Boqonnaa 16
Warri jal’oonni dhugaan akka waan ulfaataa ta’etti fudhatu—Ilmaan Lehii ijoollee durbaa Ishmaa’eeliin in fuudhani—Liyaahonaan lafa onaa keessatti karaa isaanii irratti in geggeesse—Ergaawwan Gooftaa biraa yeroodhaa gara yerootti dhufan Liyaahonaa irratti barreeffamaniiru—Ismaa’el in du’e; maatiin isaas sababa gaddaatiif in gungumani. Naannoo bara 600–592 Dh.K.D.
1 Akkasumas amma kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, obboloota kootti dubbachuu koo ergan xumuree booda, kunoo isaan akkas nan jedhan: ati waanta nuti baachuu dandeeenyu caalaa, waantota ulfaatoo ta’an nutti labsite.
2 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani akkas isaaniin nan jedhe, ani akkaataa dhugichaatti waantonni ani jal’ootan mormuudhaaf waantota ulfaatoo ta’an akka ani dubbadhe beekeera; akkasumas ani warri qajeellonnii fi qulqulloonni guyyaa isa dhumaattis akka isaan ol kaafaman dubbadheera, akkasumas dhugaa ba’eera; kanaafuu, sababii inni walakkaatti addaan isaan kutuuf, yakkamtoonni dhugaa ulfaataa godhanii in fudhatu.
3 Akkasumas amma obboloota koo, isin yoo qajeelota taatan akkasumas dhugaa dhaggeeffachuuf fedhii qabdan turtaniittu ta’ee, akkasumas xiyyeeffannoo isaaf kennitanii, isin fuula Waaqayyoo dura qajeelummaan adeemtaniittu ta’ee, isin sababii dhugaaf hin gungumtani, akkasumas ati waantota ulfaatoo; nu irratti dubbattes hin jettan turtan.
4 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, obboloota koo dhama’uu hundumaan, abboommota Gooftaa akka eeganiif nan gorse.
5 Akkasumas kun erga ta’ee booddee isaan karaa qajeelummaa irra akka adeemaniif; abdii fi gammachuu guddaa hamma ani qabaadhutti, fuula Gooftaa duratti ofii isaanii gadi in deebisani.
6 Amma, waantonni kun hundinuu kan dubbatamanii akkasumas kan raawwatamanii turan yeroo abbaan koo dunkaana isa inni dachaa Limu’eel jedhee waame sana keessa yeroo jiraateedha.
7 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, intaloota Ishmaa’eeliin keessaa tokko haadha manaa fudhadheera; akkasumas dabalataan, obboloonni koo intaloota Ismaa’eliin haadha manaaf in fudhatan; akkasumas immoo Zoraam intala Ismaa’eeliin ishee hangafaa in fudhate.
8 Akkasumas abbaan koo akkasitti abboommota Gooftichaan isaaf kennamee ture hundumaa in raawwate. Akkasumas immoo, ani, Nefiin, Gooftichaan gar-malee eebbifameera.
9 Akkasumas kun erga ta’ee booddee sagaleen Gooftichaa halkaniin abbaa kootti dubbatee, akkasumas borumtaa isaa akka inni adeemsa isaa gara lafa onaatti gochuu qabu isa in abboome.
10 Akkasumas kun erga ta’ee booddee abbaan koo ganamaan ka’ee, akkasumas gara balbala dunkaanaattis adeemee, inni kubbaa geengoo ogummaadhaan hojjetamte tokko lafa irratti arguu isaatiin guddisee in dinqisiifate; akkasumas inni sibiila diimaa qulqulluu ture. Kubbaa sana irras caaliiwwan lamatu ture; akkasumas inni tokko gara lafa onaa keessaa kallattii nuyi irra adeemuun nu irra jiru in argisiisa.
11 Akkasumas kun erga ta’ee booddee nuyi waantota gara lafa onaatti baachuu qabnu waan kamiin iyyuu, akkasumas galaawwan keenya warra Gooftaan nuuf kennee ture keessaa isa hafe hundumaa walitti in qabanne; akkasumas nuyi sanyii gosa hundumaa irraa warra gara lafa onaatti baachuu dandeenyu nii fudhanne.
12 Akkasumas kun erga ta’ee booddee nuyi dunkaanota keenya fudhannee gara lafa onaatti, laga Laamaaniin ceenee in adeemne.
13 Akkasumas kun erga ta’ee booddee nuyi adeemsa turtii guyyoota afuriitiif, kallattii kibba-kibba bahaatti dhiyoo jirutti in adeemne, akkasumas ammas nuyi dunkaana keenya in dhaabbanne; akkasumas nuyi maqaa iddoo sanaa Shaazeer jennee in waamne.
14 Akkasumas kun erga ta’ee booddee nuyi bineensota bosonaa adamsuuf, mann’eewwan xiyyaa keenyaa akkasumas xiyyoota keenya fudhannee gara lafa onaatti in adeemne; akkasumas nuyi nyaata maatiiwwan keenyaatiif bineensota bosonaa erga adamsineen booddee lafa onaa keessaan gara maatiiwwan keenyaatti, iddoo Shaazeer jedhamutti in deebine. Akkasumas nuyi ammas kallattii wal-fakkaataa hordofnee, kutaalee lafa onaa baay’ee lalisaa ta’an keessa turuudhaan, gara daangaawwan warra Galaana Diimaa dhiyoo turanii keessa in adeemne.
15 Akkasumas kun erga ta’ee booddee nuyi turtii guyyoota baay’eedhaaf, bineensota bosonaa adamsuuf, xiyyoota keenyaan akkasumas mann’eewwan xiyyaa keenyaan akkasumas dhagaadhaan akkasumas furrisoota keenyaan ajjeessuuf in adeemne.
16 Akkasumas nuyi kallattiiwwan kubbichaa hordofnee ture, innis kutaalee lafa onaa keessaa gara warra caalaatti lalisaa ta’anitti nu geessee ture.
17 Akkasumas nuyi turtii guyyoota baay’eedhaaf erga adeemnee booddee, nuyi ammas maatii keenyaaf nyaata argachuu akka dandeenyuuf, nuyi turtii yeroo muraasaaf in boqonne akkasumas dunkaanota keenyas in dhaabbanne.
18 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, bineensota bosonaa adamsuuf yeroon adeemetti, kunoo, ani mann’ee xiyyaa koo isa sibiila ququlluu irraa hojjetamee ture nan cabse; ani mann’ee xiyyaa koo ergan cabseen booda, nuyi sababii nyaata hin arganneef, kunoo, obboloonni koo mann’ee xiyyaa koo cabsuu kootiif isaan natti aaranii turan.
19 Akkasumas kun erga ta’ee booddee nuyi nyaata malee gara maatii keenyaatti in deebine, akkasumas sababii adeemsaa irraa kan ka’e isaan in dadhabani, isaan baay’ee nyaata barbaadanii waan turaniif in dararaman.
20 Akkasumas kun erga ta’ee booddee Laamaani fi Limu’eel akkasumas ilmaanni Ishmaa’eel, sababa gidiraa fi dhiphinoota lafa onaa keessatti isaan mudateen gar-malee gungumuu in jalqaban; akkasumas immoo abbaan koo Waaqayyoon Gooftaa isaa irratti ka’uun gungumuu in jalqabe; eeyyee, hundumti isaanii gar-malee gaddanii turan, isaan Goofticha irratti illee ka’anii gungumanii turan.
21 Ammas kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, sababa mann’een xiyyaa koo baduu kootiin obboloota koo wajjin nan dhiphadhe, akkasumas xiyyoota isaaniis addaan yaasuu waan hin dandeenyeef, eeyyee, hamma nuyi nyaata argachuu dadhabnuttis ta’uu isaatiin, gar-malee rakkisaa ta’uu in jalqabe.
22 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, sababa isaan Goofticha Waaqa isaanii irratti hamma ka’anitti komataniif, isaan ammas garaa isaanii waan jabeessaniif, obboloota kootti baay’ee nan dubbadhe.
23 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, muka irraa xiyya, akkasumas ulee qajeelaa irraas, mann’ee xiyyaa nan hojjedhe; kanaafuu, ani mann’ee xiyyaa fi xiyyaan, furrisaa fi dhagaadhaan nan hidhadhe. Akkasumas ani abbaa kootiin akkas nan jedhe: Nyaata argachuuf ani eessa adeemu?
24 Akkasumas kun erga ta’ee booddee sababa dubbiiwwan kootiif isaan ofii isaanii gadi akka deebisaniif, inni Gooftaa gaafatee ture; sababni isaa ani waantota baay’ee humna na keessa jiru hundumaan isaanitti himeera.
25 Akkaumas kun erga ta’ee booddee sagaleen Gooftichaa gara abbaa kootii dhufee; akkasumas inni sababii dhugaadhumatti Gooftaa irratti ka’ee guungumeef in ifatame, inni hamma gara gadda gadi fagootti gadi bufame ture.
26 Akkasumas kun erga ta’ee booddee sagaleen Gooftichaa gara kubbichaa ilaali: Akkasumas waantota barreeffamanis, hubadhu isaan in jedhe.
27 Akkasumas kun erga ta’ee booddee abbaan koo waantota kubbicha irratti barreeffamanii turan yommuu hubatetti, inni in hollate akkasumas immoo obboloonni koo akkasumas ilmaan Ishmaa’eel akkasumas haadhootiin manaa keenya, gar-malees in sodaatan.
28 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, kallattii argisiistota warra kubbicha keessa turan, akkaataa ciminaa fi amantii akkasumas xiyyeeffannaa nuyi isaaniif kennine irratti hundaa’anii akka isaan hojjetan nan arge.
29 Akkasumas immoo barreeffamoonni haaraa dubbifamuuf ifa kan turan kan karaa Gooftichaa ilaalchisee hubannaa akka nuuf kennaniif isaan irratti barreeffamanii turan; akkasumas akkaataa amantii fi cimina nuyi itti kenninetti, yeroodhaa gara yerootti in barreeffama akkasumas in jijjiirama ture. Akkasumas akkasitti nuyi tooftaa xinnoodhaan Gooftaan waantota gurguddaa fiduu akka danda’u nii argina.
30 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, akkaataa kallattiiwwan kubbicha irratti kennamee turetti, gara fiixee gaara sanaattis ol nan ba’e.
31 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani maatii keenyaaf nyaata hamman argadhutti, ani bineensota bosonaa nan ajjeese.
32 Akkasumas kun erga ta’ee booddee bineensota ani ajjeese baadheen gara dunkaana keenyaattis nan deebi’e; akkasumas amma isaan nyaata akkan argadhe yommuu arganitti, gammachuun isaanii akkam guddaa turee! Akkasumas kun erga ta’ee booddee isaan Goofticha duratti gadi of in deebisani, akkasumas galata isaaf in dhiyeessan.
33 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ammas nuyi adeemsa keenya in godhanne, akkuma adeemsa isa jalqabaa kallattiidhuma wal-fakkaatutti dhiyoo in adeemne; akkasumas nuyi turtii guyyoota baay’eedhaaf erga adeemnee boodas, nuyi turtii yeroo muraasaa turuu akka dandeenyuuf dunkaanota keenya deebifnee in dhaabbanne.
34 Akkasumas kun erga ta’ee booddee Ismaa’el in du’e, akkasumas iddoo Naahom jedhamuun waamamaa turettis awwaalamee ture.
35 Akkasumas kun erga ta’ee booddee intaloonni Ismaa’eel sababa abbaa isaanii dhabaniif, akkasumas sababii rakkinoota lafa onaa keessatti isaan irra ga’eef gar-malee in gaddan; akkasumas isaan sababa abbaan koo, biyya Yerusaalem keessaa inni isaan baaseef, isaan isa irratti ka’anii in guungumani, akkasis in jedhani: Abbaan keenya du’eera; eeyyee, nuyi lafa onaa keessa baay’ees joorreerra, rakkinni, beelli, dheebuun, akkasumas nuyi dadhabbii baay’een nu mudataniiru; akkasumas gidiraawwan kana hundumaa boodas nuyi beelaan lafa onaa keessatti in badna.
36 Akkasumas isaan akkasitti abbaa koo irratti ka’anii, akkasumas immoo ana irrattis in guungumani; akkasumas isaan ammas gara Yerusaalemitti deebi’anii galuu barbaadanii turan.
37 Akkasumas Laamaan Limu’eelitti akkasumas immoo ilmaan Ismaa’elitti akkas jechuun in dubbate: Kunoo, kottaa nuyi abbaa keenya, akkasumas immoo isa ofii isaa angafoota obboloota isaatii irratti bulchaa akkasumas barsiisaa isa of godhe, obboleessa keenya Nefii nii ajjeefnaa.
38 Amma, inni Gooftaan isaa wajjin akka dubbate akkasumas immoo ergamoonni akka isa tajaajilan dubbateera. Garuu kunoo, nuyi akka inni nu sobe in beekna; akkasumas inni waantota kana kan nutti himu, akkasumas inni ija keenya akka gowwoomsuuf, inni ogummaa haxxummaa isaa isa gowwoomsaadhaan waantota baay’ee hojjeteera, nuyi gowwoota akka taanuuf, tarii, inni nuyiin gara lafa onaa nuyi hin beekne tokkotti nu geggeessuu akka danda’u, yaaduudhaani; akkasumas inni erga nu geesseen booda, nu irratti waanta fedha isaatii hundumaa akkasumas akka isa gammachiisetti akka hojjetuuf, inni ofii isaa mootii akkasumas bulchaa of gochuuf yaadeera. Akkasumas akkaataa kanaan obboleessi koo Laamaan garaa isaanii gara aariitti in kakaase.
39 Akkasumas kun erga ta’ee booddee Gooftichi nu wajjiniin ture, eeyyee, sagaleen Gooftaa illee dhufee akkasumas dubbiiwwan baay’ees isaanitti in dubbate, akkasumas gar-malees isaan in ifate; akkasumas isaan erga sagalee Gooftichaatiin ifatamanii booda isaan aarii isaanii irraa deebi’anii turan, akkasumas isaan cubbuuwwan isaanii irraa yaada garaa isaanii in geeddaratan, akkasumas akka nuyi hin badneef, Gooftaan ammas nyaata argachuu akka dandeenyuuf nu eebbiseera.