Caaffata qulqullaa’aa
1 Nefii 11


Boqonnaa 11

Nefiin Hafuura Gooftichaa arge akkasumas mukni jireenyaas mul’ataan itti in agarsiifame—Inni haadha Ilma Waaqayyoo in arge akkasumas waa’ee gad of deebisuu Waaqayyoo in barate—Inni cuuphaa, tajaajilaa fi fannifamuu Hoolicha Waaqayyoo in arge—akkasumas immoo inni waamamuu akkasumas tajaajila ergamoota Hoolichaa warra kudha-lamaanii in arge. Naannoo bara 600–592 Dh.K.D.

1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani waa’ee waantota abbaan koo argee beekuu ergan barbaadeen booda, akkasumas Gooftaan isaaniin natti beeksisuu akka inni danda’u amanuudhaan, ani garaa koo keessatti taa’ee utuun xiinxalaa jiruu ani Hafuura Gooftaatiin, eeyyee, gara gaara gar-malee ol-ka’aa tokkootti, isa ani kanaan dura argee hin beeknetti, akkasumas isa ani kanaan dura miilla kootiin irra dhaabbadhee hin beekneetti nan fudhatame.

2 Akkasumas Hafuurichis akkas naan jedhe: Kunoo, ati maal barbaaddaa?

3 Akkasumas ani akkasin jedhe: Ani waantota abbaan koo arge arguu nan barbaada.

4 Akkasumas Hafuurichis akkas naan jedhe: Ati abbaan kee waa’ee muka isa arge sanaa akka inni dubbate in amantaa?

5 Akkasumas anis akkasiin jedheen: Eeyyee, ati jechoota abbaa kootii hundumaa akka ani amanu in beekta.

6 Akkasumas ani jechoota kana yommuun dubbadhetti, Hafuurichi sagalee guddaadhaan, akkas jedhee in iyye: Hoosa’inaa Gooftichaaf, Waaqayyo isa hundumaa gararraa jiruuf; sababni isaa inni lafa hundumaa irratti, eeyyee, dabalaatanis hundumaa gararraattis Waaqadha. Akkasumas ati Nefiin, kan eebbifamteedha, sababni isaa ati Ilma Waaqayyo isa hundumaa gararraa jirutti amanteetta; kanaafuu, ati waantota hawwitee sana in argita.

7 Akkasumas kunoo waanti kun mallattoodhaaf siif in kennama, ati muka isa ija kennu isa abbaan kee dhandhamee ture sana erga argiteen booda, dabalataan ati osoo namni tokko Waaqa irraa gadi bu’uu in argita, akkasumas ati isaaf dhugaa in baata; akkasumas ati erga isaaf dhugaa baateen booda Ilma Waaqayyoo ta’uu isaas dhugaa in baata.

8 Akkasumas kun erga ta’ee booddee Hafuurichi akkas naan jedhe: Ilaali! Akkasumas anis ilaalee akkasumas muka tokko nan arge; akkasumas innis akka muka isa abbaan koo argee ture sana fakkaata ture; akkasumas bareedinni isaas, eeyyee, waanta hundumaa caalaa gar-malee miidhagaa ture; akkasumas addeenyi isaas addeenya cabbiidhaan asiif achi oofamu irra kan caalu ture.

9 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani mukicha ergan argee booda, anis Hafuurichaan akkas nan jedhe: Ani muka isa waan hundumaa irra caalaa gatii guddaa qabu akka ati natti agarsiifte argeera.

10 Akkasumas innis akkas naan jedhe: Ati maal hawwitaa?

11 Akkasumas ani akkas isaan nan jedhe: ani hiika isaa beekuuf—akkuma namni dubbatuutti isaa wajjin nan dubbadhe; sababni isaa, inni bifa namaatiin akka inni ture ani argeen ture; haa ta’u malee, ani Hafuura Gooftichaa ta’uu isaa nan beekan ture; akkasumas inni akkuma namni nama biraa wajjiniin dubbatuutti natti in dubbate.

12 Akkasumas kun erga ta’ee booddee inni akkas naan jedhe: Ilaali! Akkasumas anis akka waanan isa arguutti nan ilaale, akkasumas sababa inni fuula koo duraa adeemeef; ani isa hin argine.

13 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani nan ilaale akkasumas magaalaa guddittii Yerusaalemiin, akkasumas immoo magaalota kan biroos nan arge. Akkasumas ani magaalaa Naazireetin nan arge; akkasumas magaalaa Naazireetiin keessatti durba tokko nan arge, akkasumas isheen gar-malee miidhagduu fi adii turte.

14 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani bantiiwwan waaqaa banamanii nan arge; akkasumas ergamaan tokko gadi bu’ee akkasumas fuula koo dura in dhaabbate; akkasumas inni akkas naan jedhe: Nefii, ati maal argitaa?

15 Akkasumas anis durba tokko, durboota kan biroo hundumaa caalaa gaarii; durba baay’ee bareedduu, jechuudhaan nan deebiseefi.

16 Akkasumas inni akkas naan jedhe: Ati gadi of deebisuu Waaqayyoo beektaa?

17 Akkasumas ani akkas isaan nan jedhe: ani akka inni ijoollee isaa jaal’atu nan beeka: haa ta’u malee, ani hiika waantota hundumaa hin beeku.

18 Akkasumas inni akkas naan jedhe: Kunoo, akkaataa fooniitti, durbi ati argitu, haadha Ilma Waaqayyooti.

19 Akkasumas kun erga ta’e booddee ani isheen Hafuuraan akka fudhatamtee turte nan arge; akkasumas isheen turtii yeroo muraasaaf Hafuuraan erga fudhatamtee boodas ergamaan sun akkas jedhee natti in dubbate: Ilaali!

20 Akkasumas anis ilaale akkasumas ammas durba nan arge, isheenis mucaa irree ishee irratti baattee turte.

21 Akkasumas ergamichi akkas naan jedhe: Kunoo Hoolichi Waaqayyoo, eeyyee, Ilma Abbaa isa Bara Baraa illee! Ati hiika muka isa abbaan kee argee beektaa?

22 Akkasumas anis akkas jechuun, isaaf nan deebise: Eeyyee, inni jaalala Waaqayyooti, inni isa garaa ilmaan namaa hundumaa keessatti ofii isaa bal’inaan dhangalaasuudha; kanaafuu, inni waantota hundumaa caalaa kan hawwisiisuudha.

23 Akkasumas inni akkas jechuun, natti in dubbate: Eeyyee, akkasumas lubbuudhaaf baay’ee kan gammachiisuudha.

24 Akkasumas inni jechoota kana erga dubbatee booda, inni akkas naan jedhe: Ilaali! Akkasumas ani nan ilaale, akkasumas ani Ilmi Waaqayyoo ilmaan namaa gidduu akka deemaa jiru nan arge; akkasumas ani baay’een miilla isaa jalatti kufanii akkasumas utuu isa waaqeffatanii nan arge.

25 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ani ulee sibiilaa, isa abbaan koo argee ture, innis dubbii Waaqayyoo ture, inni isa gara burqaa bishaan jireenyaatti, yookiin gara muka jireenyaatti geessu ta’uu isaa nan arge; bishaanotni sun mallattoo jaalala Waaqayyooti; akkasumas ani ammas mukti jireenyaas mallattoo jaalala Waaqayyoo akka ture nan arge.

26 Akkasumas ergamichi ammas akkas naan jedhe: ilaali akkasumas gadi of deebisuu Waaqayyoo ilaali!

27 Akkasumas ani nan ilaale akkasumas Furee biyya lafaa, isa abbaan koo waa’ee isaa dubbatee; akkasumas immoo ani raajicha isa isa dura adeemuudhaan karaa qopheessuufii qabuus nan arge. Akkasumas Hoolichi Waaqayyoo as ba’ee akkasumas isaan cuuphamee ture; akkasumas innis erga cuuphameen booda, ani bantiiwwan waaqaa banamanii, akkasumas Hafuurri Qulqulluun Waaqa keessaa gadi bu’ee akkasumas bifa gugeetiin isa irra bu’uu nan arge.

28 Akkasumas ani inni saba isaa humnaa fi ulfina guddaadhaan, osoo tajaajilaa adeemuu nan arge; akkasumas tuutnis isa dhaggeeffachuuf walitti qabamanii turan; akkasumas ani isaan gidduu isaaniitii akka isa baasan nan arge.

29 Akkasumas immoo ani warri kudha lamaa kan biroon utuu isa duukaa bu’anii nan arge. Akkasumas kun erga ta’ee booddee isaanis fuula koo duraa Hafuuraan fudhatamanii turan, akkasumas ani isaaniin hin argine.

30 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ammas ergamichi, akkas jedhee natti in dubbate: Ilaali! Akkasumas ani nan ilaale, akkasumas ani bantiiwwan waaqaa deebi’anii banamuu isaanii nan arge, akkasumas ani ergamoonni ilmaan namaa irratti osoo gadi bu’anii; akkasumas isaanis isaan tajaajilanii nan arge.

31 Akkasumas inni ammas akkas naan jedhee, natti in dubbate: Ilaali! Akkasumas ani nan ilaale, akkasumas ani Hoolaan Waaqayyoo ilmaan namaa gidduu osoo adeemuu nan arge. Akkasumas ani tuuta namoota baay’ee dhukkubsatanii turanii, akkasumas warra dhukkuboota adda addaatiin, akkasumas daabiloosii fi hafuura xuraa’aadhaanis dhiphatan nan arge; akkasumas ergamichi dubbatee akkasumas waantota kana hundumaa natti in agarsiise. Akkasumas isaan humna Hoolicha Waaqayyootiin fayyanii turani: akkasumas daabiloosii fi hafuuronni xuraa’oonnis keessaa ba’anii turani.

32 Akkasumas kun erga ta’ee booddee ammas ergamaan sun, akkas jedhee natti in dubbate: Ilaali! Akkasumas anis nan ilaale akkasumas Hoolaan Waaqayyoo, namootaan akka inni qabame ture nan arge; eeyyee, Ilma Waaqayyo isa bara baraatti biyya lafaatiin itti faradamee ture; akkasumas ani nan argeen akkasumas dhugaas nan ba’e.

33 Akkasumas ani, Nefiin, inni cubbuu biyya lafaatiif akka inni fannoo irratti ol ba’ee utuu fannifamuu akkasumas ajjeefamuu nan arge.

34 Akkasumas inni erga ajjeefameen booda tuutni lafaa, isaan ergamoota Hoolichaatiin loluuf akka isaan walitti qabamanii turan nan arge; sababni isaa isaan kudha lamaan ergamaa Gooftaatiin kan waamamanii turaniidha.

35 Akkasumas tuutni lafa irraa walitti qabamanii turan; akkasumas gamoo isa abbaan koo argee turee wajjin kan wal-fakkaatu, ani isaan gamoo guddaa fi bal’aa keessa akka turan nan arge. Akkasumas ergamaan Gooftaa ammas, akkas jechuun natti dubbate: Kunoo biyyi lafaa akkasumas ogummaan ishee; eeyyee, kunoo manni Israa’el ergamoota Hoolichaa warra kudha lamaaniin loluuf walitti qabamaniiru.

36 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani gamoo guddaa fi bal’aan sun of-tuulummaa biyya lafaa akka ture nan arge, akkasumas dhugaa nan ba’e; akkasumas inni in kufe, akkasumas kufaatiin isaas garmalee guddaa ture. Akkasumas ergamaan Gooftichaa ammas, akkas jedhee natti in dubbate: warri ergamoota Hoolichaa warra kudha lamaanii wajjiniin wal lolan hundinuu, sabootni, gosootni, afaanonnii fi biyyootni badiinsi isaanii akkas in ta’a.