Caaffata qulqullaa’aa
1 Nefii 8


Boqonnaa 8

Lehiin muka jireenyaa mul’ataan in arge—Innis ija mukichaa irraa erga nyaatee booda maatiin isaas akkasuma akka godhan in barbaade—Inni ulee sibiilaa, karaa dhiphaa fi qajeelaa, akkasumas, hurrii dukkanaa’aa nama dhoksu in arge—Saariyaan, Nefii fi Saam ija mukichaa irraa in nyaatani, Laamaanii fi Limu’eel garuu irraa nyaachuu in didani. Naannoo bara 600–592 Dh.K.D.

1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee nuyis sanyiiwwan gosa hundumaa, gosa midhaanii hundumaanis, akkasumas immoo ija muka gosa hundumaa walitti qabnee turre.

2 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, abbaan koo yeroo lafa onaa keessa ture inni akkas jechuun nutti dubbatee ture: Kunoo, ani abjuu abjoodheera; yookiin, jechoota biroodhaan, ani mul’ata argeera.

3 Akkasumas kunoo, sababa waanta ani argee irraa kan ka’e, ani waa’ee Nefiitiif akkasumas immoo Saamiif Gooftaatti gammaduu koof sababan qaba, ani isaan akkasumas sanyiin isaaniis immoo baay’een akka fayyan tilmaamuuf sababan qaba.

4 Garuu kunoo, Laamaanii fi Limu’eel, sababa keessaniif ani gar-malee nan sodaadha; sababni isaa kunoo, ani abjuu koo keessatti, lafa onaa dukkanaa’aa nama hin gammachiifne arguu koo nan hubadha.

5 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani nama tokko nan arge; akkasumas inni uffata adii uffatee ture; akkasumas inni dhufee akkasumas fuula koo dura in dhaabbate.

6 Akkasumas kun erga ta’ee booddee inni natti in dubbate, akkasumas akka ani isa duukaa bu’uufis na gaafate.

7 Akkasumas kun erga ta’ee booddee akkuman isa duukaa bu’een ani iddoo dukkana’aa fi nama gaddisiisu keessa akkan ture nan arge.

8 Akkasumas ani turtii yeroo dheeraatiif dukkana keessa ergan adeemee booda, akka baay’ina arjummaa araara isaatiitti, Gooftaan araara akka inni naaf godhuuf ani kadhachuu nan jalqabe.

9 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani Gooftaa ergan kadhadhee ani dirree bal’aa fi guddaa tokko nan arge.

10 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani muka iji isaa nama gammachisuuf, hawwataa ture tokko nan arge.

11 Akkasumas kun erga ta’ee booddee anis dhaqee akkasumas ijicha irraa nan nyaadhe; akkasumas kanaan dura dhandhamee kan ani beeku hundumaa caalaa, ani mi’aawaa akka inni ture nan arge. Eeyyee, akkasumas ani iji isaa adeenya ani kanaan dura argee beeku hundumaa caalaa, ija adii akka inni ture nan hubadhe.

12 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani ijicha irraa yommuun nyaadhetti lubbuu koo gammachuu gar-malee guddaadhaan guute; kanaafuu, maatiin koos immoo akka irraa nyaataniif ani hawwuu nan jalqabe; anis ija muka kan biroo hundumaa caalaas barbaachisaa akka inni ture nan hubadhe.

13 Akkasumas ani maatii koos immoo arguu akkan danda’uuf jedheen ija kootiin naannoo koo yeroon ilaalutti, ani laga bishaanii tokko nan arge; akkasumas inni in yaa’as ture, akkasumas innis muka isa ani irraa ija nyaadhe wajjin walitti dhiyoo ture.

14 Akkasumas ani eessaa akka inni dhufes baruudhaaf nan ilaale; akkasumas ani karaa xiqqoo achi fagaatees mataa isaa nan arge; akkasumas mataa isaa irrattis haadha kee Saariyaa, akkasumas Saam, akkasumas Nefii; akkasumas isaan akka nama bakka deemu hin beeknee ta’anii utuu isaan dhaabbatanii ani isaan nan arge.

15 Akkasumas kun erga ta’ee booddee anis harka koo isaanitti nan raase; akkasumas ani immoo sagalee ol kaasuudhaan, gara koo akka isaan dhufu qabaniif, akkasumas ija kan biroo hundumaa caalaa ija isa gaarii ture irraa dhufanii akka isaan nyaataniif, ani isaan nan waame.

16 Akkasumas kun erga ta’ee booddee isaanis ana bira dhufani akkasumas immoo ijicha irraa in nyaatan.

17 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani Laamaanii fi Limu’eelis immoo dhufanii ijicha irraa akka nyaataniif hawween ture; kanaafuu, ani ija kootiin akkan isaan arguu danda’uuf, ammas mataa lagichaa irraan nan ilaale.

18 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani isaaniin nan arge, isaan garuu gara koo hin dhufne, akkasumas ijicha irraas hin nyaanne.

19 Akkasumas, ani ulee sibiilaa tokko nan arge, akkasumas inni qarqara lagichaatti diriiree, akkasumas inni gara muka isa ani bira dhaabbadhuu sanaatti kan geessu ture.

20 Akkasumas immoo muka ani bira dhaabbadhe irraa, ulee sibiilaa isa karaa qajeelaa fi dhiphaa dheeratee dhufu, tokko illee nan arge; akkasumas immoo innis karaa burqaa bishaanichaa, isa gara dirree guddaa fi bal’aa, addunyaa fakkaatuutti ni geessa ture.

21 Akkasumas ani macca namoota lakkoobsa hin qabnee nan arge, isaanis karaa gara muka ani bira dhaabbadhutti isaan geessuu argachuu akka danda’aniif, baay’een isaanii gara fuul-duraatti in dhiibbatu turan.

22 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan in dhufani, akkasumas karaa isa gara mukichaatti geessu irraanis adeemuu ni jalqabani.

23 Akkasumas kun erga ta’ee booddee hurriin dukkanaa tokko in ka’e, eeyyee, warri karicha irraan adeemsa jalqabanii turan hamma karaa isaanii irraa goranitti, akkasumas isaan hamma jooranii akkasumas badanitti illee, hurrii dukkanaa gar-malee guddaan in ka’e.

24 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani kan biroon gara fuul-duraatti akka dhiiban nan arge, akkasumas isaan gara fuul-duraatti dhufanii akkasumas fiixee ulee sibiilichaa ni qabatan; akkasumas isaan hurrii dukkanaa sana keessa gara fuul-duraatti in dhiibbatan, ulee sibiilichaas jabeessanii qabachuudhaan, isaan hamma ija mukichaa irraa nyaatanitti illee akkasumas gara fuul-duraatti ni dhufan.

25 Akkasumas isaan erga ija muka jireenyaa irraa nyaatanii booda isaan akka waan qaana’anii turanitti ija isaaniin asiif achi ni ilaalan.

26 Akkasumas ani ija kootiin asiif achi nan ilaale, akkasumas karaa laga bishaanichaa kallattii biraatiin, gamoo guddaa fi bal’aa tokko nan arge: akkasumas inni waan akka qilleensa irra dhaabbatee ture fakkaata, lafa irras kan ol-fagaatuudha.

27 Akkasumas inni namoota baay’eedhaan, manguddootaa fi dargaggoota hundumaanis, dhiiraa fi dubartiidhaanis guutamee ture; akkasumas akkaataan uffata isaaniis gar-malee gaarii ture; akkasumas isaan ilaalcha qoosaa fi warra dhufanii akkasumas ija mukichaa irraa nyaatanitti quba isaanii isaanitti qabaa turan.

28 Akkasumas isaan erga ijicha irraa dhandhamanii booda, isaan sababa warra isaanitti qoosaa turan irraa kan ka’e qaana’anii turan; akkasumas isaan karaa isa dhorkame irratti kufanii akkasumas badanii turan.

29 Akkasumas amma ani, Nefiin, jechoota abbaa kootii hunduma isaa hin dubbadhu.

30 Garuu, barreeffama gabaabaa akka ta’uuf, kunoo, inni tuutni biroon gara fuul-duraatti dhiibaa jiran in arge; akkasumas isaan dhufanii akkasumas fiixee ulee sibiilaa sana in qabatan; akkasumas isaan adeemsa isaanii gara fuul-duraatti in dhiibani, gara fuul-duraatti wal-dhiibuudhaan hamma dhufanitti akkasumas hamma kufanitti akkasumas ija mukichaa irraa nyaatanitti, isaan osoo addaan hin kutin ulee sibiilaa sana jabeessanii in qabatani.

31 Akkasumas inni ammas tuutni biroon karaa isaani gara gamoo isa guddaa fi bal’aatti adeemuu osoo barbaadanii in arge.

32 Akkasumas kun erga ta’ee booddee baay’een isaanii burqaa gad fagoo sana keessatti liqimfamanii turani; akkasumas baay’een isaanii karaa hin beekamnerra goranii, argaa isaa jalaas badanii turan.

33 Akkasumas tuutni gamoo hin beekamne sana keessa seene guddaa ture. Akkasumas isaan gamoo sana keessa erga seenanii booddee isaan anaa fi warra ijicha sana irraa nyaatan irrattis immoo quba qabuun in tuffatani; garuu nuyi isaaniin hin dhaggeeffanne.

34 Jechoonni abbaa kooti isaan kanadha: isaaniin kan dhaggeeffatanbaay’eenis, badaniiru.

35 Akkasumas abbaan koo akkas jedhe, Laamaanii fi Limu’eel ijicha irraa hin nyaanne.

36 Akkasumas kun erga ta’ee booddee abbaan koo jechoota abjuu isaan yookiin mul’ata isaan, warra baay’ee turanii, inni hundumaa erga dubbateen booda, inni akkas nuun jedhe, inni sababa waantota mul’ata keessatti argee kanaan, inni Laamaanii fi Limu’eeliif gar-malee in sodaate; eeyyee, inni akka isaan fuula Gooftichaa duraa hin gatamneef in sodaate.

37 Akkasumas inni miira maatii gara laafessa hundumaan, tarii Gooftaan araara qabeessa akka isaaniif ta’uuf, akkasumas akka isaan hin ganneef isaan gorseera; isaan jechoota isaa akka dhaggeeffataniif; eeyyee, abbaan koo isaanitti lallabeera.

38 Akkasumas inni erga isaanitti lallabee, akkasumas immoo waantota baay’ee erga isaanitti raajee, inni abboommota Gooftaa akka isaan eeganiif isaan in abboome; akkasumas inni isaanitti dubbachuu in dhiise.