Caaffata qulqullaa’aa
1 Nefii 10


Boqonnaa 10

Lehiin Yihuudoonni warra Baabilooniin akka booji’aman in raaje—Inni Yihuudoota gidduutti Masihiin, Fayyisaan, Fureen akka dhufu in dubbate—Lehiin dabalataan waa’ee dhufaatii isa Hoolicha Waaqayyoo cuuphuu qabuus in dubbate—Lehiin waa’ee du’uu fi du’aa ka’uu Masihichaa in dubbate—Inni faffaca’uu fi walitti qabamuu Israa’eliin muka ejersaa wajjin wal-bira in qabe—Nefiin waa’ee Ilma Waaqayyoo, waa’ee kennaa Hafuura Qulqulluu, akkasumas waa’ee barbaachisummaa qajeelummaa in dubbate. Naannoo bara 600–592 Dh.K.D.

1 Akkasumas amma ani, Nefiin, gabateewwan kana irratti gochoota koo, akkasumas mootummaa koo fi tajaajila koo seenaa koo barreessuu itti nan fufa; kanaafuu, seenaa kootiin itti fufuuf, ani waa’ee waantota abbaa kootii, akkasumas immoo waa’ee obboloota koo hamma tokko dubbachuun qaba.

2 Kunoo, akkasumas kun erga ta’ee booddee abbaan koo waa’ee jechoota abjuu isaa dubbachuu erga dhaabeen booda, akkasumas immoo cimina hundumaan isaan in gorse, inni waa’ee Yihudootaa isaanitti in dubbate—

3 Isaanis erga barbadaa’anii booda, magaalaa guddittiin Yerusaalem sun illee, akkasumas baay’een isaanii boji’amanii gara Baabiloonitti in geeffamu, Gooftaanis akkaataa yeroo ofii isaatiitti, isaan ammas in deebi’u, Eyyee, garbummaa jalaa illee baafamanii in deebi’u; akkasumas garbummaa jalaa ba’anii erga deebi’anii booda, isaan ammas deebi’anii lafa dhaala isaanii in qabatu.

4 Eeyyee, bara abbaan koo Yerusaalemiin gadhiise ba’e irraa kaasee waggoota dhibba ja’aan booda illee, Waaqayyo Gooftaan raajii Yihudoota gidduutti—Masiihicha illee, yookiin, jechoota biraatiin Fayyisaa biyya lafaa in kaasa.

5 Akkasumas amma inni raajota ilaalchisee, isa inni waa’ee isaa dubbatee, waa’ee Masihichaa, yookiin Furee biyya lafaa kanaa, waantota kana dhugaa kan ba’an lakkoobsaan hammam guddaa akka turan in dubbate.

6 Kanaafuu, ilmi namaa hundinuu haala badee fi kufaatii keessa turan, akkasumas Furee kana yoo amanatan malee isaan bara baraan fayyuu hin danda’an.

7 Akkasumas inni dabalataan waa’ee raajii tokkoo isa karaa Gooftaa qopheessuuf, Masihicha dura dhufuu qabu tokkoos dubbateera—

8 Eeyyee, inni gara lafa onaa illee deemuun akkas jedhee in iyya: Isin Gooftichaaf karaa tolchaa, akkasumas daandii inni irra adeemus qajeelchaa; sababni isaa isin gidduu namni isin hin beekne tokko dhaabbatee jira; akkasumas inni ana irra in jabaata, anis kophee isaa hiikuudhaaf ani nama maluuf miti. Akkasumas abbaan koo waa’ee kanaa ilaalchisee waantota baay’ee in dubbate.

9 Akkasumas Abbaan koo Yordaanos gama, Beetaabaraa keessatti akka inni cuuphu in dubbate; Akkasumas inni immoo bishaaniin akka cuuphu in dubbate; Inni Masihicha illee bishaaniin in cuupha.

10 Akkasumas inni Masihicha bishaaniin erga cuupheen booda, inni Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu, akka inni cuuphuu in arga akkasumas dhugaa in ba’a.

11 Akkasumas kun erga ta’ee booddee abbaan koo jechoota kana erga dubbatee booda waa’ee wangeela isa Yihudoota gidduutti lallabamuu, akkasumas immoo waa’ee amantii dhabuudhaan mamuu Yihuudotaa obboloota kootti inni in dubbate. Akkasumas isaan erga Masiihicha isa dhufuuf jiru, sana ajjeesaniin booda, akkasumas inni erga ajjeefamee booda warra du’an keessaa in ka’a, akkasumas Hafuura Qulqulluudhaan warra Ormootaatti ofii isaa in mul’isa.

12 Eeyyee, abbaan koo illee waa’ee warra Ormootaa, akkasumas waa’ee mana Israa’eliin ilaalchisee waan baay’ee dubbateera, isaan akka muka ejersaa isa dameen isaa caccabee wajjiin wal-bira qabamuu qabu, akkasumas biyya lafaa hundumaa irra akka isaan faffaca’an waan baay’ee in dubbate.

13 Kanaafuu, inni dubbiin Gooftichaa akka raawwatamuuf, nuyi biyya lafaa hundumaa irra faffaca’uutu nu irra jiraata, Inni nuyi gara biyya isa abdachiifameetti tokko taanee deemuun barbaachisaa akka ta’e in dubbate.

14 Akkasumas manni Israa’el erga faffaca’aniin booda deebi’anii walitti qabamuutu isaan irra jiraata; yookiin, walumaa galatti, warri Ormoonni guutummaa Wangeelichaa erga fudhataniin booda, dameewwan uumamaa muka ejersaa, yookiin hafteen mana warra Israa’el, deebi’anii itti in fayyifamu, Gooftaa isaaniitti, yookiin isaan gara beekumsa Masihii isa dhugaatti, gara Gooftaa isaanii fi Furee isaaniitti dhufuu qabu.

15 Akkasumas abbaan koo haala kanaan erga raajee akkasumas obboloota kootti akkasumas immoo macaafa kana irratti kan hin barreessine kan biroo waantota baay’ee kana caalaan in dubbate; sababni isaa ani waantota na barbaachisan baay’ee isaanii ofii kootii macaafa kan biraa irratti barreesseen ture.

16 Akkasumas waantonni ani dubbadhe kun hundinuu, yeroo abbaan koo dunkaana keessa, dachaa isa kan Limu’eeliin keessa jiraachaa turetti, in raawwataman.

17 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, jechoota abbaa kootii hundumaa ergan dhaggeeffadheen booda, waa’ee waantota inni mul’ataan argee, akkasumas immoo inni amantii Ilma Waaqayyoo irraa qabuun, waantota inni humna Hafuura Qulqulluu keessaan, fudhatee in dubbate—akkasumas ilmi Waaqayyoo inni dhufuuf jiru sun Masihiichadha—Ani, Nefiinis, immoo warra dhimmanii isa barbaadan hundumaaf, akkuma bara durii ammas ofii isaa ilmaan namootaatti kennaa Waaqayyoo isa ta’een yeroo mul’isutti, humna Hafuura Qulqulluutiin waantota kana akkan arguuf, akkasumas dhaga’ee akkan beekuuf nan barbaadan ture.

18 Sababni isaa inni kaleessa, har’as, akkasumas bara baranis isuma sanadha; akkasumas yaada garaa isaanii geeddarachuun akkasumas gara isaa kan dhufan yoo ta’eef, uumamuu biyya lafaa irraa jalqabee, namoota hundumaaf karichi qophaa’eera.

19 Sababni isaa inni dhimmee isa barbaaddatu in argata; akkasumas dhoksaawwan Waaqayyoo kan bara kana akkuma bara durii yoo ta’e, barri kun akkuma baroota achii as dhufanittis humna Hafuura Qulqulluutiin isaaniif in mul’ifamu; kanaafuu, karaan inni kan Gooftichaa marsaa bara baraa tokkodha.

20 Kanaafuu yaa namaa, gochaawwan kee hundumaaf gara murtiitti ati akka dhiyaattu yaadadhu.

21 Kanaafuu, ati guyyoota yaalii kee keessatti jal’ina hojjechuu yoo barbaadde, ati yommus teessoo firdii Waaqayyoo duratti utuu hin qulqullaa’in in argamta; akkasumas waanti xuraa’aan tokko illee Waaqayyoo wajjin jiraachuu hin danda’u; kanaafuu, ati bara baraan in gatamta.

22 Akkasumas Hafuurri Qulqulluun waantota kana akka ani dubbadhuuf, akkasumas akkan isaan hin dhoksineef, haboo naaf kenneera.