonni Ishmaa’el lamaan, akkasumas ilmaan Ishmaa’eel lamaanii fi maatiin isaanii nu irratti ni ka’an; eeyyee, ana Nefii irratti, akkasumas Saam akkasumas abbaa isaanii Ishmaa’eel akkasumas haadha manaa isaa, akkasumas durboota isaa sadan kan biroo irratti ni ka’an.
7 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, fincila isaanii kana irraa kan ka’e, isaan gara biyya Yerusaalemitti deebi’uu barbaadanii turan.
8 Akkasumas amma, ani, Nefiin, mata-jabina isaaniitiif gadduudhaan, kanaafuu ani akkas jedhee, isaanitti nan dubbadhe, eeyyee, Laamaanii fi Limu’eelitti illee: kunoo isin obboloota koo angafaati, akkasumas isin akkamitti laphee keessan akka malee jabeessitanii, akkasumas sammuu keessaniin akka malee jaamaa taatanii, ani obboleessi keessan inni quxisuun, isinitti dubbadhuu, eeyyee, akkasumas fakkeenya isiniif kaa’uutu narra jiraa?
9 Isin akkamitti dubbii Gooftichaa hin dhaggeeffattanree?
10 Isin akkamitti ergamaa Gooftaa arguu keessan dagattaniree?
11 Eeyyee, akkasumas isin Gooftaan harka Laabaan keessaa akka nu baase, akkasumas immoo galmeewwan sana akka nuti argannuuf jecha, waantota gurguddaa akkamii akka nuuf godhe maaliif irraanfattaniree?
12 Eeyyee, akkasumas, ilmaan namootaatiif isaan amantii isaanii isa irratti kan shaakalan yoo ta’e Gooftaan akka fedha isaatiitti, inni, waantota hundumaa isaaniif gochuufii akka inni danda’u akkamitti irraanfattaniree? Kanaafuu, kottaa nuyi isaaf amanamoo haa taanu.
13 Akkasumas, isaaf amanamoo yoo taane immoo nuyi biyya keenya isa abdachiifame ni arganna; akkasumas isin badiisa biyya Yerusaalem ilaalchisee dubbiin Gooftaa yeroo gara fuul-duraatti akka raawwatamu ni beektu; waantonni Gooftaan badiisa Yerusaalemiin walqabatee dubbate hundinuu raawwatamuu qabu.
14 Sababni isaas kunoo, Hafuurri Gooftaa yeroo dhiyootti isaanii wajjiin hojjechuu in dhaaba, sababni isaas kunoo, isaan raajota didanii jiru akkasumas isaan Ermiyaasiin mana hidhaatti darbataniiru. Akkasumas, isaan hamma biyyicha keessaa isa ari’anitti, isaan lubbuu abbaa kootii balleessuu barbaadaniiru.
15 Amma kunoo, ani isiniin nan jedha isin gara Yerusaalemitti isaanii wajjin yoo deebitan isinis ni baddu. Akkasumas amma filannoo yoo qabaattan, gara biyyichaatti ol ba’aa, akkasumas dubbiiwwan ani isinitti hime yaadadhaa, dabaalatanis isin yoo deemtan isinis in baddu; Hafuurri Gooftichaas akkasitti akkan isinitti dubbadhu na giddisiise.
16 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani Nefiin yommuun dubbiiwwan kana obboloota kootti dubbadhetti, isaan natti aaranii turani. Akkasumas, kun erga ta’ee booddee isaan harka isaaniin na qabani, kunoo isaan gar-malee natti aaranii waan turaniif, akkasumas isaan funyoodhaan na hidhan, isaan lubbuu koo balleessuu waan barbaadaniif, bineensota bosonaan akka ani nyaatamuufis isaan lafa onaa keessatti na dhiisan.
17 Garuu kun erga ta’ee booddee, ani akkas jedhee Gooftaa nan kadhadhe, Yaa, Gooftaa akkaataa amantii koo isa ani si irratti qabuun, eeyyee hidhaawwan ani ittiin hidhame kana akka ani kukkutuuf illee humna naaf kenni.
18 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, yeroo ani dubbiiwwan kana jedhetti, kunoo, hidhaan harkaa koo fi miilla koo irraa turan ni hiikaman. akkasumas ani obboloota koo dura dhaabbadhee, akkasumas ani irra deebi’ee isaanitti nan dubbadhe.
19 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan ammas natti aaranii akkasumas harka ana irratti kaasuus barbaadanii turani; garuu kunoo ijoollee durbaa Ishmaa’eel keessaa tokko, eeyyee, akkasumas haati ishee, akkasumas ilmaan Ishmaa’eel keessaa tokko, hamma garaan isaanii laafutti, obboloota koo ni kadhatani; akkasumas isaanis lubbuu koo balleessuuf tattaaffii gochuu isaanii ni dhiisan.
20 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan sababii jal’ina isaaniitiif in gaddan, isaan narratti ka’uudhaan waanta raawwatan sanaaf na dura hamma jilbeeffatanitti, akka ani dhiifama isaaniif godhuuf na kadhatan.
21 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani waan isaan hojjetan hundumaaf dhugaadhumatti dhiifama isaaniif nan godhe, akkasumas isaan Waaqayyoon Gooftaa isaanii akka dhiifama kadhataniif ani isaan gorseera. Akkasumas, kun erga ta’ee booddee isaanis akkasuma ni godhan. Akkasumas, erga isaan Gooftaa kadhatanii xumuranii boodas nuyi ammas adeemsa keenya gara dunkaana abbaa keenyaatti in godhanne.
22 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, nuyi gara dunkaana abbaa keenyaatti gadi in buune. Akkasumas, erga anii fi obbolootni koo, akkasumas manni Ishmaa’eel hundinuu gara dunkaana abbaa kootiitti gad buunee booda isaan Waaqayyo Gooftaa isaaniitiif galata in galchani; akkasumas isaan aarsaa fi qalma gubamu isaaf in dhiyeessan.